Waldaan Qorannoo Oromoo, (Institute of Oromo Studies(OSA)n bara 1986 hayyoota Oromoo akka Prof Muhammad Hasan fa’aan ijaarame.Kaayyoon waldaa kanaa dhimma hawaasummaa, siyaasaa, dinagdee, seenaa, fayyaa, aadaa Oromoo irratti qorannoo gaggeessuudhaan kaayyoon saba Oromoo galmaan akka ga’u taasisuudha. Bara 1992 irraa eegalee bu’aa qorannoo isaati bifa barruleen (Journal of Oromo Studies), qopheessee ummataaf dhiheessa jira.
Ijaaramuun waldaa kanaa qaama qabsoo bilisumnaa Oromoo yoo ta’u; dhiibbaa jaarmayni Institute of Ethiopian Studies (IES) beekkumsa Oromoo fi Oromummaa irratti geesse haala qindaawaa ta’een faccisuuf, bu’uura Oromumma beekkumsa irratti ijaaruuf, Oromoonis akka sabaa yaada ofii, madda beekkumsa ofii akka qabu agarsiisuu fi beekkumsa isaa fayyadamee akka bilisoomu gargarufi jaarame. Gama kaaniin IES hayyoota habashaa sirna qeenxee Itoopiyaa olaantummaa Amaaraa irratti ijaaramte yaadaaf beekkomsan utubuufi ijaarame.
OSAn baroota jalqaba ijaarame keessatti samuu Oromootaa gabrummaa jalaa bilisoomsuuf, Hamilee sabaa cabe olqabuuf, Oromummaa laaffatte deebisee ijaaruuf gahee guddaa taphatee jira. Baroota jalqabaa sanitti yaadni inni burqisiisufi qorannoon dhiyaatanis haaraa fi yeroo sanitti jijjirama warraqaa kan fidan turan.Gumaacha kanaafis Oromoo biraa galata qabu.
Haata’u malee baroota as a’anaa kana jaarmayni kuni amala warra IES san kan dhaale fakkaata. Guddinaa fi tarkaanfii yaada haaraa burqisiisuu, qorannoowaniifi yaada furmaataa guddina sadarkaa dammaqina Oromoo madaalu burqisiisuu dadhabee jira.Yaadni waldaa san keessatti alanfatamu kanuma wagoota 30n dura ittiin ija banateedha. Walumaa galatti madda yaada haaraa fi qaraa ta’uu hin dandeenne. Kuni hedduu nama yaachisa.
Kana males akka jaarmaya hayyootaatti waltajjii yaadonni walfaallessan irratti dhiyaatanii, walfalmanii kan wayyaa ta’e itti filatamu ta’uu dadhabeera. Bu’uura kanas kan tiksu namoota yada faallaa fi waan baratameen ala yaada haaraa qaban waltajjii irraa ittisuuni. Sababaa kanaan OSAn geengoo beekkomsaa dhiphacha deemee ta’eera. Garaagarummaa yaadaa sodaacha ifnana beekumsa baldhisuun hin danda’amu. Wanti dhiyeenya kana Obbo Jawar Mohammed irrati ta’es calaqqee dullomuu yaadaa OSA kan muldhisu natti fakkaata.
Jaarmayni Oromoo garaagarummaa yaadaa sodaachaa, namni tokko yoo irratti dhiyaatee yaada ibsate waldhabdeetu ka’a, diigamuu danda’a jedhamee sodaatamaa akkamitti burqaa yaada Oromoo hunda bilisoomsuu, qaroo Oromoof ifnana garsiisu ta’uu danda’aa? OSAn yaadan dulloomeera. Yoo burqaa ifnana beekkomsa Oromoo bilisoomsu ta’uu barbaade, haaromsa bu’uuraa barbaada.
Horaa Bula
Haagayaa 1, 2022