Seenaa gammachuu qamalittii | Bilisummaa.com Oromia Shall Be Free. Dhimma Sabaa
Oduu Haaraya

Seenaa gammachuu qamalittii

Kutaa Lammaffaa  
                                                                          Taammanaa Bitimaa irraa

Jaalatamoo fi kabajamoo yaa duuka-buutuuwwan barreeffama kanaa, akka kutaalee dabran hundumaa sirriitti dhamdhamattan qalbeeffachuun, kunoo ammammoo kutaa jahaffaa itti-fufeen jira.

DURADUBBII

Ani akkan seenaa Gammachuu Qamalittii kana barreessu kan na kakaase, gaafii obboleessa keenyaa gaafii obboo Zalaalam Abarraa ti. Inni barreeffama Looreet Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa waan argeef, waayee nama “looreet” keenya faarsuu kanaa waa baruuf: “ati ni beekta tahaa, Gammachuu Qamalittii looret Xaggaayeen akkanatti faarsu kun eenyu laata? Inni jagna moo maaliin beekamee faarfamuu dandaye?”, jechuun na gaafateeyyu. Ani immoo: “ee ani waayee Gammachuu Qamalittii nan beekaa, waa barreessufuu yaadeen turee, mee xiqqoo-shii naaf obsi!”, jechuunan gabaabumatti deebiseefiyyu. Sababaa fi massaa isan barreeffata kana kutaa isa tokkoffaa keessatti kaasee irraan kan ka’eenan, hamma hardhaatti turuu dandaye. Mee amma egaa Gammachuu Qamalittii enyu akka turee fii maal faayiin akka beekamuu dandaye, kanaa gadittan isiniif dhiyeessatii mee obsaa fi qalbiin na dukaa bu’aa!

QAAMADUBBII

Gammachuu Qamalittii haadha isaa Fedhoo fi abbaa isaa Qamalittii Waarii irraayyi Oromiyaa teenya keessaa godina Afran (Arfan) Walisoo, naannoo Bodda jedhamutti dhalatee guddate. Boddi kun godinoota Oromoon Afran Walisoo nan qaba jedheetoo ittiin dhaadatu saglan (salgan) keessaa, isa gara kaaba “biyya Walisoo” irratti argamu*. Godinoota Afran Walisoo isaan hafan immoo yoo as irratti kaafne, barreeffamnii fi ibsi keenya guutuu taha. Achuma Boddatti aanee karaa kibbaatiin kan jiru, naannoon daran beekamaa “Dandi” jedhama. Ammas Danditti karum kibbaatiin kan aanu “Qaqaldhii” jedhama. Qaqaldhiitti karaa kibbaatiin aanee kan argamu immoo “Dulleelee” yoo tahu, isatti karaa kibbaatiin kanneen aanan: Haroo Balbalaa fi Dirree Warra Beellamoo ti. Magaalaan Walisoo Dirree Warra Beellamoo kana keessatti argamti. Dirree Warra Beellamoo fi Haroo Balbalaa karaa kibbaatiin kan daangeessu naannoo Gur’uraa jedhamu. Inni kun karaa kibba-lixaatiin naannoo Dhaadallee jedhumu of-keessaa waan qabuuf, Walqixxee irraan qaxxaamuruun Laga Gibee isa Jimma Abbaa Jifaar irraa addaan isa baasutti ijjata. Amma kanaa olitti naannolee guraacheffaman kanneen towachuun: “godinoota Afran Walisoo Saglan keessaa amma kunoo torba qofa nuuf kaaftee, lamaan hafanoo meerree?”, naan jechuu dandeessu. Kunis kan taheef, Bodda irraa ka’uun farda Jiddaatiin yookaan farda Maaruu Walee Walisoo isa: “akka qilleensaatti gulufa” jedhamu sanaan garuma kibbaa callaatti waan gulufneefi. Qaqaldhiin karaa bahaatiin Daawo-tti, Daawo kunimmoo karaa bahaatiin naannoo Oromoo Bachoo-tti karaa kibbaatiin immoo Maaruu Kormee-tti ijjata. Maaruu Kormeen karaa kaabaa Bacho-tti karaa kibbaa immoo naannoo Oromoo Sooddoo-tti ijjata.

Amma oliigad jooruu dhiifnetoo gara Boddaatti yoo deebine, naannoon Boddaa kun Oromoota baay’ee beekamoo tahan hedduu kanneen nu badhaase keessaa sadan isaanii Oromiyaa fi Oromoo bira kutanii sadarkaa impaayerittii Toopphiyaa jedhamtu-tti beekamanii argamu. Sadan kunis: Qusee (Habta-Goorgis) Dinagdee Undul, Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa fi Gammachuu Qamalittii Waarii ti. Warreen hafan keessaa hamma tokko yoo kaafne: Waj-wajii Waaqayyoo, Tolasaa Tinintii, Fatansaa (Tarrafaa) Citii Maakoo, Goobanaa Bixoo Qorichoo faa agarra. Goobanaan kun hedduu beekamaa fi faarfamaa dha. Gara irra-caaluu maqaa “Abbaa Caalaa” jedhamuun beekama. Boddi mataan isaa “Biyya Abbaa Caalaa” jedhamuun waamamaayyu. “Waraana Abbaa Caalaa dura waraanni Habashaa dhaabatu tokkoyyuu hin turre”, jedhamasi! Naannoon Boddaa kun karaa bahaatiin Bacho-tti, karaa kaabatiin immoo biyya Torban Kuttaayee keessaa Abeebe biyya Hasaquu Horaa-tti ijjata. Handhuura Boddaa irratti mandarattiin (magaalattiin) Bodda kan hundeeffamte. Magaalattii tana irraa karaa kaabatiin yoo deemtan wantee (kiilomeetira) 21 irratti magaalaa Giincii, eekaa “Giincii qoricha warra Wayyaanee” sana geessu!**

Jagnoota Oromoo waraana Adowaa irratti diina humna meeshaa waraanaa abdachuun biyya isaanii qabachuuf dhufe sana, waraana Xaaliyaanii daaraa godhan keesssaa tokko nama Bodda kanatti dhalatee guddate, Qusee Dinagdee akka tahe seenaan sirriitti galmeessee jira. Qusee Dinagdee mataan isaa oggaa waraanni Habashaa kan Minilikiin gaggeeffamuuyyu, Oromiyaa baldhoo keessaa naannoo Afran Walisoo humna meeshaa ammayyaa isa warra Oroppaa irraa argateen, dirree waraanaatti cabsee harkatti galfate sana waraana Oromoo Walisoo keessaa boojiyame. Sanaan dura waraanni Oromoo Walisoo kun ennaa lama waraana Habashaa kana mowuun ofirraa deebisee ture. Ammoo dibbiin dubbii meeshaa waraanaa isa ammayyaa taatetoo Oromoon Walisoo fi Oromoon kaan moyamanii kottee nafxanyootaa ciccitaa sana jalatti kufani. Waraanni Minilik nama-nyaataan kun kan Raas Goobanaa Daacciitin gaggeeffame, erga waraana Oromoo Afran Walisoo dirree waraanatti cabsee, abbootii duulaa fi abbootii Gadaa warra du’a irraa hafuun boojiyaman mana dukkanaa keessatti hidhuun darara ture. Goobana Daaccii Oromoo waan taheef, aadaa Oromoo sirriitti beeka. Oromoon yoo gaddes, yoo gammades yaada ofii walaloo fi yeedalloo geerrarsaatiin ibsata.

Goobana Daaccii halkan gaaf tokkoo: “mee dhaqaatii wanna Oromoon geerraru dhaggeeffaddhaa koottaa!”, jechuun basaastota isaa gara mana hidhaa dureewwan Oromoo itti-hidhamaaniitti erge. Namoonni isaa kun ifa ji’aa, isa qaawwan mana hidhaa sanaa hulluuqee galutti dhimma- bawuun waan abbootiin duulaa kunneen jedhanii geerraran dhagawuun Goobana Daacciitti dabarsani. Warra hundaa keessaa kan abbootii duulaa lamaa akka fakkeenyaatti Goobanaaf dabarsani. Dura kan Walgaafaa Qumbii abbaa duulaa isa naannoo Qaqaldhii irraa dhufee, booda immoo kan Ilaansoo Halloo, kan naannoo Daawoo irraa dhufee sana dhagawuun gooftaa ofiitti himani. Walgaafaa Qumbii yeedalloo seeyyee jedhamuun akka armaa gadiitti geerrareeyyu:

                                        "Seeyyee yaa didii galgalaa
                                        Yaa didii galgalaa
                                        Dubbii Goobana Daaccii
                                        Gamni namaan hiddatuu
                                        Goonni namaan dhaadatuu
                                        Maal cillimiin akkanaa
                                        Maal cillimiin akkanaa!"

Kanatti aansee immoo Ilaansoo Halloo diriirfatee gadi ciisuun, lapphee ofii lafatti sukkuumaa, ilkaan isaa ciniinnatee:
“Seeyyee yaa orooboo battee
Seeyyee yaa orooboo battee
Yaa orooboo battee
Yaa Oromoo baddee
Yaa Oromoo baddee
Yaa Oromoo badde!”

Yommuu sadii deddeebisee jedhe. Isa kana basaastonni Goobana Daaccii fi Minilik akkuma jirutti dabarsuun, gooftaa isaanii Goobanatti himani. Goobana Daaccii erga kana dhagayee booda jeneraalota isaa waamee: “Walgaafaa Qubbii nu waliin haasawuu fi waliigaltee fedhaa, mee boruma ganama mana-hidhaa keessaa baasaa! Ilaansoo Halloo-mmoo yoo baye nu fixaa, kunoo ammaayyuu ilkaan nutti ciniinnachaa jiraa, akkuma hidhame kanatti gara Ankoobari-tti dabarsaa!”, Jechuun abboome***. Ilaansoo Halloo jagnichi, abbaa isaa jagna-jagna caalu Halloo Bokkuutti baye kan jedhamu kun, akkanatti mana hidhaa Goobana Daaccii fi Miniliki keessa-tti biyyeen isa nyaatte. Mee yaa Oromoo koo yeroo sana, bara durii-durii sana keessa: “erga bilisummaan Oromoo badee, sabichis akka baduu dandayu”, Ilaansoo Halloo sonaan nu akeekkachiisee dabre. Hubaddhaa barri kun bara 1875 keessaa! Inni (Ilaansoo Halloo): “Yaa Waliso badde! Yaa Macca badde! Yaa Tuulama badde” hin jenne, “yaa Oromoo badde” jechuun Oromoo fi Oromiyaa guutuuf dhaamsa cimaa dabarsee dabre!

Kan nama dhibu, amma bara Qeerroo fi Qarree keessa, eeyyee ennaa Dhaloonni Qubee sun warra Wayyaanee fi warra Maxxannee dhaabii dhoowwaa ture sana, abbootiin Gadaa fi haayyoleen Siiqqee isaan naannoo Afran Walisootti argaman akka warri OPDO mana-barumsaa isa hunda dursuun magaalaa Walisoo keessatti, bara Hayila-Sillaasee: “Raas Goobanaa Daaccii Abbaa Xigguu timirt beet” jedhamuun waamamu sana, “gara Mana Barumsaa Ilaansoo Halloo-tti, nuuf haa geeddaramu”, jechuun abbootii taayitaa oggaa sanii gaafatani. Gaafiin uummataa kun hamma hardhaattuu hin deebineefi. Maali ammaan tana Shimallis Abdiisaa fi Koloneel Abiyyi ekeraa Goobana Daaccii fi ekeraa Minilik faa sodaatan moo, maal-dubbiin!

Amma gara baddaa Bodda Walisootti deebiyuun seenaa Gammachuu Qamalittii fi Qusee Dinagdee faa mee haa ilaallu! Seenaan Gammachuu Qamalttii fi seenaan Qusee Dinagdee walitti guduunfaa cimaa waan qabuuf, mee dursinee kan Qusee Dinagdee haa ilaallu! Qusee Dinagdee akkuma Looreet Xaggaayee Gabramadin Qawweessaa Bodda kanatti dhalatee guddate. Mucaa waggaa 16 taheeti kan waraana Minilik isa Biyya Oromoo humna meeshaa waraanatiin cabsee seene sanaan kan boojiyame. Inni ilma Dinagdee Undul yoo tahu, obboleeyyan dhiiraa sadii: Gulee Dinagdee, Gadaa Dinagdee fi Gosaa Dinagdee qaba. Obbleettiin isaa tan deesse Fedhoon immoo haadha Gammachuu Qamalittii-ti. Afran Walisoo keessaa lammiin isaa Manyaaqoo dha. Walisoo ilmaan dhiiraa afur waan qabuuf: “Afran (Arfan) Walisoo” yoo jedhamu, afran kunimmoo: Abbuu Walisoo (hangafa), Walee Walisoo, Leemman Walisoo fi Muunyoo Walisoo-ti. Isaan kanneen keessaa kan ijoollee dhiiraa torba horuun: “Torban Maaruu” jedhamuun daran beekamu, Maaruu Walee kana. Jagnoota fi gamnoota sonaan beekaman baay’eetoo Torban Maaruu kana keessaa baye. Garasuu Dhukii inni Oromiyaa fi Toopphiyaa bira kutuun addunyaattuu beekame kun lammiin isaa Torban Maaruu keessaa akkuma Qusee Dinagdee Manyaaqoo dha. Biiftuu Amoosaa farda Maruu Walee Walisoo isa “akka qilleensaatti barara” jedhamu sanaan: “Sidaama (Amaara) timjii (daangaa) Oromoo irra takaanfatu daaraa gooti”, jedhamtu sun dhala Maaruu kanaa-ti. Jagnichi kanaa olitti waayee isaa kaafne, Ilaansoo Halloos Maaruu dha. Gammachuu Qamalittiis Torban Maaruu keessaa lammii “Koji” jedhamu.

Kanaa olitti: “waayee karaa abbaa Qusee Dinagdee nuuf kaaftee maaf, karaa haadha isaa dhiifte naan jechuu dandeessu.” Maaloo haadha irraanfatanii abbaa fi ilma callaa himanii dabruun eessa jira-ree? Haati haadhuma; maddaa fi badhaadhina addunyaa tanaa maraa-ti. Of-tuulummaa dhiirota addunyaa tanaa gara Oromootti hin finnu-kaa! Kunimmoo Oromoo isa ammaa kana, isa waan ofii gatuun waan hedduu asiiyyis, achiiyyis bubbutate kanaa jechuu miti. Oromoon durii mirgaa fi tabaroo dubartii mijuu-tti (guutuu-tti) beeka! Mee eenyu addunyaa tana keessaa: “seera fi sirna Siiqqee” kan qabu? Ameerikaa faa jechuun nu hin kolfisiisinaa-kaa! Bara Siiqqeen Oromittittii jalqabamu sana Kolobasuu mataan isaa hin dhalanne! Haa-tahuutii haati Qusee Dinagdee akka namoonni tokko tokko dogoggoraan kaasan “nama Guraagee” miti! Ishiin Oromoo Caboo-ti. Caboo keessaa immoo lammii “Innaaroo” jedhamu.**** Ammoo akkawoo isaatu (haadha-haadha isaatu) Guraagummaa qaba. Qusee Dinagdee kun ennaa boojiyamu sana dhiisitii: “mucaa waggaa kudha-lamaatuu ta’ee, nama ajaayibaa-ti” kan jedhamu. Inni duubbii gamni muraaciin daddhabe hiikayyu. Gaafii gamni muraaciin deebisuu daddhabeef fala kenna. Daa’imticha akkanaa-too guddatee waggaalee 16-duunfachuun diina Oromoo fi Oromiyaatiin boojiyame! “Sana boodawoo maal tahe?”, isa jedhamu kutaa sadaffaa keessatti dhaloota Gammachuu Qamalittii Waarii Bulloo wajjin isiniif dhiyaata-tii mee nagaan naaf bubbulaa!

                                             Itti-fufa!

Hujaleewwan:-

  • Otoo Oromiyaan hin koloneeffamin dura biyyi gosa Oromoo tokko “lookoo”-tti, lookoon immoo “sangaa”-tti, sangaa kun immoo “laga”-tti qoodamuun beekamaayyu. Biyyi Afran Walisoo kun lookoowwan sagal qaba ture. Nafxanyoonni biyya qabatan sun kana jijjiiruun: lookoowwan shan faa, walitti fiduun “mikittil waradaa”, isa “sangaa” jedhuun “baalabbaat” isa “laga” jedhamuun immoo “ciqaa-shuum” jechuun “ciqaa” (dhoqqee) isaanii sana Oromiyaa teenyatti dhoddhoobani!

Fincilli qeerrolee fi qarreewwanii inni waggaalee afurii ol adeemsifamuun, mootummaa warra Wayyaanee nama-nyaataa sana fonqolchee geeddarama amma Koloneel Abiyyi fayin butame kun, kan dursee jalqabame magaalaa Giincii irraayyi ture.

Akka Goobana Daaccii hawwe sana Walgaafaa Qumbii erga mana-hidhaatii bayee, wanni inni jara biyya isaa qabate san wajjiin haasawuun walii-gale tokkoyyuu hin turre. Sirumaa lafti isaa fi kan firroottan isaa waan nafxanyootaan fudhatameef, Qaqaldhii keessaa naannoo Shube jedhamutti kan argamu, tulluu Ilaala Warra Walgaafaa irratti mana ijaarrachuun otoo biyyaa fi uummata isaa hin ganin jiraate.

Lammiin “Innaaroo” jedhamu kun, lammii baay’ee waliif galu waan taheef: “Innaaroo yaa fira gooftaa, walfaana yaati akka goondaa!” Jedhamuun himameefi.

Check Also

Alii Mohammed fi esqeel

Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend

Ezekiel Gebissa Yaadannoo keessatti: Alii Mohammed Birraa: Jireenya, Bilisummaa, Legend Adoolessa bara 2012, Alii Mohammed

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *