Qabsoo bilisummaa fi dimokraasiif godhamu keessatti gaheen beektotaa sabaa akkaan barbaachisaa dha. Qaamni hawaasaa kun egeree qabsoo maddisiiuu kaasee, akka sochiin qabsoo kallattii dhuguaa fi sorooroo qabattee deemuuf hirmannaa dammaqoo gochuu qaba. As irratti dagatamuu kan hin qabne, dirqamni olaanaan beektotaa Oromoo irra jiraatus garuu, gaheen waldaa hawaasa Oromoo gara garaa (civic society) galma gahiinsa qabsoo Oromoof baayyee barbaachisaa dha. gaheen waldaa hawaasa Oromoo gara garaa qabsoo Oromoo keessatti taasisan bara 2014 keessa eddu olka’ee jira. kun eddu nama gammachiisa. Gara fuula duraattis jajabaachuu fi of danda’ee deemuun dirqama.
Jaarmiyaan siyaasaa, qabsoo Oromoo hoogganuutti jiran, akka carraa ta’ee sadarkaa qabsoon Oromoo gaafatutti hooggansa kennuu dhabuun isaa, qabsoo Oromoo, amma tokko miidhus, yeroo ammaa sochiin beektota Oromoo fi waldaan hawaasa Oromoo gara garaa of danda’ee qabsoo sabaa galmaan gahuuf tatafaataa jiru, milkiin guddaan irraa argamaa jira. kun ammas jabaatee itti fufuu qaba.
Jaarmiyaan siyaasa Oromoo akka fedhii fi hawwii Oromoof abboomaman gochuu kan danda’an ammas beektota Oromoo fi waldaa hawaasa Oromoo gara garaa ti. Keessumaa kallattii qabsoo Oromoo qaruu fi malaa fi fala qabsoo Oromoof akeekuu keessatti gahee olaanaa qabaatu. Gahee isaanii kana sirnaan dhimma itti bahuu qabu.
Mooraan qabsoo Oromoo akka tasgabbahuu fi tokkummaan dhugaa oromomoo fi qabsoon Oromoo barbaadu akka dhugoomu beektotiin Oromoo nuffii fi mufii tokko malee dhama’uu qabu. dhimma karaa irraa dabde karaatti deebisuuf qaama kana caala kan hubatu hin jiru. Akka carraa ta’ee dhaabbileen siyaasa Oromoo ilaa fi ilaameedhaan walitti dhihaatanii dubbachuun akka injifatamuu tokkootti aadeffatamee jira. qabsoon Oromoo fi Oromoon akka injifatu dhama’uu irra, olaantummaa ykn injifannoo gareef dursi kennamuudhaan aadaan ilaa fi ilaamee dadhabaa dhufeera.
Jaarmiyaan siyaasa Oromoo aadaa wal danda’uu irra aadaa tokko kan biraa balleessuuf ykn amma tokko kan biraa butuchee ykn waliin wal butuchanii eega dadhabanii booda, maqaan tokkummaa ajandaa ta’a. kun fafa qabsoon Oromoo qabduu dha. silaa ta’uu kan qabu, eega gareedhaan wal butuchanii fi deeggaraan qabsoo, eega ifatee booda walitti deemuuf dhama’uu irra ennaadhuma humna qabanii fi Oromoon barbaadu waliif abboomamuu ykn tokkummaaf haarsa inni gaafatu kaffaluun beekumsa ture. Wal butuchanii tokkoomuu fi humna otoo qabanuu tokkoomuun lachuu itti bahi isaa garaa garummaa guddaa qaba. haa ta’uu eega wal butuchanii booda tokkoomunis cal jechuu irra fooyyee qaba.
Kanaaf ammas amalli eega walbutuchanii booda, wal barbaaduu irra, tokkos ta’ee lama ennaadhuma humna qaban wal barbaaduun eddu gaarii dha. Oromoonis qabsoon Oromoos kan barbaadu amala akkanaa ti. Garaagarummaan siyaasaa yeroo kamuu ni jiraata. Haa ta’uu garuu garaagarummaan kun madda waliin hojachuu fi tokkoomuuf danqaa ta’uu hin qabu. aadaan ilaa fi ilaamee jiraannaan garaa garummaan siyaasaa jiru adeemsa keessa dhiphachaa deemuun isaa dirqama. Otoo teessee maal irratti garaa garummaa qabna? maal irratti dhimma waloo qabna? Akkamitti garaagarummaa keenya dhiphifna? Jedhamee otoo mariif hin qopha’iin alduree waliif tarrisuudhaan daandii marii cufuun aadaa ilaa fi ilaamee Oromootti karra cufuu dha. hooggana jaarmiyaa siyaasaa ta’anii otoo jiranuu, oromoon oromoo wajjin mari’achuun kan akka qara eeboo isaanii sodaachisu arguun saalfii dha.
Amma haalli kun hundeen jijjiramaa jira. sababni isaa dhalooti haaraan amma jiru kun garaagarummaa siyaasaa bifa kamiituu mooraa Oromoo keessa jiru daangaa isaa cabsee dhimma waloo irratti tumsa waliif ta’aa jira. aadaa waliin mari’achuu fi garaagrummaa adeemsa qabsoo dhiphisuuf bifa nama gammachiisuun milkeessaa jiru. Dhalooti haaraan dhimma garaa garaagarummaa siyaasaa leellisuu irra dhimma waloo irratti, waliin hojachuu duwwaa otoo hin taane, haarsaa lubbuu waliin kaffalee jira. sochiin bara 2014 keessa argaa jirru kunis garaa garummaa siyaasaa leellisuu irra dhimma waloo irratti waliin haarsaa kaffalanii, barumsa guddaa nuuf kennanii jiru. barumsa dhiigaa fi lafee isaaniin dhaabbilee siyaasa Oromoo garaa garummaa leellisaniif barumsa kennaniin jiru. Ulfinaa fi kabajaan bara baraa wareegdatooma Oromoof haa ta’u.
Haala gaarii amma uumame kana ka’umsa godhachuun beektotiin Oromoo qabsoo sabaa gara gulattaa olaanaatti jijjiruu qabu. kana gochuuf dandeettii fi amilee itti qabu. aadaa ilaa fi ilaamee mooraa qabsoo Oromoo keessatti gabbisuuf ammas itti gaafatama guddaa qabu. yeroon isaa yeroo garaa garummaa siyaasaa leellisan miti. Aadaan sirna communist 60ta keessa turan dhaloota ammaa kana keessatti jijjiramuu qabu. aadaan wal danda’uu fi wal dhagahuu dagaaguu qaba. kana gochuun keessaatti beektotiin keenya gahee dursaa fudhachuu qabu.
Beektotiin Oromoo rakkoo amma yoonaa ture hubatanii falaa fi mala dhahuun murteessaa dha. asi irratti dagatamuun kan hin qabne, beektotiin keenya mataa isaaniin dhimma qabsoo Oromoo irratti ammammi tokkummaa qabu kan jedhu gaaffiin akkuma jirutti jira. sababni isaa uumamuma beektotaa saba kamuu keessa jiru akka ilaalcha kiyyaatti, yoo kaafnee ilaalle bakka sadiitti qoodanii ilaaluun ni danda’ama.
1ffaa beektotiin (intellectuals) tokko tokko dubbii karaan ykn kallattiin isaan ittiin hubatanii fi ittiin waa madaalan, kan mataa isaanii qabu. yeroo fi dandeettii isaanii hunda beektotiin nama irra rakkoo barbaadaduu aadeffatan (fault fiders) ta’an eddutu jiru. Isaan kun qabsoo keessatti ni barbaadamu. Sababni isaa nama irraa barachuu fedhuuf rakkoon isaan nama irra barbaadan dhugaa of keessaa qabaachuu mala. Haa ta’uu garuu umaamma namaa kamuu keessa yeroo hunda rakkoon ni jiraata. Yeroo hunda rakkoo duwwaa nama irra barbaaduu fi isa dhaadhessuun fala hin ta’u. kanaaf beektotiin keenya yeroo hunda rakkoo nama irra barbaaduu aadeffatan qabsoof akka gumaacha qaban akkuma jirutti ta’ee roga biraanis karaa qabsoo deeggaran barbaaduun barbaachisaa dha.
2ffaa beektota garee jaarmiyaa siyaasaa qabatanii beekumsa isaanii qabsoof oolchaa jiran edduu dha. isaan kun qaamanis itti hirmaachaa rakkoo qabsoon qabdu warra dhamdhamanii dha. haata’uu garuu garee (sided) waanta fudhatanii jiraniif discipline jaarmiyaa isaaniin masakamuun dirqama itti taha. Beektotiin kun rakkoo dhaaba isaanii keessa jiruu fi maal ta’uu akka qabu tolchanii beeku. Falaa fi malas harkaa qabu. garuu danqaa guddaa kan isaanitti tahu, jaarmiyaadhuma isaanii keessaa nama isaan dhagu dhabuu fi bakka dhageessisuu danda’an jaarmiyaa keessatti (position) dhabuun isaanii akka rakkoo wajjin jiraatan isaan taasisa. Beektotiin kun yeroo hunda rakkoo qabsoon qabdu fala itti barbaaduuf dhama’u.
3ffaa beektota yeroo hunda falaa fi mala (neutral solution finder) barbaaduu irratti xiyyeeftanii dha. qaamoti kun jaarmiyaa siyaasaa keessaa hirmaannaa qabaatanis ykn bilisa ta’anis yeroo hunda dhimma falaa fi malaa qaamota maddisiisanii dha. qamootiin kun qabsoo Oromoof eddu qaama barbaachisuu dha. rakkoo qabsoon Oromoo qabdu roga gara garaan ilaaluuf carraa qabu. falli isaan maddisiisan gareef otoo hin taane, egeree qabsoo sabaaf kan ta’uu dha. qaamotaa fi hawaasa Oromoo hunda biratti qaama fudhatama qabuu dha. qaamni beektotaa kun dhiibbaan isaan jaarmiyaa siyaasaa Oromoo irratti qabanis gudaadha. Kanaaf qaamni beektotaa kun ilaa fi ilaamee mooraa siyaasa Oromoo keessatti haphachaa dhufe, deebisanii gabbisuuf qaama gahee guddaa qabuu dha. qaamni kun tarsiimoo fi imaamata fedha Oromoo galmaan gahuu malan maddisiisuu warra danda’an waan ta’eef qaama hundaaf hutubaa ta’anii gargaaruu danda’anii dha.
Walumaa galatti akka ilaalcha kiyyaatti qaamotiin bakka sadiitti qoodee ilaaluu yaale kun, amala waloo (common value) tokko qabu. hundi isaanii sabni keenya jireenya garbummaa jalaa bahee bilisummaa fi mirgi dimokraasii isaa akka dhugoomu qaama barbaaduu dha. qabsoon Oromoo shaffisaan akka galma gahu hawwii fi fedha guddaa qaama qabuu dha. tokkummaan mooraa qabsoo Oromoo keessatti akka dhugoomu gochuu keessatti qaama gahee olaanaa taphachuu danda’uu dha. beektotiin Oromoo beekumsa isaanii rakkoo jiran barbaadu, falaa fi mala akeekuu fi garee fudhatanii jaarmiyaa siyaasaa keessa jiran hundi isaanii qabsoo Oromoof barbaachisoo dha. hunda dura qaamni kun tokkoomuu qaba. yeroo kamuu caala aadaan ilaa fi ilaamee mooraa qabsoo Oromoo keessatti akka dagaagu gochuu qabu. kana gochuuf dandeettii fi amlee qaama itti qabuu dha.
Dhuma irratti beektotiin Oromoo eessa iyyuu haa jiraatanii, yeroon isaa yeroo dhimma Oromoo waloon taa’anii mari’achuun fala waloo itti barbaadan ta’uu isaa beekuun gaarii dha. yeroo ammaa yeroo garaa garummaa leellisan miti. Yeroo garaa garummaa siyaasaa jiru dhiphisuuf walitti deemanii dha. dhaabbileen siyaasaa Oromoo akka isaan tokkummaa dhugaa Oromoon barbaadu dhugoomsan dhiibbaa guddaa irratti gochuu qabu. jaarmiyaan siyaasa Oromoo aadaa wal irraa qoollifachuu keessaa bahanii waliin marihachuu akka gabbifatan ykn aadeffatan gochuuf, gaheen beektota Oromoo murteessaa dha. garaagarummaan siyaasaa otoo isaan hin daangessiin dhimma oromummaa fi egeree Oromoof jecha dargaggoota lubbuu isaanii wareeganii nubarsiisan kabajaa fi firii itti gochuuf, beektotiin keenya duree fudhachuu qabu. akkasuma jaarmiyaan hawaasa Oromoo gara garaa akkuma amma jalqabe jiru, qabsoo Oromoo keessatti gahee olaanaa taphachuu isaa itti fufuu qabu. hooggana qaroo fi haala waltajjiin yeroo gaafatu maddisiisuuf beektotiin Oromoo fi jaarmiyaan hawaasa Oromoo gahee keessan qaamni kamuu bakka bu’uu hin dandeenye akka baatan gaafadha.
Galatoomaa
Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com