Oduu Haaraya

Uummanni Oromoo Uummata Ergamtootaa fi Garaaf Bultootaaf Jilbiifatuu Miti!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo weerartee qabeenya
isaa saamaa, kan kun hin ta’uu jedhee  mormee fi mirga ofii fi lammii
isaatiif falme ammoo hidhaa, dararaa fi ajjeesaa turuun  beekamaadha.
Dhugaa hunduu beekudhasi.  Baroota 26n darban kana keessa Oromoon
ammamiis akka waraana Wayyaanee Aga’aazii dabalatee hidhattoota
sirnichaatiin dararame, eessa buuteen isaa dhabamee fi ajjeefame,
hidhaatti mankaraaraa jirus eenyufuu ifaadha.
Haati Oromoo baayyeen yakka sirna wayyaaneetiin  boochee jirti, abbaan
Oromoo baayyenis akkasuma ajjeechaa ilmaan isaarratti raawwataa turee
fi jiruun miidhameera. Gaddeera.  Qabeenyi sirna kanaan saamamaa turee
fi jirus akkasuma amma hin qabu. Walumaa galatti waggoonni 26n darban
baroota yakki  daangaa hin qabne danuun  Oromoorratti raawateedha
jechuutu irra salphata.
Waraanni Aga’aazii jedhamuu fi hidhattoonni gandaa amma danda’an
Oromoo ajjeesaniiru, hidhanii dararaniiru, keessumaa  erga FXG akka
malee finiinee ka’ee waggoota 3n darbanii as tikoonni sirnichaa OPDO
waliin ta’uun qayee Oromoo keessa deemun yakki hin raawwatin hin jiru,
Haa ta’uutii Oromoon akka isaan yaadan saba hidhaa, dararaa fi
ajjeechaa sodaatee mataa gadi qabatu ta’ee hin argamne. Oromoon inni
tokko hoo ajjeefamu, inni biraa falmaa itti fufaa, inni tokko yoo
hidhamu inni biraa diina dura dhaabbachaa, falamaa biyya abbaa isaa
deeffachuuf taasisu finiinsee itti fufee jira. Injifannoorratti
injifannoo galmeessisaa diina dhiphisaa as gaheera. Keessumaa haalli
amma Oromiyaa keessa jiru akkuma eenyuyyuu quba qabutti diinatti aduun
dhihaa Oromoof bar’aa jiraachuun ifatti muldhachaa jira.  Walumaa
galatti qabsoon oromoon bilisummaa isaaf taasisu Oromoo bira darbee
cunqurfamtoota impaayeera itiyoophiyaa keessa jiraniifuu fakkeenya
ta’aa jira. Akka qabsoon kun duubatti deebi’uu hin dandeenyees diinni
mirkaneeffateera.
Qabsoon Oromoo qabsoo dhugaarraa madde, qabsoo haqaaf gaggeeffamuudha.
Qabsoon Oromoo; qabsoo bilisummaa fi walqixxummaaf gaggeeffamu qabsoo
hiree ofii ofiin murteeffachuuti. Qabsoon Oromoo qabsoo biyya abbaa
ofiii deeffachuuti. Qabsoon akkasii qabsoon dhugaaf gaggeeffamu,
qabsoon hiree ofii ofiin murteeffachuu, qabsoon biyya abbaa ofii
deeffachuu hidhaa, dararaa fi ajjeechadhaan gongumaa hin dhaabbatu.
Sobaa fi sossobaanis hin gufatu.  Wayyaaneen maalis gootu, maalis
jettu gaafiin maddi isaa haqa,sirrii ta’e kun karaarraa hin jaldhatu.
Amma galma gahuttis karaa kamiinuu humnii kamuu dhaabuu hin danda’u.
Tattaafii fi carraaqqiin  yeroo ammaa kana gama hundaan sirna
gabroonfataa wayyaaneetiin taasifamus  yaalii ijibbaataa yoo ta’e
malee waan jijjiiru hin qabu.   Qabsoon Oromoo  guyyaarraa gara
guyyaatti  finiinaa jira., qabsoon kaleessa namoota muraasaan eegalame
harra miliyoonoota hiriirsee jira. Kunis wayyaanee dhiphisee kunoo
sirnichi raafamaa jira.
Kan Qabsoon hidhannoo fi FXG  Oromoo isa dhiphise murni gabroonfataan
Wayyaaneen har’a kunoo  waan qabee gadi dhiisu wallaalee waa heddu
Oromoo irratti yaalaa jira.  Sirni kun dhiphuurraa kan ka’e  qabsoo
Oromoo finiinaa jiru kana dhaamsuf yaaliin godhaa hin jirre hin jiru.
Sabboontoota, qeerroo Oromoo sobuu fi sossobuu bira darbee  hidhaa fi
ajjeechaan hin raawwatin hin jiru.  Kuni  qabsoo Oromoon bilisummaa
isaaf gaggeessu dhaabuu dadhabnaan  kunoo akkuma hunduu quba qabnuu fi
dhageenyutti garaaf bultootaa fi ergamtoota naannoolee ollaa Oromoo
jiran keessumaa shiftoota sumaalee leenjisee hidhachiisee Oromootti
bobbaasee saba Oromootti dulchisee ajjeechaa fi saamicha raawwachiisaa
jira.
Mootummaa abba irree Wayyaanee  ofi isaatifuu shiftaa ta’ee  ummata
Oromoo goolaa ture, goolaas jira, Har’ammoo kunoo  shiftoota sumaalee
oromootti bobbaaseera. shiiftoota sumaalee kana hidhachiisee Oromootti
maaliif akka bobbaases tilmaamuun nama hin dhibuu. Dubbichi ifaadha.
Ofii saatii Agaa’aazii itti duulchisee waan dadhabeef ammamoo
shiftoota kana maqaa daangaatiin itti duulchisee qalbii Oromoo FXG
irraa butuuf ta’uun dhokotaa miti. Haa ta’uutii deemsi akkasii, toftaa
dulloomaa fi duubatti hafaa waan ta’eef waan milkaawuu miti. Ummanni
Oromoo ummata ergamtootaa fi garaaf bultootaaf gadi jedhuus miti.
Oromoon keessumaa , qeerroon Oromoo Akkauma Aga’aazii  amm taankitti
hidhatee itti bobbaafamee dura dhaabbatee ofirraa ittisaa ture
shiftoota sumaalee gaaraaf jecha itti duulan  kanas ofirraa ittisuun
isa hin dhibu, ittisee waaroo salphinaa itt uwwiseen dachaasaa jira.
Darbees sirna shiftoota kana bobbaase wayyaanee qabsoo mirga isaaf
taasisuun  xumra itti gochuuf qabsoo isaa finiisaa jira.  Kun cimee
itti fufuu qaba.
Eeyee namni ykn Oromoon shiftoota wayyaaneen ergite kanan baaragu hin
jiru, Oromoon qabsoo of ittisaarra jira. Haleellaattis akka cehaa jiru
muldhachaa jira. ergamtoota kana akka dhufaatii isaanitti kan isaan
erge waliin  Ofirraa qolachaa jira, kun cimee itti fufuu qaba.  itti
fufiinsa isaaf ammoo kan ani Oromoodha jedhuu hundi lammii saa bira
waan danda’een ijaajuu qaba. yeroon saba kiyyaaf , biyya kiyyaaf
ejjedheera moo hin ejjenne jennee itti of gaafannus amma. Kanuma
hubachuun  waamicha biyya abbaa, waamicha lammiif gurra haa kenninu.
Diinni kamuu saba keenya jilbiifachiisuuf mirgas humnas hin qabu waan
ta’eef roorroo saba keenyarra gahaa jiruuf haa owwaannu. Sirna nama
nyaataa kanaan gahe haa jennu

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …