Oduu Haaraya

Oromiyaan mallatoo gotota bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa hangafa dhabde.Oromiyaan mallatoo gotota bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa hangafa dhabde.

 

Soso’a qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yeroo irraa yerooti jagnnooni, gootootni fi hayyootni  dhimma saba isaanii kan waloof jecha gahee isaanii jireenya lubbuu isaanii baasan seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hedhuu dha. Seenaa saba Oromoo keessatti sabboontoota bilisummaa saba Oromoof labooba ta’anii ifanii lubbuu isaaniitiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof tarree duraa irra uf dhaaban seenaa saba Oromoo fi  kan isaanii adda baasuun hin danda’amu.

Gootota, jagnnootaa fi hayyoota akkanaa kana keessaa Jaal Jaarraa Abbaa gadaa saraara duraa irratti gootaa fi jagnna qabsaawuun uf mulidhiise.Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa Oromoo hidhannoon falmuuf haalaan hamaa keessa darbuun Jaal dhukaasa qawwee banuun lola riphee lolaa baranee maqaa Adda Bilisummaa Oromootin hoggana qabsoo jalqabe. Mootummaan Habashaa humna qawweetiin  malee biyya Oromiyaa salphaati akka  gadii hin lakkiifne eega hubatee booda biyya oolaatti gadii bahuun barnoota riphee loltummaa ammayya barachuun Jaallan isa waliin hidhannoof uf qopheeysan waliin qaxaamura biyya Somaaliyaa keessaan biyya Oromiyaati osoo deemu mootummaa Somaaliyaatiin qabame hidhaa bara dheeraa booda lamada qawwee kaasuun lolee lolchiisuun jaganna fakkii hin qabne ta’uu isaa goota qabsoon mirkanneeyse.Jagnnummaa hiri’aa hin qabne kanaanis , Jaalala, kabajaa fi ulfina qabsaawoota biratti argachu bira darbee mallattoo qabsoo farra gabrummaa ta’eeti ilaalama.

Nuti, qaamni hogganna waloo, miseensootni fi deegarttootni Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO hardhaan tana du’a Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaa yammuu dhageenyu gadda gaddaa oliitu nuti dhagahame. Gadda ,gaddaa olii ta’uun isaas, Jaal Jaaraa Abbaa Gadaa uummataa fi biyya Oromiyaa kan umurii isaa guutuu falmeef ammallee  mootummaa gabroomfataa Habashaa jala  osoo jiranii addunyaa kana irraa galu isaati. Galii malattoon qabsoo keenyaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa osoo bakkaan gahuuf qabsaawanii dukkubsatanii biraa du’an kana bakkaan gahuuf kakuu kana dura seenne irra deebiine haaroomsuun tarsimoo kana bakkaan gahuuf ni qabsoofnna.

Maayyiirratti,  Warra isaa , aantoota isaa fi ilmaan Oromoo maraaf obsa(sabrii) godhaa jechaa, goota gototaa olii fi mallattoo qabsoo keenyaatifis, (Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa) rabbiin haa araaramuuf jenna.

“ Qabsaawwaan kufus , qabsoon itti fufa”

IUOf

Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …