Oduu Haaraya

“OTOO  LOON HINGALIN HATTUUN MOORAA  GUUTTE”  JEDHAN

#OromoRevolution

Ummani Oromo mirgaa fi demokrasi Abbaa biyyummaa isaatiif qabsa’u erga jalqabe jaarraa tokkoo ol laakoofsisuun isaa beekamaadha. Kana keessatti Oromoon miliyoonatti lakkaawaman wareegama lubbuu,qaamaa, qalbii akkasumas qabeenyaa fi yeroo kafalanii jiru. kana keessatti wareegama kaffalameef harr’as kafalamaa jiru dhaloota baay’etu keessa darbee asga’e. jaarraa tokko guutuu darbe keessatti dhalooni darban hundumtu osoo wareegama lubbuu hin kafalini,hin dararaminnii fi hin buqa’in asgahe hin jiru yoo jedhame dhaadheessuu hinta’u. haata’u malee dhalootaa dhalootatti garaagarumsi jiraachuun isaa waan hin oolle dha. Umanni Oromoo Ummata guddaa fi Ummata Adaa fi safuu qabu Umata beekaafi Qaroodha. Haata’u malee Ummata kana tokkummaan ijaarani qabseessun Hoogana jabaa fi muldhata qabu barbaachisa ture. sana dhabuu keenyaan hanga har’aa jaarraa amma keessa jiru jaarraa 21faa kanatti ajeefamuu, dararamu, hidhamu, buqaasifamuu fi saamamuun carraa jireenya Oromo ta’ee itti fufee jira. sirnooni dhufaa darbaanis Ummata oromo humnaan itti roorisanii lafaa fi Biyya isaa irraa buqisani baqataafi kadhataa taasisan jiru. Keessattu Oromoota giddu galeessaa yookan Shawa duula nafxanyooni itti fufiinsaan irrattii gageesaniin lafa isaa irraa buqa’ee oromiyaa mara keessattii fi  naannoo Ummatoota kibaa keessatti facha’ee argama.

Fakkeenyaaf Oromoota giddu galeessa faca’a n keessaa  bakkoota

1.Godinaa baalee anaa hunduma keessa

2 .Godinaa Arsii

3.Godinaa Harargee

  1. Godinaa gujii fi Booranaa
  2. Godinaa Horroo guduruu wallaagaa Warra Bachoo
  3. Godinaa Jimmaa keessatti akkaa gandaattitti bakoolee Ummani kun qubatanii argamu.

6.1 Anaa Qarsaa keessa Ganda Shawaa Xoxobi, Qarsaa Sumee, Foollaa gubataa,  Shawaa baalagari fi ganda hadaree jedhaman keessa akka gandaatiti jiraatu.

6.2 Anaa Geeraa

6.3 Anaa Saqaa coqorsaa

6.4 Anaa Omoo naaddaa

6.5 Anaa diimtuu

6.6 Anolii limuu kossaa,gommaafi maannaa keessa faca.anii jiratu.

  1. Godinaa Iluu Abbaa booraa
  2. nannoo Ummatoota kibaa keessa baayinaan godinaa Kafichoo shakichoo keessa anolee adda adaa keessa faca’anii jiratu.

Kuni kan ta’e duula nafxanyootni ummata Oromoo irratti bananiifii lafa isaa irraa buqisanii lafa irraa baleessu yaalaniidha. Hara’as maqaa inveestimeenti jedhuu fi magaalaa finfinnee balisu jedhuun Ummata kana yeroo lammaffaa dhaaf buqisaa turaanii haacaaluu jidhanii ammo ciruma isaatuu kaartaa yookaan Map Oromiya irraa haquudhaafi balleesuu karoorfatani master plaanii jedhani naannawa finfinnee kilomeetira 100n naanesani ammas harka lafa jalaatin itti deemaa jiru. kana jechuun Finifinnee irraa hanga Walisoo fi Amboo gara lixaatitti,

Finfinnee shanoo fiicee gara kaabaatiiti,

Finfinnee adaamaa gara bahaatitti jechuu dha. Haata’u malee Ummatni Oromoo kaabaa kibbaan bahaa lixaan iyyee iyya dabarsee waliif birmatee eenyummaa isaa diina isaatitti argisiisuu irra darbee Addunyaa mara rifachiisee diinota isaa jilbiibbiin deemsisee dhiifama gaafachise. ani akka nama tokkootitti kabaja fi galatni kan warraa wareegamee akasumas Umata Oromo maraaf Haata’u baayeen ittii boone.

waggoota dhibba darban keessa Oromoon Akkasitti walta’ee qabsaahaa  hin turre namuu godinaa godina dhuma isaa irratti qabsoo gageessa ture male. Hara Oromoon dambidoolloo jiraatu kan Baha harargee jiraatu kan baalee jiraatu hundumtuu fageenyi otoo isa hindaangesin Buraayyuun kankeenya Sabbataan kankeenya Finfinneen kankeenya jedhee bakka jiru hundati qabsoo itti fufee wareegama wal’iraa hicinne kaffalaa jira kufee kufsaa fi ajjeesee du’a jira.

Eegasuu ani amma  seenaa qabsoo Ummata Oromo eenyuma yuu itti himuuf barsiisuu Otoo hinta’in dhugaa nattii fakkaate tokko ibsachuu dhumaf akka ta’ee namuu akka naaf beekun barbaada.

Qabsoon Ummata Oromoo  Essaa ka.ee sadarkaa Ammaa kana irra ga’e?

Gaafii kanaaf haraa Oromooni hundumtuu deebii quubsaa Qaban natti fakkaata.kanaafis dhalootin hundumtuu gatii kaffalaa dhufe ammas kaffalaa jira waan ta’eef har’as Qabsoon Ummata Oromo sadarkaa ol’aana fi xumuraa irra ga’ee jira jedheen amana.haata’u malee qabsoon kun har’uma akka calee yookan marga rooba argatee kan lafa keessa ol hin bane yookan tasa hin biqle.yookaan midiyaa Hawaasaa garaagraa marsaritii adda addattin asi hingeenye. Midiyaaleen hawaasa ga’een isaan qaban xinnaadha jechuu koo akka hintaane namu hubachuu qaba ga’een inni qabu baayee ol’aanaadha. keessatuu ga’een inni hojii qabsootif gumaachu fi gumaachaa jiru bayee ol’aana ta.uu isaa sirriitan hubadha.Eeyyeen har’a galata Teknoolojii haata’utii Odeefannoon daqiqaa gidduutti Adunyaa mara walgaatit jira.Umanni Oromootis Ta’ee Qabsaotnii Qabsoo qabsoo Umata  Oromoo tis Teknoolojii kanatti fayyadamuudhaan Qabsoo Ummani Oromoo Abbaa biyyummaa tifi mirgasaatif godhuti fayyadamuun dirqama ta’a qofa Otoo hinta’in waan wal’ nama gaafachiisu miti.kuni kana ta’ee otoo jiru Qabsoon Ummata Oromoo kan asga’e akkasumatti wacaafii  dhiichisa yerootin miti.akkan gubbaa irrati tuquu yaaletti jaarraa tokko darbe keessatti dhalooni hundumtuu gatii kafalaa dhufee jira. hata’u malee suni bifa qindaawaa dhaan gageefama waan hinturreef injifannoo waliigalaa galmeessuun hindanda’amne ture.kan biraa hafee baruma dhiyoo keessa Waldaa macaa fi Tulamaa gadidhaabuuf Wareegama xinnaa hingaafanne ture wareegama baayee gafate ture.

Kan lammataa dhaaba waalta’ee Ummata Oromoo qabseessu fi dura bu’umman qabsa’u ABO gadi dhaabuun Wareegama qaqalii gaafate qofa Otoo hinta’in namoota Qaroo ija Oromoo ta’an baayeetu itti dhume.Alaabaa Oromoo Har’a Eenyumtii keenya mirmirsinu kanas Warruma gaafas lubbuun teenya Oromoof Oromiyaa dhaaf Haadabartu jedhanii darbantu nuutolche yookan nuuf uume.

Wareegamnii kuni gootota heddu kan itti kafalle yoota’u  Jeneral Tadasa Birruu,Baaroo Tumsaa,Magarsaa Barii,Elemoo Qlxuu fa’a irraa kaasee hanga guyyaa haraa kanatti mirgaafii bilisummaa Orommotif Jecha Adda Adda isaanii rasaasa diinaatiin rukutamanii kufan hunduma dabalata.kana qofa otoo hinta’in barrii sun bara oromoonu bara  wal hin beekneefi walii birmachuu hindandeenye bara dukkana Roobaa bara interneetii mitii bilbili lee hin jirre bara walquunamttin  bahaa lixatti Ergaa namaatiin qofa ture innuu wal arguudhaaf kan baatii lama sadi namatti fudhatu keessaa kaasetu kan qabsoon kuni tirachaa asga’e.

Egaa qabsoon akkanatti asga’e kun har’a Oromoota miliyoonaan lakkaawamu hirmaachisee eenyummaa Ummata Oromoo Addunyaatti beeksisuu bira darbee diinota Oromo jilbibbin deemsisaa jiru kun kan asga’e maatiin gutummaati Itti dhumee abbaafi ilmi haatiifi intali itti wareegamani kuun buqa’ee lafa irra badee kuun Achi buuteen isaa dhabamee kuun amoo akka godinaatitti faca’e asga’e malee qoosaatti mit.

Fakkeenyaaf  Ummata Oromoo Giddu galeessa yokan Shawaa fi Oromoota Walloo fudhachuun nidanda’ma.hoggaa 400ol nafxanyon duula guyya tokkollee irraa hndhaabne ture.

   kan biro Qabsoon akuma Baaburati namuu buufata isaa tii ka’ee hanga demu deemetu  irra bu’a gariin bakkuma ka’umsa baaburichatii koree  qajeela gariin karaa dhuma irraa itti dabalamaa deema hundumtuu ka’usaa irraa kaasee hanga xumuraa hindeemu bakuma ga’eeti bu’a gariin akka carraa ta’ee ka’umsa anga xumuraatitti deema gariin xumura irratti koreetuma xumura ga’a qabsoonis akkasuma kan jalqabe qofatu xumura jechuun hindanda’amu akka carraa yoota’e gaaridha yookaan kanuma booda dhufetuu xumuruu dan’a jechuu dha.Ani hoggaa 10 kudhan dura yoon mooraa qabsoo Oromootitti makamu waa lama Hubachuudhaan ture,

1faa rakkoo fi gidiraa Ummani Oromoo keessa jiru hubzchuu dhaan

2faa Qabsaa’ota qabsoo ummata Oromootif diinaa wajjinin hudhatti walqabani kufaa diina kufisaa jiran ilaaluf hubachuudhan, akkasumas Nu ilaalee namni qabsichatti makameef makamaa jiru baayee dha jedheen amana.

 Laafinnii fi jabinni keenyas ta’ee warra qabsoo kana Hoogganaa turan maalini yoo jedhame?

Dadhabbini jiru Kuma tokoof dhibbatokkoo fi tokko ta’a Jabinnii jirus Kumatokkoof dhibatokkoo fi tokko ta’a

  Dadhabina ture tokko tokkon kaasani dubbachuufi gamaagama ga’aafi xiinxala yookan qorannoo ga’a  nama barbaachisa ta’a garuu maaliif Injifannoo xumuraa galmeessuu dadhabne kanjedhu irraa kaanee eenyumiti keenya yuu yaada mataa keenyaatif Xinxala mataakeenyaa qabaachuu nidandeenya.

   Jabinni tureefi ammas jiru maalini yoojenne Ilminamaa hundumtuu yeroofi dandeettii isaatin waa hojjeta raawatas ilminamaa waahundumaa waluma irraa barachaa asga’e namni tokko hangamuu uumaman beekaa yoota’eyuu lafumaa ka’ee doktora hinta’u sadarkkaa tokkoffaa hanga Universititi barachuu qaba, namni hangamuu yoo barmootaan fagaatee deeme barsiisota isaa kansadarkkaa sadrkkaan isabarsisaa turan hin irraffatu yoo argesi Akuma dur barsiisaa isaa ture sannatti kabajee nagaa gaafata maliif bu’uuri namicha kanaa barsisota sadarkaa sadarkaan isa barsisaa turanidha waanta’eef.

  Ani hogaa kudhan dura baran qabsooti makamu mucaan koo ishiin angaftti umuriin ishi hoggaa torba saddeet turte.har’a University seentee jirtti tarii Umuriin ishi Amma hoggaa kudha sadeeti ta’a. kanaaf Qeerroon Oromo harra diinaan hudhatti walqabee kufee kufisaa jiru yookaan ajjeesee du’aa jiru kuni anaaf Hijoollee kootti  yookaan hiryaa intala kootiti Warraa naduraa tiif ammo Akaakayuu dha  jedheen yaada akka dhalootaatiti jechuu kooti. Kanaaf Qabsoon Umata Oromo Abbaa,Ilmaa fi Akaakayyuu dhaan kan walitti hidhate yookaan hidhamee dha malee kan midiyaalee Hawaasaa Uumeefi kan namtokkeeleen oligadii figee ittiin Dhaadatu miti yookaan kan bubbee yeroo  oboboleettin bubbisee fide miti walitti hdhinsa baayee qaba akasumas bu’aa bayii baayee dabarsesi,

Kanaafuu dubbin akka har’aa hinture asga’u dhaaf wareegama qaqaaliifi bu’aabayii baayee keessa darbamee tudha.

Har’a garuu namoonii Hoggaa lamasadi dura Finfinneetti dedeebi’anii lafa gurgurachaafi mana ijaarachaa turan garuma bubeen bubisutti kan wajjinin bubbisan biyaa Alaa ta’anii Hirira nagaa lee ba’u dhaaf kaameraa Wayyaannee jalaa kan dhokatan har’a Dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruun bakka argachuu dhaaf dhiigaa ilmaan Oromoo Dhiiga Hoolaa rakoo taasifatanii Irra tarkaanfatani Waabutachuu dhaaf Shubbisaa jiran lakkoofsi isaanii Akka malee baayachaa dhufu bira darbee Abbaa Qabsoo ta’ufa’a fi Abbaa Qabsoo of fakkeessuuf yeroo akkamalee Oligadii fiigaa jiran mulatu.eenyumti namni Oromoo ta’e tokko karaa isaaf danda’ameen ummata isaatiif qabsoon karaa kaminu inni gumaachuuf ejjennoo fedhellee haaaqabaatu hanga cichoominaan galma ga’insa qabsoo Oromotif yoota’e ani akka nama tokkoo titti kabajaa ol.aanan qabaaf. haata’u malee gariin namaa yoo qabsoon qabbanooftee achi buuteen isaanii kan hinbeekamne kan wayyaanee jala kaatani harcaatuu wayyanee funaanachuuf olii gadii fiigan kan qabsoo Umata Oromoo keessa ga’ee homaa takkallee kan hin qabne Qabsoon yoo hoo’itee isaan ibidda saafaa itti ta’ani isaan caalaa shubbisaafi dhiichisan kan hnargamnne dhiiga ilman Oromootin Masaraa Minilik kana fa’a  seenuu kan hawan  natti fakkaata. namoonii baayeen qaba nagallakkisaa jedhu asiifi achitti akkawaaan walgain wayyaanee balleessu walga’idhaan mudamu dhiigaa Ilmaan Oromoottin waabutachuu dhaaf hirriiba hin qabani. namuu wal ga’ee haala qabsoon Ummata Oromoo keessa jiru hubachuu walhubachiisuufi namuu hanga humnaafi dandeetti isaa qabsoo kanaaf deeggarssaafi tumsa akka godhuuf hojjechuun waanuma Lammii oromoo tokkoofi Oromoota irra eegamudha.garuu kan homaa keessa hijirree fi homaa gumaacha tokkollee keessaa hiqabne Hundi dhiiga Ilmaan Oromo dhiiga Hoolaa rakko godhatee Irra tarkaanfachuu dhan waa jalaa butachuudhaaf warraa dhagaafi mukattii Of buusaa olantuu nama raja.

Kanaaf Ummani Oromo warraa dhiigaafi Lafee keetin waabutachudhaafi gaggabanif bakka otoo hinkenini  Qabsoo kee akka jabeesitee itti fuftuun jechuu barbaada yookaan dhaamsa qaba,

Qabsaa’otni Dhuguma abbaa biyyummaa Oromoottif Qabsootti jirttanis ejjennoo garagara yookaan ejjennoo fedhe yoo qabataniyuu yookaan qabaadha fedhiifi galma ga’ii qabsoo Ummata Oromotiif jecha waldura dhaabachuu dhiiftani baruma baran otoo walii keenyan wal dura dhaabanuu diini numatti fayyadamun Ummata keenya lafa irra fixaa jira.kana waanta’eef namni dhimi Oromo isa ilaalu hundumtu dantaa mataa isaa dhiisee dantaa Ummataa tif of Wareegutu nura jiraata.yoo kana hinta’in dhiiga lammiwan keenyaa dhiiga sare taasisuuf waan deemaa jirru natti fakkaata.

Yoon dogongore dhiifama

Injifanoon Umata Oromootif

Kol. Abebe Geresu

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *