Oduu Haaraya

WBO irraa Harkaa keessan Kaasaa!

Obbo Baqqalaa fi Obbo Jawar

Baga Nagaan Mana Hidhaatii Baatan!

Hubataa Dubbii tiin

Obbo Baqqalaa fi Obbo Jawar turtii mana hidhaa baatii 18n booda hiikamanii jiru. Gammachuun maatii fi deggertoota isaanii, akkasumas sabboontota Oromootti dhagayamu guddaa dha. Gammachuu isaanii hundi keenya ni hirmaanna. Hundi keessan baga gammaddan jenna!

Obboleeyyan kun, jalqabumayyuu balleessaa tokko malee hidhaman. Balleessaan isaanii, iini duraa, OPDOtti, gantuutti, sochii cehumsa diimookraasii impaayeritti amananii itti kennuu dha. Inn lammataa, maqaa qabsoo nagaan WBO hiikkachiisuu yaaluu dha. Balleessan kun lameen garuu kanneen seera biyyattii cabsan miti. Badiin raawwatan, kan seeraan isaan gaafachiisu, tokkollee hin jiru ture. Mootummichi filmaata biyyoolessaa keessaa isaan hanqisuuf jecha dursee hidhaatti isaan naqe. Har’a,  erga filannoon dabree booda hidhaa irraa akka isin baasanis waanuma eegamaa turedha. 

Obboleeyyan keenya kun garuu, bahanii guyya lamallee otoo hin bulin, Amajjii 3, 2022, dhaamsa isaan barruun dabrasani. Dhaamsi kunis rakkoo impaayerattiin keessa jirtuuf furmaata nagaa akka hawwan labsan. Qabsaa’ota Oromoo kanneen mootummaa kanaan ajjeefamnanillee kaasanii yaadatan. Gaaffiin mirgaa garuu hawaii dhaan hin deebi’u hojiidhaan malee.

Qabxiileen isaan kaasan hedduun faallaa haqaa fi QBO hubuu malan waan ta’aniif kana irraa namuu akka of eeggatu yaadachiisuun dirqama sabboontota Oromoo hundaati.

Qabxillee kanneen isaan kaasan keessaa:

1.       Jarri haala amma mootummaan nafaxanyoota impaayerattii keessa galcheef, mootummicha fi mormitoota isaa wal-qixa komatu. Hundeen rakkoo kanaa, mootummaan nafxanyootaa mirga ummatootaa dhiibuu dha warra qeyee fi mirga isaa irraa dhiibamee of irraa loluuf dirqame miti. Ummatotni mirga isaanii kabachiifachuf qabsaa’uuf dirqaman akka fedhanii lola filataniitti dhiyeessuun fafa.   Isa mirga namaa dhiibuu fi isa mirgi iisaa dhiibamee falamatu wal-qixa komachuun isaanii, haqa kanneen dhiibamanii dhoksuu dha. Kun safuu kan cabsuu fi waan badaadha. 

2.      Ummatoota dhiiga fi lafee ilamaan isaanii itti wareeganii mirga xinnoo gonfatan san eeggachuuf mootummaa nafxanyoota irratti qabsaa’aa jiran, fi “elites” Amaaraa mirga kana irraa fudhachuuf hojjetan, wal-qixa, “duula jibbiinsaa” geggessu jedhanii komatu. Kun waan madaalawaas ykn waan sirrii miti. 

3.      WBO ummatasaa irraa duguuggaa sanyii qolachuuf diriqamee lolatti jiru, fi waraana mootummaa Xoophiyaa, humna addaa Nannoo Ammaraa fi Faannoo, kanneen daangaa Oromia dhiibuuf, ummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii geggeessuuf bobba’an, walqixa komatu. “Qaama tokko cinaa hiriiruudhaan deeggarsa laachuudhaan balaaf gaaga’ama biyyattii keessatti deemaa jiru hammeessuu” dha jedhanii addunyaatti lallabu. Kana jechuun, WBO, qaama ummata isaa irraa roorroo qolachuuf loluuf dirqame, hin gargaarinaa jechuun qixadha. Mootumma ummatarraa irraa ‘gibira’ funaanee, sanumaan meeshaa waraanaa akka bitatu ni beeku. Kanaaf, ibsi isaanii kun WBO balleessuuf mootummichaaf carraa tolchuu fakkaata. Jarri WBO fi humnootni dimokraasii fi hiree murteeffannaa ofii mirkaneeffachuuf falman hundi nagaa barbaacha akka loluuf dirqaman otoo beekanii haalu. 

Ergaan obboleewwan keenyaa kun waayee isaanii ilaalchisee qabxii gurguddaa lama nuuf mirkaneessa.

Inni duraa, qabsoo nagaa osoo geggeessaa jiranii, balleessaa tokko malee baatii 18 hidhamuu isanii irraa barnoota tokkollee osoo hin argatiin akka bahan nutti hima. Mootummaa kanneen qabsoo nagaa geggeessan funaanee hidhuu fi ajjeessu jalatti, qabsoo nagaa qofaan mirga Oromoo mirkaneessuun akka hin dandeenye ammallee hin galleef. Ummati Oromoo tooftaa hundatti (kan nagaattis, kan hidhannoottis) dhimma bahuun akka isa barbaachisu ammallee hin hubatne. 

Inni lammafaa, sochii bara lama dura WBO hiikkachiisuuf itti turan, ammallee itti fufuuf qophii waan qaban fakkaata. Obboleeyyan kun lamaan, ammallee, Oromoon kan qabsoo hidhanootti seene, jaallatee osoo hin taane, nagaa fi mirga isaa sarbamee akka ta’e hin galleef. Ammallee kan Oromoon qabsoo hidhannootti seeneef nagaa waaraa barbaaduuf akka ta’e hin barree. Ummatni irree cimee balaa of irraa qolachuuf irree hin cimsanne, kabaja akka hin qabne, ammalle hin galleef. Ummata Oromoof irreen WBO ta’uusaa kan beekan hin fakkaatu.

Kanaaf, sochii WBO hikkachiisuuf ammaan dura godhanii milkaa’uu dadhaban bifa haaraan itti fufuuf karoora yoo qabaatan, garuu “WBO irraa, Harkaa keessan Kaasaa!” ittiin jenna.

Horaa Bulaa!

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …