Oduu Haaraya

Siidaa Aanoolee fi Siidaa Minilik

Siidaa Aanoolee fi Siidaa Minilik

Abdii Boruutiin

Biyya tokko keessatti, siidaan yaadannoof dhaabbatu ykn ijaaramu tokko kan uummatootni biyya sanaa ija takkaan ilaalani fi fedhii irraa qaban akkasumas kan waan waloo tokko calaqqisu ta’uu qaba. Siidaan akkanaa kun ammoo siidaa biyyoolessaa ti yoo jedhame waan dhara ta’u natty hin fakkaatu. Waayee siidaa Aanolee fi kan Minilik yoon ilaalu, gaafiilee tokko tokkotu sammuu kiyya keessatti uumamu. Siidaaleen wal faallessan lamaan kun biyya takka keessa dhaabbachuun isaanii, biyyi tun akka takka hin taane agarsiisa. Biyyi tun takka miti yoo jedhame ammoo, gaafii: “Aanooleetu biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessa hin jirre moo Finfinneetu qaama Oromiyaatii miti?” kan jedhu kaasa. Aanolee fi Finfinneen dachee Oromiyaa (biyya takka) akka ta’an waan mormisiisu waan hin taanef, siidaan waayee uummata Oromoo faallessu tokko dachee Oromiyaarra jiraachuu hin qabu. Kanaaf, gabaabumatti, siidaan Minilik handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessa jiraachuu hin qabu jechuu dha.

Asirratti wanti hubatamuu qabu, kaayyoon barreeffama kiyyaa, siidaa Minilik ajandaa godhachuuf otuu hin taane, siidaaleen walfaallessan kun Oromiyaa keessa jiraachuu hin qaban; siidaan ajjeesaa fi ajjeesamaa akkamitti biyya tokko keessatti ijaaramu jechuufi. Uummatni Oromoo uummata weerara Minilik keessatti lammiilee isaa miliyoonaan lakkaawaman dhabe dha. Kanaaf, yaadannoo lammiilee dhuman kanaatiif Aanooleettis ta’ee bakkee birootti, siidaa ijaaruun barbaachisaa dha; kun mirga uummata keenyaatis. Nafxanyoonni warri Minilik isaaniitiin boonan, siidaa isaa yoo barbaadan biyya dhaloota isaatti ijaaruu danda’u. Siidaan kun Finfinnee keessatti kan ijaarame, waan nu mooyatanii fi nu gabroonfachaa turaniifi. Har’a garuu, yeroo QBOn injifannoolee hedduu galmeesse kana keessatti; yeroo biyyi teenya Oromiyaan xinnaatullee kaartaarratti beekamte kana keessatti, akkuma kaleessaa biyyi kan Minilik ijaare jechuudhaan; maaliif siidaa Aanolee ijaartu jedhanii nuun mormuu barbaadu. Seenaa uummata keenyaallee dhara jechuurraa of hin qusanne.

Akkuma miidiyaalee adda addaarraa hubatamuu danda’u, diinotni qabsoo bilisummaa Oromoo, keessumaayuu ilmaan nafxanyootaa, waayee siidaa Aanolee kanarratti wacaa akka jirani dha. Harkaa fi harma muraa nama-nyaataa Minilik isaanii faarsaa; kan harki fi harmi murame ammoo, dhara fakkeessuudhaaf, seenaan akkanaa barreessamee hin argamne jechuudhaan asi fi achii wacaa jiru. Siidaaleen Aanoolee fi Calii Calanqoo diigamuu qaban jechuudhaan hawwii isaanii ibsuurraa duubatti hin jenne, ifaa ifatti dubbachaa jiru. Siidaaleen walfaallessan kun (kan Minilik fi Aanolee) biyya takka keessa jiraachuu hin qaban jechuu isaanii ti. Akkana jechuun isaanii ammoo, siidaa’umti Minilik Finfinnee (Magaalaa guddoo Oromiyaa) keessa bara baraan haa jiraatu; kan Aanolee sun biyya Minilik ijaare tana keessaa haa diigamu jechuu dha. Karaa biraatiin, biyyaa hin qabdanii, maaliif siidaa kana biyya keenya keessatti ijaartu jechuu fedhu. Akkuma Madagaaskaar irraa dhuftan jedhan, har’as biyya keenya nu dhabsiisuuf abjootu.

Haa ta’u malee, wanta firas ta’ee diinni uummata Oromoo hubachuu qabu, har’a abbaabiyyummaa dhabnee, nafxanyoonni moofaa fi haaraan (Wayyaanotni) dabareedhaan biyya keenyarratti abbaa qabeenyaa ta’anii uummata keenya gabrummaa keessa tursiisanillee, gaaf tokko injifannee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisnee akka argannu mamiin ykn shakkiin akka hin jirree dha. Gaaf sana ammoo, siidaa Minilik isaanii fe’atanii gara irraa dhufanitti kan godaanan isaani malee uummatni Oromoo achuma biyya isaa keessatti, siidaa Aanolee biratt walgayee; bara baraan lammiilee keenya kan dhuman yaadachaa jiraata. Hanaga guyyaa bilisummaa fi walabummaa keenyaatti, isaanis (nafxanyootni) nuyis biyya hin qabnu. Biyyi kan abbaa irree, kan abbaa qawwee, kan Wayyaanee ti. Biyya takka hin taane fi abbaa hin qabne kana keessatti ammoo, ammaaf siidaan lama yoo jiraates waan nama dinquu miti.

Dubbii guddoon hubatamuu qabdu, wanti ilmaan Oromoorraa eegamu, nuyi akka isaanii waayee siidaarratti wacuuf yeroo hin qabnu. Siidaa ijaaramuu qabu bakka danda’ametti ijaarrachaa, garuu qabsoo tana yoomiyyuu caalaa jabeessaa; bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisnee argachuurratti ciminaan hojjechuu dha. Wanti nuyi dagachuu hin qabne ammoo, wacuu isaanii kanas akka laayyootti ilaaluu dhiisnee; akkamitti akka tokkummaa keenya cimsinu fi humna jabaa horannu irratti halkani fi guyyaa hojjechuu akka qabnuu dha. Yoo kana hin taane, yoo jarri kun humna cimaa horachaa deeman, sirna dulloomaa duri sana nutti deebisuu qofaa otuu hin taane, yoo haalli isaaniif mijate, dachee keenyarraa nu dhabamsiisuuf akka carraaqan mamiin hin jiru. Kun sodaa otuu hin taane, balaa namatti dhufuuf deemaa jirus alaalatti hubachuu danda’uu dha. Furmaatni balaa kana hanbisuu danda’u, tokkummaa keenya cimsuu fi humna Oromoo jabeessuu dha.

Yoo tokko taanee; harka walqabannee; karaa hundaan walgargaarree hojjechuu dandeenye; yoo wanti hin danda’amne hin jiru jennee ofitti amantaa qabaanne, waan hawwinu fi barbaadnu tokko wanti hin arganneef sababni hin jiru jedheen yaada. Akka fakkeenyaatti fudhachuuf, kunoo akkuma miidiyaa Oromoo walaba ta’e (OMN) jabeenya ijoollee teenyaa fi gargaarsa uummata keenyaatiin milkaayuu danda’e, haaluma kanaan tumsa waliif taanee; cimnee yoo irratti hojjenne, boru waraana cimaa diina injifatee bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya nuuf argamsiisu wanti hin ijaarreef ykn hin qabaannef sababni hin jiru. Wanti hunduu harka ilmaan Oromooti jira. Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne hubachuu qabna. Waan guddaan tokko, kan Oromoon hubachuu qabu ammoo, akkuma seenaarraa hubatamaa jiru, dhimma uummata ykn saba ofii dhiisanii, diina fi alagaa tajaajiluun booddeen isaa salphina malee bu’aa akka hin qabne dha.

Biyyi Itoophiyaa jedhamtu tun, uummatoota ishiitiif biyya takkaa miti. Akka ilaalcha kiyyaatitti, biyya takka ta’uus waan dandeessu natti hin fakkaatu. Kanaaf, warri (Oromootni) tooftaafis ta’ee dhugumatti kaayyoon isaanii tokkummaa impaayara tanaatiif hojjechuu ta’e, ofduuba garagalanii waa hundaa mil’achuu fi hubachuu qabu. Projektii hin milkoofnerratti beekumsa, qabeenya fi dandeettii isaanii balleessuurra, gara qabsoo saba isaaniitti deebi’anii hojjechuun; yoo du’anillee seenaa boonsaa barreessanii dabru; uummata isaanii biratti maqaa bareedaadhaan yaamamu. Kan faallaa kanaa dalagan ammoo, akkuma argame fi argamaas jiru, wanti boodarra isaan muudatu salphina fi seenaa badaa barreessanii dabruu dha. Asii fi achi jechuun eessanuu nama hin gayu. Murannoo, kutannoo fi obsa qabaatanii qabsoo uummata keenyaa kana keessatti gahee ofii taphachuu ykn/fi qooda ofii gumaachuutu gootummaa dha. Gootummaa akkanaa qofaatu injifannoo xumuraa argamsiisuu danda’a.

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *