Oduu Haaraya

NAFXANYAAN GORFAMTEE

            

             Taammanaa Bitimaa irraa    

              Nafxanyaan marfamtee
              Nafxanyaan gorfamtee
              Gidiraa saanitiin gonfamtee
              Harka siif laate nyaattee
              Qeerroo fi qarree dhaante!

              Yaa Waaq namtichi kun mee maraatee
              Harka laateef san qarxamseetii nyaatee
              Qalqalloo salphinaa mataa-saatti baatee
              Imaanaa qeerroo fi qarree alakfatee nyaate!

              Maal dubbiin akkanaa    
              Maal sharriin hammanaa
              Masaraa Minilik seenee ekeraa nutti faarsaa
              Siidaa ijaarefii, seenaa bareechefii waxalee nu aarsa?

              Harka muuraa fi harma muraa Aannolee
              Imimmaan Siikkoo-Mandoo kan aabboo-aayyolee
              Gorra'amaa fi fuunyaan muraa Calanqoo
              Dhumaatii Oromootaa bakkaa-bakkoo
              Buqqifama Oromoo Gullallee
              Kan namummaa wayiituu hin qabnellee
              Ilaa mee, kana hundaa dagatee
              Kunoo, Oromoo lafarraa duguuguuf kakate!

              Harka Jawaar isa laateef nyaatee
              Imaanaa Baqqalaa Garbaas nyaatee
              Waadaa Lammaa Magarsaa gonkumaan irraanfatee
              Wallagga keenya gorraasisee irra tarkaanfate!

               Kunimmoo isa hanqatee
               Gujii fi Boorana fixuudhaa kakatee
               Oromoo cufaa fi Oromiyaa guutuu
               Salphisuuf, xiqqeessuuf, madeessuuf kakate!

              Qeerroo fi qarree kanaan isa gayan
              Ofiif kufaa, ka'aa kaanimmoo biyyee ta'an
              Gunkumaa irraanfatee
              "Maal naan jedhuullee" dagatee
              Lafarraa isaan fixuuf dhaadate!

              Nafxanyaan marfamee
              Nafxanyaan gorfamee
              Nafxii fannifatee
                               Nafxii boraafatee
              Namummaa irraanfatee
              Bulguu moggaafatee
              Waan basaastummaa-saa
              Kunoo nutti bulgaafate!

              Uummata Oromoo
              Sabaa hanga qomoo
              Aaridhaan waxalee
              Gaabbii-dhaan kabale!

              Sana bira kutee
              Akka saree dutee
              Uummata Tigreetti duulee
              Dhumaatiin isaan kuule!

              Sana biras kutee
              Gumuzii-Wambaraa rukutee
              Soddoota-saa wajjin Qimaantiis bubbutee
              Ilmaan Agawoo-Kuushii
              Olii-gad kukkute!

             Qeerroo fi qarree
              Basaastummaa keessaa isa baasanii
              "Nobel Peace Price" isa gonfachiisanii
              Addunyaatti dhiiga ofiitiin
              Lafee fi madaa ofiitiin
              Kan isa beeksisan
              Jawaar abbaa-saanii wajjin, kan isa leellisan
              Abbootii Gadaa waliin, kan isa eebbisan
              Kunoo "Girrisaa" jedheenii, maqaa-saanii xureessa
              Itti-girrisuunis lafee-saanii bulleessa!

              Egaa yaa Oromoo, yaa saba-koo
              Ilaa yaa Oromiyaa, yaa biyya-too
              Gayeen gayee-dhaa
              Nu gayeen gayee-dhaa
              Alaa manaa waltayii
              Odaa jalatti walgayi!

              Tokkummaa kee daran jabeeffaddhu
              Galaana ta'uu kee sonaan qalbeeffaddhu
              Hayyee, alaa manaa of-ijaarii
              Hayaa, Tokkkummaa-dhaan of-jifaarii 
             Qarree-qeerrolee kee, karaa maraan bira dhaabaddhu
              Harqoota gabrummaa
              Waanjoo nafxanyummaa
              Caccabsiitii achi ofirraa darbaddhuu
              Oromiyaa walabaa ammuma jaarraddhu!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …