Oduu Haaraya

Seenaa gabaabaa waayee Sooreessaa J Jaarraa Abbaa Gadaa

jaarraa logoo

Bara 1936 ykn 37 Xaaliyaan hoggaa biyya seente, Harargee Bahaa Watar bakka je’amutti Abdukariim Ibraahim (Jaarraan Abbaa Gadaa) dhalate.
Jaarraan Jollummaan barnoota diin erga baratee, Barnoota saayinsii baratee jira. Nama Naamusaa fii haala ol aanaadhaan Hawaasaa fii Hiriyoota biratti beekkamu ture. Jaarraan Abbaa Gadaa Biyyoo Adaree (Hararitti) barnoota sadarkaa lammaffaa baratee kutaa 12 fixee jira.
Jaarraan Osoo fedhe Barnoota Isaa itti fufee sadarkaa guddaarra gahuu ni dandaha ture. Garuu Saba Amantiin, Afaan Isaatiin, Aadaa Isaatiin, lafa Isaa irratti gad aantummaa fudhatee maqaa Isaa wallaale san argaa barnoota itti fufuuf luyna tahuu qaba ture. Garuu Inni Luyna waan hin tahiniif dura Amantii fii Saba Isaatiif kennee Ifiif Rakkoo arguu filate.
Bara 1966 warra akka Isaatti gabrummaa hadhooytuu jibbee waliin geeraraa karaa Ibiddaa qabachuutti achi tarkaanfate.
“Boruuyyee boruuyyee
Boruu abbaa bariisooyyee
Galgala abbaa galgalooyyee
Galgalli naan dubbatee
Boruun naan marihatee
Roorroo hamtuu agarraan
Kan Oromoo saba kootii
Kiyya garaan hammatee
Hadhaa du’aa filate”
Jechaa miila karaa kaaye.
Baaleetti Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti ida’amuuf warra akka Isaa walitti jaaree kara Baalee gulufe. Achitti Jeynichi kun Lola gurguddaa hedduu keessa dabree gootummaa Isaa Mirkaneyse.
Jaarraan Abbaa Gadaa leenjii fii meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteeysaa tahuu Isaa waan hubateef achumaan kara Somaalee seene.
Bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree tan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo takka hayyamu dide. Maqaa Somaaleetiin lolan malee, Akka Mootummaan Ziyaad Baarree jettutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hin godhan.
Jaarraan Abbaa Gadaa Ifirraa lafa Arabaatii gargaarsa barbaada kara Yaman qajeele. Bara 1970 Yaman Kibbaa Magaala Adan seene. Mootummaa waliin marii godhee akka gargaaran beellama seenaniif. Baruma kana keessa Iraaq dhaqee qaamoota mootummaa waliin marii godhee jira.
Jaarraan Abbaa Gadaa Yamanitti Elemoo Qilxuufaa wajjiin Jaarmaya Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan. Baruma kana Jaarraan warra leenjii waraanaa Isa wajjiin fudhatan hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee kara biyyaa qajeele.
“Qeyroo Ganamaa” hogganuudhaan Jaarraan nama 36 fudhatee Dooniin Somaaleetti hoggaa bu’an, waraanni Somaalee Isaan Marsee Isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa akkuma seenanii qabamanii Mana Hidhaa “Mandheeraa” je’amutti amata 5 hidhaan dabarsan.
Amata 5 hidhaa keessa turee achii baanaan Jaarraan qabsoo manaa baheef akkuma gaafa dura manaa bahee sanitti Nashaaxaan itti deebi’e.
Bara 1976 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsootti deebi’uuf warra murannoo qabuu wajjiin kara biyyaa seenee qabsoo jalqabe.
Zamana kana Ilmi namaa Gabrummaan dhamaaftee amantii Isaa wallaalee, hanga Hadaraa hayla silaasee jechuu gahee jira. Amantii fii Sabaan wanni Oromootarra gahaa ture hanga hin qabu. Jaarraan Abbaa Gadaa qabsoo jalqabe saniin Ilmi namaa Gabrummaa Isarra jirtu akka hubatuu godhee jira.
Booda Jaarraan Abbaa Gadaa Adda Bilisummaa Ummata Oromoo Islaamaa dhaabee saniin qabsoo itti fufee jira.
Jaarraan Abbaa Gadaa hanga guyyaa lubbuun Isa keessaa baatuu takkaa Qabsoo ganama manaa baheef (Jihaada) irraa booda aanee hin beeku. Gabrummaa Karaa hundaan nurratti fi’amte jibbaa, Jihaada godhaa, Jiraate.
Akka Ummanni biraa Kaafira wajjiin walii galu kanatti takkaa mootummaa Kaafiraa wajjiin waliigaltee godhee hin beeku.
Umrii Isaa qabsootti fixee Amata 77tti Adunyaarraa gama Akhiiraa garagale. Dardarummaa Isaa Jihaadatti fixe, Fuudha erga umriin guddate booda waan fuudheef Ilmaan lama qofa qaba.
Rabbi Rahmata Haa godhuuf Mujaahida Kophaa seenaa dalage.
Jaarraan Abbaa Gadaa Jihaada godhe, goosise. Waraanni Isaa Allaahu Akbar jechaa Adawwiitti dhukkaasaa ture.
Jiruu Jaarraa Abbaa Gadaarraa Maal Baranna:
Tawakula (Rabbitti Irkachuu)
فَإِذَا عَزَمْتَ فَتَوَكَّلْ عَلَى اللّه
Hoggaa muratte Rabbirratti Irkadhu. Al-Imran: 159
Kanaaf namni hogga waan takkaaf murate, Rabbitti Irkatee itti fufuu qaba malee abdii murachuun aadaa mu’minaati miti.
Rabbiif jecha Namni qabsaawu Murannoo qabaachuu qaba. Erga Murate Rabbitti Irkachuu qaba. Namni Rabbitti Irkate maal dhabe?!
Ahbaashii fii Mootummaan kun hidhaa fii ajjeechaan abdii nu murachiisuu fedhan. Mu’iminni Abdii hin muru. Kana wanni Guddaan Jaarraa Abbaa Gadaarraa barannu.
Koreen teenya tan arra hidhaa jirtu, akkumaa Jaarraa Abbaa Gadaatti haqaaf falamannaan hidhaman.
Hidhaan hoggaa akka Jaarraa Abbaa Gadaatti Muratan, Qabsoorraa tarkaanfii takka boodatti nama hin deebiftu.
“Namni Karaa bareedaa Karaa namaaf godhe, Galanni hanga guyyaa Qiyaamaa Isaaf deema” Kanaaf Jaarraan karaa Qabsoo jalqabee jira. Inni warra duraati, Abbaan fedhe karaa Isaa seenu sawaabni Jaarraaf deema.
Rabbiin Shahiidoota waliin Isa Haa Kaasu.
Daran seenaa Isaa baruuf:

Check Also

alaabaa

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for …