MADDI RAKKOO MAQAA ABO SAAMMACHUUF YAALUU MAALII ? — Kutaa 2ffaa
SEENAA Y.G (2005)
Carraan isaa osoo argamee, Ilmaan Oromoo irraa Madda rakkoo Saamicha maqaa kanaa fi Ilaalcha qaban akkasumas ejjannoo qaban odoo irraa dhaga’anii, namatti tola ture. Dalagaa kana sagalee Ummataa warra ta’aniif dhiisaa, Maqaa ABO jedhu kana akka caffee mana keessaa facaasanii bakka marattu firfirsuuf yaaluun kun, dhumni isaa dhidhiitamuu ta’uu akka dubbatatu sahakkiin hin jiru. Waggoota 15n dabran Waajjirri ABO akka mana shaqaxa seeraan alaa bakka kudhanitti banuuf yennaa yaalamu, deeggsrsa tokkon alatti callisee ilaaluun, sochii jirutti gammachuu akka hin qabne, shira qaama kamiinuu akka hin gawwamnee, kana malees, Ilmaan isaa dhugaa eessa akka jiran fi isaaniin hanga yoomittu Obsaan akka eeggatu, bifoota adda addaan ibsateera. Kanaaf ragaan, warra ABO jedhee qophaatti ba’ee deebi’ee Jaallan isaanii waliin Bishaanii fi Annan ta’an dhiheessuutu danda’ama.
Qabsaa’ootni kun kana kan Filataniif Ummanni kabajamaan kun qalbii fi fedhiin isaa eessa akka jiru hubachuu irraa tarkaanfii Seena qabeessaa fii kabajaa bara baraa namatti horu hojjatan. ega Ummataaf manaa ba’anii tarkaanfiin barbaachisu kanuma. Isaan kun, maqaaf fiiguun Ummata irraa akka nama fageessu qalbifatan. Maqaa jaallan isaanii itti wareegaman yaadatanii, yaadaa fi tarkaanfii yeroo sanatti fudhatamte keessa deebi’anii ilaalanii yaada Ummata isaani irratti dhaggefftan. Isa booda waan Ummata kanaaf tolu hojjatan. Kun dhugumatti kabajaa guddaadha. Namni sabaaf of laate, dantaa dhuunfaa isaa Kaayyoo sabaa keessaa baasee gata. Ummata addunyaa kana dura Dimokiraasii beeku jechaa, Ummata kana Maqaa wal fakkaatu adda addaan gawwamsuuf yaaluun, Ummata ofii gadi xiqqeessuu fi salphisuudhaa jedhanii Seenaa boonsaa ABOeenyullee buqqisuu hin dandeenye dhaabanii, gaaffii fi fedhii Ummatichaa dhugoomsuuf halkanii fi guyyaa hojjachaa jiru. Kaayyoon isaanii inni hangafaa, inni lammaffaa, Kaayyoo tokko mooraa tokkotti deebisanii, ABO jabaa kaleessa Jaallan isaanii irraa dhaalan gadi dhaabanii, Dhaloota itti aanu dhaalsiisuuf ta’uu Onneeffatanii dubbatan. Kun dhugumatti hojii Boonsaadha.
Yaadaa fi adeemsa Ofittummaan kan maraate, kabajaa Ummata isaa of irraa mulqee Amalaa fi Aaddaa Habashootaan kan maraate, har’ayyuu miidiyaa irratti ba’ee , dantaa fi salphina isaa lallabachuu hin dhaabiin jira. Garaagarummaa Namoota kana gidduu jiru , Ummata Oromoofan dhiisa. Lola dhuunfaa ykn jibba nama dhuunfaa Kaayyoo dura aansanii bara Gadamojjummaa keessa kan kachachalan arguun hedduu nama gaddisiisa. Sammuun beekumsaan guutame jedhamu, amma Maanguddoota Oromoo barnootaan alatti mammaaksa bara baraaf jiraatu mammaakanii sanallee hojjachuu ykn kaa’uu dadhabanii , arrabsoo fi haasaa salphinaa dhalootaaf dabarsuuf tabjaa’aa jiru. barruun koo har’aas Namoota kana irratti xiyeeffata.
warra Hojiin mul’achuu irra, Maqaa saammatanii Ummata kana burjaajessuun dantaa isaanii milkeessuu barbaadu kun maddi rakkoo ykn dhukkuba isaanii kanaa maalii ? Har’a wanni tilmaamaan haasofnu hin qabnu yk hin jiru. Waggoota 15 dabran kana keessa qofa mooraa qabsoo Oromoo keessatti rakkoo umamee fi waan Qabsoon Oromoo keessa dabraa jiruu tokko tokkon kaafnee dubbachuu fi katabuu ni dandeenya. Yeroon Seenaa kana Seenaa Qabsoo OROMOO waggoota 40 keessatti daballee katabduu fi dubbannu hin dhufa. Namoota maraammartoo kana keessa jiranis, maqaa isaanii tarrifnee haqa jiru walitti himuu ni dandeenya. Garuu, maqaa namaa kaasuun bu’aa tokko illee waan hin qabaannee fi baayyina isaanii irraa barreeffamii keenyas maqaa qofaa waan ta’uuf , yaada namootaa fi dalagaa Qabsoo Ummata kanaaf furmaata hin taanee qofa irratti dubbanna. Hanga har’aatti wal gorsuun yaalameera. Kana booda ammoo, dhugaa jiru walitti himna. Kunis karaa irra isaan hin buusu taanaan, Ummati keenya akka hin dogoggorreef maqaa nama daba yaaduu eerree dubbachuu fi katabuun yeroo isaa eeggatee itti fufa.
Madda.rakkoo Maqaa saamichaa kanaa baruuf, qorannoo Siyaasaa fi saayinsii nu hin barbaachisu. Laabraatoorii seennee waan walitti maknee ittin machoofnus hin qabnu. Haqa waggaa 15n kana keessaa qofaa kaafna. Maddii rakkoo warra Maqaa Saamtootaa jedhee yaada kiyya irratti kennuu barbaadu, Maqaa “ABO” jedhu saammachuu isaaniin malee, Kaayyoo saammachuu akka hin taanee naaf hubadhaa. Maaliif ? Namni Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa saba isaa barbaadu, Saamicha bifa kamiitu hin gaggeessuu jedhee waan itti amanuufidha. Kaayyoo wal fakkaatuus ta’uu , wal hin fakkaannee jalatti gurmaa’een nan qabsaa’aa jedhee kana amanu, tarkaanfiin isaa jalqabaa , wal ta’iinsa qabsoo ummachuu malee, maqaa saamuus hin ta’u. kana irraa ka’ee, Yoo Kaayyoo Maqaa kanaan duuba jiru hubatan akka warra kaanii daandii dhugaatti deebi’anii , Jaallan isaanii rakkoo dheeraa waliin dabarsan ofitti qabanii mararfatu turanii jedheen amana. Jara kana wanni Jaallanii fi Ummata isaanii irraa isaan fageessee, halgaa waliin seera akka tumatan taasisu maalii ? kana irra taree, Kaayyoo Ilmaan Oromoo itti dhuman sun kan waloo ta’un ifaa waan jiruuf, ofitti amanu taanaan, kaayyoo jirua milkeessuuf maqaa ofii moggaafatanii , geeddarumsa yaadan Hojiidhaan mul’isanii, deeggarsa Ummataa argatu malee, maqaa kana keessa deeggarsatu jiraa, humnaanis ta’uu saamnee Ummata kana boojinaan, nama bilchina toftaa fi muuxannoo Siyaasaa qabu irraa kan eegamu mitiin ejjannoo kiyya. Ademsi isaanii kun ammoo kan diinaa irraa adda hin ba’u. Yoo maqaaf ta’ee qofaadha, hanga dhumaatti Maqaa kanaan daldaluuf kan of kennan jennee kan dubbannu kanaafi. Kaayyoo kanatti amanus yoo ta’ee, Ofittummaan yoo hin jaamiin, Kaayyoo kana bakka shan dhaabuun raatummaa ta’uu qalbifachuun isaan hin rakkisu. Kanaaf hanga dhumaatti mooraa tokkotti hin seennu yoo jedhan , rakkoon isaanii inni jalqabaa, Maqaa ABOn Ummata Oromoo irratti daldaluuf yaaduudha. Inni kaan ammoo kaayyoo diinaa fi halgaa milkeessuu ta’aa jechuudha.
Waggaa 15 kana keessa ABO meeqa arginee ? isa booda meeqatu maqaa geeddaratee ? meeqatu kaayyoo geeddaratee ? meeqatu ammoo walitti deebi’ee ? jennee hin haasofnu. Mooraa Qabsoo ABO jabaa gadi dhaabuuf kanneen ifaajjaa jiraniif milkii hawwuu qofaa odoo hin taanee, deeggarsa barbaachisu taasisuuf murteeffachuun akka nurraa eegamutu natti mul’ata. ABO tokkicha gadi dhaabuuf tattaafachaa jirraa jechuu kana, akka salphaatti ialaaluun gaarii miti. Hojii fi dadhabbii ulfaataa qabaata. Akkamitti ? Hogganni jiru dirqama qabsoo dabalataa ofitti fudhachuu isaanii ni hubannaafii ? fedhii Ummataa hubatanii waan kana hojiin mul’isuuf yaaduun isaanii qofti, kabajaa hin gonfachiisu ? kana yeroo biraa itti deeina . garuu sabni kabaajaa fi ulfina waliif hin laannee, yoomillee ta’uu , daandii tokko keessa qajeelee akka hin hiriirre beekutu nu barbaachisa. isa daandii qajeelaa keessaa jal’ateettii haa deebi’uu .
waggoota 15n dabran ykn bara 2000 irraa kaasee , diinaaf umurii kan arjoomee fi Ummata Oromoo irratti bara Gabrummaa akka ida’uu kan taasisee eenyu ? jennee of gaafannee beeknaa ? deebii kanaa argachuu kan dandeenyu, 1. humna qabnu hundaan hojjannee yoo ta’ee, 2. Diina irraan miidhaa geesifnee fi waan silaa gochuu qabnu qulqullummaan yoo madaallee, 3. Keessa keenyatti madaa fi rakkoo baannee fi isa atu hin furatiin diina dura dhaabbachuu dandeenyaa ? jennee qulqullummaan yoo of gaafannee qofaadha. Anaaf garuu waggoota 15n kana mitii bara qabsoon eegalee kaasee, diina injifachuuf gufu guddaan ture, jabiina diinaa odoo hin taanee, Qabsoon Oromoo miila lamaan diina dura dhaabbachuu haqachuudha. Oromoon mooraa qabsoo keessa jiru, waggoota amma kanaaf kan diina irratti hojjate irra, kan walii isaa irratti hojajteetu caala. Jabaannee jennee dubbannee Afaanii osoo hin fixannee, tokko waan dhaabni karoorfate hundaa fudhatee diinatti gala. Ykn akka mana cidhaa hiriyyaa walii dhaqanii maqaa wal saamanii didichuun Dirqama itti kenname gufachiisan. Rakkinoota kanaa fi kkf ammoo, diinni qoratee caalaatti itti fayyadamuuf jabeessuu Mooraa qabsoo onsee jiraataa jira. Akka Kiyyatti Irreen Oromoo gonkumaa qoramee hin beeku. humna guutuu qabu odoo hin taanee, dhibbeentaa 30 iyyuu diina dura dhaabbatee hin beeku. humna xiqqoon falmee diina burkuteessee kaayyoo diinaa nu balleessuuf ture dura dhaabbate. Odoo rakkinootin kun hin jirree fi human qabnuun hojjannee woo ? dhalli Oromoo tokko bu’aa diinaaf qawwee baatee obbola isaa irratti hammeenya hojjatu walitti fidinee diina irratti akka raawwatu odoo taasifnee eessa jirra ?Gootummaa qabnu keessaa dhibbeentaa 1 illee hin fayyadanmiin jirra jedheen gadi jabeessee amana. Kana ragaa waliin yeroon itti dhiheessuu amma miti. mata duree keessaas ba’uu ta’a. kun garu rakkoo guddaa ta’uu isaa Qabsaa’oota qalbii nagaa qabu odoo hin taanee, warra dhimma kanaan qabsoo Oromoo burjaajeessuutu akka dansaatti hubata jedheen amana .
Qabsaa’oonni cichoomiinaan dhaaba kana dandamachiisaa jiran Gootummaan isaanii inni guddaan, Mooraa Qabsoo Oromoo walii galaa fi ABO mudate kana dandamatanii , Diina illee irriiba dhawwachuu isaaniitii. Ammuma ABO bakka meeqatti qircamee jedhamee waggaa 15 guutuu gurra nu duuchaa ture, Diinnis waggaa 25 guutuu maqaa ABO LAFA HIN KEENYE ! kun waa xiqqoo isinitti hin fakkaatiin. Yeroo tokko jechii BILISUMMAA jedhu qofaa isaa ija nu jaamsee jabiina akkasii akka ilaallu nu golgaa jiraate. ABOn qoodamee yennaa jedhamu, hojiilee Biyya alaa hanga Biyya keessaa jiru akka jeeqamu ni hubannaa ? kana hundaa haguuganii jiraachisuun salphaa miti. ifaajjii fi dadhabbii asi keessa jiru, “Ummata isaaniif” jennee bira yoo tarree, kanneen daba kana diina waliin dhaabbatee ykn dantaa dhunfaaf jedhee raawwaten maal jenna ? kun namummaadhaa jettu ? caasaa jiru akkas yennaa ciramu, ilmaan Oromoo meeqatu diinaaf dabarfamee laatama ? iccitti meeqatu saaxilamee ilmaan OROMOO irbaata rasaasaa taasisa ? kana irra badii jiru tarrisuu nan danda’a. kana kanan kaasuuf, warri har’a Kaayyoo jirtu irra maqaa qofaaf fiiganii qophaa isaaanii maqaa qofaa fudhatanii jiraachuu murteeffatan, ar’allee ija ashaboon dhiqatanii bookkisan, badiin isaanii beekamee Ummati nurraa dhaabbadhaa akka jedhuun barbaada. Ummati Biyya keessaa fi alaa, Obsaan waa hundaa ilaalaa jiraatee jira. Warri qalbiin Ummata isaanii kana irra miidhamuu hin qaban jedhan, hojii boonsaaf ega hiriiranii, kanneen kana keessa hin seennu jedhanii imimmaan ummata isaanii roobsaa jiraachuu barbaadan, of irraa dhaabuun baayyee murteessaadha. ABO bakka baayyee jira jedhamu kana kan dhabamsiisuu danda’uu waa lama qofaadha. Inni Tokko ABO jabaa dhaabuuf wal utubuu keessatti makamuudha. Inni lammaffaa , kaayyoo eebbifamaa kana didee kan kachachalu Ummati OROMOO narraa dhaabbadhu si ga’aa ittin jechuun ta’a. Maanguddoonni , Beektoonni , Hyyoonni , Dargaggoonni, Waldaaleen, Kominiitiin , Gaazexessitoonni kkf kana dhaabuuf hiriiru qabu. ABO jabaa dhaabuuf tattaafatamaa jiruun ala, ABO biraa hin barbaannu jedhee itti dubbachuu qaba. kana jechuun ABOn inni haqaa ummataaf bu’aa yoo hin buusiin, maqumaan jiraachuu danda’a jechaa hin jiru. hojjatus dhiisuus, kaayyoo manaa ba’eef milkeessus dhiisuus, badiis ta’uu, dalagaa boonsaa inni hojjatuuf isa qofaatu itti gaafatamuus, Galateeffamuus qabaadha.Namoota muraasaan warra wal nyaatu jedhamu hin qabnu. Addunyaanuu odoo xiyyeeffanaa nuuf laattee, jalqaba gaaffiin kaaftu ABO isa kami? Jechuun hin hafu. Gochi akka salphaatti ilaallu kun, “ISAANUU WALII HIN GALLEE” akka nu jechisiisuu beeku qabna. Kanaaf Ummati ga’ee maqaa wal saamuu maqaa isaatiin raawwatamu dhaabuuf hojjachuu barbaachisa.
Waggaa 15 kana keessa maqaa kanaan dhaadachuu fi of tuuluu malee, waan argamsiisan hin jiru. waan dubbatan hojiin hin argamsiifne. Waan isaan raawwatan nu miidhu irraa kan hafe, waan nu fayyade hin jiru. waggaa 15 guutuu ABO isa haqaa dadhabsuu fi laamsheessuuf yaaluu malee isaanii guyyaa tokko wayyaanee irratti ibsa tokko baasu hin argine. Ibsi dhaaba irratti baasan , hololli gaggeessan garuu lakkofsa hin qabu. Kun maal irraa madda ? Oromummaan isaanii kan firatti isaan cillaanfachiisuu odoo hin taanee, kan halgaatti isaan maxxansuudha. Kun maal irraa madda ? ABO maxxanfachuuf saamichi itti jiran, Ummatichi ABO akka jaallatu hubachuu irraati. Kun haqa. Garuu maaliif waan Ummatichi isa jaallateef ta’anii argamuu dadhaban ? Bilchinni sammuu dhibdee, maqaa wal saamuutti, ykn maqaa fudhachuuf arreeddu kun akkamiin fedhii Ummataan masakamuu dandeessi ? waan Ummati tokko jaallatu fi wareegamuuf diiguuf abbaluun maalummaadha ? maal irraa madditi ? humnoonni ykn Namoonni ABO keessaa , Maqaama ABO fudhatanii ba’an kun, Mucaa isaan irraa dhalatuf maqaa isaanii moggaasanii beeku ? waan aadaa sabichaa keessa hin jirree makachuu fi ittin jiraachuun maalummaa isaanii ibsa ? kun maal irraa madda ?
Maqaa ABO baayyachuu irraa, qabxiilee armaan olii haa kafnu malee, Amalli jibbisiisaa fi qaanfachiisaa Namoota kanaa kan biraa jira. Miseensa warri turanii Angoo barbaadan odoo hin hafiin, akka ABO isa foxxoqe tokkotti hoggana fakkaatanii isa umurii isaa itti ifaajjee dhiibuuf abbaluu illee ni argina. Yoo ABO tokkicha jalatti deebinee, bakka argachuu qabnaa kanneen jedhanii yaaduma diigumsaa bifa biraa kan qabatanis ni jiru. kun ummatummaa mul’isaa ? Kana malees, garuma mooraa kanaatti yoo deebine, carraa Hoggana haaraa uumuu keessa carraa deebisanii dubbii hammeessuu illee kanneen kaayyeeffatanii diinumaan gorfamuu yaalan illee ni jiru. ABO jabaa gadi dhaabuun waan salphaa fi ulfaataadha kanan jedheef kanaafi. Waan irraa of eeggatan illee danuudha. Kana irratti diina inni innikaa jiraa qalbifadhaa. Seenaa kana bal’inaan kaasuun ni danda’ama. Waan qaanfachiisaa akkasii dubbatachuunuu salphina. Ga’eessaa fi beektoota akkasii qabaachuun keenya nama gaddisiisa. Yaada kana kaasuun kiyya, dubbii hammeessuuf mit. Haqa jiru hubattanii waan hojjatamu hundaa qaamaa qalbii hordofu odoo hin taanee, qooda fudhachuun barbaachisaa ta’uu isin hubachiisuudha. Mooraa kanatti hin seennu kan jedhu fullee itti himuutu furmaata. Nu ga’a yaa firaa. Saamicha maqaa dhaga’uu fi miidiyaa irratti ABO ebaluun durfamu jedhamuun kun, karaa itti dhaabbatu haa falannu. Miidiyaaleen adda addaas, Maqaa ABO ebaluun durfamu jedhanii miidiyaa irratti ba’uun dura, Hogganni keessan meeqaa ? waajjirri keessan issaa ? miseensa meeqa qabduu ? gaaffiilee kkf gaafatanii dhugeeffachuuf dirqama qabaachuu beeku qaban. ABO ebaluun durfamu jedhanii yennaa tamsaasan, ABO dhiigaan jiraachisaa kan jiru irratti maal hojjachaa akka jiran beekuun murteessaadha. Asi irratti dhuhgaa tokko kaasuu nan danda’a. yeroo tokko ABO Kamaaliin hogganamu jedhanii yennaa tamsaasan , Namoonni isa waliin yeroo sanatti turan isa biraa ba’anii jireenya dhuunfaatti deebi’uu fi Kamaal nama isatti dhihaatu tokko waliin qofaa akka jiru qaamaaniin beeka ture. kun salphina . kan biraa jarri akkasii yeroo baayyee miidiyaa jirutti dhimma ba’uuf qofaa arreedu. Kanneen keessa dhiheenyuma kana maqaa ABO jedhanii kan hojii qaanfachiisaatti jiran ibsa adda addaa kennaa jiran, Namoota meeqaa yoo jettan dubbachuun mataa isaa nama qaanfachiisa. Oromoon hojii qaanfachiisaa akkanii Ummata isaa irratti hojjachuu isaatti gammadu , akkamiin aantummaa ummata kanaan akka of waamu naaf hin galu. maqaa ABON Ummata ofitti tapahachuudha. Mooraan Qabsoo Oromoo waggoota 15 dhumaa kana yeroon inni diina irratti hojjate irra, keessa ofii tikifachuu fi of baraaruu irratti kan yeroo isaa gubeetu baayyataa kana dhaabuuf deeggarsa nu irraa eegamu haa taasifnu . gochaa fi haqina isaa hubatee kan hojii boosnaa hojjate jajjabeessuun, isa kana booda ammallee hojii qaanfachiisaa hojjatu kana ifatti itti himuun barbaachisaadha. kan isaan barbaadan kaayyoo odoo hin taanee, maqaadha. Oromoon maqaa hin dhabne. Maqaa faarfachus hin barbaadu. Hojii barbaada, Kaayyoo isaaf tolu qabaachuu fi isaaf ifaajjee ifa kan isa baasu barbaada. Walumaa galatti, yeroon itti wal uruursinu dhaabbachuu fi ABO jabaan dhugoomee isas hojiidhaan Maqaa Kabaajaa kennufiif waloon haa hojjannu. Sochii qaanfachiisaa kanaan ummata keenya salphisuun haa dhhaabbatu. Kana dhaabuuf hundumtuu ga’ee isaa haa ba’uu. barreeffama mata duree kana jalatti dhiheessu holola diinaaf illee akka hin taaneef, ragaalee hedduu keessaa hanbiseeraa naaf hubadhaa .
ABOn Seenaadha. Seenaa Qabsoo Oromoo !! ABOn OROMIYAA keessatti dhalate. ABOn Waraana Bilisummaa Oromoo kan hundeessee fi Ajajuudha. Qabsoon Oromoo Biyya faranjitti dhalatte hin jirtu . ABOn Biyya faranjitti Tishartii walii irratti fannifamtu hundee hin qabdu. Gaafa halluun ishee irraa dhumatte qaama nama dhuunfaa malee kan Ummataa hin argisiiftu. ABOn Kaayyoodha. Nama dhuunfaa miti. ABOn Ummata OROMOOTI. Hiriyyoota ykn Gandee miti. Kaayyoo koo milkeessuus dhiisuus ABOn eessa akka jiru akka dansaattin beeka. Ummati koos tolchee beeka. Seenaa kan hatu, kan ballessu, Ummata isaa hatuu fi balleessuu irraa duubatti hin deebi’u.
Hogganni ABO Kaayyoo manaa ba’aniif yoo milkeessan ni faarfataman. Ni kabajaman , Goota Ummataa jedhaman . SEENAA IRRATTI ni galmaa’an. Kaayyoo Ummataa bakkaan ga’uu yoo hanqatanis akkasuma. Waa lamaanuf isaantu itti gaafatamummaa fudhata. Hojii isaanii malee isaan leellisuuf odoo hin taanee, seenaa haqaa jiru ibsuutu gaariidha. Cichoomiina, Obsaa fi aantummaa Ummataa isaanii, odoo hin kachachallee, kaayyoo odoo hin gannee, Gantoonni fi kachachaltoonni diina caalaa irratti hojjataniin odoo hin jilbeeffannee , Qabsoo kana dhaloota har’aan ga’uu isaaniif garuu kabajaa guddaan qabaaf. Qabsoon Oromoo yomillee kan hin dhaabbanne ta’uu fi kaayyoo isaanii bakkaan akka ga’aniif, hundee qabsoo OROMIYAA keessatti gadi dhaabaniif, karaa sirreessaa jiraachuun isaanii gootummaadha. Goota Oromoo tokkotu akkas jedhee jedhama. “har’a dhiiga koo dhangalaasuu keessanitti ni gammaddu ta’a. kan dhiiga kootiif isin gaafatuu fi isin adabuu guyyaa tokko ni dhufaa” jedhee . waan irra jirru qalbifadhaatii Hawwii Bilisummaa keessaa ba’aa Bilisummaa argachuuf hojjadhaa !!!!! kutaa 3ffaa keessatti,Warri Maqaa geggeddaratan maal barbaadu ? kaayyoon sabummaa irratti hundaa’ee, siyaasa bilchaataa fi dheedhii jedhamee qoodamu danda’aa ? bilchina siyaasaa moo, bilchina toftaatu nu barbaachisa ? ilaallaa.
HORAA BULAA !!!