Oduu Haaraya

Umrii Namaa Mana Hidhaatti Fixanii  “Abaluu fi Abaluun” Bilisa Bahaniin Qoosaa dha!

Umrii Namaa Mana Hidhaatti Fixanii  “Abaluu fi Abaluun” Bilisa
Bahaniin Qoosaa dha!

Baarentuu Gadaa Irraa//

gessogeda@gmail.com

Waggoonni 26n darban keessumaa waggoonni 3n darban ummata Oromoof
addatti ammoo sabboontota ilmaan isaaf waggoota akkaan ulfaatoo turan.
Guyyaa Wayyaaneen tokko jettee humnaan aangoo qabattee kaasee Oromoon
hidhaa, dararaa, ajjeechaa fi saamicha jala jira. Kan biyyaa baqatee
galaanaa fi gammoojjitti dhumaa turee fi jirus manni haa lakkaawu.
Sirna kanaan ilmaan Oromoo mirga ummata isaaniif dubbatanii fi falman
hedduun  rasaasa Aga’aaziitin akka bahanitti hafaniiru. Awwaala
dhabanii dheyena allaattii fi bineesaa ta’aniiru. Keessumaa waggoota
3n darbanii asii ammoo yakki ummata Oromoorratti raawwachaa turee fi
jiru amma hin qabu.
ABO dha, shororkeessaa dha, farra misoomaa ti jedhamuun yakki  TPLFn
dhalataa Oromoorratti hin raawwatamin hin jiru. Qayee fi qabeenyarraa
buqqifamuun hiraarfamuu, hidhattoota saba biraa Oromootti bobbaasanii
lafa Oromoo qabsiisuu, buqqisuu, saamanii saamsisuu fi ajjeechisiisuun
hojii Wayyaanee idilee guyyaa guyyaan dalagamaa oolee buluu dha.
Har’a manneen hidhaa Impaayeera Itiyoophiyaa dhiphatanii kan jiran
ilmaan Oromoo yakka malee dharaan yakkamanii hidhamaniin ta’uu
eenyuyyuu quba qaba. Kaampiileen  baqattootaa ollaa impaayera
Itiyoophiyaa jiranis  haaluma walfakkaatun ilmaan Oromoo ajjeechaa fi
dararaa Wayyaanee baqatanii biyyaa bahaniin kan guute ta’uun addunyaa
jalaa dhokataa miti. Namoota osoo biyyarraa baqatanuu garba
Meediitiraaniyaatti, Galaana Diimaa fi gammoojjii adda addaa keessatti
dhumaa turanii fi jiran  keessaayis harki guddaan ilmaan Oromoo
dharaan yakkamanii dararaa  sodaatanii  biyyaa bahaniidha.
Murni ani mootummaa Itiyoophiyaati ofiin jettu tun waggoota 26n
darbanii fi ammas yeroo ilmaan Oromoo heddu dharaan yakkitee ajeestu,
hiituu fi darartu   guyyaa takkallee  yakka sobaa ittiin himachaa
turtee fi jirtu shororkeessummaa irratti yoo ragaa qabatamaa fi haqa
qabeessa ta’e itti dhiheessitu muldhatee hin beeku.
Wayyaaneen guyyaa tokko fakkeessiifilleen dhalataa Oromoo  ukkaamsitee
fixaa fi dararaa jirtu ajaja mana murtii itti baaftee qabdee hin
beektu, akkuma sa’aa afaan qawweetiin karaarraa buttee fixaa fi
dararaa turte, dararaas jirti. Wanti hunduu kan raawwachaa turee fi
jiru seerarratti hundaayee osoo hin taane ajaja qondaaloota
Wayyaanetiini. Isaantu mana taa’ee abbaa barbaaderratti ajaja bakka
argamanitti haa ajjeefaman, haa dararamanii dabarsaa ture, dabarsaas
jira.
Qondaalonni Wayyaanee waggoota 26n darbaniif keessumaa waggoota 3n
darbanii as erga FXG Oromoo gutummaa biyyattii keessatti
sirnicharratti ibidda qabsiisee booda ajjeesuu, dararuu fi bakka
buutee dhabamsiisuu cinaatti ilmaan Oromoo hafan ammoo waggaa 4,5,6 fi
sanaa ol  erga hidhanii mankaraarsanii booda waan ragaan quubsaan itti
dhabameef abaluu fi abalu bilisaan gadi dhiifne qoosaa jedhu
gaggeessaa jiru. Ilmaan Oromoo maatii isaanitiinillee as jiran  jechuu
diddee  dararaa fi maqaa shorkeessitoota jedhu  itti maxxansitee
yakkaa turtee  erga waggoota hedduu hiitee booda waan ragaan quubsaan
irratti dhabameef gadi dhiise jechaa jirtu kana ummanni Oromoo
durumaanuu akka qulqulluu ta’an ni beeka. Haa ta’uutii waggaa 6 fi 7
hidhanii dararaa turanii bilisa gadi dhiifneen yoo hololaaf ta’e malee
gama kamiinuu bilisa gadi dhiifaman nama hin jechisiisu.
Akka fakkeenyaatti ilmaan Oromoo sabboontota mirga saba isaaniif
falman miseesota ABO ti, shorkeessitoota, warra biyya diigu jettee
manneen hidhaa hedduu keessatti mankaraarsaa turte  amma ajjeefte
irraa ajjaftee kaan bakka buutee dhabamsiiftee kan hafan ammoo qabsoon
Oromoo FXG itti cimnaan tibba kana muraasa isaanii waanan ragaa gahaa
itti dhabeef bilisa gadi dhiiseera, kaan ammoo  himata
shororkeessummaa irratti banamee ragaa waanan dhabeef himata isaanii
gara himata balleessaa idileetti jijjiree jira jettee jirti.
Hayyoota, Artiistotaa fi  namoota bebbeekkamoo mirga Oromoof falman
waggoota hedduuf ukkaamsitee turte dhiheenya kana ammoo mana murtiitti
deddeebisaa turte kan quba hin qabne hin jiru. Egaa waggaa danuuf nama
hidhanii mankaraarsaa turanii qaamaa qalbii nama cabsanii maatii,
qayee namaa, jiruu fi jireenya namaa diiganii waan ragaa dhabneef
bilisa gadi dhiifneen maal jechuu dha. Abaluun kun shorkeessaa dha,
ragaa itti qabna jedhanii erga maqaa namaa balleessaa turanii fi
hidhaa waggaa heedduu keessa nama tursanii booda Abaluu fi abaluuf
ammoo himata shorkeessummaa irraa kaafnee himata idileetin
himanneerraan hoo maal jechuu dha..? Kun dhugumatti qoosaa dha,
diraamaa fokkisaa dha. Ilmaan Oromoo hidhaman kunniin durumaanuu akka
balleessaa wayiituu hin qabne beekamaa dha.
Odoo dhugaan Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiraatee murni ani
mootummaa dha ofiin jettu wayyaaneen  sirnaa fi  seera malee  waggaa
6, 7 nama hiitee maqaa namaa balleessitee, qaamaa-qalbii nama cabsitee
qoosaa kana fakkaatu  lubbuu namaarratti hin qoostu. Hammeenyaa fi
jibba sirni kun Oromoof qabus ifatti muldhisa.
Ilmaan Oromoo bilisa jedhamanii gadi lakkifamaniifis haa ta’u warra
himanni dharaa irraa xiqqaateef  Oromoon hin gammanne hin jiru. Haa
ta’uutii  hidhaa fi dararaan irratti raawwate, humrii isaanii mana
hidhaa keessatti  dhugaa malee badeef itti gafatamaan eenyu.? Namoota
kana erga ragaan hin jiraannee durumaan maaf waggaa danuu mana hidhaa
keessatti dararamaa turan..?  Egaa warra lubbuun hafan ragaa gahaan
waan irratti dhihaachuu dadhabeef carraa argatanii hidhaa waggaa
dheeraa booda gadi lakkifamuu argataniiru,warri ajjeefaman, warri
dhugaa malee bakka buuteen isaanii dhabame hoo..? Ragaa maaltu irratti
dhihaate….?
Eeyyee kun diraamaa dha…ilmaan Oromoo martuu qulqulluudha. Kan
hidhamanii ajjeefamanis ta’e dararaman dhugaa malee dha. Dhiigni
dhugaa malee dhangalahee fi miidhaan dhaqabe ammoo lafatti hin hafu.
Oolee haa bulu malee Wayyaaneen ni kaffalti. Holola  fakkeessii har’a
gaggeessaa jirtuunis gaafatama   jalaa hin baatu. Diraamaan itti jirtu
kunis gama kamiinuu haqa qabeessummaa mana murtii ishii hin muldhisu.
Akkuma muldhachaa turee fi amma gutummaa Oromiyaa keessaa muldhachaa
jiru FXGn finiinaa jira.  Hololli kamuu laaffisuu hin dandeenye.
Eeyyee  wayyaaneen ajjeechaa, hololaa sobaa fi sossobbaa
gaggeessiteef, namoota  2 fi 3 fakkeessiif gadi dhifteef  Oromoon
diinummaa wayyaanee hin  dagatu, qabsoo isaarraayis hin dhaabbatu.
Dhaabbatuus hin qabu. Kan hidhaa, dararaa, ajjeechaa fi saamicha jalaa
nama baasu qabsoo fi FXG qofa ta’uu hubatee finiinsaa jira.
Fuunduraafis beekumsaan, maallaqaan, humnaa fi gama danda’u maraan
dhaaba isaa ABO akkasumas ilmaan isaa Qeerroo duukaa hiriiree murna
diraamaa irratti dalaguuf tattaafattu, weerartuu, saamtuu fi daratuu
gita bittuu Tigraay wayyaanee fi jalee ishii OPDO waliin haree ofirraa
gatuu qaba. Fallii fi malli ummata gabrummaa jala jiu gabrummaa jalaa
baasus kana qofa dha.
~xumarame~

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …