Oduu Haaraya
falmataa roorroo

WELLISAA FALMATAA ROORROO.. MAAL IRRA JIRA LAATA?

 
Isinitti dheeratuus barruun kun yeroo keessan irraa daqiiqaa 10 wareegaa hanga xumuraa obsa Oromummaatiin dubbisaa!
Ashamaa! Isin haa gahu nageenyi koo kan onnee oromummaa, oromootakoo addunyaa irra jirtan maraaf, nageeyni badhaadhaa?
Hiriyaa kiyya tokkoo waliin kaleessa osuma haasooynuu, waan hirriiba na dhoorkitu takka na yaadachiise. Inniis maali yoo jattan waa’ee Wellisaa keenya jaalatamaa, kabajamaa, sabboonaa, oromticha hayyuu kumni sagalee isaatiin fayyu, waa’ee artisti keenya FALMATAA RORROO’ti. Jalqabarratti na yaadachiisuu isaatiif hiriyaan kiyya kun galata qaba; galatoomi! Jechaanii, mee isin hoo oromoonni wellisaan keenya kun yeroo ammaa tana maal irra akka jiru quba qabdanii?
Waa’ee wellisaa keenyaa artistii FALMATAA ROORROO itti yoon deebi’u garuu eessa jalqabee eessatti akkaan goolabu hin beeku, garuu keessi kiyya akkaan ol baasee dubbadhu na dirqe. Maaliif jannaan waa’een artistii keenyaa kun garaa na nyaattee, onnee na tuuyxee akkaan mariif gara keessan dhufu na dirqisiise waan taheef. Eegaa, ani waan na dhibe mara oromootaan gahadhee, ilmaan saba kootii waliin mari’achuu amalaafiin qabaa mitiree? “Mari’atanii malee maraatanii hin bulan” tan oromoon tiyya jattu saniin gurraa qaba. Dhugaadha! Namni mari’atu rakkoon inni furuu hin dandeenye akka hin jirre niin beeka. Jecha kanaas yeroo hedduu gochaan mirkaneessinee jirra.
Waa’ee Falmataa Roorrootiis miirri natti dhagayamu kun nama dhiiga oromoo qabu maratti akka daran dhagayamu waanin hin shakkineef, maaliifiin oromoota kootiin hin geenye jadheen akkuma amalaa kiyyaa san gara keessan imale. Imalees karatti hin hafne, eega kaleessa waa’ee Falmataa hiriyaan kiyya na yaadachiiseerraa osoon cinaachoo itilleerra, mataa koo boraatiirra hin kaayin daandii barruu irra imalaa bulee kunoo amma isin bira gahe. Isin ammoo akka kiyyaatti halkan guutuu hirriiba malee imaluullee baattan, daqiiqaa 10 sa’aa teessan irraa wareegdanii hanga xumura barruu tanaatti akka na waliin imaltan kabajaa oromummaatiin isin gaafadha.
Maqan isaa kan dhalootaa Mahammad Muussaa Roobaati, maqaan ittiin beekkamu ammoo Falmataa Roorroo’ti.
Falmataan, Baha oromiyaa, ona Ituu, aanaa Mi’eessoo, anannoo ganda sheek hassan bakka jadhamutti dhalate. Akkuma nama kamiitti fayyaa guutuun dhalatuus garuu jireenya joollummaa mi’aawaa hiriyaa waliin burraaqanii kolachuu, wal arihaa taphachuu, beeylada bobbaasanii galchuu, dhoqqee laaqanii, biyyee booratanii oliif gad utaalaa akka barbaadanitti dabarsuu san guututti milkaa’uu waan hin danda’iniif, jireenya mi’aawaa san jalqabu malee carraa itti fufuu hin arganne. Balaa akka tasaa isa mudatteen qaroon ija isaa dhabe. Agartuun ija isaa tan hamileefi gammachuun lafaa ka’een san hanga xumuraatti waliin imaltee, harmee oromiyaa daawwachiiftee, suga gammachuu kan fooddaa ijaatiin seenee surrii sooru san hanga dhumaatti akka ifiin hadhaadhiyyu tan hayyamtuuf hin taane. Yeroo silaa mil’uun qarayyoo waan laalte maraaf hiikkaa addaa kennuu dandeessutti ijji isa maqaaf kukkurfoo akka goobanaa gubbaarra tatteessu dhiifteefi unrii joollumaatiin duuyda galte. Gaafasii jalqabee Falmataan ija keeysaa malee tan gubbaa humaa daawwachiisuu hin dandeenye. Matagalee qaanqee ifa addunyaa irraa soomansiifte. Ifa bareedaa biiftuu guyyaa, magariisa lafa gannaafi addeenya lafa bonaa, calaqisa ifa urjiifi balaqqeesa ifa ji’a guutumatti akka helefii hin argine waakkaatteef. Qaroon ija isaa ifa ardii addunyaa kana irraa soomantuullee akka ija gubbaa ammoo abdiin isaa hin dukkanooyne. Guyyaa keessaa miidhaa addaatiin qaroo dhabe ja’ee harka maratee hin teenye. Ijji namaa guddoon tan gubbaarra tetteeysu tana qofa osoo hin tahin ijji guddoon ayliifi qalbii tan ija keessaa jannuun san taachaa hubate. Ija halkaniifi guyyaa, ifaafi dukkana keessaas calaqqisa abdii fuulduraa gartu. Yoo ijji keessaa hin jiraanne ammoo tan gubbaa tun firii xaafii fagotti agartullee gatiin qabdu.
Akkuma beekkamu namoonni baayyeen yeroo hir’inni qaamaa isaan mudatu gumaachi isaan laachuu ni dandeenya ja’anii yaadan waan jalaa fashalaa’uuf irkattummaaf akka saaxilaman beekkamaa dha. Keessaafuu namoota irkattummaaf saaxilaman hedduu keessaa harki caalu warra qaroon ija isaanii dhaamte akka tahees beekkamaadha. Sababniis akkuma ifni ija isaanii dukkanaa’e, akkuma calaqqisni ifa addunyaa cillim itti tahetti, miiraafi abdiin keessoo isaaniitiis akka waan walumaan liph jatteetti, taligaa isaanii duwwatti harkaa deebisuun akka nama jireenyaaf hin barbaachifneetti akka if herreganiifi abdi dhablee tahanii hafan isaan taasisa.
Falmataa Roorroo garuu namoota akkasii irraa uumamni keessa isaatiis tahee amalli isaa adda. Nama falmataafi shira ardii addunyaa kanaaf harka hin kennine, nama gufuu kallattii takkaan itti dhufteef hin jilbiibbannee dha. Ciminuma keessoo isaatifi qara hablee sammuu isaa kanaatu hojiilee gaarii namni cal’isullee if himtu tana akka hojjatu isa taasise. Namoonni akka isaa kan hir’ina qaamaa qaban, keessattuu hir’ina qaroo qaban kan hojii seena qabeessaafi saba boonsiftu hojjatan waajibiri. Inumaatuu biyyoota hamileefi diinagdeen lafa qabatte tan akka afrikkaa keessatti dhiisii, biyyoota badhaadhan jattee dhaadheessinu, qaroomaan samii dheeyxe jannee odeessinu san keessattu qaro dhabeeyyiin hojii boonsaafi seena qabeessa hojjatan qubaan lakkaa’aman. Falmataa Roorrootiis qaro dhabdoota hojii boonsaafi fakkeenyummaa taatu hojjatan kanneen idil addunyaarra jiran muraasa keessaa isa tokko akka tahe hojii isaatu ragaa bahaaf.
Falmataan umrii ija isaa itti dhabe irraa qaroon koo eega jaamte ani gatiin qabu ja’ee morma cabsee, miila wal qixxeeysee diriirfatee, irkattummaaf haala mijjeeyfatee hin teenye. Inumaatuu qaroo dhabuun isaa xiyyeeffannaa surrii yeroo ijji jirtu waan bitaa mirgaan agartu maratti qalbii bittinneeysitee, hamuuna dila nama dura facaasuun waan qabataniifi dhiisan nama wallaalchiftu san irraa bilisoomsite. Kun ammoo yaada sammuu kallattii takkatti akka deebifatu haala mijjeessiteef. Ijji ragaa godhatu kaadnaan gurri isaa itti gaafatama guddaa fudhate. Wanni helefii dhagaye takka jalan dabartu. Waan dhagaye san agartuu keessaa waahelfatee, ija qalbii saniin dabaalee galmee kuusaa sammuu keessatti dhaabbiin galmeessuu horate. Kuniis dandeettii yaadachuu qofa osoon taane humna waa kalaquutiis isa horachiisuun hin oolle. Kalaqni sammuu isaa kuniis waan dhagayees akkeessuufi fakkeessuu jalqabsiise. Dhawaatuma gara unrii dargaggeessummaa ol hiiqaa deemuun if keessatti guunguumuufi gururi’uu jalqabe. Adeemsuma keessa wanni keessa isaatii guunguumu kun ulfa dandeettii aartii tahuu yoo hubatu hojii gaarii sabaa gumaachuuf ciniinnatee amna isaa jalqabe.
Amniti isaa daandii aartii irraan gara galma muziiqaatti isa imalchiiftee kallattiin abaada kutaa sirbaa isa dhaabde. Haaluma kanaan Falmataan ulfa sammuu cimimfatee dahuuf kutaa dahuumsa aartii bara 1982’ti ol seene. Ifni ardii addunyaa kun isa ganuus inni ammoo gara ardii biraa imalee addunyaa aartiitti baqatee, dirree kalaqaan guutame keessa jiraachuu jalqabe. Addunyaa aartii seenee waggaa afur booda hojii isaa jalqabaa hobba’e. Albama isaa kan jalqabaa bara 1986 maxxansuun gurra ummata isaatiin gahe. Achirraa jalqabee osoo dadhabne, hifadhe hin ja’in aartii, afaaniifi seenaa saba isaa guddisuuf kufee ka’aa as gahe. Addunyaa aartii keessattiis waan baayyee hojjatee, arraas hojjachaa jira. Wellisaa Falmataa Roorroo dhugumatti akkuma maqaa isaa qabsaawaa biiblee aartiitiin roorroo alagaa falmatu akka tahe ana caalaa hojiin isaa dhawwaayxee dubbatti. Dhiiga dhala oromoo tahee kan Falmataa hin beeyne ni jira ja’ee hin tilmaamu. Yoo jiraatees dhageyaa didaa qofa.
Akkuma beekkamu artiin meeshaa amna xurree guddina aadaa, seenaa, afaaniifi eenyummaa ofii ittiin saffisan, riqicha gola hambaa dhaloota dhufuttiin dabarsan, xiyya qaraa qabsoo ittiin finiinsan, funyoo jabaa tokkumaa ilmaa abbaa ittiin haqaaran, rasaasa finiinaa adeemsa diina ittiin laamsheeysan, onnachiiftuu onnee luuynaa ittiin mirqaansaniifi tooftaa cimaa wal bashannansiisaa, wal boharsaa ittiiniis wal barsiisan akka tahe wal nama hin mormisiisu. Haaluma kanaan wellisaa Falmataaniis dandeeytii addaa rabbiin badhaase kanatti daangaa fi sodaa tokko malee fayyadamuun biyya keessa taa’ee gumaata artii qofa osoo hin taane, sochii qabsoo oromootiis ittiin wajiijaa turee, arraas itti jira. Warraaqsa sochii diddaa gabrummaa keessatti nama shoora guddaa taphateefi arraas taphachaa jiruudha.
Falmataan dandeettii sagalee uluulloo alalaasaan laphee nama seentuufi tan yeroo miidhaa roorroo alagaa himtu akka leencaa bookkiftu saniin sirbuu qofa osoon taane, walaloo jecha dachaatiin badhaate, tan kulkula madaa sabaa hooysituufi bakka nyanyaatte gaaffii takka malee hooyxuuf barreessuuniis kennaa addaa. Kana qofaa miti! Falmataan, dandeettii yadaloo marartoon isii garaa nama raaftee, onnee nama sossooftu qindeessuutiiniis daaddaa hin qabu. Haaluma kanaan welliftoota qaqqacalee akka imee badheeysaatti amma lafaa biqilaa jiraniifi welliftoota lafa buleeyyiifiis walaloofi yadaloo addaa gumaachaafi kan tureefi arraas itti jiru tahuu anaa mitii artistoota keenya kan gumaataa hojii isaatiin garba aartii daakaa jiran rageeyfadhee yoon bira dabre naaf salphata.
Wellisaa Falmataa Roorroo artistoota keenya lafa buleeyyii keessatti kan ramadamu yoo tahu, hojii muziiqaa baayyee hojjatee jura. Wanni hojii isaa adda godhu keessaa muraasni; sirboonni isaa marti ergaa ijoo, dhaamsa humna qabeessaafi kan dhugaa hilate tahuu daran, jechoota dachaatiifi fakkoomaan guutamuu keessa ammaas badhaadhinni jechootaa afaan keenyaa kan ittiin mirkanaa’u tahuu isaati. Qabiyyeen sirboota Falmee guutumatti jachuun ni danda’ama, sirboota warraaqsaafi finiinsaa fincila diddaa gabrummaa akka tahe namni hin beekne kan jiru hin sehu.
Mee sirboota isaa danuu keessaa muraasa isin haa yaadachiisuu:
● Sa’aa mashensanii sanga dhalchii sanii,
   Haqa abbaa qabu kan dirree taa’u
       shiraan ukkaamsani..”
● “Dameen harka kiyaa shani qaba barko,
    Qubaa shani malee harki kiyya tokko..”
● “Burqaan quufaa ganni,
     Eblaafi haagayyaa,
     Hanga’ee mandii’ee
     Abdachiisee biyyaa…..
● Bobbaan saa nu keessaa gaagurri maqale…
● Kan itti na dhaamte lafeen ababootaa..
● “Hirira nageeyaa kan qabne dhukaasaa,
     Deebiin gaafii isaanii maaf taate rasaasaa…”
       Sirboota isaa keessaa muraasaan isin yaadachiise malee Falmataa Roorroo walleeleen isaa akkuma afaan keenyaa garba. Garuu aartiitu aartii teenya, aartii oromoo tahe malee silaa aartii saba biraa taatee, Falmataaniis wellisaa saba biraa tahee arra qabeenyaafi beekkamtiiniis sadarkaa kam irra akka jiru tilmaamuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Mee bakka biraa tan fagoo hin deeminaati warruma habashaa kan beeknu kana yoo fudhanne wellisaan afaan habashaatiin sirbu kan akkuma isaa qaro dhablee tahe ‘Yirdaw Xeenaa’ kan jadhamu arra qabeenyaaniis tahee beekkamtiin sadarkaa tam irra jira? Biyyoota alaa Amerikaa, Kaanadaafi Awrooppaa jidduu meeqarra naannawee konsartii muziiqaa dhiheessaa jira? Yirdaaw akka Falmataa Roorrootti albama kurnootaan hin baafne, albama tokko qofaani kan inni arra sadarkaa kanarra gahe. Duuba nuti maaltu habashaa gad nu godhe? Oromoon maaliin habaashaa gad jirra? Abbaan ifiif if dhawe ifin dandamu akka ja’an sanii, yoo ifumaaf if gad qabne malee nuti eenyurrallee caalla. Afaaniin idil adduunyaa haa caalluu malee garuu hojiin walumarratti laalla. Waan ifii godhuu qabnuuf nama biraatti quba irbinee sigaalla. Kun ammoo amala oromummaa akka hin taane nu hundi numa beeyna. Dhugatti yoo amalli kiyya jachuu kun nurraa hafee amalli keenya jadhu nu keessatti unkuramaa deeme waan hin danda’amnellee akka danda’amtu taasisuun nuuf salphaadha.
    Dhuguma rabbii aartistoonni keenya Falmataa qofa osoo hin taane guutumattuu maalirra akka jiran waan waliif himnuu miti. Guyyaa arra albama isaanii gurguranii galgala kiishni isaanii duwwaadha. Maaliifi laata? Nuutu qabeenya hin qabne moo? Waliif quuqama hin qabne moo? Beekkomsa hin qabne moo? Aartiifi aartistoota keenyaaf kabajaafi jaalala hin qabne moo? ….. Ani akka yaada dhunfaa kiyyaatti yoon laalu, nuti kana hunda hin dhabne, dacha dachaan qabnaahu. Garuu nuti walin qabne. Waliif hin dirmanne. Waliif hin dhimmamne. Waliif if qabuu hin beekne. Aartii waan ja’an tanaas gatiifi sadarkaa isii hin beeknu.
Artistoonni keenya hundinuu bu’aa sabaa malee aartii irraa faaydaan argatan, kaaseta gurguratanii qabeenya guddaa milkaa’uu dhiisii, aartii irraa suldii takka akka hin arganne ifa galeessa. Irra caalaan artistoota keenyaa keessattuu warri biyya keessaa takkaa hin sossoohin marti harka qalleeyyii dha. Aartii kana jiraachisuuf sangaa gurguranii, qabeenya isaanii itti dhangalaasanii harka duwwaa kiisha kaayatanii galuun aartistoota keenyaa amaleeffannaa yeroo dheeraa akka tahe beekkamaa dha.
Sa haa jannuuti! Artiin keenya kun bideena bideena nyaatu malee bideena bideena dhalu tahuu maaliif dhabe? Maaliif akka faanaddootti waan bilchoo baasuu malee bilchoo baasee bilchoo dachaa galchuu dadhabe? Artii keenya kanaatu masheenaa laata? Lakkii nattin fakkaattu. Garuu hundaafuu waaniin beekurraa silaa deebiisaa guutuu tahuhllee hin baddinii walakkaa hubannoof rushii taatu silaa waan dhabuu, garuu arraa miti, fuulduraaf isiniif beellame. …. (dubbisa keessan ammoo itti fufaa)
Sabni biraa wanni nu caalaniin, Aartii isaanii gargaaranii, aartistoonni isaaniitiis akka if gargaaran godhuu beekan. Nuti ammoo baabbuu! Yookaa isaan hin gargaarru, yookaa akka if gargaaran hin goonu. Gaafuma isaan dhukkubsanii afaan qabrii gahan qofa dhoortoof xiqqo wacuu, san booda eega isaan ganda aadam biyyeetti imalan booda footoo isaanii internet irraan oriyuu beekna. Dhugaa yoo janne bu’ura irraa sabni akka oromoo aadaa wal gargaarsaa tahee, tooftaa akka itti if gargaaran taasisuutiis taatu baayyee qabu addunyaa irra waan jiru hin sehu. Dhiifama naaf godhaa! Kana hoggaan ja’u garuu tan dur waliin wal madaalchisee miti. Jiddutti duunee ka’uu keenyaas dagadhee miti. Eega duunee kaane irraa jalqabee jechuu kiyya malee. Nuti duunee goottan keenyaan du’arraa kaanee amma babayyanachaa jirra. Qaabeenyi bu’ura keenyaa ammoo irra caalaan akkuma du’anitti achumaan hafan natti fakkaata. Gama biraatiin jijjiiramoota xixiqqaa dhiheenya kana mul’achaa jirufi waliif dirmachuu amma biqilaa jirtu tanaas dagadhee akka hin taane naaf hubadhaa. Garuu ammallee gahaa miti jachuu kiyya malee. Akka baayyina keenyaa waliin yoo madaalle arba hantuuta dhale fakkaanna.
Dhiifama jidduun galaana dubbiitu laga biraatti naan kutee gara ijoo teenyaatti haa deebinu. Sirboota artisti Falmataa Roorroo dhugatti akka maleen jaaladha. Sirboota isa mara niin dhageeffadha. Yeroon dhageeffadhu ammoo keessi koo kan duraanuu nageya hin qabne, daranuu dhabee na shoorarkaawa. Sammuun tiyya waan baayyee na yaaddullee, taaytaa itti dhabuu kiyyatti daran gaddeen keessa kootitti ukkaamsee adabsaa ture. Garuu ukkamsuun san ibidda daaraa keessatti dibame tahee yeroo garii mukulkulli keessa koo na mudhursa. Keessattuu sirbi isaa tokko yeroon dhageeffadhu mara garaa na roorasee, garba imimmaanii boolla agartuu tootii guutee, daangaa nyaara kootii na marsa. Sirbi kun hawwiifi fedhii keessa isaa kan ittiin calaqqifatee dha. Sirbi kun yadaloo bucbuccee namatti kaaftu saniin akkuma rabbiin guyyaa tokko ija isaa baneefii harmee oromiyaa agarsiisu itti kadhateedha. Walaloon sirbichaa hangi tokko akkana jatti:
“Adunyaa tanarraa
Waaq taniin si kadhee,
Osoon lubbuun jiruu
Ija too banadhee ,
Harmee oromiyaa guy tokko daawadhee,
Du’u sheenaan qabu, shenaan qabuu,
Hawiitoo guyyaa san guttadhee…
Sirratti dhaladhe sirratti ababee,
Osoon ifin barin qarayyoo to dhabe,
Si dawachuun gaabbee….”
=> Guutuu sirba kanaa link kanaan argachuu dandeessan: https://youtu.be/Ncal1vFWri0
 Uuffff….! Garaatu nama bada. Imimmaan osoo hin beekkamne ija nama mara. Haadha isa deesse osoo arkuuf hin hawwin Oromiyaa caalchisee arkuuf hawwee rabbii isaatti iyyate. Abbaa isaa arguuf hin alaan’alle. Ilmaan gudeeda isaa mul’achuuf hin boonye. Oromiyaa nuti kan ijaan arku kunuu badhaatuu jannee badhaadhina diinni irratti goobaa jiru cal’ifnee faarsuu malee gatii dhugaa hin kanniniif, tan osoo garruu amajaajoonni alagaa cinaachaafi dirra isii qoqoraa jiru tan guyyaa tokko ‘chaas..’ irraa hin ja’in tana, Falmataan garuu keessa taa’ee dheebuu isii qaba. Kanaaf guyyuma tokkoof garsiisee ajjeessuus akka sheenaa hin qabne rabbii isaatti himate. Laata nuti warri eega dhalanne argaa jirru kun harmee teenya haadha gootootaa, haadha hayyootaa, arjaa diinaafuu kennaa hin waakkanne, harmee gara laafeetti, Oromiyaa tanaaf hangam gatii laanne? Deebii isinumaafiin dhiisa. (Waa’ee Falmataa haa itti fufnu)
Namni fayyaa guutuu qabu yoo rakkinni addaa mudate malee hojii biraallee carraaqatu waan ilmaan isaatiin bulchu waan dhabu.. Falmataa Roorroo garuu carraa kana hin milkooyne. Hojii boonsaa gara aartiitiin gumaache tanaahuu cimina isaatiin quuqama afaan, aadaa, seenaafi dhimmama saba isaatiif qabu irraa ka’uun hojjate malee fakkaattonni isaa kan irree irkattuumaatiin haleelamaa, dhoortoof bahanii ija namaatiin waxalamaa jiran mistikum akka tahe ni beeyna. Inni ammoo hojii seenaa hojjatee galata nu biraa qaba. Ani oromoon qaba, ani saba kootiin qaba jechaa jira. “Lakkii nun qabaatin” jannaaniiree? Kana jachuun ammoo beeyladaa qoritti waan nyaatu dura kaayan, kan irraa nyaatee duwwifnaan miilaan keessa ajjatee cabsu nu fakkeesa.
“Dubartii bakka sagal wanni qabataniif bakkuma takkaafi” ja’anii mitiiree abboottiin yoo maakmaakan. Bakki takkittiin eessa naan hin ji’inaa malee, aniis kana mara waa malee odeeysee mataa isin hin wareersine. Dilana oduun mataa isin naanneessuun kiyyaas waanuma takkaafi. Takkitti ammoo waa’ee gargaarsa Artistii keenya Falmataa Roorrooti.
 Artisti Falmataa Roorroo qaroo ija isaa tan joollummaa irraa dhabe ogeeyyoonni wal’aansa ijaa kan biyya keessaa gara biyya Jarman (Germany) yoo geeffame carraa fayyuu akka qabu himaniifi jiraachuu dhageenyee jirra. Wellisaan keenya ammoo maallaqa biyya Jarman wal’aansaaf ittiin dhaqu dhiisi kan haajaaf Harar ittiin dhaquuhu hin qabu. Mee dhugumatti haa waliin jannuu welisaan keenya kun hawwii oromiyaa arguutiif osoo waywaatuu, osoo carraa fayyuu qabuu, osoo saba bal’aa arjaa kanaas qabuu, maallaqa dhabuu qofaan wal’aansa hanqatee addunyaa tanarra yoo gale sheenaan nurraa ni baatii? Tan wal’aansaa haa haftuu mee namni guyyaa tokko eessa jira ja’ee iyyaafate jiraa?
 Yaa Oromoo waa qabaachuu qofa osoo hin taane nama wal qabutti tun silaa hojii nama tokkooti. Mee daqiiquma tokkoof ija teessan guduunfadhaa waan umrii guutuu qaroo dhabuun taate tilmaamaa? Osoo carraa fayyuu danda’uu qabuu waa harkaa dhabaaf akkuma guyyaan itti dukkanaa’etti yoo kute namattin dhaga’amuu? Kan nama fayyisu rabbumaa ilmi namaa ni sababsata. Yoo dhaqee fayyuu dadhabellee jala muree sabree taa’a. Garuu amma akkamitti qalbiin isaa tasgabbooyti mee? Yaa oroomoo, lammii tiyya duraanuu numaatu waliif qoricha, numaatu waliifiis riqichaa mitiiree? Jibriin wal gargaartee arba hiiti, ja’an abboottiin keenya.  Xiqqaafi guddaan keenyaa dhiiraaf dhalaan akkuma hooda keenyaa ammaan duraatti wellisaa keenya jaalatamaa, sabboonaa, qabsaawaa #Falmataa_Roorroo cinaa haa dhaabbannuu. Isiniin qaba jachaa jiraa, siif jirra haa jannuun. Kun dirqama walitti laachuu osoo hin taane waamicha oromumaati!
Eega du’aanii wal biraa godaanan fuula dhibba waliif barreessanii, imimmaan waliif toohaa, hidhii waliif xuuxxachuu irra osoo lubbuun jiranii fuula kudhan waliif barreessanii sheenaa fixachuutu caala tan jattuutu akkaan isinitti dheereessu na dirqisiise. Isinitti dheerreessuu kiyyaaf ammoo dhiifama furdaa akka naaf gootan isin gaafachaa;
Xumura irratti, Artist Falmataa waan biraa godhuuf dadhabnullee yaadannee kallattiin haala inni keessa jiru afaan isaarraa hubachuuf, jajjabeessuuf, bal’inaan odeeffannoo isaa arkachuuf,
Lakkoofsa bilbilaa: (+251911855292) kanaan bilbilaaf.
   ====Galatoomaa!!====
HUBACHIISA:
■ Namni akka sabboontoota joollee teenya tan Wellisa Abrahim Adam, Qabsaawaa Daakaa fi kkf website gofundme irratti bananii deeggarsa guuraafi turanitti Wellisaa Falmataafiis kan banu argame kabaajafi galanni keenya dachaa dha.
“WELLISAA FALMATAA ROORROO,
RABBIIN HAA BANUUF QAROO!!” (kun dhaadannoo kooti)
===========
Saphaloo/ Abdulbasit Kedir
Sadaasa 5, 2015.

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …