Oduu Haaraya

Oromiyaaf Gaarummaa Amantalaa

Review Overview

User Rating: 4.62 ( 1 votes)

 

Oromoon saba tokkicha. Dubbee demokraatumma yeroo hin yaadatamne kaasanii qabu. Akka seenaatt Oromiyaan amantee tokkicha qabdi turte. Amantichi dhimma finnaa keessa hin seenu. Akkasumas finnaan addatt dhimma amantee waan ta’e keessa seenuun safuu ture. Sana jechuun bakki itt waldeggeran hin turre jechuu miti. Dhaaboti Lubaa fi Qaallu aadaa fi hoodaan bakka walitt dhufan qabu. Haata’u malee yeroo nagaa haa ta’u lolaa amantalummaan (ilaalchi amantee alaa) masaka waliigalaa sabichaaf kennaa ture. Oromoon dhugaa, amantee ulfina kennuu fi adda addumaa yaadaaf wal danda’uun beekama. Dhaalmaa ofi irratt mari’achuun haala amma keessa jirru qayyabachuuf nama gargaara.

 

Kanaaf kanneen hamaa nuu hawwanii fi gargar nu qooduu fedhaniif gurra qeensuu hin qabnu. Deemsa yeroo keessa kan nuu tolutt akka baanu mamii hin qabnu. Yoo iyyaafataa deemnuu fi naannaa keenya qeeqaan laallutt kaanu, caalaatt of baruu fi addunyaa keessa jirruu hubachuu eegaluun, nafii fi jaalala lammii keenya Oromoo, waliin biyya waloo fi kaayyoo bilisummaa tokko qabnuuf waan baafnuuf akka ofirraa qabnu qayyabachuu eegalla. Achumaan annisaan Oromummaa gadifageenyaan nuugalutt ka’a. Ammaaf, Oromiyaan biyya amantee hedduutii. Tokkummaa see eeggattee jiraachuuf amantalummaa guddifachuu malee filmaata biraa kan qabdu hin fakkaatu. Kanatt haansinee sun mal jechuu akka ta’ee fi anjaa Oromiyaaf qabaachuu danda’u ilaaluu haa yaallu.Amantalummaa yeroo jennu hala amanteen dhimma gara bulchaa, barumsa ambaa yk dhimma malbulchaa biraa ilaalu keessa hin galle jechuufi. Akkasuma finnaanis dhimma amantee ilaalu keessa galuu hin qabu jechuu dha. Gabaabaatt amanteen kan abbaa, finnaan kan walii tahuu fudhachuu jechuu dha. Sun akeeka, garagarummaa amanteen jiru utuu hin laalin, biyyattiin kan namoota finnicha jala jiranii hundaati jedhu irrati bu’uurfama. Tokko tokkoon namaa, mirga bilisummaa yaadaa, kan seexaa saa qofaan masagamu qaba jechuu dha. Yoo amanteen tokko fo’amee akka amantee finnaa ta’u godhamee, finnichi jara hafan hunda irratt dhiibbaa tolaa hin taane gochuu danda’a. Sunimmoo mirgoota nambiyyaan qabu hunda tuqa.Bara nugusa nugusoota Itiyoophiyaa, finnaa fi amanteen Tawaahidoo gargar hin jiran turan. Finnaan hirree yeroo gumaachu amanteen ilaalcha masagaa kenna ture. Kanaaf amantooti hafan baras hangam akka gadi ilaalamaniif itt cobamaa ture ni yaadatamaa. Olaantummaa amantee tokkoon amantoota biraa irratt lamuu akka roorrifamu kan barbaadu jira hin fakkaatu. Tajaajila saafi amanteen Tawaahidoon mootota waliin angoo fi qabeenya hirmataa jiraate. Nugusicha duuba amantee fi galmastaanni (church) seeraan gargar bahan jedhame. Qabeenyi saas akkuma qabeenya dhaabota biraa kan finnaa ta’e. Keessaayyuu finnaan dhimma galmastaanaa keessa galuu hin dhiisne. Muudammii fi ari’amuun matoota amantichaa sanaaf ragaa dha. Sun mirga bilisummaa yaadaa tuquu jechuu dha. mirga sana irra ejjennaan amantalummaan gar tokkoon haalame jechuu dha. Dursee Waldaa Waaqeffannaa cufee. Amma amantee Islaamaa keessa harka galfachuun mormii kanaa dura argamee hin beekne kaasee jira. Abbaan hirree eenyuunu kophaatt hin dhiisu.Itophistooti qasaawota ofiin jedhan hedduun jecha “Laaqii Kiristinaa garba awaamaa fi Islaamaa keessaa” jedhu qaabachuutt kan ka’an fakkaata. Rakkinni saanii seenaa fi demokrasii wal fudhachiisuu dadhabuu dha. Kaan ammayyuu amantee Tawaahidoo , faajjii halluu sadanii fi finnaa Habashaa ulfoo ta’uutt fudhatu. Kanaaf abboolii saanii irra ilaalcha addaa guddifachuu hin dandeenye. Habashamitii hundi wanti habashaaf “ulfoon” isaaniif mallattoo kufaatii saanii kan Habashaaan qabachuuf fudhatee itt duule ta’uu hin irraanfatani. Yeroo amma yaada dulloomaa fulduratt dhiibuun kaarra gidduu saanii jiru dhiphisuu irra kan baldhisuu ta’a. Moototi fi galmistanni qoteebulaa firoota saanii ta’an hacuucaa fi qorqaa jiraatani. Booda biyyoota kibba saanii jiran koloneeffatanii gara laafina tokko malee waliin saamaa turani. Warraaqsa 1974 duuba finnaa amantalaan uumamuun hedduu abdachiisee ture. Galmistannis miiltoo finnaa tahuun hafee gumaacha amantoota saan jiraachuutt ka’uutu himama. Duratt gumaacha amantoota biraan jiraata akka ture kan irraanfatamu miti.

 

Rimsammi amantalummaa ammayyaa tarii biyyoota Kiristinnaa Dhihaatiin eegalame ta’a. Akka fakaatutt sana kan maddisiisee serri ayyaanaa gaaffilee guddina beekumsaa fi teknoloojiin ka’an deebisuuf hanqina qabaachuu dha. Yeroo waa’ee amantalummaa dubbannu kan nammuu beekuu qabu amantalummaan amantee dhabuu yk waqanqabnee jechuu akka hin taane. Nambiyyooti hundii fi bulchooti saanii bilisummaa yaadaa fi mirga akka fedhaniti uumaa saaniif hoo qubaa galchu qabu. Seerri finnaa faanfana malee sana kabachiisa. Sun kan danda’amu yoo finnaan addati amantee tokko hin mararfanne. Finnaa demokraatawaan amantee kamuu galmeessuu malee hayyama kennuu tahitaa hin qabu. Sana jechuun amantee finnaa kan jedhamu hin jiru, finnaanis amantee qabachuu hin danda’uu jechuu dha. Biyya amante hedduu qabu keessatt amanteen malbulchaa keessa seenuu hin qabu; garuu abba tokkootaaf amanteen kabachiifamuu qaba. Bilisummaan waldaan qixaawuun, mirga murnoota hundaa kan murnoota amantees dabalatuu.

Ilmoon namaa jireenya addunyaa kanaa irratt rakkina hedduutu isaan mudata. Rakkinoota akkasiifi laguu malee waliin furmaata soquutu irra eegama. Teknoolojiin guddachuu, misa naannaa, dhibee, beela fi qilleensa hamaa irra of eeguun, oguma addunyaa kana irraa, kan akka qormaata mirkanbeekawaa gaafata. Meesharkaan amantee ayyaanawummaa jireenya abba tokkootaa gabbisuu qofaaf dhimma baasa. Jiraattota biyyichaa hundaaf kan waloo miti. Kanaaf rakkina waatattaa namootaa furuuf mala waloo hunda haammatu barbaachisa. “Dansummaan, akka amantalaatt kan madaalamu anjaa inni garagarummaa malee miseensota hawaasaa hundaf kennuuni. Amanteef garuu “dansummaan” kan madaalamu tolaa inni jireenya du’a duubaaf argamsiisuuni. Finnooti amantee akkamitt murnoota bucuu gantummaa fi adda ta’uun fixaa akka turan seenaan galmeesseera. Ogeeyyii, beekotaa fi raagoti meeqa fannoo ibidaa irratt akka gubatanii fi akka mormi irra qela’ma tures dhageenyeerra. Finnaa demokratawaa jalati garuu mirgi abba tokkootaa fi murnoota bucuu seeraan eegama. Guddinni mirkanbeekii fi dirree beekumsaa hundi ni jajjabeeffama. Amantee, saala, sanyii fi bifaan faanfanamuun hin jiratu. Hundi walqixxummaan ilaalamuu, akkasumas hojii, amantee fi barumsa barbaade hordofuuf mirga qaba.

Waaqeffannaa malee amantooti Oromiyaa keessa jiran hundi kanneen walfakkaatan alaa qabu. Murnooti waldhabdee keessaaf, alaa tumsa galmeeffachuu ni yaalu ta’a. Sun taanaan balaa jireenya sabichaa dorsisu kan sabgidduu garasii fi garanatt walharkisiisuu dhuma hin qabne fiduun ni mala. Kanaaf tokko tokkoon sabboonota tokkummaa fi mo’ummaa sabichaa waan ilaalu irratt kan hojjetaniif abbawumaa fi itt gaafatama akka qaban hubachuutu irra eegama. Wanti isaan qulqullumaan afaanii baafatan akka hamaatt furamee qaawwaa hankaaksitooti keessa luuxan uumuu dandaha. Utuu yaada dheedhiin gad hin bahin waan amanteen saanii barsiisu sirritt hubatanii bilcheessuun dansa. Waa’ee seera jireenya lafaa irrat wanti raagoti jedhan jira ta’a. Qooqota Macaafa qulqulluu irra ergifachuuf (matewos 22:15-22) “Egaa mootichaaf kan fudhachuun ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuu isaaf ta’u kennaa! ” jedha. Haddis irraas barruu walfakaataan dhahameera (en Wikipedia.org, Islam and secularism). Yoo gaaffin tokko hariiroo kee biyya lafatt ejja ta’e ati waa’ee saa caalaatt beekta, garuu you hariiroo amanteett ejja ta’e kan kiyya ta’a.” Sun qooqta Raajicha Qulqulluuti jedhama. Namooti sana lachuu akka amantalummaa hayyamanitt fudhatan jiru.

Yaadaanmaliin, amantee Baha Gidduu maddanitt kan bulan hedduun nuti obbolaa dangaan gargar nu hin baafne jechuu yaalu. Dhungaan saa garuu amantee tokko qabna jedhee kan walii hilee hin jiru. Seenaan Awuropaa fi biyyoota Arabaa kanaaf ragaadha. Arabooti Kirstinnota irra goranii biyyoota Arabaa hin rukutan turani. Awuropotis akkasuma. Hundaaf fedha saba saaniitu dura dhufaa. Sabboonummaan, hanga yoonaa sabgiddummaa buubaa koministotaa kan jireenya gaarii hojjetaa addunyaa hundaa wareegu irrayyuu haanee jira. Akeeki waloon qabnu inni bu’uuraa fedha sabummaa keenya kan naannaa tasgabii fi nagaa qabu keessa jiraachuun, madda qabeenya keenya too’annee mo’ummaa keenya irraa hamaa ittisuu dha. Sana bakkaan gahachuuf Oromummaa qofatu masagaa waloo nuu kenna.

Oromiyaan biyya amantoota hedduuti jenneerra. Amanteen tokko kan biraa hin caalu. Oromoon erga qabamanii mirga saanii dhalootaaf qabsaawaa jiru. Mirgoota saanii kan mirga abba tokkee, noolaa fi malbulchaa dabalatu haalamaa jiraatani. Amanttoti saanii sadarkaa lammaffatt yk hamma hin jirreeti gadi buufamani. Qabsoo walirraa hin citneen, mootummaan Itiyoophiyaa amantee finnaati kan jedhu addati akka hin qabaanee fi finnichis amantee akka hin qabne fudhachuu dirqisiisani. Amantee kan qabu nama qofa. Sabi tokkoo nagaa qabeessaa fi tasgabbaawaa ta’uuf sun barbachisaa dha. Oromiyaa keessatt walabummaa fi bilisummaaf, akka waliin dhaabbatan kan godhu Oromummaa dha. Oromummaan ilaalcha addunyaa Oromoon bilisummaaf qabu kan Ilmoon namaa hudndi walqixxee fi eenyuu, eenyuu ol akka hin taane fudhatu. Jaalbiyyummaan qabsaawotaa Oromummaa keessaa madda. Hawaasi Oromoo akka hawasa hallee hawaasoma haa tahu, amantee, gosa yk lammoomaan murnoota adda addaa qaba. Hunda qajeeltuu, walqixxummaa fi faanfana malee bulchuuf, seerri yadcichaa amantee fi hooda murnootaa ala tahe, jiraachuu feesisa. Sanaaf falli saa amantalummaa dha.

Yeroo bilisummaa keenyaaf qabsaawaa jirru fi wanti halle nuun mormaa jiru kana waa’ee murneessaa afarsuun karaarraa nu maqsuu yk nu hankaaksuu abbalu gaditt hin laalamu. Mirga hiree saba ofii ofiin murteeffannaa hojiirra olfachuu qofa osoo hin ta’in, mirgi keenya amantee fi bilisummaan yaadaa ukkaanfamaa jira. Mirga abba abbaa haa tahani kan murnootaa Oromiyaa keessaa hunda waliin hamaa irraa ittisuun nu ilaala. Mirgi nambiyyaa tokko illee yoo haalame bilisummaan sabichaa guutuu hin ta’u. Kanaaf finnaan empayeraa mirga amantee nambiyyoota keenyaa keessa seenuu waliin balaleffachuutu nurraa gaafatama. Kana sababfachuun kan dhimma tokkummaa keenyaa keessa lixanii laaquu barbaadanis ni sokkaana. Jechii saba Oromoo akka gosaatt dhiheessuu aggaamu, jecha tuffii agarsiisu, kan firummaa barbaadu akka hin taanes hundaan beekamuu qaba. Walgahiin tumsaa ummata keenya muslimotaa qabsoo irra jiruuf, Meniyapolisitt dhiheenya ta’ e kan dinqisiifamuu qabu. Haasaan dardara Oromoo Jawaar Mohammediin hasawamee akka barreessaan kun hubatutt kan hala jiru waliin deemu. Yabboo kam irratuu maalummaa Oromummaa akka dhagahamutt himuun sabboonaa carraa sana argate irra kan eegamu. Garuu nammi hundi waan hasawamee fi barreeffamu irratt furaa ofii kennuun hin hafu; yaadi abbaa hin dhorgamu. Haa ta’u malee qeeqi kamuu namichatt osoo hin ta’in qabate irratt xiyyeeffachuutu irra jiraa. Yoo sun ta’e dadhabinaa fi jabina keenya irraa wanti barruu fi walbarsiifnu ni jiraata. Qabateen kun itt baha fagoon gahan waan qabuuf wal ciiga’aa fi miira ofii alatt ilaalamuu qaba. Haasicha sararaa sararaan, tuqaa tuqaan kanatu bade, sanatu tole jennu malee dubbataa ciicachuu qofa irratt yoo darbatame nama dogoggorsa. Ol adeemaa keenya akki itt busheessinuu fi jajjabeessinu malamuu qaba. Hundi dhugummaa fi danda’ummaa waliif haa qabatu. Durfannoo fedha Oromiyaa jaallannuuf haa kenninuu. Qabsoon keenya biyya walabaa fi ummata bilisaa itt fufa. Hanga bilisummaatt harka walqabannee haa jogaanu.

Ibsaa Guutama
Waxabajjii 2013

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *