Oduu Haaraya

Dhaabbii Keenyaa fi Kan Isaanii

 

Dhaabbii Keenyaa fi Kan Isaanii

Dur dur bara barreessaan kun yero ijoollee ture namooti “Polotiikaa” (malbulcha) akka soba jechuutt ilaalu turan. Ilmoo namaa nagaan ni shakala hin se’amu. Kan baratan sana furaa gowwaatt ilaaluun ogummaa bulchaa godhanii dhiheessu. Gadaa kanatt yoo ilaallu furaan jara “gowwaa” kan dhugaatt hiiqu fakkaata. Kanaaf sobi dhugaa ta’eera. Kan aangoo, qubqabsiisii fi horii harkaa qabu sobee galuu danda’a. Yoo abbaa hirrooti bubbucuun waa’ee gocha yk abbaltii yakkaa saanii bu’aa ofii yk kan murnaa fudhachiisuuf soba adii gad dhiisanii mirkanii fi herrega mimicciran argan nama hin dhibu. Heeroti, qajeelfamootii fi ajajooti kan bahan abbaawummaa fi itt gaafatama abba abbaa agarsiisuuf jedhameetu, garuu dhugaan saa golgaa foddaa, laaqii duba jiru dhossuu tolfamani. Iyyaatiin finnaa fi qubqabsisoti gad dhiisan utuu yaada saanii fi madda saanii hin mirkaneeffatin liqimfamuu hin qabani. Caalaan saanii sobaa. Buusaaleen itt haanan gara garummaa walabummaa barbaachuu fi finnaa empayera demokratessanii akka jirutt tursuu agarsiisuufi.  Garagarummaa kaayyoo taliila gidduu saani jiru juujuu qofatu hin argu. As irratt “keenya” jechuun kanneen walabummaa leellisan, “isaanii” jechuun mootummaa fi mormitoota amanamoo saa fi amanamoo ta’uuf deeman jechuufii.

Qabee saaf utuu hin ta’in akka inni itt tolfamee jedhanii dhaabi Oromoo maqaa qaban heera Itophiyaa hofkalchan hin turree. Ummati nan tajaajila inni jedhu tolcha saa irratt qooda hin fudhanne. Kanaaf danbii keessaa dhaaba tokkoo irraa waan wayyu hin qabu. Dhimma tolfameef, seeraan bulmaata fakkeessuu,  tajaajileeraa, tajaajiluttis jiraa. Saanan hawaasa addunyaa, kan gargaarsa haala duree malee kennaafii bahe komee irraa oolchuuf, sirni gola hedduu labsamee ture (ango 56).  Jecha Habashaa “Indaayamaahi xiraawu, indayibalaa gifaawu” (Akka si hin komanne waamii, akka hin nyaanne dhiibii) jedhutt  dhimma bahanii kan barbaadan keessaa hambisuu akka dandahan waan beekaniif itt hin canqamne. Kanaaf kennata gufachiisuun galmeeffamuu duraa jalqabee hanga darbansa duubaatt yayyabamee shaakalamaa ture. Sirna empayeraa irraa kana caalaa wanti eegamu hin jiru. Kennata qajeelaa fi bilisi hafee nagaan jiraachuu eeggachuunuu dordhummaa dha.  Bulchooti akka wareegama saaniin aangoo argatan yeroo hunda beeksisuu.Yoo barbaadde akkuma keenyatt argadhu jechuu saaniiti. Karaa kanaan abaabilee saanii “shiftoota” irraa adda addummaa hin qabani. Yo dirqaman malee Habashaan waan dudhaa saanii fedhaan yoomuu gadi hin dhiisani jechuu dha.

Kanneen heericha tokkummaa empayera kolonii Habashaa labsu fudhatan Wayyaaneen demokraatoftee dhiistee akka jarrii dhihaa jedhanitt “mormituu amanamtuu” ta’uun galmeeffamaniiru.  Seena Habashaa keessatt mormituu tahu kan jedhamaniin yeroon itt waldandahame hin turre.  Angoo kan fudhatu mormituu didaa qofaa. Kana mirkaneessuuf seenaa saanii Teedroosii kaasee hanga hardhaati kan nagaan angoo waljijjiran dhibuu ilaaluun ni gaha. Empayerri uumamuun dudhaa sana caalaatt gad jabeessee. Utuu buusaa qaama saatt hin caccabin seenaa keessatt empayerri demokratawe hin jiru. Kanaaf irbuun mormitootaa, hundaaf demokraasii fiduu, agarsiisa daguutii. Seenaa sana jijjiiruuf wareegama baasuun qooda koloneeffatamaa mitii. Akeeki mormituu seenaa sana jijjiiruu utuu hin ta’in kan aangoo irra jiru bakka bu’anii jajjabeesuu dha. Haasaan waa’ee demokraasii holola kennataatt akka minyaawu godhuu qofaa. Qabsoon cunqurfamaa gooftolii gidduu filachuuf utuu hin ta’in birmadummaa ofii gonfachuufii.

Gabaabaatt garaagarummaan mormituu amanamtuu fi sochiin walabummaa, sochooti walabummaa ummatooti hundi  nagaa, birmadummaa fi walabummaa akka barbaadan amanu. Kana argachuuf dura qabaa diinaa fi hacuucama jala bahuu qabu. Waa’ee ummatoota kolonummaa jala jiranii fi saba koloneeffataa yaaduuf tokko tokkoon saanii of bilisomsanii olla waliin dhoofsisuuf fedha walaba qabaachuutu irraa eegama. Oromoon kanneen akka walqixeett wal ilaalani fi fedha walii walii ulfeessan wojjin diriira dhoofsisaatt dhihaachuuf rakkina hin qabu. Yoos qofa kan isaan hariiroo saanii fuulduraa hala duree malee waliin dhoofsisuu kan danda’an. Mormituu kaan kaan Oromoon bilisummaa kanneen biraaf loluu fi empayericha demokratessuu irratt qooda fudhachuuf dirqama qaba jedhu. Walabummaa Oromiyaa ni mormu. Akeeki afoo mormituu amanamtuu mootummaa angoo irra jiru, Wayyaanee, fonqolchanii bakka bu’uu dha.

Sochoota walabummaaf qabattee guddaan mootummaa fonqolchuu utuu hin tahin empayera diiganii bilisummaa kanneen jala jiranii mirkaneessuu dha. Sun dhoofsisaan yk qabsoo hidhannoon dhugoomuu dandaha. Waan hogganoota empayerichaa ilaalutt turfachuu haa tahu kosiitt dabuun dhimma ummata saniiti. Oromiyaa walabi yoo gaafatame olloota karaa saanii barbaaduu irratt gargaaruu danda’a malee bulchoota hin filuufii. Tokkummaan ofuma saan nafii fixataa hin qabuu, yoo kan tokkoomuuf deeman fedha fixataa qabaatan malee. Akka biraatt, walqixxummaa ummata hundaa fudhachuu, mirga saanii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu fi seeraan bulmaataa fudhachuun haala waa hunda dursuu qabu.  Sochooti bilisummaa, dhibamuun mirga murnaa, mirga abba tokkootaa irratt dhiibbaa qaba jedhu. Kanaaf tokko kan biraa malee dhahamuu hin danda’uu. Mormitootaaf mirgi abbatokkee kan murnaa sirreessuu dandaha. Sana jechuun isaan waa’ee mirga abba tokkee waliigalaa malee kan walabummaa Oromiyaa hin dubbannu jedhu. Gaaffii sabaa, waldaa dubartii, waldaa qotee bulaa, iddirii kkf waliin tarree galchu.

Sochooti bilisummaa yoo koloneessitummaan see hin raawwanne Itopiyaan demokratawuu hin dandeessu jedhanii amanu. Kan mootii amma jiru bakka bu’u fedu, bulchaan isaan addda tahuu hin dandahu. Empayerri humnaan malee hin bulfamu. Kan Wayyaanee bakka bu’u hundi tokkummaa empayeraa humnaan tissue malee dhugaa amma jiruun utu diddaa sabboonotaa gara jabinaan gadi hin qabin bulchuu hin danda’u. Kanaaf maqaa jijjiiruu yoo hin ta’in ummatoota Itophiyaaf garagarummaan fidan hin jiraatu. Kanneen hawaasa sabgidduu fi sabboonotatt sagantaa keenya gurgurre gargaarsa argamsiifna jedhan isa angoo irra jiru hanga nama locutt komachuu fi tokkummaa tokkummaa jechuu malee qurrama gurguddaa jiruuf filmaati dhiheessan hin jiru.  Xaxaa dudhaa imperial beekamaa irraa gargar of baasuu dandeenye. Gaagaa barbaachisu fudhatanii gargar bahuu irra, lakkuu walitt maxanani dhalatan tahanii hafuu filataniiru.

Akka maqaan saa agarsiisutt ABOn bilisumaa Oromoof dhaabbata. Ilaalchi addunyaa inni qabu akka sagantaa malbulchaa saa irratt agarsifame. Amantee jabaa kan Oromiyaa irratt saba Oromoo qofatu moo’ummaa qaba jedhu irratt hundaawaa. Kanneen danuu seenaan jiraattota Oromiyaa tahan biroon hanga moo’ummaa Republika Walaba Oromiyaa fi heera see fudhatanitt Oromiyoo dha. Egaa qabsoon ABOn gaggeeffamu mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabaa hanga walabummaati Oromiyoof mirkaneessuuf. Dhoofsisi mirga Oromiyoo kana hin beekiniif, dhaloota sammuu walaba qabu kamiinuu fudhatama hin qabaatu.  Kanaaf rifaatiin firii hin qabne boonaa fi jibba hin taane irratt hundaawe kan gargaaru wal dhaala abbaa hirrootaa, nagaa, tasgabii fi misaa godinichaaf hubaa tahe qofaa. Itt fufa empayeraa raggaasisuuf bara kana illee kanneen tuqii tahan, Oromoo fi halagaa nagaan waliin jiraatan walitt naquuf yaalan jiru. Kanaf keettoo ofirroo ummata nagaan jiraatan gidduu facaasaniiru. Isaan sun namoota nagaan jiraataan Oromoo isaan dandahe jirachise tuffachuu fi salphsuutt akka bobba’an kakaasuu yaalaniiru. Hamaa gahun jarjaraan hubamuu dandaha. Tuqiin adaba seeraa jalaa miliqxuu fi  kanneen halaalaa tuttuqan saaxilamuuf bara eggatu. Oromiyoo nageeyyiin waliin jiraataa qabsoo bilisummaa fi misooma Oromiyaatt bobba’u dandahu.

Oromiyaan yeroo hin beekamnee kaasee biyya seeraan bulmaataa fi Gadaa demokrasii turte. Akeekota sana kan qabsaawota Oromoo masaku. ABOn nagaa fi gamtaan olla fi addunyaa waliin jiraachuuf deggeruu saa mirkaneesseera. Tokkummaan malbulchaa dantaa sabaawaa walii waliif kabajuu irratt hundaawe ummachuun akka dandahamus lafa kaa’eera. Tarsimoon saa qabsoo nagaa fi barbaachisaa yoo ta’u hidhannooti.  Haalli Itophiyaa keessa jiru qabsoo nagaaf waan hin tolleef 1974 ka’ee qabsoo hidhannoott bobba’e.  Ala hedduu rakkina jiru nagaan furuu yaalee hin milkoofne. ABOn buubaa hidhatee dhufe ummata irraa facisa malee ummata hin hidhanne nagaa irratt harka saa kaasee hin beeku kunis daafa sanaan dhufu sodaachuun utuu hin ta’in seera dudhaa Oromoo fi aadaan safuu waan ta’eefi. Oromoon dirree diliitt namaa hin hilu ta’a isaa alatt garuu boojuuttillee hin bu’u. Oromoon nammi hundi akka dudhaa saatt obbolummaan mirga walqixeen yoo itt dhufan ni jaaldhata. Oromoof fedha ofii kan biraa irrati fe’uun daba.

Akka olitt himamett ABOn dhaabbii kanneen mirga Oromoo hiree ofii ofiin murteeffachuu fudhatan waliin waldhibdee nagaan fixachuu agarsiisaa dhufe. Kun mirga ilmoo namaa halle dhuunfataa eenyuu hin qoqobamne tahuu amana. Kora Paris 1993 irratt mormitooti mirgicha erga fudhatanii Kora Shaggar irratt argamuuf waliigaluun kanaaf ragaan tokko. Garuu mootummaan miseensa jila saa yoo hidhu waligaltechis murnoota mormitootaa walgahaniin ni ganame. Heerri fakkeessaa kan aangoo irra jiruu bilisummaa walgahii tumeera; garuu hojii irra olchama jedhee dhooftuu sobaa irraa enyuu hin eeguu. Kanneen bulcha jiru bakka bu’uuf dharra’aa jiran aangoo tumaa kanaa hagam soba tahus ni mormuu. Wayyaaneen hojii irra oolchee dhiisee aangoon heera saa 39 tumaa mirga ilmoo namaati. Sun maaf heera irra ta’aa jedhanii  mormuun eenyuufuu namummaa bahuu yoo tahu sun ilmaan koloneeffamoon mormame taanaan gantummaa taha.  Malbulcheessitooti Habashaa kan aangoo 39n mormaniif eenyummaan kolonooti addatt qaban isaaniin ukkaamamaa bahe akka hin beekamneefi. Yeroo kolonooti takaallaa kutatanii lamuu itt hin deebinu jedhanittt isaan hardhallee dubbee saanii fudalii imperiyalummaa irraa gargar bahuu hin dandeenye.

Ilaalcha duubatt hafaa akkasiiti akka ummati Afriikaa sagalee tokkoon hin dubbatanne kan tolche. Afriikaan si’ ana keessa deebii kolenoomaan doorsifamaa jirtii. Fageessanii ilaaluu dadhabuu saanii qofa utuu hin ta’in humnooti garba gamaas akka isaan afaan tokkon hin dubbane fedhu. Afriikaa keessas keetoleen isee gurgurachuuf qophawan jiru. Ummatooti naannaa rakkina gidduu saanii jiru gad ta’anii dhoofsisun furmaata argamsiisuun amma. Gurguddooti Habashaa durdurii surraa saanii durii gatanii kan darbe sirreessuun  hundaan nagaa buusuuf hordoftoota saanii masakuu qabu. Gaaffiin tokko tokkoon murnootaa gaafatan deebi utu hin argatin ejjennoo saanii aarsaa guddaa itt baasaa dhufan jijjiiru jedhanii eeguun gowwummaa yk tuffii dha. Wal qayyabachuuf yaadi toolaan jiraannaan nagaan ni bu’a. Ummatooti Afrikaa yoo harka walqabatanii ka’an qabeenya jarri kaan gorora coccobsaniif irraa buufachuu fi akka xaxaa sadoo kukutan gargaaraa.

Aanga’ooti fi diinagdooti guguddoon addunyaa, namoota mirga ilmoo namaatt roorrisaniin bulfamanuu haalli biyyoota  Afrikaa keessa jiru akkuma jirutt turuu saa  barbaadu. Kaan kaan kan sababfatan dhimmaa keessaa biyyootaa quba hin keenyu kan jedhu. Garuu yero jaraaf meeshaa lolaa, leejjisa fi bajeta ittisaa fi qaruuteef kennan hangammeessa walfakkaataa hin hordofani. Hanga dantaa saanii eegsisaniifitt hallekaas (mootora) abbaa hirrummaa cululuqsuu leellisuu. Afriikaa kan dhufan qabeenya see bolquufi malee gadadoo ummata see dandamachiisuuf miti. Saamtuu, ummata seeraan abbaa itt ta’e qabde waliin akka dubbachaa jiran itt hin dhagahamu.  Dhiheenyuma kana bakka Ministeera alaa FAT (USA) waliin walgahaa turan irraa mayila shantama caalaa hin fagaannett qalooti Finfinnee barattoota Oromoo, barsiisota, cireessota fi ijoollee lakkoofsa hin qane gad ciraa turani. Namoota dhiiga ummata bulchanii lolaasaa jiran akka lolaa walfakkaataa Sudaan kibbaatt tahaa jiru dhaabsisan mari’atanii ka’an. “Dajaach Habtee egaa hin galtee sattee boongaa galafatee dubbiin busee karaatt haftee?” jedhan jedhama warri Anfilloo.

Sabbonoti Oromoo addunyaa keessa jiran hundi aarii saanii mootummoota anga’oo hundatt ifsataniiru. Iyyaatiin sun utuu jiruu qaliin ijoollee Oromoo walgahii “US-AFRICA Leader Summit” jedhamu galma mootumma Amerikaatt afaramani. Hunduu akka walii waan ta’aniif kan ijoollee qaluu waliin hin teenyu jedhanii hogganoota Afrikaa keessaa kan morman hin turre. Hariiroon sabgidduu jabinaa fi beekumsa taatotaa irratt akka hundaawuu beekamaa dha. Kan murna dadhabaa hin amanamne miiltoo godhatu hin jiru. Garuu sun yakka oofkalchuu fi mataa “shororkeessotaa” bashannansiisuuf hayyama hin kennu.

Oromoon amantoota guguddaa hunda of keessaa qabu. Gamummaa fi karisummaan hin beekamani. Caalaan saanii gidduutt of harkisu. Hamajaajoti Oromoo baayyina lakkoofsa nambiyyoota Oromiyaa mosliman irraa ka’uun addunyaa baragsiisuu yaalan jiru. Jechi mirkanii hin taane irraa ka’u hundi murtii dogoggoraatt geessuu dandaha. Karisummaan nagaa addunyaa qofaaf hamaa kan ta’u osoo hin taanee warraaqsa Oromoo ol adeemaa jiruufillee hubaa dha. Kanaaf akkuma kan Oromiyaa qabatee jiru of irraa kaasuuf godhu karisummaa kara fedhee dufus dammaqee eeggachuun dantaa saatii. Bulcha Itophiyaaf kan hacuuccaa saan mormu hundi “gooltuu” dha jechuun akka hundi gurra qeensu tolcha. Gaaga’amtooti kanaa garri caalaan sabboonota Oromooti. Ragaa qabataman utuu hin jiraatin deggertuu gooltuu jedhamanii booqaan itt maxxansame jira. Kun duubatt dhiittachuun, itt bahisaa kan se’an irraa fagoo akka tahuu ifaa dha. Nammi tokko hagam sarmaa ta’ullee yeroo keenyanitt hirkifamu hobbaatii saa kan beeku hin jiru.  Akki itt dhalootee of oolchuun nammi deebii itt kennu mancaasaa fi kan kanaan dura hin argamne ta’uu dandaha. Gadooda Oromoo dhaggeeffachuu dhabuun miira saanii jijjiirisuu akka dandahu beekamuu qaba.

Beekumsa nama taraaf “gooltummaan” haala dursee hin beekamne haleellaa utuu hin yaadin nama nagaa hin hidhanne irratti bakka fi yeroo isaan abjuunuu hin yaadnett tolfamu. Kun buta, dhoosa, sagaleen sodaachisaa yk ajjeechaa haamaa fi laala qabeessa ta’uu dandaha. Sun karaa fedheyyuu qabsoo ummataa roorrisaa ofirraa ittisuuf tolfamu dabalachuu hin qabu. Si’ana garuu furaan saa kan roorrisaa irratt qabsoo hidhannoo gaggeessan hunda akka golgu godhamee jira. Aanga’oo gurguddan “Goolii” irratt lola gaggeessaa jiru. Dulaaf miltoon fedha qabu ni hawwatam. Kana irraa kan ka’e bulcha roorrisootaa kan maqii “gooltuu” jedhu dhahaniin salphaatt gowwomuun duruunfatanii gochaaf sardamuu dandahu. Utuu namoota aangoo irra hin jirre hunda jechuu ta’uun fixaqacceett hin geessinii fi midhamtoota hamaa caalaatt hin dhiibin maal jechi shororkaa (goolii) yabboo sabgidduutt furamuu gaafata. Kan malee hariiroo sabgidduu hubuu dandaha.

Oromoon akka sabaatt yk dhaaboti malbulchaa saa namoota nagaa sanyii fi amantee kamuu irratt harka kaafatanii hin beekanii. Yoomallee dirree dilitti jannummaan saanii daangaa hin qabaatin gooltuu ta’uuf miira sabaawaa akkasii hin qaban. Kanaafi maqaballeessa diinaaf qaammi sadaffaan raga bahu kan hin jirreef. Malbulchessoti Addunyaa caba mirgi of ibsuu namoota hanga tokko irra hidhaa gaheef mootummaa yoo balaaleffatan ni dhageenyaa, garuu Oromoo kumoota sobaan  gooltuu jedhamanii hidhaatt guuramanii fi ajjeefaman callisanii darbuu filatani. Bu’aan waatattaa kan isaan nafii keenya ulfooo jedhanii dhaadatan caaleef jechuun malbulchi kaayyoo irra haanuu jechuu dha.

Golooti malbulchaa tokko tokko “Kiristiyaan Demokratic” jedhamaniif seefiin kirri namatt hidhu jechuumitii. Akkasumas yoo sochiin bilisummaa Oromoo “Adda Islamaa yk Adda Waaqeffannaa kkf. Bilisummaa Oromoo”yoo ofiin jedhe addatt ilaalmuu hin qabu. “Islamist” kan jedhaman ijaarsa sabaawoo mitii. Sabgiddeessoo dha. Kanaaf ijaarsi bilisummaa Oromiyaaf dhaabbate qooqa Islamik jedhu itt suteef gubaan “Islamist” jedhamuu itt bahuu hin qabu. Bu’ursaan jaarmaa amma hin jirree yeroo hunda dhahamu (lubbuun saa qabbana haa ciistu) akka goota sabichaatt kan beekamu ummata saan jaallatamaa fi ulfaataa kan ture. Sochiin bilisummaa Oromoo, Oromoo godinaa fi amantee adda addaa hiriirsee wareegama dhumaa waliin baasaa jiru. Godinaa fi amanteen isaan gargar baasuu yaaluun sobduu ta’uu dha.

Ummati empayerichaa hundii ummatoota kibbaa kan Oromoo, Somaalee, Affaaryk kanneen biro  dabalatu nagaafi ulfinaan beela fi roorroo irraa bilisa ta’anii jiraachuun hawwa saaniiti. Ummati Habashaa taraan, kana irraatt hawwaan garaagarummaa hin qaban. Garuu waggoota dhibban darbaniif kan birmadummaatt gufuu tahani hafan gurguddoo Habashaa aangoo irraa fi alaa dafqaa fi qabeenya saboota biraan jiraataa bahanii. Lolooti hundi kan ummataa utuu hin ta’in kan saanii turani.  Nuti nagaa fi birmadummaa godinichaa fiduuf empayerichi diigamee kan fedha ofii malee qabaa saa jala jiran hundi gad dhiifamanii hariiroo fulduraaf birmadu kan tahantu dhoofsisa jenna. Isaan ejjennoo kanan duubatt hafaa, fottoqsaa fi dubatt harkisaa dha jedhu.  Afriikaan dureeyyii garba gamaaf qircamuuf dorsifamaa jirtii. Nammu yoo isaan dhaabu hin dandeenye Afrikaaf keessaa waa buusuuf dhoofsisuu dandahuu qaba. Garuu godinaa keesssatt utu wal qayyabannoo uumuun hin dandahamin waa’ee Afriikaa dubbachuun abjuu dha; abjuu gaaf tokko guutinna jennu. Hangasitt namooti dhiigaa jiraatu, garuu dhalootaa dhalootatt waa’ee egree ifaa abjoochuun itt fufa.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Hagayya 2014

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *