Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?


– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Tokkoffaa –

Berhanu Hundee

Yaadachiisa:

Mata duree Qabsoon Bilisummaa Oromoo Eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

– Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –“

jedhuun dhimmoota gara garaarratti barreeffamoota adda addaa kutaalee 24 dhiyeessee akkan ture ni yaadatama. Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) eessaa ka’ee har’a sadarkaa maaliirra akka jiru hubachuun waan nama rakkisuu miti. Qabsoon kun bu’aa ba’ii meeqa keessa dabree, injifannoolee adda addaa galmeessee har’a gahullee, ammas gaafiileen Oromoo ciccimoo ta’an deebii hin arganne. Oromoon bilisoome jedhanii warri haasa’an hedduu dha. Haa ta’u malee, dhugaan lafarra jiru, akkuman tanaan dura barreessaa ture, Itoophiyaatu bilisoome malee Oromoo fi Oromiyaan hin bilisoomne. Hiikni bilisummaadhaaf kennamu akka abbaan hubatetti waan ta’uuf, mormisiisaa ta’uu mala. Bilisummaa dhugaarraa garuu ammallee baay’ee fagoo jirra. Karaa dheeraatu nu eeggatas.

Har’a humnootni farra-QBO ta’an keessas ta’ee ala heddoomaa fi cimaas jiru. Egereen Oromoo fi Oromiyaa waan ta’uuf deemu beekuun baay’ee rakkisaa dha. Injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesseyyuu gaaga’ama keessa jiru yoo jedhame dhara hin ta’u. Gaafiin: Qabsoon Bilisummaa Oromoo Eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? jedhu ammallee banaa waan ta’eef, dhimma kana laalchisee barreeffamoota adda addaa kutaalee adda addaa keessatti MARSAA LAMMAFFAAf dhiyeessuun barbaada. Na wajjin turaa, na hordofaa. Barreeffamoota hanga ammaatti dhiyaachaa turan argachuu warri barbaaddan bilisummaa.com fi Ayyaantuu.org seentanii argachuu ni dandeessu.

Seensa

Akkuma beekamu, sochiin uummata Oromoo addatti immoo kan Qeerroo Oromoo Wayyaanee harka micciiree olaantummaan ishii akka jijjiiramu taasise jira. Kuni immoo kan ilmaan Oromoo kumaatamaan ittiwareegaman waan ta’eef, injifannoo Oromoo ti yoo jedhame dhara hin ta’u. Haa ta’u malee, abbaa qabsoo fi injifannoo kan ta’e uummatni Oromoo jijjiirama kanarraa waan isaaf malu hin arganne. Hiidhamtootni siyaasaa hiikamuun, jaarmayootni biyya alaa turan gara biyyaatti deebi’uun akkasumas wantootni tokko tokko fooyya’uun waan sadarkaa biyyaatti (Itoophiyaatti) ta’an malee, addatti waan Oromoof godhamanii miti. Jijjiiramni kun Oromoo bilisoomse warri jedhan hedduu dha. Dhugaan lafarra jiru garuu kan biraa ti.

Jijjiiramni dhufee jira garuu Qabsoon Bilisummaa Oromoo galii isaa gahee?

Qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) galii isaa gahuun hafee, yookaanis immoo akka namootni tokko tokko jedhan Oromoon bilisoomuun hafee, uummatni Oromoo biyya isaarratti nagaan bahee galuu hin dandeenyee bar! Mee haa yaadannu: Daangaarratti waraanni irratti banamee kan lubbuu isaanii dhaban dhiisneetuu, uummatni Oromoo kan lakkoofsi isaanii miliyoonatti shallagamu Naannoo Sumaaleerraa kan qayee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an; kan Beniishaanguulirraa buqqa’an; kan lolli irratti godhamee akka baala mukaa harca’aa jiran,…. kun hunduu erga jijjiiramni kun dhufee fi Oromootu biyya bulchaa jira jedhamee odeeffamuu calqabee asii mitii? Meerre ree bu’aa fi jijjiiramni bu’uraa kan uummata keenyaaf dhufe? Namootni Oromoo ta’an taayitaa olaanaa argataniif yookaanis jaarmayaan maqaa Oromoo qabu tokko bulchinsa biyyattii keessatti gahee olaanaa qabaateef, uummatni Oromoo bilisoome jedhamuu hin danda’u.

Haala Oromootu biyya bulchaa jira jedhamu keessatti Oromoon har’a kan dur caalaa miidhamaa akka jiru Waaqayyo/Rabbii fi kan argutu beeka. Jijjiiramni kun kan bu’aa buusaa jiru caalaatti warra farra QBO ta’aniif akka ta’e hubatamaa jira. Yeroo Muummichi Ministeerotaa (MM) Oromoo keessaa bahe, bakkee deemu hundatti Mootota durii faarsutti; Ilmi Oromoo Prezidaantii MNO ta’ee bulchaa jiru “Itoophiyummaan Araada” jedhee biyyattii tana dhaadhessaa jirutti, bu’aan argame yoo jiraate warroota farra-QBO ta’an keessumaayyuu immoo warri sirna Federaalisimii amma jira kanaayyuu dhabamsiisanii, sirna durii dulloomaa sana deebisuu barbaadan hedduu onnachiisee, hamilees ittihoree jira. Kanaaf mataarratti nu fincaa’uu barbaadu. Tuffii fi jibba Oromoof qaban ifaa ifatti daangaa tokko malee agarsiisaa jiru. Olola qofaa miti, of ijaaraa fi humna isaanii cimsaa jiru. Kuni immoo maaliif akka ta’e namni hubachuu hin dandeenye ni jira jedhee hin yaadu.

Warri isaan onnachiisanillee aggaammii jaraa kana jalaa bahu hin dandeenyee bar! Osuma arrabsamanuu, abaaramanuu, tuffatamanuu, qeeqamanuu,… callisanii Itoophiyaaf morma isaanii kennaa jiru. Duuti Oromoo isaaniif homaa miti; tokkummaan biyyattii tanaa garuu boqonnaa isaaniif hin kennu. Halkanii guyyaa tokkummaa Itoophiyaatiif dhama’u. Uummata keessaa bahan garuu afaanumaan gowwoomsuu barbaadu malee wanti isaan uummata kanaaf hojjetan ifatti hin mul’atu. Kun hedduu nama gaddisiisa. Oromoorraa dhalanne jedhanii haasa’uun isaaniituu qaanii mitiiree? QBO wajjin walqabatee, dhimma WBO yoo laalle, WBOn akka bosonatti galu kan taasise QBO dha. Humna kana hiikkachiisanii mooraatti galchuun QBOn galii isaa gahe jechuuf moo yookaanis QBOn galii isaa gahuu hin qabu jechuuf ta’ina laata?? Haala keessa jirru gadi fageenyaan yoo xiinxallee laalle, walumaagalatti QBOn galii isaa gahuun hafee siriidhaa gaaga’ama keessa akka jiru hubachuun nama hin rakkisu.

Jijjiirama kana keessatti gaafiin Oromoo deebii argatee jiraa?

Akkuma armaan olitti ibsame, QBOn galii isaa gahuun hafee, gaafiileen ijoo ta’an tokko tokkollee jijjiirama kana keessatti hanga ammaatti deebii argachuu hin dandeenye. Deebiin kennamuufii dadhabeeti moo fedhiitu hin jirre? Erga Oromootu biyya bulchaa jira fi Oromoon aangoo argate jedhamee, maaliif gaafiin tokkoollee deebii dhabe? Aanga’uun uummata tokkoo waanuma akka salphaatti laalamuu dhaa? Aanga’uun uummata bal’aa tokkoo bu’aa maalii argamsiisa? Akka fakkeenya tokkootti kaasuuf, dhimmi Finfinnee gaafiilee uummata Oromoo ciccimoo ta’an keessaa isa tokko dha. Kunis gaafii abbaabiyyummaa ti. Kan nama gaddisiisu garuu, abbaabiyyummaan Finfinnee mirkanaa’uun hafee, siriidhaa Finfinneen gonkumaa kan Oromoo tii miti nuun jiechaa jiruu mitii? Akkan jechuu eenyutu isaan onnachiise? Eenyutu haala isaaniif mijeesse? Warra dhiigaan Oromoo ta’anii garuu sammuudhaan Itoophiyummaadhaan machaa’anii mitii?

Sirni Federaalaa amma jiru kun maal ta’uuf deema?

Sirni Federaalaa Naannoleerratti hunaa’ee, ijaaramee amma jiru kun bu’aalee QBOn fidan keessaa isa tokkoo dha. Kan lubbuun meeqa ittigalaafatame, kan dhiigni ittidhangala’e fi lafeen ilmaan cunqurfamootaa itti caccabee dha. Oromiyaan har’a kaartaarratti mul’attee Addunyaan beeku tun wareegama kana keessatti mirkanoofte. Sirna Federaalaa kana diiguun Oromiyaa balleessuuf jedhamee waan ta’eef, wareegamatu ittikaffalama malee wanuma milkaa’uu miti. Dhimma kana kutaa itti aanu keessatti bal’inaan itti deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …