Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Diigdamiilammaffaa

 

Akkuma beekamu Qubeen Afaan Oromoo injifannoolee gurguddoo Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) galmeesse keessaa isa tokko qofaa osoo hin taane, mallattoo eenyummaa Oromoo ta’ee jira yoo jedhame dhara hin ta’u. Kanaafuu, mee har’a waayee Qubee laalchisee waan tokko tokko kaasuun fedha. Waayeen Qubee yeroo baay’ee sammuu kiyya keessa dhufullee, akkan dhimma kana kaasu kan na taasise barreeffama Dr. Gulummaa Guddataatiin dhiyaate tokko dha. http://ayyaantuu.org/history-politics-qubee-alphabet/   Dhugaa jiru fi waan jedhamuu qabu Dr. Gulummaan bal’inaan barreessanii jiru. Haa ta’u malee, asirratti yaadan qabu ittidabaluu barbaadeetani.

Maqaa tokkummaa Itoophiyaa eeguu jedhuun Qubee balleessuu yaaluun eenyummaa Oromoo balleessuu dha

Yeroo baay’ee diinotni QBO fi gargaartotni isaanii sababaalee adda addaa uumuudhaan waan eenyummaa Oromoo calaqqisu tokko dhabamsiisuu yaalu. Fakkeenyaaf wanti isaan Federeeshinii Naannooleerratti hundaa’an kanaan (current ethnic based federal structure) mormaniifuu sababni inni tokko Oromiyaa kaartaarraa balleessuufi. Kuni isaanitti dhukkuba mataa ta’ee jira. Isa kana dhabamsiisuun yoo hin danda’amne immoo, karaa biraatiin yaalii godhuudhaan maqaa tokkummaa biyyattii eegsisuu jedhuun Qubeen Afaan Oromoo Fidala Gi’iziitiin akka bakka bu’u halkanii guyyaa dhama’u. Hoggantootni haaraan amma as bahan kan akka Obboo Lammaa Magarsaa fi Muummichi Ministeerotaa (MM) Dr Abiyyi Ahmad “Itoophiyummaan araada – ኢትዮጵያዊነት ሱስ ነው” jedhanii waayee biyyattii tanaa waan faarsaniif, namoota Oromummaarratti duulan kanaaf jajjabeenya kennaafi. Kanaaf onnatanii fedhii isaanii guuttachuuf carraaqu jechuu dha.

Qorannoo fi qo’annoon meeqa irratti godhamee; Qubeen akka hojiirra oolu kan taasifame waan Oromoon Fidala Gi’iziirraa jibba qabuuf osoo hin taane, waan Fidalli Gi’izii Afaan Oromoo barreessuuf hin tolleefi. Beekaniis ta’ee osoo hin beekin dhugaa kana fudhachuu garuu hin barbaadan. Isaan tokkummaa biyyattii tanaa duuba dhokatanii kaayyoo biraa bakkaan gahuuf hirriiba dhabu. Kaayyoon kunis olaatummaa Afaan Amaaraa jiraachisuufi malee qubee Afaan tokkoof tolu filachuun tokkummaa biyyattii tanaa waan gaaga’u natti hin fakkaatu. Dhugaan jiru kana. Kan ta’es ta’u, Qubee balleessanii Fidala Gi’iziitiin bakka buusuun biyya tana gara diigumsaatti oofa malee tokkummaa ishii eegsisuu gonkumaa hin danda’u. Jaalatanis jibbanis dhugaa kana fudhatanii Qubeerraa harka isaanii xurii kana kaasuu qabu.

Obboo Lammaa fi Dr Abiyyis jaalala Itoophiyaaf qaban karaa biraatiin haa mirkaneessan malee, diinota Qubee kanaaf tumsa ta’anii waan kana hojiirra kan oolchan yoo ta’e, uummata Oromoo uummata irraa dhalatan kanarraa cituu qofaa osoo hin taane, seenaa uummata kanaas xureessuu ta’a. Ittigaafatama jalaayillee bahuu hin danda’an. Wanti isaan dagachuu hin qabne, dhaloota Qubee kanaan baratetu isaanillee sadarkaa kanaan isaan gahe. Kanaafuu, Qubee dhabamsiisuuf kan hojjetan yoo ta’e, dhaloota kana wajjin wal loluu ta’a. Injfannoo dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin argame kana baleessuu jechuun shakkii tokko malee diinummaa Saba Oromoo ti. Alagaa gammachiisna jedhanii seenaa xureessuun badii guddaa dalaguu ta’as. Waayeen Qubee jijjiiruu hojiirra ooluu dhiisii ka’uudhaa hin qabu.

Qotiyyoo (sangaa) abbaan gaafa cabse, ormi ija jaamsa (balleessa)

Akkuma seenaa fi siyaasaa biyya Itoophiyaa tanarraa hubatamuu danda’u, diinotni Oromoo kan Oromoo injifatan humna isaanii qofaatti fayyadamaniitii miti. Oromoo Oromoodhaan qabu. Qabsoo Bilisummaa Oromoo kana keessattis kan qabsoo tana galii hawwamurraa tursiise ykn tursiisu jabina diinaa osoo hin taane gargaasa Oromootaa ti. Itoophiyaa tokkummaan ishii faarfamu tun, eenyummaa Oromoo kan kabajju yoo taate, ani dhuunfaadhaan isa kanarraa rakkoo hin qabu. Oromoon kamiiyyuu dhimmaOromummaa” tiksaa; tokkummaa biyyattii tanaatiif yoo hojjete rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee, waan Oromummaa gaaga’u hojjechaa tokkummaa biyyattii eegsisuu kan barbaadan yoo ta’e garuu kun diinummaa saba Oromoo ti. Qubeen Afaan Oromoo immoo waan Oromummaa calaqqisan keessa isa tokko waan taateef, ishii balleessuu jechuun Ormummaa balleessuu ta’a.

Akkuma makmaaksa akka mata dureetti kennamee, yoo Oromoon waan Oromoo tokkotti mudaa horu, ormi (alagaan) immoo waan sana sirumaa dhabamsiisuu barbaada. Qubee Afaan Oromootti mudaa horuuf yaaliin godhamaa ture fi booda garuu fashale yaadannoo yeroo dhiyoo ti. Tartiiba Qubee jijjiiruu fi mudaa itti horuuf yaaliin godhame sun osoo hin milkaayin hafnaan, amma immoo karaa biraatiin nutti dhufanii; siriidhaa Qubee dhabamsiisuuf duula gaggeessaa jiru. Akkuman armaan olitti tuqee dabre, kuni immoo sababa malee miti. Yeroo ammaa kana waayeen tokkummaa Itoophiyaa namuma keenyarraa maddee biyyattii tana waliin gahaa jira. Namootuma keenyartu iyyaa iyya dabarsaa jechaa jiru. Haala akkanatti uumame kana keessatti immoo diinaa fi alagaadhaaf balballi waan banamuuf, karaa kanaan dhimma Oromoo keessa seenanii, fedhii ofii guuttachuuf carraa argatu.

Dhumarratti, dhaamsi Oromummaa fi Obbolummaa ani carraa kanaa Obboo Lammaa fi Dr Abiyyiif dabarsuu barbaadu, akkuma araadni (suusiin) Itoophiyummaa isin qabe, karaa dandeessaniin tokkummaa biyyattii tanaaf hojjechuun mirga keessani. Haa ta’u malee, yoo nagaa fi tasgabbii uummata Oromoo eegsisuu kan hin feene ykn hin dandeenye ta’e, xinnaatee yoo xinnaate injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesse akka hin tuqamne eeguuf dirqama Oromummaa qabdu. Waanuma fedhes ta’u waan uummata Oromorraa dhalattaniif jechuu kooti. Uummata kanatu isin nyaachisee, isin obaasee, isin guddisee sadarkaa har’a irra geessan kanaan isin gahe. Dhugaa kana hin dagatinaa. Qubee Afaan Oromoo balleessuun eenyummaa Oromoo balleessuu akka ta’e hundaafuu ifa ta’uu qaba.

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …