Oduu Haaraya

Siidaa fi Paarkii Abbaa Shiraa Mallasaa!

Baarentuu Gadaa irra | Hagayya 25, 2013

Nama yakkamaa abbaa shiraa fi dursaa wayyaanee ture Mallas Zeenaawiitif Siidaa fi Paarkii ijaarra maqaa jedhuun uummata Oromoo mahaalaqa humnaan akka buusuuf dirqiisiisuun yakka lammataa ti!

Tibba kana karaa midiyaalee wayyaaneen holola ishii ittiin afarsitu TV fi Raadiyoodhaan ennaa waayeen waggaa tokkooffaa du’a yakkamtichaa fi abbaa shiraa Mallas Zeenaawii hololamu arginee dhageenyeerra. Jala deemtoonnii fi garaaf bultoonnis gooftolii isaanii TPLFoota gammachiisuuf hanga ijji diddiimatutti uffata gurraacha uffatanii ennaa boohan akkasuma argaa turre. Boru- hinbeeknee fi qaanii dhabooleen wayyaaneedhaan bixxilaman kanneen akka OPDO,BADN, DHDN fi kkf.. kun; kan ofii kabajaa isaanii ofirraa mulqanii gatanii miila wayyaanotaa’ratti kufanii “Bakka Mallasaa anaa fudhatu” jedhan itti hanqannaan akka ummattoonni cunqurfamoon biyyattii nama yakkamaa dhiigni ilmaan cunqurfamootaa; keessattuu kan ilmaan Oromoo irraa iyyu kanaaf boohan ennaa watwaatan argaa turreerra, warra garaa malee qaanii fixatan ta’uu isaanii ummattoonni biyyattii arganii taajjabanii ittis qaana’anii dhiisaniiru.

Jala deemtoonni fi garaaf bultoonni ergamaaf umaman kun keessattuu miseensoonni OPDO ennaa wayyaa kuula ol-gargalafatanii fi gurraacha uffatanii nama akka harreetti isaan fe’etaa tureef, diina Oromoo gara laafina tokko malee tarkaanfii ajjechaa, hidhaa fi saamicha irratti gaggeessaa tureef hirqanii ennaa boo’aniif arginee bakka isaanii qaanoofneerra. Kaan isaanii ammoo galmee wayyaaneerratti amanamaa ta’anii galmaahuuf jecha ennaa suraa Mallas meetira 10, kudhaniin hojechifatanii rarraafatanii wayyaanoota lubbuun jiran fundura yaa’anii boo’anii bochisuuf yaalanis akkasuma arginee hangam akka sadarkaa namummaatii gaditti of buusanii jireenya salphinaa jiraatan waggaa har’aa gaafa yakkamtichii fi abbaan shiraa Mallas Zeenaawii du’uu fi har’as ennaa waggaan tokkooffaan du’a isaa kabajamu argineerra. Nama Jiraatti lama du’e jechuun kan akkanaa ti.

Miseensoonni OPDO jiraatti lama du’an kun kan ofii salphatanii jireenya salphinaa jiraatan itti hanqannaan akkuma argaa fi dhagahaa jirru ummanni Oromoos nama yakkamaa ilmaan isaa hiisisaa, ajjeechisiisaa fi biyya’raa baqachiisaa tureef akka boo’u fi gaddu, akka gurraacha uffatu akkuma waggaan dura godhaa turan; har’as waggaa booda dirqisiisanii boochisuu fi uffata gaddaa uffachiisuuf carraaqqii guddaa taasiisaa turaniiru. Garuu akka yaadan hin taane, Iddoo gara garaatti diddaa uummanni Oromoo argisiisen harkaa fashalee jira.

Wayyaanoonnii fi Jala deemtoonni akka OPDO; waggaa tokkoon dura gaafa abbaan shiraa fi dursaan wayyaanee Mallas Zeenaawii du’u “uffata kuula gadi gargalfadhaa, kaan keessan ammoo gurraacha uffadhaatii bahaa boo’aa boochisaa, gaaddaa gadda keessan argisiisaa” jechaa turan. Tibba kana ammoo akkuma argaa fi dhagahaa turre waggaa isaa tokkoffaa sababeeffachuun bahaa boo’aa, ijaarsa Siidaa fi Paarkii Mallasaa Zeenaatiif mahaallaqa buusaa jechuun ummata goolaat jiru.

OPDOn akeeka saamichaa fi gabroomfannaa wayyaanee bakkaan gahuuf bixxilame kan uummata Oromoo hisisu, ajjeechisiisu fi qabeenya isaa saamsisuu osoo hin hanqatin tibba kanammoo harka fuudhaa wayyaaneetiif jecha, wayyaanoota har’a haangoo qabatanii jiran gammachiisuf jecha, “Paarkii fi Siidaa Mallas Zeenaawii magaaloota Oromiyaa adda addaa keessatti ijaarra” jechuun maqaa buusiitiin ummata Oromoo saamuuf carraaqaa jiru. yeroo ammaa kana maqaa ijaarsa Siidaa fi Paarkii Mallasaatin qonnaan bulaa fi hojjeetaan sivil sarvisii inni jireenya qaala’ee fi buusii hidhaa Laga Abbaayin hiraarfamaa jiru ammamoo buusiin Siidaa itti dabalamee gidirfamaa jira.

Miseensoonni OPDO warri garaaf bulan akkuma TV wayyaaneerratti isaan argaa turree fi jirru “Jaalle Mallas” jechuudhan gooftaa isaanii akka gaangee faxooree isaan yaabbataa turef “boo’aa” jedhamnii boo’aa turan. Osoo ummanni Oromoo dhaaboolee fayyaa, baruumsaa fi daandii dhabee rakkatuu, Mahaallaqa ummata Oromoorraa maqaa gibiraatiin sassaabame miiliyoonan gadi naqanii Siidaa fi Paarkii mallas jechuun magaaloota Oromiyaa gara garaa keessatti ijaaraa jiru. Akka fakkeenyaatti siidaa Mallas Zeenaawii kan OPDOn magaalaa Bishooftuu keessatti Miliyoona heedduu baasee ijaarsisee tibbana heebisiise kaasun dugaa kana caalatti mirkaneessa.

Murni badii irraa hin deebine kun ammas yakka gara biraa Oromoo irratti dalagaa jiraachuu isaa Oromoon beekuu qaba. Mormii fi jibba siidaa Miniliki Finfinnee jirurratti kan yakkamticha Mallas Zeenaawii yoo dabalamu jibbatu jibba dhalaa deemee qabsoon bilisummaaf taasifamu cimee itti fufa malee, Oromoon warra isa gabroomfatee fi isa fixeef oogdii ykn ganda isaa keessatti Siidaa fi Paarkii hin ijaaru.

OPDOn yeroo ammaa kana nama yakkamaa kanaaf jecha qabeenya Oromoo miliyoonaan lakkaawwamu dhangalaasee Magaaloota Oromiyaa keessatti Siidaa fi Paarkii Mallas ijaaruun yakka guddaa dha. Yakka dalagaa jiru kanaaf uummata Oromoo dirqiin buusii gaafachuun ammoo yakka lammataa gudhaa dha. Ummanni Oromoo garuu Mallas Zeenaawii abbaa shiraa fi yakkamaa gocha sanyii balleessuu ilmaan Oromoorratti raawwateef sababni gadduu fi boo’uu waan hin jirreef akeeki ergamtootaa hagas mara milka’aafii hin jiru. Fuunduras hin milkaa’u. Hawwiinii fi fedhiin OPDO tasumaa galma hin gahu.

OPDO’ni Ofii isaanii gabrummaa amananii fudhatanii akka ummanni Oromoos murna wayyaanee isaa gabroonfatee saamaa, ajjeesaa fi biyya dhablee isa godhaa jiruuf boo’u fi mahalaqa siidaan nama yakkamaa kanaaf ittin ijaaramu gumaachu gaafachuun qoosaa dha. Mallasaan Nama osoo lubbuun jiraatee yakka hojjeteef nama ummata Oromoo funduratti murtiif dhiihaatu ture. Oromoo qofas osoo hin taane, cufa ummatoota Itoophiyaa biratti nama yakkamaa yakka heddu dalagee dha. Nama akkanaa yakkamaa, Oromoorratti yakka hojjete kanaaf ammoo uummanni Oromoo akka gurraacha uffatuu fi akka siidaa dhaabuuf gaafachuun yakkas tuffii jabaadhas. Gochaan maqaaSiidaa Mallas ijaaruu” jedhuun amma OPDOn itti jirus tuffii ummata Oromoorraa qabu argiisiisa. Akka OPDOn aantummaa ummata Oromoorraa hin qabnes caalatti mirkaneessa.

Mallas Zeenaawii gaggeessaa murna wayyaanee, murna saamtootaa nama turee dha, Mallas Zeenaawii, nam waayiloota isaa waliin saamicha, ajjeechaa, hidhaa fi darara ilmaan Oromoo kumaatamarratti raawwatee dha. Nama adda dureedhaan daboota IHDGn hojjetaman hunda qindeessaa turee fi itti gaafatamuu dha. Mallas Zeenaawii nama waayiloota isaa waliin Oromoo biyya abbaa isaarratti akka gabrummaa jala turuu carraaqaa turee fi nama lafa Oromtichaa ciree halagaa biyya alaatti gurgurataa turee dha. Nama yakkamaa akkanaatiif ammoo Oromoon gama kamiinuu hin gaddu, gurraachas, hin uffatu, mahaalaqa isaa baasees

magaaloota isaa keessatti Paarkiis ta’ee Siidaa nama yakkamaa duguuggaa sanyii irratti raawwateef hin ijaaru. Isa qabeenya Oromoo saamuun OPDOn Bishooftuu fi magaaloota Oromoo keessatti ijaaree fi ijaaraa jirus guyyaa isaa eeggatee sirnuma nama nyaataa wayyaanee kana waliin diigamuun isaa gongumaa hin oolu.

 

Baarentuu Gadaa, gessogeda@gmail.com

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …