Oduu Haaraya

Reefki ilmaan Oromoo humnaafii dhooksaan gara magalaa Finfinneetii guramaa jira

ODUU HAARAWA

Booyichi magaalaa Amboo keessa jiru baayyee nama gaddisiisa. bakka Addis Ketema jedhamutti reenfa nama torbaa Warri feedaraalaa utuu uummanni ni fudhanna,ni awwaallanna reeffa nama keeenyaa jedhanii iyyanuu kaasanii dhoksuuf gara Finfineetti ergan. Araadaa bakka jedhamuttis reenfi nama saddeetii kaafamee Finfinneetti ergameera.Reenfa torban Addis ketema dhaa kaafame keessaa sadii barattoota Yuunivarsiitii Amboo yoo ta’an, afur immoo jiraattoota uummata magaalaa Ambooti. Id Barattoota kanaas ijoolleen fuutee ragaadhaaf harkaa qabu.Oromoo dhumannee maalif nurraa callistan jedhu uummanni magaala Amboo.

walumaa galatti Namoonni Ambotti du’an gara soddomi shanititti(35) tilmaamama. reeffa kaan ammoo Finfinneetti dhoksaafi humnaan guuramaa jira. Rakkoon hamaatu Tuqur incinniittimmoo raawwatamaa jira.
Magaalaa Gudarirraas kaleessa nama lama, har’a ammoo namni shan du’uu namoonni ija isaanitiin arganiifi keessa turan ragaa bahaniiru. uummata karaa nagaa mormiisaanii dhageessisa turanitti, raasasa roobsan malee badiin uummatni dalage tokkolee akka hin jirre himan raga baatonni.

Lootee seentoonni wayyaaneefi humni tikaa basaastuu waliin tahuudhaan maqaa uummataa yakkuuf, Tuqur incinniitti Galma investmeentii tokko guutummaatti guban. uummanni ajjeefamaniirus konkolaataa shantu gubate. waajjiraalee aanaa muraasa keessattis abiddi qabatee jiraa.

Gama biraatin immoo barattoonni Oromoo walgahiif yuunivarsiitii saayinsiifi teknolojii adaammatti Dr.Tolaa Bariisootiin waammamanii utuu xiqqoo hin turin poolisoonni federaalaa konkolaataa shaniin ijoollee guuraniigara dabarsan jedham..kanneen kana jalaa miliqanimmoo Finfinneefiiddoolee birootti baqachaa jiran.
Akkasumas Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis daqiiqaa muraasa dura hiriiraa nagaa bahanii gaaffilee seera qabeessa waan gaafatanii jecha humni tika wayyanee barattoota oromoo yun.finf heddu qabun mooraa keessa gad guuraa akka ture odeessi keenya ni ibsa.
Oduu amma nu dhaqqabeen immoo barattoonni mana barumsa sadarkaa lammaffaa olaanaa Garba gurraachaa,kan teeknikaafi ogummaa akkasumas barattoonni kolleejji Mogor hiriira nagaa bahuudhaan uummanni magaalaa Garba gurraachas waliin hirmaatan.
QABSOON ITTI FUFA!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …