Oduu Haaraya

Qaabsoon Bilisummaa Oromoo eessarraa garamittti?

M.Guutuu

Gaafiin kun gaafii qabsaawotni, sab-boonootni fi ummatni Oromoo yeroo odoo itti hin laatin deebisuu qaban jedheetiin amana. ABO dhaaba warraaqaa dha. Hoogganaa QBO ti; qabsaawotaa qaqqaaliidhaan ijaarame. ABO qabsaawan qaroo tahaniin qabsoo hadhooftuun, haala dukkanaawaa hamaa fi hammaataa keessatti jaaramee saba oromoo badiirraa oolchanii asiin nu gahan. Wayyabni isaanii qabsoo kana keessatti wareegaman. Kan har’a jiran, laakobsaan hagoo dha. Qabsoon tokko hooggana malee galii isaa dhugoomsuu hin danda’u. Oromiyaan biyya; biyya koloneeffatamte. Kanaaf, qabsoon Oromoo qabsoo walabummaa ti. ABO akka hoogganaa qabsootti kan saganteeffate Oromiyaa kolonii jala bilisa baasee mootummaa walaba Oromiyaa dhaabuu dha. Kana ilaalchisee Sagantaan ABO akkana jedha:

Hundeen akeeka qabsoo kanaa mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo argamsiisuuf sirna Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa fi saaminsa jelaa bilisa baasuun mootummaa walaba Oromiyaa dhaabee iggitii itti godhuu dha (V.Sagantaa Qbsoo:A. Akeeka Siyaasaa, 1998).

Akeeka kana hojiirra oolchuuf, kumaatamatu wareegame, ammallee wareegamaa jira.  Har’a illee wareegamni Oromoorraa hin dhaabanne.  Wareegamni kun kan dhaabatu yoo Oromiyaan walaboomte duwwaa dha. Qbsoon bilisummaa Oromoo, bara 1999 irraa eegalee dhawaata dhawaataan galii isaa gad-lakkisaa as gahe. Barri 1999 kun, bara hoogganni ABO biyya, saba, WBO fi qabsoo bilisummaa gad- lakkissee Eritiryaa seene ta’uun isaa waan waakkatamuu miti. Kun qabsoo Oromoo keessatti, jalqaba uumama rakkinnaa ture. Kana wajjiin, rakkinni guddaan qabsoo bilisummaa Oromoo muddate, hooggana samaanaa/commitment fi kutannoo/determination qabu, kan qabsoo hidhannoo adeemsisu dhabuu isaa ti. Hoogganni samaanaa fi kutannoo hin qabne kun, bara 2000 “Ajandaa Nagaa” kan jedhu qabatee dhiyaate. Ajandaan Nagaa kun akkana jedha,

ABOn sirna polotikaa Impaayerichaa kan maraaf wal-qixa ta’ee fi haqaa keessaa qooda fudhatuun qabsaawee mirga hiree murteeffannoo ummatootaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsa” jedha.

afd
AFD

Ajandaan Nagaa kun, toobata qabsoo bilisummaa Oromoo, lagata qabsoo hidhannoo, laamshesa qabsoo bilisummaa Oromoo fi akka bakkabuufataa dimokraatessuu Impaayeera Itoophiyaa ammatee dhiyaate. Hoogganni kun, Oromiyaa walaboomsuu irra Impaayeera Itoophiyaa dimokraatessuu filatee ajandaa kana qabatee dhiyaate. Walmormiin cimaan erga geggeeffameen booda,dhumarratti waliigaluun waan dhibeef, bara 2001 ABO bakkalamatti baqaqe- Shanee Gumii fi QaamaCehumsaa tahan. Haalli kun yeroo sanitti namoota irra guddaaf ifaa yoo tahuu baatullee dhawataan ifaa tahee argame.

Shaneen Itoophiyaa dimokraatessuu filate. Itoophiyaa dimokraatessuun galii isaa ta’e. Kanarraa kan ka’e, bara 2006 Qinijjiitii fi ye-Itoophiyaa Arbanyoochii wajjiin tokkummaa “AFD”ijaarate. Qaamni Cehumsaa walabummaa Oromiyaa filate. Waggoota kudha afur guutuu kanarratti walmormamaa turan. Wanta ilman oromoo jecha jiran tuqa/link/ kana tuqa dhageeffaddha. https://www.youtube.com/watch?v=LR0mANIr9Yo

Bara 2014, Shaneen Gumii ifatti kaayyoo irraa maqanii turan itti deebinee jirra yoo jechuu baatanillee gaafii oromoof deebiin walabummaa tahuu karaa sab-qunnamtii adda addaa irratti labsan. Jechuun, walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo fudhatuu isaanii dhaabonni oromoo kaneen walabummaa oromiyaarratti cichan akka baran taasisan. Haalli kun, Qaama Cehumsaa ABO fi Shanee Gumii ABO gara walta’insaa geesse. Walta’isni kun, qabsaawota Oromoo fi ummata Oromoo biratti gammachuu guddaan simatame. Walhubannoon kun yeroo labsame, hawaasni oromoo yoo xiqqaate hoogganni amma jiru kun jijjiiramee hooggana humna haaraan bakka bu’ee qabsoo kana haga tokko gara fuula duraa butu kan jedhu abdii guddaatu ture. Kun osoo hin tahin hafe. Hogganni osoo hin jijjiiramin hafuun, hamilee hawaasa oromoo cabsuun ifatti mul’ata ture. Haatahu malee, Walta’iinsa kana irratti waan nama gammachiisu sadihitu labsame. Tokkoffaan Shanee Gumii fi Qaamni Cehumsaa walta’uu isaanii yoo ta’u kan lammafaa ammoo THBO, Gurmuu Qabsaawotaa(GQ), Koree Yeroo (KY) fi ABOn walitti dabalamani ABO tokkumsuu,tin’isuu fi humneessuu fedhii gama hundaanuu jiru labsan. Sadaffaan, dhaabootni tokkooman kun waltahanii hooggana humna haarawa if keessa baasu kan jedhu abdii biraa labsan.  Ummatni Oromoo labsa kana gammachuu guddaadhaan simate. Labsi kun qabsoo bilisummaatiif abdii guddaa kenne.

Labsa tokkoomuu booda maaltu tahe?

Hawaasni oromoo har’a gammachuun labsa saniif garsiisan gara gaddaatti jijjiiraa jiran. Waan hojjetamaa jiru tokkollee argaa hin jirru. Hoogganni walitti eda’amne jedhan haga dur kopha kophaa hojjechaa turan hojjechaa hin jiran. Mana hidhaa Asmaraa irraa gara biraa soso’u kan jedhu abdiin ture, homaa hin mul’atu. Haala biyya keessatti baratoonni oromoo kaasaa jiranitti dhimma bahuu kan jedhu abdiin ture homaa waan yaalan akka hin jirre ifaadha. Hogganni baqattummaarra gara biyyaa deebi’uu yaalii godhu kan jedhu abdii tureef deebiin, Obbo Daawuud Ibsaa caalaatti Asmaraatti irkachuu, Obbo Bultum Biyyoo Australiyaatti achi fagaachuu fi Obbo Dhugaasaa Bakakkoo Ugandaa irraa gara Australiyaatti cehuuf yaalii gochaa jiraachuu isaa

  1. Labsi labsame fashaluun, abdiin hawaasa oromoof keenname dukkaanaawuunii fi waadaan seename karaarraa maqaa jiraachuun waan dirreetti mul’atu. Rakkinni kun miseensoota irraay odoo hin taane, hoogganoota irraa burqaa jira. Akkuma asiin duraa, ammallee hoogganni tokkummaa labsame kana akka hin milkoofneef shira xaxaa jira. Akka miseensootni ABO ifatti haasaa jiranitti, hoogganni haarofni filamuu qaba yoo jedhame, H/D fi Itti’aanoota isaa qaama isaaniitu suntuuraawa; nama gaarriffatu jedhu. Kun rakkinni guddaan jiraatuu mul’isa. Akkasumas, tokkumuun THBO, GQ fi KY waliin adeemsifamaa jira jedhamu waan dhugaan deemaa jiru hin fakkaatu. Dhugaan jiru, Hoogganni ABO kan H/D Daawuud Ibsaa Ayyaanaa, I/A Dhugaasaa Bakakkoo fi I/A Bultum Biyyoo hoogganamu tokkumaa qabsaawoota Oromoo irraa fedha hin qabu. Hooggani kun, ABO tokkoomsuu, humneessuu, qabsoo bilisummaa finiinsee ofdura furgaasuu fi jireenyaa fi bittaa koloneeffataa buqqisee, Oromiyaa walaboomsuu irraay fedha hin qabu.

Hooggani kun, osoo hin qabsoofne biyya ambaa taa’ee maqaa hoogganummaa ABO dhuunfatee jiraatuu fedha. Jijjiiraan hoogganaa illee akka ta’u hin barbaadu. Miseensootni ABO haala kana hatattamaan jijjiiruuf dirqama fi ittigaafatama guddaa qabu jedheetiin amana. Kakuun fudhatamee fi waadaan seename maqaa jaallawwan qabsoo bilisummaa keessatti kufanii fi Kaayyoo isaan wareegamaniif bakkaan gahuuf malee hooggana qabsoo irraa baqate ammattanii taa’uuf akka hintaane hubatamuu qaba. Sabni tokko akka sabaatti kabajjaa fi ulfinnaan jiraatuu kan danda’u yoo biyya walabaa qabaatee, qabeenya isaa dhuunfatee fi hooggana isaa qabaate duwwaa dha. Akkasumas, jaarmayaa tokko akka jaarmayaatti jiraatuu fi galii saganteefate xumuraan gahuu kan danda’u yoo hooggana dandeettii, samaanaa fi kutannoo qabu horate qofaa dha. Sabni Oromoo Saba koloneeffatame. Sabni kun, Qabsoo bilisummaa godhaa jira. Qabsoon bilisummaa,hooggana dandeettii qabu, hooggana warraaqaa fi qabsaawaa kan samaanaa fi kutannoo qabsoo hidhannoo geeggessu horatuu qaba. Har’a, sabni Oromoo, ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo hooggana samaanaa fi kutannoo qabu hin qaban. Kanaaf, Qabsoon Oromoo, hooggana samaanaa fi kutannoo hin qabneen geeggeffamaa jira. Qabsoon kunis,kanaaf galii isaa gahuu kan dadhabeef. Qabsoo tokko kan finiinfamuu fi galii isaa dhugoomsuun kan danda’amu yoo hooggana dandeetti,fedha lolachuu/willingness to fight,samaanaa fi kutannoo qabuun hoogganame duwwaa dha. Kun waan haalamuun hindanda’amne.

Qabsoon kan geeggeffamu biyya keessatti; saba keessatti. Hoogganni qabsoo hoogganu kan jiraatuu qabu biyya keessa; Saba keessa; jaarmaaya isaa keessa. Har’a hoogganni ABO baqataa dha. Hoogganni kun bara 1999 Oromiyaa gad-lakkise. Hooggana baqarra jiru. Baqa irraa qabsoo bilsummaa hadhooftuu hoogganaa jira jedha. Kun raajiidha; shaqqaada siyaasaa ti.Kun makmaaka Oromoo tokko na yaadachiisa. Innis namatu “Of hudheen Maccatti gala jennaan, lama hindandeettuu tokkotti gorii jedhan” jedhama. Kan kanuma fakkaatu, Hooggana ABO ti. Hoogganni amma jiru kun, waan lama keessaa tokko filatuu qaba. Yookiin, baqattummaa irra jiru kanatti cillaaffatee hafuu ykn bosona Oromiyaatti deebi’ee, qawwee darbatee biraa deeme kaasee qabsoo hidhannoo geggeessuu filatuu fi murteeffatuu qaba. Lachittuu rarra’ee qabsoo geggeessa jechuun ofis, sabas, qabsawotas, addunyallee sobuu taha.  Murni kun, QBO qabsoo baqatootaa godhaa jira. Baqataan haala ittiin biyya koloneeffatamte bilisoomsu hin qabu.

Baqataan waraana ajajee bobbaasuu hin danda’u; baqataan waraana ijaaruu hin danda’u. Baqataan haala kamiin qabsoo hadhooftuu bilisummaa, hoogganuu danda’a kanjedhu har’a gaafii qabsawootaa fi ummata Oromoo ta’ee jira. Of sobuu fi saba sobuun dhaabatuu qaba. Hoogganni kun, ofii isaatii faca’ee jira; miseensoota ABO illee fafacaasuu irra jira. Miseensaa fi ofii isaatillee faca’ee, maqaa ABO duwwaa qabatee jiraatuu hojjii godhatee jira. Hoogganaa fi miseensootni faca’an, qabsoo bilisummaa xumuraan gahuu hindanda’an. Kanaaf, baqa irraa qabsoo bilisummaa hooggana, Oromiyaa walaboomsa jechuun shaqqaaduu siyaasaa ti.

Qabsoon bilisummaa oromoo ABOn hogganamaa jiraa?

Gaafiin kun deebi’uu qaba. Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti, har’a gaafiin kun gaafii yeroo fi gaafii belbelchiiftuu dha. Har’a, Qabsoon bilisummaa Oromoo fi hoogganni ABO alagaan tooyatamaa jira. Hoogganni kun, har’a alagaaf jilbiifatee jira. ABO kan sirnaan irratti duulaa jiru, mootummaa Eritriyaati. Hoogganni biyya ambaa jiraatu bilisaa miti. Haalli kun,hatattamaan jijjiiramuu qaba; furmaata hatattamaan argachuu qaba. Kan jijjiiramu, hoogganni biyya ofii keessa jiraatuudhaan. Haga hoogganni biyya ambaa jirutti, ABO qabsoo bilisummaa Oromoo hoogganuu hindanda’u. Hoogganni isaa hidhamaa dha. Hoogganni hidhamuun, dhaabni inni hoogganuillee hidhamaadha jechuu ta’a.

Furmaata rakkinna QBO

Furmaata rakkinna qabsoo kanaa argamsiissuuf haalli afur guuttamuu qabu. Haalli duraa, tokkummaan ABO, THBO/ULFO, GQ fi KY kan dhugaa ijaaramuu qaba. Haalli lammaffan,akka sub- qunnamttii adda addaa itt ibsamee, Kori Sabaa kan waloo qophaayee hoogganni ABO tokkoomee kora sabaatiin filamuu qaba. Haalli sadaffaan qabsoon bilisummaa Oromoo baqa irra Oromiyaa keessatti deebi’uu qaba. Jechuun hoogganni biyya keessa jiraatuu qaba. Hoogganni amma jiru, jijjiiramuun dirqama ta’a. Hoogganni haarofni samaanaa fi kutannoo qabsoo hidhannoof qabu kan biyya, sabaa fi jaarmaaya isaa keessa jiraatee qabsoo bilisummaa hoogganu filatamuun qabsoo galmaan gahuuf murteessaa dha. Hooggani Saba Oromoo, sabboonoota Oromoo fi qabeenya Oromiyaa irratti irkatuu fi amantaa qabu filamuun qabsoo galmaan gahuuf murteessaa dha.Furmaatni arfaffaan ABO kaayyoo of-irratti irkannoo dhugoomsuu qaba.

Tokkummaan qabsaawota Oromoo haa ijaaramu!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *