Oduu Haaraya

“Sammuun bilisoomnee, qaaman of bilisoomsuutu nu afee jira”

Qabsoon mirgaa fi bilisummaa keenya goonfachuuf itti jirru yeroo ammaa sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira. keessumaa qabsoon Oromoo bara dheeraaf taasifamaa ture dhaloota haarawaa itti guddifatee jira. kana booda dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo itti gaafatama kan qabu, nama dhuunfaa, garee murta’e ykn dhaaba siyaasaa tokko duwwaa otoo hin taane dhimma sabaa ta’ee jira. kun mataa isaatiin injifannoo guddaa dha.

Qabsoon waggoota dheeraaf taasifamaa turee fi haarsaa guddaa gaafate, injifannoo dhaloota ammaa jiru dhaalchisee jira. garbummaa bara dheeraa Oromoo irra ture of irraa buusuuf bu’aa bahii heddu gaafata. Sabni bilisummaa isaaf falmu yeroo hunda daandiin qabsoo isaa irratti gufuleen heddu ni baayyatu. Gufulee qabsoo keessatti baayyatan keessaa kan diinni namatti tolchu irra kan qabsa’onni bilisummaaf falman wal irratti tolchantu bakka guddaa qaba. qabsaa’ota gidduutti tasgabbii yaadaa, tokkummaa, tumsaa fi wal hubannoo dhabuun yeroo hunda mooraa diinaa jabeessa. Kan qabsoo keenyas mudate kanuma. Kun ammoo qaamuma qabsoo ti. Adeemsa keessa wal hubachaa fi kan darbe irraa barachaa deemuun dirqama qabsa’otaa ti.

Keessumaa hoogganootiin siyaasaa haala qabsoon keessa darbee fi egeree sabaaf qabu garaa qulqulluun irraa barachaa fi wal hubachiisaa deemuun dirqama ta’a. dhalooti kaleessaa kan isa irraa eegamu dalagee jira. ardha akka kaleessatti yaaduuf siyaasa keessatti bakka olanaana hin qabu. dhalooti haarawaan akka isaaf aanja’uu fi sirna bittaa garbummaa jalaa bahutti yaaduun dirqama ta’a. kanaaf dhalooti haarawaan akka kaleessatti yaaduu qaba jennee komachuu ykn garasitti akka luuca’u dhama’uun yeroo fixuu fi garbummaa of irra bubbulchuun ala fayidaa hin qabu. kanaaf dhalooti kaleessaa galateeffatamee dhalooti haarawaan amma jiru eebbifamuu qaba. kana gochuuf dhaabbileen siyaasaa mirgaa fi bilisummaa Oromoof falman hunduu of amansiisuu qabu.

Waltajjiin amma irra jirru kun yeroo kamuu caala dhimma Oromoo irratti fala yeroo waloodhaan itti barbaannuu dha. kaayyoon ykn galiin dhaabbilee siyaasa Oromoo garaa garummaa qabaatus garuu waliin mari’atanii daran mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisuu fi tasgabbeessuun ni danda’ama. Namni yeroo hunda waliin mari’achuuf qophii ta’e wal irraa baraa fi dadhabbina jiru waloon irra aanaa deema. Aadaan kun gabbachuu qaba. kan koo malee kan jedhu yeroof bulcfachuun gaaffii waltajjii yeroo ti. Qabsoon bilisummaa haarsaa lubbuu duwwaa otoo hin taane haarsaa waliin mari’achuu, Waliif dhiisuu, ilaa fi ilaamee, kabajaa dhuunfaa dura dhimma qabsoo dursuu fi maree roga hundaa gochuu gaafata. Kun haarsaa akka salphaatti dhufu miti. Keessumaa hoogganootiin of irratti murteessuun dirqama ta’a. dhaloota haarawaatti qabsoo eebbaan dabarsuuf haarsaa nama gaafata. Haarsaa bifa kanaa kaffaluuf yeroo dheeraa nama gaafata. Haarsaa lubbuu kennuuf garuu sakondii laka’amuu hin dandeenye nama gaafata. Kanaaf garbummaa nurra jiru jalaa bahuuf haarsaa yeroo dheeraa nama gaafatu kaffaluuf qophii ta’uun murteessa dha.

Keessumaa qabsoon ABO bara dheeraaf taasisaa ture injifannoo guddaa galmeessisee jira. injifannoo argaman keessaa inni guddaan Oromoon akka sammuun bilisoomu taasisee jira. sammuun bilisoomuun yeroo dheeraa nutti fudhatee jira. ummati Oromoo akka Oromootti sammuun bilisoomuuf haarsaa ilamaan Oromoo qaqalii gaafatee jira. jagnoota keenya kan akka General Taaddasaa Birruu, general Waaqoo Guutuu, Elemoo Qilxuu Jaraa Abbagadaa fi jaallan xurree qabsoo saaqan eddu itti wareegamanii jiru. Wareegamni isaanii oromummaa nugoonfachiisee jira. yeroo ammaa Oromoo ta’ee oromummaa isaatti kan hin boonnee fi ani Oromoo dha ofiin hin jenne yoo jiraate lakkoofsa keessa kan galu miti. Oromoo ta’ee mooraa qabsoo keessatti haa irmaatuu, haa dhiisuu dhimma Oromoof kan hin quuqamnee fi gochaa diinaa kan hin hubanne hin jiru. Namoota dhuunfaa garaaf bulaniin ala dhimma Oromoo irratti Oromoon harka sagaltaamaa ol ta’u sammuun bilisoomee jira. kun injifannoo ABOn galmeesse keessaa isa olaanaa dha. injifannoo kana argamsiisuuf yeroo dheeraa fi haarsaa qaqalii fudhatee jira. tarii injifannoo sammuu bilisoomsuu amma goonfanne kana, bifa shaffisaa ta’een argachuuf adeemsa keessatti gufuulee edduu dursinee irra darbuu qabnu yeroon irra darbuu dhabuun keenya yeroo dheeressee jira.

Amma garbummaa sammuu jalaa bilisoomnee jirra. Kan nu afee jiruu fi ammas qabsoo dheertuu nugaafachaa kan jiru qaama keenya bilisoomsuu dadhabuu keenya. Qaamni keenya ammas garbummaa keessa jira. kun fuula qabsoo haarawaa dha. dhaloonni amma jiru qabsoo sammuu bilisoomsuu otoo hin taane qabsoo qaamaan bilisoomuu ti. Qaama keenya sammuu keenyatti dabaluu qabna. Kun amna guddaa nugaafachuuf deema. Kana gochuuf bilchinaa fi beekumsa guddaa ilmaan Oromoo mara gaafata. Abbootii siyaasaa Oromoo hunda gaafata. Kanaaf sammuun bilisoomnee qaaman garbummaa keesaatti hafuun keenya hunda keenyaaf gaaffii yeroo ti.
Qaama keenya garbummaa jalaa baasuuf hunda dura maree tokko kan biraa mo’achuuf otoo hin taane waloon mo’achuuf nudandeessisan gochuu qabna. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaan hawaasa Oromoo, beektotiin. Dargaggoo fi jaalattootiin qabsoo Oromoo hundi al duree tokko maree ilaa fi ilaameedhaan mari’achuun murteessaa dha. baayyina keenya gara humnaatti jijjiruuf kun hunda dursuu qaba. maree mala gara garaa of keessaa qabu bilchinaan gaggeessuun ni danda’ama. Maree walitti baquu, wal tumsuu, adda waliin uummachuu kabajaa fi wal ubannoo waliif kennuu, dhiifama waliif gochuu fi kkf gochuun ni danda’ama. Kana gochuuf garuu olala diiggaa fi kan koo malee kan biraa bakka hin qabu jechuu keessaa bahuu qabna.

Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo tasgabbeessuu fi injifannoo nu aftee jirtu goonfachuuf haarsaa akka nama dhuunfattis ta’ee akka dhaaba siyaasaatti nu gaafatu kaffaluuf qaphii ta’uu qabna. Diinni keenya yeroo kamuu caala yeroo tumsa waloo uummatee , bilisummaa nu afte akka hin goonfanne nu tolchaa jirutti nuti diina keenya caallee argamuu qabna. Diina keenya injifachuuf hunda dura keessa keenya mo’achuun murteessaa dha. diinni keenya rakkoo keessa keenyaatti dhimma bahee garbummaa jala nu bubbulchaa jira. kanaaf diina keenya caallee argumuun hunda dursuu qaba. ABOn akkuma muldhata isaa keessatti ifatti kaayyatee jiru, gabrummaa jalaa bahuuf baayyina keenya gara humnaatti jijjiruu qabna kan jedhuu dha. baayyina keenya gara humnaatti jijjiruuf ammoo dhimma dhuunfaa fi garee dura dhimma sabaa dursuun dirqama. Tokkummaa fi wal tumsi dhufuu qabu dhimma sabaa fi egeree qabsoo Oromoo irratti ta’uu qaba. muldhataa fi ilaalcha galii siyaasaa tokko qabu jalatti ta’uu qaba. wal hubannoon ilaalcha siyaasaa irratti hin hundoofne hundee hin qabu. kanaaf jecha ABOn akkuma muldhata isaa keessatti ifa godhe, tokkummaa Oromoo ilaalcha siyaasaa irratti hunda’ee fi mooraa qabsoo Oromoo irraa diina haphisuuf mala qabsoo hundaatti gargaaramuu qabna. Daandii jijjiramaa ABOn qabatee jirus kallattii Oromoo humneessuu ti. Oromoo humneessuu keessatti dhaabbilee siyaasaas ta’ee qaamota hawaasaa Oromoo wajjin akkuma kana duraa ABOn mamii tokko malee ni hojata.

Injifannoon Ummata Oromoof.

Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *