Oduu Haaraya

“UF HIN BEEKNEEN NAMA HIN BEEKTU JEDHA OROMON”

Yoo namni ufii isaa seenaa gaarii hin qabnne seenaa nama biroo xureesuuf/balleeesuf yaalii godhu

 

Jecha kana kan na jechisiise oduu dhiheenya kana maqaa TV-OROMO magaalaa Toronto jedhu dhahachuudhaan dhara dhugaa irraa fagaate fi ergaa murnna diiggaa Oromo hujii godhatee sos’aa turee fi ammas ittti jiru calaqisu dhagahuu kiyya. Namni ergaa dharaa kana facaase Obbo Ahmad Siyyoo ergamaa dha malee abbaa ergaa kanaa waan hin tayiniif nama kana irraa akka dhunfaati waa jechuu yaadee akka hin tayin naaf hubadhaa. Dhaamsi koo ergamaaf osoo hin taane abbbaa ergaa kanaatifi. Ispiikaraaf osoo hin taane raadyoodhaafi. Obbo Ahmad Saayyoo ispiikara (qorqoorrodha) sagalee dabarsa malee ufii isaa sagalee hin qabu. Yoo radion cufate Espiikari waan dhageesisu hin qabu jechaafin fakkeenaya kana kaaye.

Akkuma namuu hubatu abbaan ergaa kanaa murnna bara dheeraaf maqaa Oromotin daldalaa, Oromo bakka/ganda irraa dhalateen madaalaa, faarsaa fi abaaraa yoo sana bira kute ajjeesaa as gahe dha. Kanas ragaalee adda addaa kaasuudhaan murnnni kun nama eenyummaa isaatin yookaan hujii isaatin madaaluu dhiisee bakka/ganda Oromtichi keessatti dhalteen madaalaa akka ture ilaaluu dandeenya.

Naamota akkuma Obbo Juneeydii Saaddoo mootummaa wayyaanee waliin hojjachaa turan kan yeroo adda addaa mootummichaan wal dhabanii biraa deeman ilaalchisee waan murni kun (shaneen) godhaa turte maqaa isaanii fi hujii namootaa waliin wal cinaa qabnnee haa ilaallu.

 

1.     Obbo Yonaataan Dhiphisaa- Namnni kun akkuma dhalli oromo hundi beektan nama gaafatamaa tika mootummaa wayyaanee tayee oromo hiisisaa, ajjeesisisaa, kolaasisaa fi biyya irraa ariisisaa ture dha. Gaafa namni kun mootummaa wayyyaneen wal dhabee biyyaa baqate murni kun (murnni shaneedhaa) biyya innni itti baqateti dhaqee (biyya Faransaa) nama yeroo sana dubbataa –murnna kanaa taye hojjachaa ture (Obbo Leencoo Baatii) ergee simate. Nama Oromo ajjjeesaa fi ajjeesisaa ture guyyaa tokoti xurii fi dhiiga Oromo kan iinni harkaan laaqate irraa dhiqanii, qulqulleesanii qabasaayaa Oromo godhanii nuuf dhiihessan. Kana qofatti hin dhaabanne hoogana ABO godhani labsan.

2.     Aadde Almaz Makko kanuma akka Obbo Yonaataan mootummaa kana sadarkkaa adda addatti tajaajilaa turte SBOn guyyaa tokkoti qabsooftuu Oromo goootee nuuf dhiheesite.  Kun hundi kan tayeef maali jennee yoo wal gafannu deebisaan isaa murnni kun kan ilmaan oromo madaalun hujii isaa/ishee yookaan eenyummaa isaa/isheen osoo hin taane bakka/ganda oromitichi sun itti dahalateeni kan jedhuti nama geeysssa. Namootin kun lameen kutaa Oromo walllaggaa keessatti waan dhalataniif shaneen xurii isaanii guyyaa tokkoti irraa dhiqxee qabsaayota Oromo nuuf goote.

Kana matati qabachuudhaan Ilmaan Oromo kan akkuma namoota gubbati kaayamaniti mootummaa wayyaanee waliin hojjachaa turanii fi mootumichaan wal dhabanii biraa deeman kan dhalootaan naannoo Oromiyaa biroo ta’an kaasnnee haa ilaalu.

1.     Obboo Hassen Ali. Obbo Hassen nama gaafa presdentii Oromiyaa ture yoo xiqqqaate nafxanyoota dhiiga oromon gabbatan fincoofsisaa ture tayuun beekama. Nama Finfinneen irii ol malee lafa oromo irratti qotee bulaa oromo buqiisuudhaan babal’atu tayuu hin qabdu jechuu isaatin wayyyanotaan ciniiname biyya irraa ari’ameedha. Obbo Hassen Ali akka Obbo yoonaatan dhiphisaa kan shaneen teenya guyyaa tokkkoti xurii isaa irraa dhiqxee qulquleesitee qabsaayaa oromo tolchitee nuuf dhiheesitee osoo hin tayin nama hujiilee gaari Oromof hojjate tayuu isaa oromon akka gaariti osoo beekuu gaafa inni biyya irraa bahe murni kun maal jechaa akka ture walumaan yaadanna.

2.     Obbo Juneeydii Saaddoo: Obbo Juneeydii Saaddoo kan amma murni kun guyyaa inni diina jalaa lubbuu isaa baafate osoo oolee hin bulin saroota/ergamtoota isaa irratti duulchisuuf tattafachaa jiru kun Oromoodhaaf bu’aa akkamii akka buuse Oromon biyya keeysaa raga haa bahu jennee dhiisuu irra tarreesu fi calleessun yeroo fudhata waan tayeef waan lameen takka tan inni balleese jedhamee ittiin hamatamu kaasee waa jechuu barbaada. Kan birotis akkanuma kaasun ni dandayama. Haa tayuutii bu’aa Obbo Juneeydiin ummata oromof argamsiisan namootin biraa tarreesanii waan jiraniif irra debi’uu hin barbaadu.

Tan duraa Obboo Juneeydii Saddoo gaafa teesoon mootummaa Oromiyaa Finfinnee irraa gara hadaamaa jijjiiramte hiriira dura dhaabbii barattoota oromo irratti tarkanfii fudhachuun isaa sirrii dha jedhe media irratti dubbate jedhamee hafarfamaa akka turee fi ammas kana akka ragaati kaasun yaalamaa akka jiru argaati jirra. Haa ta’uu Obboo Juneeydiin afaaniin akkas jedhaa barataa hagam akka balaa irraa hanbise kan beeknnu hagam keenya jennee yoo wal gaafanne deebisaan isaa nuti sana dura lubbuu keenya baafachuuf baqannee biyya ambaa jirra waan tayeef yoo sobnne malee dhugaa kana beekuu akka hin dandeenye ifaadha. Kan akka nama tokkoti barataa dhimma kana yeroo sanitti barattoota biro waliin Obbo Juneeyditi iyyachuuf waajira Obbo Juneeydii qaamaan dhaqe tokko irraa dhagaheen isiniif qooduu barbaada. Barataan kun OBBOO Juneeydiin baratootoota iyyannaa kanaaaf waajira isaa dhaqann waiin haala jiru erga haasawee/gorsee fi mari’ateen booda waajiraa isaa cufatee baratoota waliin booye jedhee afaan isaatin naaf hime. Kun kan mul’isu Obbo Juneeydiin yoo humnna/aangoo itti dhabe malee Oromoo miidhuuf fedhaa fi yaada akka hin qabnneedha. Waan media irrati jedhe jechuudhaan afarfamauu yaalamu kana dirqamee jechuun isaati akka malu hubachuu feesisa. Wanti guddaan yeroo saniti qabatamaan maal godhee dha. Biyya sana keessati ka ajjeesu wayyaanedha. Ka hidhuu fi furuu dandayus wayyaanedha. Kan nu hunda waliif galchuu yoo jiraate ilmaan oromoodhaa aangoo wahiin murteesuu hin dandeenye maalif qabatu kan jedhu qofa dha. Aangoo akkasii kan qabate ammoo Obbo Juneeydii qofa miti. Namni/murnni sammuu madaalawaa qabu nama aangoo akkasii qabate hunda ija tokkoon ilaaluu qaba malee kaan faarsee kaan abaaruu hin dandayu.

Kan lamataa Obbo Juneeydiin Al-Habash biyya galche jedhamee komatama. Kana ilaachisee amantiin ka abbaati. Abbaatu eeggata. Ka fedhe Al-habaash ka fedhe sunnii ka fedhes amantii biraa hordofuun mirga dhalootaan namnni qabuudha. Tokko tokkorati moosisuun sirrii hin turre. Gaafiin kiyya Osoo abbo Juneeydiin waan kana godhee maalif wayyaaneen sababa masaajida ijaare jedhuun yakkitee biyya irraa ariitedha? Haadha mana isaa maalif dhimma masaajidaatin yakkiiteedha? Ilaalchi kiyya kunis waan dhokate uf keessaa qaba (much bigger issue with the government) kanaaf isa kanaanis nama yakkuu dura waan dhugaa taye barbaadanii irra gahuu feesisa. (Let’s wait and see).

Dhugaan nuti hundi irratti waliif gallu ni jirti jedhee yaada. Oromoonni mootummaa wayyanee waliin hojjachaa turaniii fi ammas hojjachaa jiran aangoon/humnna akka hin qabnne (powerless) tayuu isaaniti. Murtiin wayyanota irraa muramee itti kennama waan tayeef waniti jechuu dandayanii fi godhuu dandayanis murtaayaadha. Haa ta’uuti namoonni kun karaa isaanif dandayameen Oromoodhaaf bu’aa hin buufnne jedhanii yaaduun makmaaksa “Uf HIN BEEKNEEN NAM HIN BEEKTU “ jedhu sanati nama geessa.

Dhuma irrati wanti warra mediyaa ololaa bakka bakkati banatanii oduu fi yaada qulqullummaa hin qabnne kan murnna biraa irraa isiniti kennamu qabatanii seenaa namaa xureesuu yaalatniin jedhu yoo jiraate, har’I kaleessa miti, kaleesis har’aa miti. Oromon dammaqee jira. Haguuganii naamn deemunis hafee jira. Kijibaan nama wal irratti duulchisuunis yeroon bira dabaratee jirti. Kan bu’aa qabu odeefannoo madaalawaa fi yaada ijaaraa taye qabatanii dhihaachuudha. Kan kana irraa hafe abbaa dhara leellisuu fi oromo bakka dhalootaan/ganda irraa dhufeen adda hiree kaan abaaree kaan faaruuf carraaqu yeroon si bira kuttee waan jirtuuf badii ammaan dura dalagaa turttan irraa barachuu fi karaa sirrii qabataniii deemuun irra filatamaadha. Kaan ala akkuma kaleessaa jennee jechisiifnna, abaarree abaarsifnna, kijibnnee kijibsiifnna jedhanii yaaduun doofummaa tayuu isaa haa hubannu.

Gama kiyyaan kan ani Obbo Juneeydii Saaddoo fi namoota biro diinaan wal dhabanii gama oromo dhufaniin jechuu barbaadu, baga diina jalaa lubbuu keesan baafatan. Baga hammeenya diina kanaa ufii keeyssaniii arguuf murtii irra gahuuf carraa fi umrii qabaattan. Kan Oromo baasu aangoo ufii keenyaa akka saba guddatti karaa nuuf dandayame hundaan qabsoofnnee aangoo siyaasa biyya sanii harkattti galfachhuu fi Oromon nama aangoo bubuutuu nama/qaama biroo jalaan dhuftu qabatee jiraatu osoo hin taane Oromon nama ufii aangoo siyaasaa dhuunfatee nama kan biraaf akka dandeettii fi baayina isaatin aangoo hiru akka tayu Oromo aangoo siyaasaa dhuunfachiisuf qooda isin irraa eegamu gumaachaa isiniin jedha. Kan dabrreef hamtuu fi toltuu dalagdaniif kan isin madaaluu fi isn gaafatuu, isin abaaruu fi isin faarsu hamilee gahaa itti qabu ummata oromo biyya keessa waliin turtan malee baqataa TV-interneetaa irraa wacu miti.

 

Galata qabdu @Boonaa

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

WBOn yoomiyyuu caalaa deeggarsa argachuu fi cimuu qaba

Berhanu Hundee Barreeffamani gabaabaan kun Amajjii 1, guyaa WBO yaadachuudhaaf kan qophaahe waan ta’eef, hunda …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *