Oduu Haaraya

Waahee keenya

Beekumsallee hin dhabnu
Ofiifillee hin taanu
Sammuun haguugatee
Afaan haa dubbtu
Egaa na dhaggeeffadhuu
Carraan erga fiddee
Oromoon tokkodha
Eenyutu eenyuun qoodee
Muka tokko taanee
Hidda yayyaafannee
Akka ilma abbaa hin qabnee
Salphinaan waamamnee
Kan halagaa maalii
Lammiinkoo hubataa
Surree geeddarannaan
Sabasaa tuffatee
Maqaa addaa addaatiin
Guddaa xinnaassaa
Ulaa karaa meeqaan alagaa seensisnee×2
Fakkeenyi baayyatu
Nurratti mulata
Qoqqoodamuu keenya halagaan hubata
Kaanin jedhen Jimmaa, Wallaggaa
Kaanin jedha Hargee Baalee
Anaan kan na dhibee
Wal bittinsaa jedhee Waaqa nu abaaree?×2
Dhagahi sabakoo
walloo fi Kamisee
Arsii bahaa dhihaa
Akkasumas shawaa
Nuti tokko taanee
Tokkummaa mulisnaan
Nama ofii miti alagaan nu hawwa×2
Kun hundi maalidhaa
Dhukkubni nu seenee
Qooqqoodaa na waamaa
Oromoon hin jenne
Waan baayyeen gubadhe
Garaakoottaa hafuu
Haadha gufuun dhoofnaan ilmaan itti kolfuu
Muka baala qabne qoottoon hin jaallata
Nutu of tuffate kanaaf nu tuffata×2
Eektiraan bilisaan, tigiraayi bulchiinsummaan,amaarri oduudhaan hunduu walii galee
Sa’a abbaa hin qabne gad taahee nu elme×2
Maalinni micciirraan jabbiin hin marrattuu
Dallaasheetii fidanii haadhashee qalatu
Ganna kudha meeqa ilaallee dadhabne
Sobanii ajjeesuu malee hin garree
Sabboonaa guddate deebinee hin garruu
Laga abbaa hin qabne kunoo nu waraabu
Haatillee madeeshee dubbattee hin baafattuu
Dargaggeessi diinaaf lammiisaa darbatu
Kuni abaarsamoo miciraan hin qabnuu
Hiriyaan ijoollummaa nu biratti qalamuun
Kana hunda argaa ofirratti hin duunu
Garaadhaaf bitamnee garagaltoo hin duunu
Biyyoota qaroome hubannee hin arginuu
Sabni walii galee ulaa meeqa banuu
Saba xiqqoo jechuuf addunyaan nu beeka
Ofitti hin boonnemoo, sabatti hin boonnemoo, haatikee hin boonyemoo, beekaakee hin dhabnemoo, firakee hin dhabnemoo
Kana hundaa ilaalaa kan ati callistu
Waaqni lafa buhee deebii siifaa laatuu×2
Maalinni waantisaa waanti hin eegamne
Wareegaman malee mirgi tola hin dhufu
Egaa yaa sabakoo walumaan haa kaanu
Nuti walii gallaan jarrillee nu beeku
Seenaa baayyee qabna kan darbe yaadadhu
Malee yaa sabakoo imimmaaniin taahuun bilisummaa hin fidu
Kan oromoo taatee lammiikee gantu
Gammachuu halagaatiif kan seenaakee dhabdu
Dhuguman siin jedha
Dhiisi sittaa hafu
kun lammuu hin tahuu×2!!

Galatoomaa
By Meetii

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …