Oduu Haaraya

Tokkummaa Bineensonni Beeke Akkamitti Oromoon Wallaaltee Diina Yartuu Jalaatti Hidhamtee Teysi

Ibsaa Barento

Tokkummaan humna, tokkummaan jabina, tokkummaan mirga fida, tokkummaan walqixxummaa arkamsiisa, tokkummaan mirga namaa kabajjisiisa, tokkummaan tuffii  jalaa nama baasa, tokkummaan daho fi dahannoo, tokkummaan gurmuu fi  waan hundaa fu bu’aa guddaa akka qabu, fakkeenyaaf jireenya bineesota maqaan isaanii asii gaditti tuqamu kana irraa tarii Oromoon  xiqqo waa barachuu danda’aa waan jedhu irrattiin ibsa gabaabaa kana kennuu barbaada.

Yayyii: Yayyiin bineesa laafaa humnaaniis dadhabaa dha. Yayyiin jireenya isii kan ittiin geggeeffattu tokkummaan, wal-jala deemuun, ajaja fudhachuun waliif dhaga’uun fi walii wajjiin hojjechuun cinaacha dadhabaa isaanii akka cinaacha jabatti jijjiiramu godhuun waan isaan barbaachisu ta’uu haalaan waan itti amananiifi. Tokkummaa kana irraa kan ka’e, bineensa bineesota hunda keessaa jabaa ta’e Leenca kan bineensi biraa jajjabaan hundi yeroo isa arke fincaan bubuusu,  Yayyiin sodaa tokko malee ariitee qabdee nyaatti. Kana irraa kan ka’e abboonni keenya yeroo makmaakan, wanti jibrii irra laaftuu hin jirtu, garuu qajjiisni jibrii hedduun yo walitti qabame Leenca hidha  jedhanii ilmaan fi gorsaa turan.

Fakkeeny biraa, nama maqaan isaa Oromoo jedhamu tokkootu ilmaan kudha tokko qaba. Ilmaan isaa kun yaadaaniis, hujiiniis akkasuma iddoon olmaya isaaniilleen garagara. Kana irraa kan ka’e guyyaa hunda joollee ollaa tan isaan irra jajjabduutiin tumamanii bo’aa galgalaa ganama abbaa isaanitti himachaa turan. Abbaan isaanii kun guyyuu tumamuu ilmaan isaa garaan dadhabee  waan takka isaan barsiisuuf dirqame, kuniis  tokkummaan akka hojjetanii fi tokkummaan bu’aa akkam akka qabu.  Kana irraa kan ka’e isaan hundaanuu deemaa ulee takka takka fidadhaa jedheen. Isaaniis akkuma itti himametti ulee takka takka fidatan. Isaan hundaanuu ulee teysan cabsaa jedheen. Rakkoo tokko male cabsan. Ammaas abbaan isaanii taraa lammadaa tiif akka ulee takka takka fidatan ajaje. Akkuma ajajaman godhuun isaan hundi ulee takka takka fidatan. Abbaan isaanii ulee kudha tokko isaan hunda harkaa guuree walitti hidhee isa irra jabaatiin ho cabsi jedheen, gurbaan jabaan ol-jedhee, gad-jedhee, jilbatti qabatee, karaa hundatti laalee cabsuu dadhabe jedhee abbaa isaatti deebise. Abbaan isaanii maal jedheen silaa akka ulee tanaatti isin tokkummaan deemtanii guyyaa hunda joollee gandaa ta isin hin geenyeen tumamtanii bo’aa natti hin galtan jedhen.

Kanniinsa: Kanniisi uumaa bineensaa keessa hedduu xiqqaa fi dadhabaa, ammoo hujii humna isaa tii olii hojjeta. Bifaan ykn zaataan Kanniisaan kan wal-fakkaatu Tiiticha, garuu hujiin isaanii Dibaalaa fi Daabbaa. Dibaalaa fi Daabbaa jechuun kiyya  waan wal-hinfakkaanne jechuu dha. Kanniisi bineensa xiqqaa tokkummaan hujii guddoo hojjatu kan ofbira darbee bu’aa isaatiin namallee gargaaru. Tiitichi tokkummaa hin qabu, wal-jala hin deemu, bakkuma itti dhiite bula, humna hin qabu, bu’aa isaa irra miidhaa isaa irra guddoo. Tiitichi heddomina isaatiin humaa godhuu hin danda’u. Habashaan yeroo hedduu Oromoo Tiitichaa waliin wa-fakkeysiti. Kanniinsi beneensa qooda hujii adda addaa baafatee jireenya isaa geggeyfatu dha.  Kanniisi humna waraanaa/defense  tan gaagura eydu tan diina karaa kamiinu dhufu  hagam jabaa fi humnaan isaanii ol-ta’uus lubbuu isaanii dabarsanii warra eegu qaba. Kanniisi hojjetoota ykn workers warra lafa fagoo fi dhiho, baddaa fi gammoojii, gannaa fi bona deeme daraaraa ykn abaaboon gosa gosaa lafa jiruu funaanee fidu qaba. Warra bishaan fiduus kopha qaba. Kanniisni akkasuma dhaltuu ta dhaltu akka shanyiin isaanii heddomaattu ta gootuus kopha qaba. Kanniisni mootii/king tan isaan hunda ajajju if keessa qaba. Mootiin/king  gaagura keessaa baanaan hundi isaani jala bahan malee jalaa hin hafan. Kanniisni haala kanaan tokkummaan hojjechuun damma mi’aawaa san hojjetee nama fayyada.

Rirma: Rirmi bineesa xiqqaa tokkummaan hojjetu. Abalu Rirma yo jedhan, otoo ati hin beekne qoqoree si fixa jechuu dha. Rirmi muka gurguddaa namni nu yo itti baayyatee qottoon tumaa oole malee jegsuu hin dandenye jala qoqoree jiigsa/jiysa. Rirmi niis akkuma bineesota lamaan olitti ibsine wal-dhaga’uun, wal-jala deemuun, wal-kabajuu fi qooda hujii , dirqama hujii isaanii fudhachuun raawwachuuni fi haga du’a lubbuu walii isaanii tiif dabarsuun bineensota beekkaman. Bineensonni tokkummaan haala kanaan waliin hojjetan kanneen hafan hedduu jira garuu gabaabatti akka fakkeenyaaf ta’u jedheen sadeenuma kana arraaf fudhadhe.

Rabbiin/Waaqni yeroo nama uume uumama lafaa hunda irratti waan lubbuu qabuu fi kan lubbuu hin qabne hunda irratti mootii godhe/irra caalchisee uume. Kuniis jechuun nama sammuu yaaddu tan uumama bineensa alaa tii fii kan mana hunda irraa ol isa gootu waliin uume. Eega bineesi sammuu haga ilma namaa hin geenye qabu hagana yaaduu danda’e, nuti Oromoon uumama sammuu tiin bineensota kanaa gadi mo, sammuun Rabbiin/Waaqni Oromoof kenne kan namoota gara biraatiin ykn saba biraatiin adda mo maali? Tigreen saba biyya Ethiopia jedhamtu san keessa jiru keessaa saba bicu dha. Garuu xiqqeenya isii beektee humna isii bakka takkatti wal-itti kuustee, tokkummaa uummatte hujii humna isii tii olii hojjechuun saboota gurguddaa akka Oromoo gabroomsaa jirti. Oromoon maalif kana irraa waan takka barachuu dadhabe? Wal-diddaa tytaa/aangoo tan jidduu jirtu kan qabaachuun malle yeroo biyya dhunfanne. Amma aangoo eenyulleen ittiin mindaa nyaachaa hin jiru.

Please, please, please/yaaboo, maalo, mee isin kadhanaa warri kaayoon teysan Orimia bilisoomsuu taate tokkummaa nuuf uumaa ummanni Oromoo hundi isin jalatti hiriira, irree fi humni keenyaas ni jabaataa, diinni keenyaas waliigaluu keenya yo dhaga’e otoo nuti hin dhofne naasuunuu ni baqaa maalo mee Rabbii /Waaqa isin uume sodaa dha. Laffeen abbootii , tan aayyootii, tan gootota Oromoo tan Calanqoo lolaa, tan Calanqoo calii, tan Aanoolee isinitti haa mul’attu, tan lafa Oromoon itti wal-itti lallabate waliif tumsaa ture mul-iftu tan akka Odaa bultum, tan akka Odaa nabee hirriiba isin haa dhowwitu.  Harmi murame, dhalli murame, harki murame fi mormi murame akka isin if yaadattan isin haa godhu. Walii galuu dhaba keessaniin gabrummaa Oromoo irratti akk hiitanii teysan hin dagatinaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *