Oduu Haaraya

Qabsoon Tasummaa irra Cehuu Qaba

Ijaarama dura qabsoon Oromo tasa golee golee dhohaa ture. Goototi roorroof obsa hin qabne hedduutu yeroo fi bakki utuu wal hin fudhatin aarsaa tahan. Qabsoon akkasitt geeggeeffamaa ture fiixan bahuu dadhabuutu akka dhalooti duubaan dhufe itt yaadu tolche. Ka’anii kufuun saanii ofbaratt geese jechuu dha. Dhalooti duuba dhufe tasummaan anjaa akka hin qabne hubatee waan tahu malu maandhee maadhett of ijaaruun marihachuu eegale. Akkasitt qabsoon ijaramee fi sagantaa qabu hunda haammataan dhalate. Qabsaawoti qabsoo sagantaa qabu kana eegalan jalqabuma irraa kaasanii qabsoon saanii dhaawataa tahu ummata saanii fi addunyaatt labsan. Qabsoon itt yaadamee sansakkaan gaggeeffamu guffun inni hin buqqifne fi qilleen inni ceesisuu hin dandeenye hin jiraatu of amansiisan.

Diinni mootummaa bara hedduuf ijaarame harkaa qabu fincila dafee dhaamsuu malee dhaawata waanti jedhamu farra saati. Qabsoo dhaawataan riphee lolaan gaggeeffama. Bakka fi yeroo ofii filate malee bakka diinni fedhutt itt hin dhaqu. Akeeki saa humna nyaaphaa lafa guddaa irra dhisuun dadhabsiisuu dha. Riphee lolaan Oromoo takka riphaa takka futta’ee bahaa qabsoo saa itt fufa jira. Dibaa abidati, akka hin badneef of ruuqaa yeroo itt tolutt bahee ibda qabsiisaa jiraate. Wayyaaneen dibaa garagalchitee al tokkoon dhaamsuu feeti. Kanaaf yeroo ummata itt hin qophofnett tuttuqxee kaasuun roorroo eenyuu baachuu hin dandeenye itt feetee. Oromoon kaanaaf gichillaa dhaa. Dorsisiif sodaachisi kamuu hin deebisu. Ji’a jahaa oliif tasa bahee harqaa jira. Tasummaan Oromo diina qophee qabuuf waan inni fedhu. Kanaaf sochiin ummataa kan karoorfamee saganteeffamett cehuu qaba.

Barattooti magaalota Jibaatii fi Maccaa kahuun barattoota qofa utuu hin tahin angafoota saanii Oromiyaa hundaa kaakaasee jira. Angafootii qindoominaan bakka bu’anii barattooti barumsatt deebi’uu qabu. Darbee darbee dhaadannoon “Barumsi Bilisummaa booda” jedhu ni dhagahama. Kun muuxannoo irraa dhaadannoo dogoggoraa tahuun waan beekamuuf sirreeffamuu qaba. “Barataa qabsoofna” “Qabsaawaa baranna” kan jedhutt jijjiiramuu wayya. Ijoollee Oromoof barachuun dorgommee jireenyaa addunyaaf of qopheessuu dha. Kanaaf qabsoo ummati Oromoo godhu keessaa addi tokko kana dandeessisuu dha. Ijoolleen Oromiyaa dhaloota hedduuf imaammata koloneeffataan barumsaan duubatt hafteettii. Hardhallee kan waabarii dhaquuf carraa argate irra kan hin argatintu caalaa. Qabsoo wareegama daangaa hin qabneen daa’immi afaan ofiitiin barachuu dandaseett. Garuu too’annoon barumsa kanaa fi akki inni ittiin hojjetamu ammayyuu halagaa jala jira. Federeeshinni walqixxeessa dha jedhame olhaantumma halagaa afaa irratt kan dabalatu gad jabeessuuf kan karoorfame. Karoorri kun kan diigamu barumsa dhiisuun utuu hin tahin, barumsatt duudanii akeeka diinaa fashalsuunii. Kanaaf dhaadannoo akeeka diinaaf tolu irraa of eeguun barbaachisaa.

Wanti jedhamaa jiru kun sirriitt hubatamuu qabaa. Qabsoo ummata saanii roorroo jalaa baasuu barattoota hin laalu jechuu mitii. Barattoota kam, haala akkamii jalatt kan jedhu gaafatamuu qaba. Barreessaan kun qooda sochii diddaa itt jiru keessatt daa’immi Oromoo aarsaa baafte caalaa kan garaa isa raasuu fi dinqisiifatu hin jiru. Oromoof goota olhaanoo dha. Garuu, haala uumati kaka’ee sochii dhuunfate jalatt ijoollee gaammeen hamma kutaa kudha lamaatt yk Buttaa lamaa ol hin nyaatin yoo waabariin itt cufame yk barumsi akka malee jeeqame yk biyyi burjaaja’ee nagaa fi nageenyi ambaa gonka barachuuf tolaa hin taane malee diddaaf hiriiruu hin qabdu jedhee amana. Biyya fardi hin jirre harreetu garmaama isa jedhamu akka hin taane ga’eessaa jiru ijoolleen hamaaf saxilamuu hin qabdu. Keessaa, ijoolleen sadarkaa dabballee yk jalqabaa jirtu yoomuu hiriira balaa qabu bahuu hin qabdu. Karaa dandahamu hundaan roorrisaan fagoott irra eegamuu qaba. Diddaan qooda gaheessaati. Ijoolleen yoo baratte biyyaafis warraqxichaafis dhimma olhaanaa baafti. Addunyaan teknolojiin hedduu guddataa jiraa. Ijoolee sanatt guddisan malee akka abbootii see beekumsa dhalooteen dukkana keessatt hafuu seeti.

Abboliin see jannoota. Kan humnaan itt dhufe humnaan ofirraa facisuu hin dadhabani. Garuu lolli tolfamu kan hirree qofa mitii. Kan meeshaa haaraa, malaa fi ayyamquwii dabalata. Sanatu barataa barbaada. Diinni sana Oromoo dhabsiisuu barbaada. Erga mormii kanaa as bakka hedduutt akka ijoolleen barumsatt hiin deebine loltuu diinaan dhowwamuun akka ture himamaa jira. Diinaan dhorgamanii jala dhaabbachuu fi ofiin hin barannu jechuun kan arguu fi dhagahuuf adda adda. Balleessaan diinaa dogoggora ofiin golgamuu hin qabu. Diinni mormii duraa jalqabee akka Oromoon hin baranne gufuu hedduu uumaa bahee. Ergasiis dhaabota biyya Oromoo meeqa irratt roorrisaa jira. Kanaaf akka inni waan dursee karoorfate daa’imman Oromoo socho’an jedhee kan nagaan waabarii dhaqanii fi deebi’an hin sababfanne eegganoo sirinyaa barbaachisa.

Qabsoon Oromoo rincicuun, hogganni badiisa irraa oolchuu dadhabnaan, ummati silaa hogganauu qabu, hogganoota kan turan dura bu’ee dhiichuutt ka’ee. Garuu tuuti kan humna saa qindeessee karaa itt agarsiisu yoo hin jiraanne kanniisa mootittii hin qabne taha; gara itt deemus, deemee deebi’us hin beekuu. Waabee joortuu tahee bada. Kanaaf sochiin diddaa tasummaa keessaa bahe hoggana kennate qindoominaan dhiichuu qaba. Hoogganuu haa tahu akka lafoott duuluuf dirree qabsoott yoo argaman malee waraanni ummataa to’ataa halaalaan hin dandahamu. Battalli qabsoo erga biyyaa bahee afracha jaarraa tahuuf deema. Kanaafa’iif waanti biyya keessatt yaalame walitt qabachuu didee. Tokko tokko sochiin deemaa jiru itt yaadameetu jedhu taha, garuu yeroo ilaalaa irraa ilaalamu hin fakkaatu; hoggansa mullataa fi battala qeeyeetu hanqata.

Kan ala turan waggota diddamii shanan darbe waan hin dandeenyeef, deebi’anii akka hogganan eegamuu hin qabu. Amma of sirreesinee jiraa, biratt argamnee hogganuu dandeenya jedhu taanaan dhaqanii achitt argamu qofa gaafata. Kan salphatu biyya keessa kan socha’aa jiran hoggana baafatanii qabsoo gootonni meeqa irratt dhuman itt fufuu dha. Abbaawummaa fi iItt gaafatama hirmatanii beeksisuun haa hafu malee shaakalaan kan itt jiramu boonsaa dha. Yeroon kan Raabaa Doorii fi Lubaatii. Yubi gorsuu fi karaa qajeeltuu masakuuf biraa hin hafuu. Roorroon nama hedduu biyyaa baasee Badii taasisee jira. Badiin hariiroo alaa, beekumsaa fi waatattaa adda addaa dhiheessuun gargaaruuf tola. Haalli innaa innaan jijjiirama. Kanaaf jara bakka sanatt argaman malee halaalaa duukaa bu’uuf kan dandeett qabu hin jirru. Salphinni waa’ee keettoon wal haddheesuu biyyaa ka’ee, qabsawota gidduutt burjaajii hanga tokko uume.Utuu dhaabi keettolii ofii irratt to’annoo qabu biyya jiraate wanti halle yeroon sirreeffamuu dhabuun hangana nama hin faalu ture. Ganda gandaanis walii tumsuutt gad deebisee salphina sabboonota irraa hin eegamne hin dhaqabsiisu ture.

Qabsoon ummata guddaa kanaa rogan karoorfamee gaggeeffamuutu eegama. Tuttuqaa diinaa qofaan tasa ka’anii girrisuun ummatichaa fi qabsoo saatt balaa mullatuu fi hin hedamnes buusuu dandaha. Diinni sababa argatee hafee akkasumatuu Oromoon barumsa tt akka hin milkoofne hankaaksuu irraa hin deebi’uu. Golee goleett walitt dhufanii iyyii iyya dabarsiin walii tumsuu irra hoggana waaltaa baafatanii sagantaa waloo beekaman soos’uutu anja qaba. Kun tasummaa irra qaarsisanii ilaaluun sochii sansakkaa qabuu gochuu gargaaruu dandaha. Wanti tasaan tahu tasa rifachiisuu mala. Itt yaadamee yoo karoorfame garuu kan mudachuu dandahu dursamee herrega keessa waan galuuf hin maalalchiisu. Akeeki qabsoo itt yaadamee, of irraa ittisuu, nyaapha dadhabsiisuu fi dabsachuu dha. Qabsoon nagaa ji’a jahaaf yaalamee eessaan akka nu gahe agarree jirraa. Haa yaalamu jedhameetu malee yoo mirga si kabalan bitaa itt qabiin barsiifata Oromoo walabaa hin turre. Yeroo ummati akkas si’aawee ka’e kana, hogganni walitt qabu argamnaan, WBOn gadoo baasuu ni dandaha ture. Kaayyoon qabsawamuuf diriiree jira. Qabsoof filmaata kan tahanis akeekamanii jiru. Filmaata qajeelaa qabatanii mirga ofii eegsisuuf bobbahuu malee callisanii dhumuu eenyuu irraa eegu hin qabu. Ummati Oromo itt yaadee caalaatt ijaaramnee, caalaatt qindoomee, caalaatt dammaqee qabsoo saa hanga injifannoott itt fufa. Oromoon tasummaa irra ni cehu. Sochiin diddaa haa lalisu! Irra ni haanna!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Waxabajjii, 2016

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *