Oduu Haaraya

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?


– MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Kudha-sadaffaa 

Berhanu Hundee 

Barreeffama lakkoofsa kudha-lammaffaa keessatti, yoo dhimmi Finfinnee furmaata argachuu baate fi sababa kanaan sochiin ykn warraaqsi uummataa deebi’ee kan ka’u ta’e, haalota akkamiitu uumamuu akka danda’an ibseen ture. Barreeffama lakkoofsa kudha-sadaffaa kana keessatti waan yeroo ammaa hojjetamaa jiru fi keessattuu immoo waayee Afaanii (language) laalchisee waan tokko tokkon dhiyeessa.

ODPn waan Oromummaa faallessu dalaguurraa dhaabbachuu qaba 

Akkuma seenaan Oromoo agarsiisu, yeroo kamiiyyuu diinni humnaan yookaan beekumsaa fi dandeettiidhaan Oromoo caalee osoo hin taane, kan inni Oromoo injifatu fi kaayyoo isaa bakkaan gahu Oromootti fayyadamee ti. Kun Goobana Daaccee irraa kaasee hanga har’aatti waan mul’achaa jiruu dha. Oromootni diina wajjin hojjetanis karaa adda addaatiin laalamuu ni danda’au. Gareen tokko tooftaa fi tarsiimoof jedhanii diina wajjin hojjechaa booda garuu uummata Oromootti balaa fidanii ofiifillee dhabamu. Gareen biroo immoo fedhii dhuunfaatiif jedhanii diina tajaajiluudhaan uummata keenya miidhu. Kanas ta’ee sana, gareen kun lamaanuu gufuu bilisummaa Oromoo ti. Adeemsi isaaniis farra-QBO fi farra-Oromummaa ti. Dhugaan kun hubatamuu qaba.

Adeemsi ODPs yoo laalamee fi hubatame, gareelee baddaatti ibsaman lamaan keessaa isa tokko yookaanis lamaanuu ta’a. Akkamitti yoo jedhame, tokkoffaa, maqaa tokkummaa biyyattii Itoophiyaa jedhamtu tanaa eegsisuu jedhuun; lammaffaa tooftaa fi tarsiimoof jechaa uummata Oromoo sobuu fi sossobuuf wanti dalagamaa jiru waan Oromummaa faallessu waan ta’ee fi. Kan nama gaddisiisu garuu OPDOn tajaajilaa Wayyaanotaa ture sun, bakkee ture sanarraa ka’ee, sadarkaa har’aa kana gahuun isaa sochii uummata Oromootiin addatti immoo sochii Qeerroo Oromootiin akka ta’e hirraanfatee; waadaa uummata keenyaaf gale sanas diigaa; dhimma Oromoo duubatti dhiibaa; fedhii diinaa fi alagaatiif dursa kennuudhaan dhama’aa jiraachuu isaa ti. 

Jaarmayaan kun har’a mootummaa Federaalaa keessatti bakkee (iddoo) furtuu ta’e argachuun isaa waan Oromoon lubbuu ilmaan isaa kumaatama ittidhabeefi. Suni hunduu dagatamee; uummata keenya tuffachuudhaan, dhimma isaatiif xiyyeeffannaa kennuu dura fedhii diinaa fi alagaa guutuuf tattaaffachuun waan seenaan nama gaafatuu dha. Gabaabumatti, ittigaafatamummaa jalaa bahuun hin danda’amne dalagaa jira dhaabni kun. Dogongora duraan hojjetamaa ture sana irra deebi’aa jira. Hunda caalaa kan nama dinqu immoo, namootni muraasni Araat Kiiloo seenaniif akka waan uummatni Oromoo aanagweetti odeeffamuu dha. Haala amma jiru kana keessatti, uummatni tokko aangoo argate jechuun maal jechuu akka ta’e namaaf hin galu. Uummatni gaafiin isaa deebii argachuu dadhabe; kan fedhiin isaa hin guutamin; kan nagaana bahee galuu dadhabe; kan har’allee beela fi gadadoo keessa jiru akkamitti aangeffame jedhama? Kuni ajaa’iba!!

Yeroo Afaan Oromoo guddachuu qabutti hacuucuun tuffii uummata Oromoo ti

Gaafiilee uummatni Oromoo kaasaa ture fi jiru keessaa inni tokko fi hangafti Afaan Oromoo Afaan hojii Federaalaa taasisuu dha. Kana godhuu keessatti Afaan kun caalaatti guddachuuf carraa argata. Kuni dhimma hatattamaan deebii argachuu qabu ta’ee osoo jiruu, faallaa Oromummaa hojjechuudhaan Afaan Amaaraa ijoollee keenyarratti fe’uuf karoorfachuun gonkumaa waan fudhatama qabuu miti. Kun waan QBOn hanga har’aatti galmeessyyuu duubatti deebisuu dha. Kun diinummaa Oromummaa ti; farra QBO ti. Hojii diinummaa kana uummatni bal’aan Oromoo cimsee balaaleffachuu qaba; mormii cimaas agarsiisuun dirqama ta’a. Humnootni farra-Oromoo addatti immoo farra-QBO ta’an, ODPtti fayyadamanii fedhii fi kaayyoo isaanii galmaan gahuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiran uummatni keenya hubachuu qaba. 

Dhugaa dubbachuuf, kan uummata Oromoo tuffatee akka diinnis nurratti dalagu taasisu ODP dha. Waan ta’eef, uummatni Oromoo ODPf carraa isa dhumaa fi akeekkachiisa ijibbaataa kennuufii qaba. Yoo kana hin taane, jaarmayaan kun badii guddaa nutti fiduuf akka jiru hubachuun barbaachisaa dha. Kuni ololaaf osoo hin taane, waan lafarratti mul’achaa jiru waan ta’eefi. Hamilee kamiin ykn sababa isa amansiisaa ta’e fi fudhatama qabu kamiin karoorri farra Oromummaa ta’e kun qophaa’ee; Afaan Amaaraa ijoollee Oromorratti fe’uuf hojjetamaa jira? Kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan Afaan Oromoo hacuucuuf ittyaadamee karoorri kun akka qophaa’ee, shira kanatti dammaquun murteessaa dha. Yoo wanti kun hojiirra oole, waan itti aanee dhufus tilmaamuun nama hin dhibu. Balaa namatti deemaa jiru alaalatti arguun barbaachisaa dha. 

Afaan alagaa uummata keenyarratti fe’uun hafee; Afaan keenya Afaan hojii Federaalaa taasisuun haal-duree tokko malee akka mirkanaa’u gochuuf yeroon isaa gahee jira. Obsi uummata keenyaas daangaa dabree waan jiruuf, kana booda hojii ODPn diinota keenya wajjin dalagu ciminaa too’atamuu qaba. Uummatni Oromoo tokkummaa fi dammaqinsa cimaadhaan shira xaxamaa jiru dura dhaabbachuun waan filannoo biraa (other option) hin qabnee dha. Fedhiin biyyoolessaa uummata Oromoo (Oromo People’s National Interest) osoo hin guutamin hafuurra biyyattiin tun bakee dhibbatti caccabuu wayya. Adeemsi fi hojiin dhimma Oromootiif xiyyeeffannaa hin kennine, kana booda callifamee laalamuu hin qabu. Tokkummaan biyyattiis kan fedhii Oromoo hin kabajne tokkummaa dhugaa hin ta’u. Waan sobaatiif dhama’uun barbaachisaa miti. ODPnis ibiddaan taphachuu dhaabuu qaba.  

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …