Oduu Haaraya

Siyaasa jibbiinsaa fi karaa cabeen haa yaasuu irra, ilaa fi ilaameetu nubaasa.

Siyaasa ammayyaa keessatti ilaa fi ilaameen bakka guddaa qaba. ilaa fi ilaameen garaagarummaa siyaasaa jiru bifa bilchinaa fi beekumsa qabuun waliif keessummeessuuf daandii guddinaa ti. Siyaasa ammayyaa keessatti ilaachi amantaa siyaasaa tokko duwwaan jiraachuu hin danda’u. ilaalchi siyaasaa bifa gara garaan ibsamu jiraachuun isaa dirqama ta’a. haala mooraa siyaasa Oromoos yoo ilaalle kanaan ala miti. Ilaalchi siyaasaa yeroo tokko bakka guddaa qabaachaa ture haala naannoo fi guddina siyaasaa keessatti sarara biraa qabaachuu ni mala. Ykn ho’ina qabaachaa ture hirdhisuu ni mala. Kun sochii (dynamism) siyaasaa ti.

Jecha karaa biraatiin siyaasi waltajii tokko irratti eddu beekamaa fi nama kakaasaa ture, waltajii biraa keessatti ho’inni (tempo) isaa ni qabana’a. kana jechuun ilaalchi siyaasaa sun dadhabe ykn bade jechuu miti. Waltajjiin qabsoo keessatti gaggeessan jijjiramaa waanta dhufeef hooggana adeemsa siyaasaa ture muuxeffachiisu ykn waltajjii yeroo wajjin wal simsiisu gaafachaa jira jechuu dha. hooggana roga hundaa gaafatu haalli siyaasaa gaafachaa jira jechuu dha. hoogganni bifa kanaan qabsoo sabaa dursu, yeroo hunda harka isaa injifannootu jira. hooggana kan kaleessaa irraa baratee, waltajii ardhaa hoogganu, kan boruuf ta’u bu’uura kaahu qabaachuun qabsoof murteessaa dha.

Hoogganni kan kaleessaa irraa baratee, waltajjii hardhaa beekee, kan boruuf bu’uura tolchu ammoo, yoo hooggansa isaa keessatti ykn dhaaba siyaasaa isaa keessatti ilaalchi ilaa fi ilaameen bakka qabaatee dha. yoo hooggana garaa garummaa siyaasaa jiru, madda rakkoo otoo hin taane madda jabeenyaati jedhee amanu yoo ta’ee dha. kanaaf hoogganni garaa garummaa siyaasaatti amanu bilisaan yaada, bilisummaa qaba, bilisummaa sabaa fi biyyaa dhugoomsa. Hoogganni garaa garummaa siyaasaatti hin amanne ofiifis bilisummaa hin qabu, qabsoo sabaas galii bilisummaan gaha jedhamee hin yaadamu. Sababni isaa qabsoon siyaasaa yeroo hunda dirree garaagarummaan siyaasaa baldhaan keessa jiru keessatti deemama waan ta’eef. Hoogganni kana hubate yeroo hunda danboobaa fi yaadaa bilchaataa nama amansiisu of harkaa qaba. miiraa fi jibbiinsaan qabsoo gaggeessuu ykn hoogganuu irra bilchinaa fi beekumsaan qabsoo sabaa gara galma isaatti geessa. Kanaaf hoogganni keenya garaa garummaan siyaasaa yeroo kamuu kan baduu hin dandeenye ta’uu isaa beekee toftaa ilaa fi ilaameetti dhimma bahuun murteessaa dha.

Haala kanaan yoo qabsoo Oromoo ilaalle waanta eddu irraa barachuu fi irraa hubachuu ni dandeenya. Garaa garummaan siyaasaa mooraa qabsoo Oromoo keessa jiraachuun isaa badii tokko illee hin qabu. badii ta’ee kan jiru ilaa fi ilaameen dhabamuu isaa ti. Ilaa fi ilaameen jiraannaan garaa garummaa jiru gara dhiphisuu fi walii kabajuutti deemama. Garaa garummaa siyaasaa qaban yeroo hunda babaldhisuu fi isa faarsuun yeroo fixuu irra, dhimmoota waloodhaan qaban walitti hirkisanii diina irratti fuulleffachuu fida. Mooraan qabsoo Oromoo ilaa fi ilaalee gabbifachuun galma ga’iinsa qabsoo sabaatiif murteessaa dha.

Dhaabbilee siyaasa Oromoo yoo ilaalle, amma mataa walitti jabaatan diina waloo irratti mataa jabaachuu isaanii nan shakka. Akka hubannoo kiyyaatti diina irra wal irratti duuluutu yeroo qabsoo Oromoo fixee jira. hooggannis ta’ee deeggaraan qabsoo haala kana jijjiruu irra dhimmoota garaa garummaa dhaabbilee siyaasaa gidduu jiru hafarsuun yeroo keenya fixnee jirra. Kun ammoo eessaanuu akka nugahaa hin jirre akka gaariitti nama ija banatee ilaaleef ifa gala dha. wal kabajuu fi ulfina waliif kennuun Oromoon akka aadaatti qabu, hooggantoota siyaasa Oromoo biratti waanta haphachaa dhufe fakkaata. Ilaa fi ilaameen hookkara walirratti kaasuu irraa nama baraara. Dubbii bilchinaan ilaaluuf karaa bana. Daandii qajeeloo qabsoon Oromoo qabaachuu qabdu irratti mari’achuuf haala mijeessa. Kaayyoo dhaabbileen siyaasaa qaban akka gaariitti xiinxalanii akka ilaalaniif yeroo kenna. Ilaalcha tokkummaa fi oromummaa gabbisa. Hunda caala ammoo galii siyaasaa dhaabbilee Oromoo akka galma gahuuf haala mijuu uuma. Kanaaf ilaa fi ilaameen yeroo hunda meeshaa beekumsaa fi bilchinaa ti.

As irratti ilaa fi ilaamee gabbifachuun kaayyoo dhaabbataniif nama jalaa haqanqaala jedhanii namooti yaadan jiraachuu malu. Kun ilaalcha kaayyoo isaaniif amanamoo ta’uu isaanii hin muldhisu. Faallaa kanaa kaayyoo isaaniif xichoomina dhabuu isaan muldhisa. Namni kaayyoo isaa irratti amantaa qabuu fi bilchinaa fi beekumsaan roga siyaasaa ilaalu, akkamitti kaayyoo isaa galma gahuu akka qabu, waltajjii ykn meesdhaa ilaa fi ilaameedhaan gingilchee sabni (Oromoon) akka hubatu taasisa. Anqinoota kaayyoo keessa jiran yoo jiraatan ifati yeroon sirreessuuf isa gargaara. Kanaaf waltajiin ilaa fi ilaalee kan sodaatamu ykn kan irraa qoollifatamu otoo hin taane, meeshaa jabinaa ti. Kana of amansiisuun beekumsa.

Siyaasa jibbiinsaa fi karaa cabeen haayaasu jedhanii oofan tarii, garee xiqqoo ykn murna siyaasaa amma tokko yeroof waanta fayyadu itti fakkaachuu mala. Adeemsa keessa garuu murna ilaalcha kanaan masakamuu miidhaa deema. Bilisa ta’anii dhimma bilisummaa yaaduun murteessaa dha. namni bilisummaa ilaalchaa fi amilee hin qabne yeroo hunda jibbiinsa siyaasaa oofuutu dursa qabaaf. Kun ammoo siyaasa ilma namaa otoo hin taane, siyaasa bineensotaa ti.

Kanaaf ilaa fi ilaamee mooraa qabsoo Oromoo keessatti gabbisuuf beektota Oromoo fi jaarsotii Oromoo bilisaan yaadan dhaggeeffachuu fi gorsa irraa fudhachuun murteessaa dha. hanqinoota fedhas qabaatu beektota keenyaa fi angafoota qabsoo kabajuu fi waanta keessa darbanii fi egeree sabaaf nama akeekan garaa qulqulluun dhaggeefachuu ykn irraa fudhachuun beekumsa. Qabsoo siyaasaa keessatti barumsi kan argamu moora leenjii dabballee siyaasaa keessatti duwwaa otoo hin taane, duree qabsoo warri turan jaarsoliin mana barumsaa guddaa dha. umurii isaanii irraa waantota amtuus gaariis irraa barachuun ni danda’ama. Waanta keessa darban waltajjii siyaasaa keessa jiran wajjin walqabsiisanii dhimma qabsoof oolchuun hooggana qabsoo amma jiruu gaafata.
Kanaaf ilaa fi ilaalee gabbifachuun kabajaa fi ulfina hoogganoota siyaasaatti hora. Irra caala qabsoon akka finiintu haala mijeessa. Gufuu qabsoo keessaa kaasuuf malaa fi karaa salphaa dha. tokkummaa ilmaan Oromoo jabeessuuf meeshaa guddaa dha.

Dhumma irratti kanan jechuu barbaadu, bishaan malkaa keessa yaa’u, gidduu isaa dhakaan gurguddaan jireetee, isati bu’ee walitti wacuu fi iyyus bifa kamiinuu bo’oo isaa gadi dhiisee wal irraa hin fagaatu. Bakka dhagaachi hin jirre yeroo gahu, dura waanta walitti iyyaa tureef bishaanummaa isaa dhiisee wal irraa hin dheensu. Sirumaa sagalee qabbaneeffatee wal utubuudhaan garba guddaa ta’ee dhakaacha guddicha sagalee fi waca tokko malee liqimsa. Dhaabbileen siyaasa Oromoos yoo diina hin taaneen ala garaagarummaa fedhe iyyuu yoo qabaatan oromummaa balleessuuf ni dhama’u jedhee hin yaadu. Oromummaan waanta hundaa oli. Gufuu garaagarummaa siyaasa keenyaa ilaa fi ilaameedhaan furachuun beekumsa. Dhaabbileen siyaasa Oromoo siyaasa jibbiinsaa fi karaa cabeen haa yaasu jedhu keessaa bahanii daandii ilaa fi ilaameetiin waliif tumsa ta’uu qabu. kana akka hin goone kan fedha qabu wayyaanee duwwaa dha. ilma Oromoo ta’ee, dhimma sabaaf kan hojatu kamuu adeemsa kana ni morma jedhee hin yaadu.

Dhaabbilee fi jaarmoleen hawaasa Oromoo daandii walakkaa deemanii oromummaa jabeessuuf dhama’uu qabu. tokkummaan keenya jabaatu malee akka amma jirrutti dhaabbileen siyaasa kamuu kaayyoo dhaabbateef galmaan ni gaha jedhee hin yaadu. Gufuun guddaan tokkummaa keenya dhabuu dha. kun yeroo hunda irra deddebi’amee lalabameera. Garuu dhaga’uuf qophii ta’uu dhabuun keenya diina biratti nutuffachiisee jira. ilaa fi ilaamee gabbafachuu dadhabuun keenya lageen, bosona, galaana, gammoojjii fi biyyoota ambaa keessatti reenfii fi gidiraan dhala Oromoo akka jabaatu ta’ee jira. qaaniin kana caalu hin jiru. Amma haalli keessa jirru nama sammuu bilisa ta’ee yaaduuf qaanii dha. kanaaf dhimma dhuunfaa, garee fi murnaa boodatti dhiifnee dhimma oromummaa keenyaaf dursa kennuu qabna.

Laga utaalanii irra ce’uuf tarkkaanfii lama sadii duubatti deebi’anii itti fiiganii utaalanii irra ce’u. rakkoo keenya irra aanuuf hooggana siyaasaa Oromoos ta’ee lammiin kamuu dhimma garee isaa boruuf bulfatee dhimma sabaa dursa kenuun murteessaa dha. kanaaf fuunduratti fiiguuf ilaalcha ilaa fi ilaameedhaan dhimma dhuunfaa boruuf bulfannee waantota walitti nufiduu danda’an irratti haa hojjannu.
Cmadaa Hundee
camadaa@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Hayyuu fii gameessi Oromoo gara aakiraa deeman

INNAA LILAAHII WA’iiNAA ILEEYHII RAAJI’UUN PROF Mahdii Hamiid Muudee (Abbaan Gaazexaa Bariisaa) Hayyuun Oromoo guddaan …

One comment

  1. Camadaa Hundee ati dhaamsa guddaa warra dhimmi ilaalatuuf dabarsitee, baayyinni isaanii garuu dhaamsa akkanaa kana dhageefachuuf yeroo hin qabaatan. Wanta nama gaddisiisu keessaa hooggantoon qabsoo bilisummaa Oromoo kana osoo hin hubatin ykn beekaa dhagahuu diduun, hooggan saba bala’a jedhanii ofi yaamuudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *