Oduu Haaraya

OTOO HABASHOONNI OROMOYAA HIN QABATIIN GADAAN OROMOO YKN YAA’II OROMOO ESSA AKKA TUREE BEEKTUU?

Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba.
Gosni Caboo ENYUU?
DUBISSAA MEE! DABALATAANIS KAN AFEEFI WAAN BEEKITANI NUUF SHARE GODHAA!
Miseensota mandhee tanaa, hunda keessaniif durseen nagaa fi nageenya hawwa!

Mee amma dubbii kaleessa bulfanne sanitti seeneen wanna tokko tokko ibsuuf yaala. Mootichi Oromoo Walloo sun, Mikaa’el erga dirree Duula Sagaleetti waraana Amaartota Shawaa, kan maqaa Abasiiniyaatiin of-waaman saniin boojiyamee booda, gara mana hidhaatti ergame. Kubeen ( kuusaa beekumsaa – “encyclopedia”) “Wikipedia” akka nuuf ibsetti: “Mikael was captured and put under the supervision of Fitawrari (“Commander of the Vanguard”) Habte Giyorgis, who confined on an island in Lake Chabo in Gurageland.”) , jedha. Eenyummaa Fitaraarii Habte- Goorgis kanatti booda deebinaa, mee amma waayee bakka mootichi Walloo itti-hidhame kanaa waa haa qulqulleeffannu! Achumaan waan hedduu seenaa Oromoo naannoo kanaa, irratti waa jedhamaatii: “Nutti dheeressite, mataduree kee gaddhiifte” faa mee naan hin jedhinaa! Maali isin qalama kiyyaa fi dirree inni waa irratti facaasutti, akka warra Mallas Zeenaa faa abbaa irree itti-tahuu feetu moo? Qas-qas–(“kkkk”)!

Dursee “in Lake Chabo in Gurageland.”, jedhame kun dubbii sobaati. Harri Caboo jedhamu, Biyya Guraagee keessatti ibsaanuu yoo barbaadame kan argamuu miti. Harri Caboo Biyyaa Oromoo keessattis, Biyya Amaaraa keessattis, addunyaa tana keessattis gonkumaa kan argamuu miti. Harri Caboo kan Biyya Guraagee keessaa jedhame kun, sammuu warra barreeffata kana bacancaree keessatti bacancaramee kan argamu duwwaa dha. Mee silaa barreeffamni kun waan “Caboo” jedhamu kaasee jiraa, isa irraa ka’uun harawwan (“lakes”) naannoo Caboo-tti dhiyaachuun argamanii haa barbaannu. Dursee Caboon kun maqaa gosa Oromoo kan Caboo jedhamuu fi biyya gosni Caboo kun irra qubate, tahuu isaa haa qalbeeffannu.

Gosni Caboo gosoolii Oromoo kan Sadan Liiban jedhamaniin karaa hundaan daangeffameetoo argama. Sadan Liiban jechaan ilmaan Liiban Maccaati. Liiban ijoollee Maccaa kanneen Shanan Maccaa jedhaman keessaa isa angafa. Liiban kun ilmaan sadii: Ammayya, Walisoo fi Kuttaaye hore. Ammayyi immoo ilmaan jaha waan horeef, Ja’an Ammayyaa, Waliso waan ilmaan afur waan horeef Arfan Walisoo, Kuttaaye ilmaan torba waan horeef Torban Kuttaayee jedhamanii beekamu.

Erga ijoolleen Raayyaa Walaabuu Odaa lamaan, jechuun: Tuulamni fi Macci walitti booyaa nagaan addaan bayanii, Macci naannoo Odaa Nabee irraa ka’uun, Korma Araaraa san ordofee gara baha biiftuutti qajeeluun dursee, naannoo amma Macca jedhamuu, jechuun naannoo magaalaa Giincii qubate. Naannoo mataa Laga Awaash (naannoo lagni kun irraa ka’u) jechaa dha. Achi irraa ka’uun Macci babaldhatee lafa hin qabatamne qabachaa, karaa lixaatiin Beegii fi Muggii irraan dabree hamma daangaa Sudaanitti, karaa kabaatiin hamma Goojjam (“biyya goojamaa”) walakkaatti, karaa kibbaatiin hamma Laga Gojobitti qubate. Akka aadaa Oromootti ilmi angafni qeyee abbaa fi naannoo sanitti hafa. Qixisuun immoo dabreeti, laga ceyeeti biyya hin qabatamne, dachee adiyyoo taate irra qubata. Kanaaf, ilmaan Maccaa keessaa angaftichi jechuun Liiban naannoo-dhuma obboleessa Maccaa, naannoo Tuulamaatti hafe. Egaayyis, harra Macca hundumaa keessaa Sadan Liiban kun, ilmaan Sadeen Tuulamaa keessaa: Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa fi Ada’a Waayyuu wajjin wal-daangessa.

Biyyi Sadan Liiban kun Laga Abbayaa irraa hamma daangaa Biyya Guraageetti, magaalaa Barooddoo ishii Olonkomii fi Giincii jidduu jirtuu irraa hamma lagattii fi magaalaattii Baabbichaa kan naannoo Geedoo fi hamma Tulluu Jibaatitti argama. Bakka dur yaa’iin Sadan Liiban haramee bayuun itti walgawu, kana irraa ka’een kan Haroo Hara Liiban jedhamuuyyu, kan amma Haroo Wancii jedhamu irra gara kaabaatti hamma Laga Abbayaatti kan qubate Torban Kuttaayee-ti. Karaa kibba-lixaatiin Ammayyatu qubate. Karaa bahaa fi kibbaatiin Afran Walisootu qubate. Lafa hedduu xiqqoo takka irra Haroo Hara Liiban kana irraa, karaa kibbaatiin gosni Oromoo kan Caboo jedhamu qubatee argama.

Caboon karaa kaabatiin Torban Kuttaayeetiin, karaa lixaatiin Jahan Ammayyaatiin, karaa bahaa fi kibbaatiin immoo Afran Walisootiin daangeffama. Lafti xiqqoon Biyya Caboo jedhamtu tun, kan uummataan gobbuu taate. Qeeyeen Caboo inni walitti maxxanee jiru, baadiyaa mitii magaalaa isa fakkeessa. Sanitti dabalee qulqullinni qeeyee, qulqullinni uffataa, bareedinaan qabamuun dhayii (oddoo – “garden”), biyya Caboo Markaatoo Shaggar mitii Piyaassaa durii yookaan Boolee harraa isa fakkeessa. “Gosoolii Oromoo keessaa kan sirriitti waliigalu, kan sirriitti waldhagawu fidaa”, yoo jedhame Caboon Booranaa fi Gujiillee dursee argamuun isaa hin oolu. Naannoon Caboo gobbina uummataatiin-llee jechuun nama iskuweer-meetira tokko irra qubateenis, Oromiyaa keessaa tokkoffaa tahuun isaa waan hin fane. Garuu, biyyattiin hedduu maddee (xiqqashoo) tan taate. Hammuma barruu kiyyaa geessi yoon jedhe, ijoolleen Caboo hollataa, unkuroo warqee fi asheeta dammaa waan na dhoowwatan natti hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba. Otoo Habashoonni Oromiyaa hin qabatin, yaa’ii gosa guddaa fi damee gosaa malees, yaa’ii Oromootu ture. Gadaa Oromoo jechaa dha. Gadaan immoo gubbaa irraa jalqabeeti hamma gosaatti jira. Kana keessatti biyyi abbaan duulaa inni yaa’iin filamee waggaalee saddeet bulchu, “lookoo” jedhama ture.

Oolee-bulee yaa’iin Sadan Liiban hafee, kan Ammayyaa, kan Walisoo fi kan Kuttaayee jedhamee qoqqoodame. Biyyi Walisoo kan abbaa bokkuu tokko qabu, abbootii duulaa waggaa saddeet saddeetiin filaman sagal qaba. Biyyi abbaa duulaa tokkoon abboomamu “lookoo” jedhama. Lookoon kun deebiyee “sangaa”-tti, sangaan immoo “laga”-tti qoodama. Warri Gondorii fi Manjee erga dhufanii biyya qabatanii, naannoo lookoo lamaa, yookaan sadiyii walitti fiduun “mikittil waradaa” jedhaniini. Naannoo “sangaa” jedhamuun immoo “baalabbaat”, isa “laga”-atiin “ciqaa shuum” jechuun “ciqaa -dhoqqee” isaanii, biyya Oromoo araddaa eebbaatti, dachee abbaa gadaa fi dachee haadha siiqqeetti dhoddhoobani. Duraan inni filamee waggaalee saddeet lookoo tokko bulchu “abbaa lookoo”, kan sangaa tokko bulchu “abbaa sangaa” kan laga tokko bulchu immoo “abbaa lagaa” jedhamaayyu. Amma silaa filmaanni fi nafxanyaan dugdaa fi garaa dhaa: jarri “yabaalabbaat baalabbaat” yookaan “mislanee”, “baalabbaat”, “ciqaa shuum” jedhamani. Biyyi Oromoos jechoota hin beekamnee fi afaan hin beekamneen weerarame.

Fakkeenyaaf, erga warraanni Minilik kan Goobana Dacceetiin durfame, inni oggaa lama waraana Afran Walisootiin, fardeem Afran Walisoo kan “Maaruu fardeen qilleensaa” jedhamuun daakuu tahee, Biyya Manjeetti oldacha’e sun, waraana isa saddaffa irratti idda waraana Oromoo Afran Walisoo qawwee ibiddaatiin cabsee, jagnoota Oromo kaan gorra’ee kaan manneen hidhaatti akka naqamaniif Ankoobaritti dabarsee booda, uummata afaan qawweetiin yaa’ii waamsisee: “abalu hardha irraa kaasee baalabbaata keessani; abalummoo ciqaa shuumii keessani”, jechuun muuduuf aggaame. Uummanni yaa’ee: “yaa Waliso, yaa Oromoo baddu baddi malee saree ijja hin dhiqanii, silaa goonni kaan dhumee kaan qabamee nus haa fixan malee, isaan bakka keenya ba’uun nuuf hin filani”, jechuun harkaatti dide. “Amaarri rakkannaan isinumti filaddhaatii abbaa taye nutti dabarsaa” jedheeni. Kana hundaa Oromoon keenya akkanatti cinqamee, garaa kutachuun kan dhumuuf murteeffate, waan Seerri Gadaa sun, seerri dhugumatti dimokiraatawaan sun dhiigaa fi lafee isaa keessa tureefi. Dabaleesoo waan hunda caala jaalala biyya ofii, Biyya Oromootii qabuufi. Harra nutis, dhaloonni qubees kana irraa barachuun biyya keenyaaf, harmee Oromiyaatiif jecha morma keenya kennuuf qopphaawoo tahu qabna!

San booda Oromoon keenya ijoollee warra abbootii bokkuu, abbootii duulaa, abbootii sa’aa, abbootii seeraa faa fi ijoollee jagnootaa kanneen waraana irratti dhumanii, kanneen filamuuf-illee umuriin isaanii hin geenye filachuun maqaalee isaanii fi kan warra isaan akka gorsituutti deeggaranii, Dajaac Layyee, Dajjach Naadoo (Naadaw) faatti kennani. Jarreen kun Amaartota Goobana Daccee jalaa fi kanneen jalaanis isa eegan turani. Oromoo keenyatu Amaara amana malee, akka Amaarri Oromoo hin amanne booddeen Goobana Daaccee faa ballaq-godhee nutti muldhisa.

Egaa, biyyi Afran Walisoo biyya lookolee sagal qabuu yoo tahu, biyyi Caboo immoo biyya lookoo tokkicha callaa qabu ture. Isaanis akkuma gosoolii Oromoo naannoo kanaa: akka Jahan Bachoo, akka Sadeen Sooddoo, akka Torban Kuttaayee, akka Jahan Ammayyaa, akka Caliyaa, akka Jimma Raaree, akka Jimma Tibbee, akka Noonnoo, akka Gaamoo Jibaat, akka Iluu Galaan faatti funuunsanii waraana Habashaa isa ibidda tufaa Biyya Gadaa qabachuuf dhufe san, dura dhaabatanii humna qawwee ibiddaatiin moyamuu dandayani. Kan biraa hafee Goobanni mataan isaa: “biyya kana homa moona, homa rukunna, homa fixna, inni borummoo akkuma kaleechatti deebi’ee nuun lola”, jechuun otoo hin beekin Oromoo Caboo faarsee jira. Kana irratti dubartoonni Caboo akkuma dubartoota Kurnan Gullallee-tti shoorri isaan diinaa biyyaa ofirraa ittisuu keessatti qaban, kan harraafillee fakkeenya cimaa nuuf tahuu dandayu. “Dhiira fixxee Biyya Oromoo qabattaa? Cabittiitu (dubartii Cabootu) dhuma malee, biyya keenya hin qabattu!”, kan jedhumu ani warra Caboo irraayyii mitii, warra ollaa isaanii Oromoota Afran Walisoo irraayyin dhagye.

Abbaan gadaa Walisoo, Ammayyaa fi Kuttaayee faa “abbaa bokkuu” yoo jedhamu, kan Caboo immoo “mootii” jedhamuun beekama. “Mootiin” kun isa akka warra “gadaa-gattee” Macci jedhuun, yookaan isa Tuulamni “saldhee” jedhuun, warra seera gadaa irra ijjachuun of-aangesse otoo hin taane, nama waggaa saddeet saddeetiin yaa’ii caffeetiin filamu. Seenaa Oromoo Caboo kana otoo hin xumurin, waan tokkon itti-idayuu fedha. Namoonni tokko tokko kan seenaa Oromoo Caboo hin beekne, Caboo kana yoo fedhan Guraagee, yoo fedhan immoo abbaa fedhan taasisuun nuuf dhiyeessu. Kun akkuma warri Habashaa Oromoon Biyya Hindii irraa dhufe, Madagaaskaar irraa, Faransaa irraa faa jedhan sani.

Lammiiwwan (qomooleen) Caboo naannolee addaddaa irraa dhufuun biyya Sadan Liiban keessaa, kan Liiban eebbisee ilma isaa Walisoof kenne keessa qubatani. Kanneen dhufan kun nagaa fi nageenyaan dhufuun achi qubatani. Walisoo biyya fardeeni fi biyya loonii-ti. Bakki amma Caboon irra qubate kan immoo horsiisa kanneen lamaanitii kennataa miti. Qotiyyoonillee qotachuuf kan mijaawaa hin taane ture. Kanaafuu, miseensi gosa Walisoo tokkoyyuu hin buqqifamne jechaa dha. Lammiiwwan Oromoo Caboo kun kaan: biyya Oromoo Sooddoo irraa dhufne, kaan naannoo Oromoo Barentuu irraayyi dhufne, kaanimmoo kan akka lammii Namajaara jedhuu Meettaa irraa dhufne jedhu. Lammiiwwan hedduu xiqqoo tahan immoo rakkoof jecha Biyya Guraagee irraa dhufuun Oromoon hammatamnee Oromoomne jedhu. Biyyi Caboo kun Biyya Guraagee waliin timjii (daangaa) tokkoyyuu hin qabu. Jidduu isaanii Oromoo Afran Walisootu jira. Caboon kan Namajaara faa irraa hafe, hirmaata Oromoo keessaa Boorana mitii Gabaro jalatti ramadama. Caboon Afaan Oromoo fi aadaa Oromootti boonuun, qarriffootti qabatee jiraachuun Oromoota Jahan Ammayyaa fi Afran Walisoo fayiin dinqeeffatama.

Jarri kubee kanaa olitti tuqame keessatti hara Caboon hin qabne, Caboof uumuun, achumaanis Oromoo Caboo boonaa fi boonsisaa kana Oromiyaa biyya abbaa isaa irraa ajuun buqqisanii, Biyya Guraagee keessa qabachiisuun kun hedduu nama maalala (dinqa). Barreessitoonni Habashaa fi Faranjoonni micuuwwan isaanii harrallee, bardhibbee 21-ffaa irrattillee sobanii sobaan seenaa sobaa barreessuu, homaa hin dhiifne jechaa dha. Haatahu malee, qalamni sobaan sobaaf dhaabate kun qalama dhugaa, qalama dhaloota qubee fi dhaloota qubee duraatiin qullaa isaa akka dhaabatu abdiin qaba!

Harawwan naannoo Oromoota Sadan Liibanii fi Oromoo Cabootti dhiiyaatan lamatu jira. Isaan Calalaqa Dandii fi Calalaqaa Wancii-ti. Lamaan kana keessaa bakki mooticha Oromoo Walloo itti-hidhame, Calalaqa Dandii kan uummataan Dambal Dandii jedhamee beekamu. Dandi biyya Oromoonni Afran Walisoo qaban saglan (jechuun lookoowwan sagal) keessa isa tokko. Dandi biyya Walisoo kan hedduu fardeen horsiisu keessaa isa tokko. Danditti namni fardeen horsiisu kan qalaamaa (farda dhalaa) 2o faa, 30 faa qabutu jira. Dabalees Dandi biyyoota (lookolee) sadii kan duraan kutaa dur Jibaati fi Macca jedhamu, kan harra immoo “Godina Shawaa Lixaa” jalatti argamu keessa isa tokko. Isaan kaan Qaqaldhii fi Bodda. Boddii fi Dandi kun lookolee Afran Walisoo keessaa isaan gara kaabaa irratti argamani. Lachuu karaa kaabaatiin Oromoo Torban Kuttaayee keessaa Abeebe, biyya Hasaquu Horaatiin daangeffamu. Abeebe biyya qeerransootaa, biyya Zoogaa Boojiyaa Haquu Horaa fayi.

Magaalaan Boddaa kan handhuura Lookoo Boddaa irratti argamtu, bakki dhaloota Looret Xaggaayee G. Qawweessaa, magaalaa Gincii irraa gara kibbaatti wantee 21 fagaachuun argamti. Karaa kanaan daangaan biyya Afran Walisoo magaalaa Giincii irraa wantee 16 irratti argama. Dandi naannolee Waaqni karaa hundaan jifaaree Oromoo badhaase keessaa isa tokko. Gooroon Dandii (“mountain range”) kan garaa waaqaatti (samiitti ijaajju) nama Finfinnee-Shaggar irraa ka’ee, Ambo yookaan Naqamte dhaquuf, magaalaa Koloboo (“Mannaagashaa”)kan handhuura Shaggar, Birbirsa irraa wantee 30 duwwaa fagaattee argamtu irraa hamma magaalaa Meexxii ishii Ambo cinaatti nama fuuldura deema. “Akka Jimma Abbaa Jifaar hin argineef Gooroon Dandii fi Tulluu Cuultaa Gurree Birqii nu dhoowwu”, jedhu jaarsoliin Oromoo karaa kanaan konkolaataan gara Ambootti konkolaatan. Gooroo Dandii kana jalaan karaa kibbaatiin urufni hedduu baldhaa fi caffeen, dhiyaanni fardeenii ijaan lakkaawamee hin dhumne diriiranii muldhatu. Harri Dandii jechuun, Dambal Dandii kan bakka tokkotti iddoo lamatti hiramuuf, mundhii isaa kan akka lakkoofsa saddeetii (8) jiruu san akka addaan hin baaneef dhoorka. Lagni Hulluuqaa hara kana keessaa bawuun yaa’ee, yaa’ee magaalaa Amboo keessa bawuun Laga Dabbisitti, Dabbis immoo Laga Gudaritti, Gudar Laga Mormoritti (Abbayaatti) dabalama.

Egaa, Abbaan Iyyaasuu jechuun Mikaa’el mootichi, kan hidhameeyyu Biyya Guraagee keessatti otoo hin taane, Hara Dandii isa handhuura Oromiyaa irratti argamu keessatti. Maaf, gara biraa irra Dandi lafa hidhaa mootichaatiif filatame, kanas eenyutu file, isa jedhu irratti boru deebinaa mee nagaan naa rafaatii, abjuu nagaa, abjuu bilisummaa fi abjuu walabummaa Oromiyaa teenyaaf abjootaa!

Itti-fufa —!

============== // ==============
Kana illee ilaalaa.

SEENAA OROMOO IRRATTI QABXIIWWAN TOKKO TOKKO – 1

Oromoo Alaa-manni, waatii-maatiin nagaa dhaa?

Bareeffama akka nuti dubbifnuuf, “wikipedia” irraa nuuf ergiteef mee hedduu galatoomi! Kana malees, kanneen biroo kan Oromoo fi Oromiyaa ilaalan mandhee “wikipedia” tana irratti babbaafamaniiti jiru. Dogoggora hedduus of-keessaa qabu. Akka sirreeffamuuf nuti karaa addaddaatiin gaafachuu qabna. Mee ammaaf isuma ati nuuf dabarsite kana irraa haa kaanu.

Dursee jechoonni, sagaleewwanii fi dubbiin gariin akkuma warri Amaaraa yookaan deggartuuwwan isaanii, warri Faranjii kaayanitti dhiyaate. “Boruu Meedaa” kanallee warruma Amaaraatu jedha. “Urufa Booruu” isa Oromoon jedhu sani. Loon Oromoo kumaa-kitilaan urufa (dirree sonaan baldhaa) keessatti yaa’an sanitu, urufa caffee qabu, kan baccee qabu miilaan keessa yaa’uun booresse; akkuma loon oggaa karaa malkaatiin laga ceyan kotteen bishaan booressan san jechuu dha. Maqaa namaa fi lafaa baasuuf eenyutu Oromoon qixxaataree? Urufa Boombii-woo beektaa yaa Tolchaa kiyya! Yaa ilma Oromoo isa otoo akka hardhaa hin taane, dur jabana Mallas faa harree ooffatanii, kilaashoo fannifatanii biyya keenya seenan
san ati tolchitee lolte, yaa Tolchaa koo. “Urufa Boombii” kana warra duraan qawwee Faranjii irraa kandhaan argate san fannifatee warraana Oromoo Kurnan Gullallee ollachiisaa san, cabseetoo qeyee jagnichaa, qeyee Tufaa Munaa dhuunfate santu, ee warra abbaa geeddaraatu Amaaromsee “Jaan Meedaa” jedheeni. Akkuma Finfinnee-Shaggar-iin “Addis Ababaa” jedhan san jechuu kiyya. “Urufa Boombii” kan jedhameef, waan loon Gullallee achitti bobbayanii, urufni sun dhoqqee loonii (faltii) hedduu qabuuf, boombiin (“beetle”) itti-yaatee uursaa ooltuufi.

Akkanuma inni: “Battle of Segale ” jedhames, akkuma warri Amaaraa maqaalee namaa fi lafa Oromoo jallisaniitoo babarreessan sanitti. Sagalee-n kun urufa baldhaa handhuura Shaggar, Birbirsa (“Piyaassaa”) irraa gara wantee (kiilomeetira) 60 fagaatee jalqabamu. Yoo biyya Oromoo, Wallo dhaqxa tahe, Piyaassaa yookaan Markaatoo irraa kaatee, masaraa amma haati manaa Mallas keessaa hin bawu jette san, jechuun Masaraa Tulluu Daalattii gara harka mirgaatti dhiiftee Laga Awwaaree ceetee, gandi sun awwaaraan uuffata kee, isa qeyee obboo Abboomaa (Obaamaa) irraa bitame kana, akka si jaalaa hin xureessineef eeggachaa, xiqqoo turtee Laga Qabbanaa, isa embasiin Jarmanii faa qarqara jiru ceeta. Argitee, amma otoo warri Minilik gosa Oromoo Eekkaa achi irraa duguuguu baatanii, laga kana irratti biyya Oromoo Gullallee dabritee biyya Oromoo Eekkaa seeneta jechaa dha. Amma Mikaa’ela Eekkaa isa odaan guddichi bakki yaa’ii fi tolchi warra Eekkaa itti-godhamuuyyu irratti ijaarame kana bira kuttee, Kotobee warri abbaa jajallisaa jajallisee “Kotabee” jedheen san, jechuun Kotobee jecha “kotoba” jedhamu, kan hiikkoon isaa “biyyee diimaa”, Kotobee – “lafa biyyee diimaa” bira kuttee, Garjii, Boolee fi Gaara Erer gara harka mirgaatti doowwachaa (Doow’achaa), Tulluu Qabbanaa gara harka bitaatti dhiiftee, Kaarra (“mountain pass”) Halloo qaariwuun: “nagaatti yaa Shaggar koo!” jechaa garuma otobusiin xurumbaa afuufaa Oromoo kee kanneen midhaan, aannan, dhadhaa, damma, indaanqoo, buupphaa, qoraan, hoolotaa fi wanneen biroo Finfinnee-Shaggar geessuuf yaa’an san bira kuttee, tabba gadi buutee, Laga Xaafoo fi Ganda Xaafoo keessa baatee, Gandaa fi Laga Daadhii ceetee, boombaa bishaanii isa laga kana irratti hojjatamee silaa Mallas sokkee, Asteer isaa bishaan qulqulluu obaasu san gara harka mirgaatti, gara fuula Bishooftuu-tti dhiiftee adeemsa kee itti-fufta. Amma wantee 30 irratti magaalaa Sandaafa jedhamu, kan keettoowwanii (basaastonnii) fi foolisoonnii Habashaa bara Mootichaa irraa kaasuun achitti leenjifaman bira kuttee, wantee 45 irratti magaalaa Bakkee kan dhadhaan Walloo inni Baatii, Daawwee fi Kamisee irraa dhufuu achitti gurguramuu keessa baatee, “nagaan yaa biyya Oromoo Eekkaa!” jechaa xiqqoo deemtee biyya Oromoo Afran Abbichuu, kan asiin Abbichuu Galaan jedhamu seenata. Xiqqoo deemtee Urufa Sagalee bakka waraanni Amaaraa waraana Oromoo Walloo itti-cabse san, ee isaan “galata qawwee Faranjii” haa jedhanii geessa.

Waayee Duula Sagalee kanaa oggaa jaarsoliin naannoo Tuulamaa sitti himan imimmaantu si qaba. Oromoon otoo fardeen akkasii, jagnummaa akkasii qabuuyyu meeshaa Habashoonni maqaa amantiitiin, maqaa Yesuus Kiristoo-tiin Oroppaa irraa argataniin cabuu isaatu si guba. Warri Amaaraa Duula Sagalee kanaan maal maaloo faa haa jedhanii, Oromoonni Oromiyaa Waltajjii duula kana akka duula Oromoo fi Amaara jidduutti taheetti kaayu. Raas isaani, Habta-Goorgis Dinagdee (Qusee Dinagdee) waan waraana san gaggeesseef, kan Oromoo hin tahuu, “kan keenya isa qawwee ibiddaatiin moyame, isa kan Oromoo Walloo sani” jedhu beektonni Tuulamaa fi Sadan Liiban faa!

Agartee Oromoon keenya waraana diinaa yoo moye, buujuu san qaamaa fi qalbii isaa hin jeequ. Kana Seera Gadaa fi amantii isaa kan Waaqeffannaatu dhoorka. Kiristaanonni “keenya” warri Amaaraa erga meeshaa Oroppaatiin fardeen Oromoo Walloo akka qilleensaatti bararan sanii fi Oromoota Walloo onnee Leenjisoo Diigaa fi Amoosaa Tuqaa faa qaban san, akka okaatti haamanii kaanimmoo boojiyanii booda, abbaa Iyyaasuu jaalatamtichaa, leenca Duula Adowaa amma isaan ittiin-oftuulan san, Mikaa’el Mooticha, jechuun Imaam Mahaammad Alii Abbaa Bulaa kophee irraa baasuun miilatti sansalata hidhanii, gateettiitti dhagaa baachisaniitoo Shaggar keessa deemsisani. Booda Mikaa’el Mootichi eessatti, eenyu faana akka hidhame faa borun itti-deebiyee waa jedhaa, mee amma nagaan naa buli, naa bulaa!

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

2 comments

  1. Ilmaan kuttaayee,walisoo Fi Jan ammayyaab nuu himtee

  2. Ilmaan kuttaayee,walisoo Fi kan ammayyaa otoo nuu himtee