Oduu Haaraya

“SIRRAA DEEMUU KOOTI..!”

 

Jaalalaan qaroomnee, jaalalaan gammannee,
Abdii fuula duraa keessa keenyatti horannee,
Umrii teenya guutuu addaa’n baanu jannee,
Waliif taanee akka, hidda dhiiga onnee,
Teepha jaalalaatiin walitti hidhamnee,
Wal kabsannee, meeqaaf wal duskannee,
Sombuma tokkooni qilleensaas hargannee,
Sadoo fi qananiin nama tokko taanee,
Jiraachaa dha turre takkaa addaan baanee.

Imimmaan koo hayxee, aniis kee siif haqaa,
Hayyeef marabbaadhaan kokkoflaa, sesseeqaa,
Lubbuu koo, onnee too……
Tiruu koo, agartuu too…….
Jannee wal yaammanne, waliif baafnee maqaa,
Gammachuuf jaalalaan guutamnee burraaqaa,
Rakkoof gufuu meeqa obsaan keessaa hulluuqaa,
Daandurree nu miidhuuf kaayyeeffatte meeqa,
Tooftaan suuta jannee jalaa mimmiliqaa,
Dhufnee arra geenye galanni kan waaqaa.

Mee yaadadhuu kaa, gaafa waliin teenyee,
Imimmaan gammachuu walirratti boonyee,
Xiqqoo harkaa qabnu afaan waliif keenyee,
Mi’aa dhandhamachaa hanga arraa geenye.
Haa tahuutii garuu…….
Guyyaa keessaa maaliif natti taata qanyee.

Ani fittin beekuu takkaa waa balleessee,
Onnee tee qulqulluu maaltutu booreessee,
Gaafa walii dhufnu………..
Sansakkaa obsaa bar siitu na barsiisee,
Habaqaala ayaa na keessa qabsiisee,
Arra maaltu dhufee………..
Garba obsa keetii si duraa xuruursee??
Meeqa dabarsinee…….
Maaltu barii boruu tana si fageessee?

Jaamaan ganna torba ija dhabee taa’ee,
Gufuu meeqa obsee waa hedduu danda’ee,
Boru ijji isaa ni banaamti jachuu…
……………………… helifii dhaga’ee,
“Edanu akkamittiin bulaa duuba” ja’ee,
Arra yaadni keetiis sanuma maaf ta’ee?
Obsi akka dachii inni duraan qabdu..
……… ………… eessa si harka bu’ee?

Hanga utaalcha raachaa takkaatu nu hafee,
Dukkana balleessuuf miilli biiftuu ifee,
Maaltu hanganatti ..tasa sitti dhufee,
………………… obsa kan kee cunfee?
Eega sirraa dhufte… anilleen ufuuffee,
Dirqiin sin gunadhuu aniis been si quufee,
Galmee jaalalaa tee qaaxa duruun cufee.
At’torba na tufnaan torbaatam si tufee,
Deem karaan si arkaa ceerbe dhaqi huffee.

Ani maaliin godhaa eegaa siitu didee,
Jaalala fayyaadhaa sii meeluu itti fidee,
Waan dabaarsine san arra eega kaadde,
Maal godhuun danda’a dur eegala baddee,
Gochaan faallaa taatee arraata bareeddee.

Wasaasaa jaalalaa gama keetiin qabdee,
Xiqqollee tinnisuu eegaaniif dadhaabde,
Sitti haa toluu gaa arkadhu waan yaadde,
Kan si dhoorkun jiruu tahi akka barbaadde,
Abdii muri humaa nan gartu amma booddee,
Anuu kan si daran malaan bishaan waadee,
Hayyee nagayattii…….
Sirraa deemuu kooti….

*** *** *** ***

(‪#‎Saphaloo_Kadiir‬)

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …