Oduu Haaraya

Waa Shan Booda Waa Shan Jirti

Gamteessaa Sabaatiin

JECHOOTA GAMNAA KUTAA 8FFAA

  

Waa Shan Booda Waa Shan Jirti

  1. Qabeenyaa heddu kuufame booda hanni jirti
  2. Rakkoo booda baldhoon jirti
  3. Carraaqqii booda milkiin jirti
  4. Hadhaa/bargoo booda firii mi’ooftu jirti
  5. Qabsoo booda injifannoon jirti.

***

Ceephoo Zamanaa

Namni kamuu yoo waa balleesse ceepha’amuun barbaachisaa dha. Ceephoon nama sirreessa. Namuu ceephoo yoo of irraa jalqabe bareedaa ta’a. Ceephoo madaalawaa/sirrii fi sirreessaa kaasuun barbaachisaadha. Ana garuu ceephoo addaattu na muuddate. Homa argan hundaaf na ceepha’an. Ceephoo koo doonitti naa fe’an. Kan isin dhibu ofiif yookaan gaariitti, yookaan motoratti, yookaan kan caalu komkolaatatti fe’uu dhiisiitii saaykilatti fe’uu hin dandeenne!! Kolfa! Kaa! Kaa! Isaan isaan miidha kaa yookaan miya fe’umsaa saaykila isaanii faa jalaa cabsa itti ulfaatee! Saaykilli isaanii haa cabdu, bixinxish haa jettuu! Kaa! Kaa! Doonicha ceephoo isaanii eennu galaanarra isaanii bololiisisa ree!! Kaa! Kaa!

Ceephoo akka kanaa

Achi ofirraa gannaa

Waa ofitti fudhannaa!!!!

  

    Jiruu Bara Kanaa

Namni hunduu ima fiiga dhama’a, wal dhamaasa, wal kuffisa wal kaasa. Garuu dhiibbaa jabaa walirraan gayuun baayyate. Namni gariin qabeenna qabaa kuun beekumsa qaba. Hundinuu jiruu tana injifachuuf fiiga. Fiigicha jiruu jireennaa tan namni karaa walitti cufe tana keessatti. Fiigicha jiruu jireenyaa tana keessatti warri qabeennaa fi human fi beekumsa  qabu duratti kutee jira, gara kallattii sirrii fi injifannoo; lallaafoon duubatti harca’eera, jireenni hiyyeessaa/lallaafaa hedduu bacancaroofte, bubbushoofte, dhangaggoofte. Anis warra duubatti hafe keessaa tokko. Warroonni beekumsa, qabeenyaa, human, deeggarsa kkf lallaafaa iraan tarkaanfatanii fuulduratti kutan. An mataa kootti hanqina qabaadhus dureeyyiin dugdaa/gurmuu kootti baadhee isaan tajaajilaa isaan miila koo irra ijjataa tarkaanfatanii darban, na hacuucanii, fuulduratti tarkaanfanna jennaanis karaan kan cufate. Garuu maaltu beeka osoo waaqni iddoo galumsaa iddoo iraa kaane taasisee silaa boqadhee mitii ree!!! Yookaan bakki galumsaa bakkuma jirru san osoo tahee achumatti gadi teennaa!!!! Worroonni duratti kutan ammas bakka ka’umsaatti deebi’uuf haa babargaafatanii; gaafas nu dursitoota taana.

***

Jabaan an jabaadha jedhee of leellisee; kan biraa komatee mataa keessa gadi dhaya; garuu immoo yeroo eeggatti malee isaafis deebi’uun hin ooltu akkuma fi haguma saniin rukutama, inumaayyuu tan isaa hammaachuu dandeetti. Waan facaafatan haamatu jedhamee mammaakamaamii ree!!!!

 

                  

 

***

Gabaabamatti an waa’ee nama cimaa fi laafaa kan an jedhu:-

  • Cimaa :-laafina jabinaan injifachuuf tattaafata
  • Laafaa :-laafina laafinaan injifachuuf tattaafata
  • Cimaa:- kan muxannoo namarraa fudhatu
  • Laafaa:- kan muxannoo namarraa fudhanne
  • Cimaa:- Kan jabina ofii jajjabeeffatu
  • Laafaa:- Kan laafina ofii dhiifne
  • Cimaa:- Kan si’oomina qabu
  • Laafaa:- Mooggayaa, laamshayaa
  • Cimaa:- Kan waa midhaassuuf tattaafatu
  • Laafaa:- Kan hin tattaafatne
  • Cimaa:- moo’icha irraan moo’icha kan dabale qofa osoo hin taane kan kufaatii illee injifatee moo’e
  • Laafaa:- kan kufaatii irraa baree jalaa ka’uud hin tattaafanne; kufaatii ofitti gadi hatkisu

 

 

 

***

Namicha tokkotuu dura arba argee hin beeku ture. Innis nama wayii wajjiin osoo deemanuu deemanuu arbatti dhufan innis abshaalumaan bineensicha barachuu waan fedheef namicha lammataatiin akkana jedhe. Bee bineensa kana namni hin beennes jiraa jedhe. Achumaan namichi lammataas sila arba moo jedheen. Ee jedheen namichaan lammataa. Akkanattis namichaaniis abshaalummaan arba bare jedhama.

***

Namichatu nama wayii waliin osoo deeman faana arbaa lafatti argee raajeffatee, raajii raajii jedhe. Achumaan namichi  lammataa faana arbaa maal dinqisiifatta ila arbuu kuunnotii jedheen jedhama.

***

Jechi Gariin Dullaa Caalaa Nama Miidha

Yeroo wayii namoonn lamaa biyya tokko keessa jiraataa turan. Isaanis osomaa jiraatan, jiraatan gaafa tokko wal lolan. Isaanis wal arrabsan. Namichaan duraas arraba hamaa arrabse;  kan lammataas hanga tahe arrabse. Kan jalqabaa keessa dabree arraboota hahhamoo arrabse, arrabse mataa cabse qaanyesse. Achumaan harkaan walitti taranii wal buruqsan. Namoonnis iyyanii addaan guuraan. Kana booda jaarsonnis dhufanii dubbii jalqaban. Araarsuufis tattaafatan hin danda’amne dubbii bulfatan ; beellaman. Gaafni beellamaa gayees dubbatan. Achumaan namichaan arrabaan miidhame lammataa sun ani hin fixadhu, na ajjeesee, balleessee jedhe. Achumaan gaafa biraatti beellaman. Dhumarrattis beellamni gayee kadhaa hedduun araarsan dubbatanii mammaakanii; waaqnis araara fedhaa; mee adaraa fixadhaa; araaramaa jedhanii. Kana booda namoonnis gara qe’ee ofii deebi’anii jiruu itti fufan. Tura keessa gaafa wayii jarri wall ole kun walitti dhufe. Namichaan jalqabaa kan lammataatiin abboo akkam jedhe. Namichaa lammatallee gaarima erga jedhee booda kunoo madaa ulee keetii fayyee guutumatti garuu jecha ati naan jette hin fayyine; yoomillee hin fayyus jedheen jedhama. Kanaaf yoo yoo arraba hamaa manna dullaa hamaa wayya jedhama. Jechi zalaalamii jiraata. Yeroo darbuu jecha jecha hin darbine hin darbatin jedhama mitii ree!!!!

 

DUBBII FI ABBAA DUBBII EESSA JALAA HOFFOLAN?

Abbaan dubbii nu rakkisee maal nuuf eayya? Dhiyaa barii dubbimaan nutti deema. Dubbii isaa dhangaggaayaa sobaa sana kijiba afuufuu hafarsuu hafarsiisuu. Dubbiin nama unkuruu, jeequu!

Sila abbaa dubbii kana biyyuma kamitti jalaa baqanna. Xiyyaara yaabbannee galaanota qaxxaamurree jalaa baanaa, osoo hin ta’iniitii duunee illee dubbii dhiisuu! Dubbii kijibaa isaa haa afuufuu nu homaa hin taanuu!! Eessa? Yoom? Fi Haala kamiin jalaa ceenaa abbaan dubbii ni fooyyaya jennee osoo eegnu fidee!! Afaan faajjii haasayaa oolaa! Kijibaaan dhugaa haguuguuf tattaafataa! Kijibni kuma tokkoo dhugaa takkattii woy ta’aafii? Dhugaa dhoksuuf tattaafata! Odumaaf Kasaaraa! Garuu soba isaa dura dhaabbanna dhugaa qabnuun yoomillee, eessattllee, haala kamiinillee!! Dhugaan hin qallatti malee cittu jedha Oromoon mammaakee!!

“Abbaan dubraa nutti hafee kabbarteen

Warri abbaa qabeennaa nu cunqursuu jalqabdee

Lakkaa abbaa dubraa kana nurraa kaasaa

Afaan birri nutti banaa xaasaa”

Jedhee Oromoon Dhiichisellee Yeroo Ammaa!!

 

Itti fufa…

Irroo

Irroo irroo

Mana simbirroo

Maa oduun lafa maraa

Namni yaraan safaraa?

Simbirri asiif achii sirbitii wacii

Jettii asiif achii ciicii

Ijoolleenis walitti waccii

Ijoollee qofaa mitii guddaanis wacaa ta’ee

Malaa gadamatu kanaan bari’ee

Hunduu jedhee caacaa

Malaa gadatu gadaa wacaa!!

Guddaan gariin ta’ee ijoollee

Akkuma itti gorsu wallaalee!!

Hunduu ree ni qabdaa garee

Deemaa an isin jalaa goree

Kiyyumarra deemaa an xurree.

Gareen hunduu ni qabaa karaa

An xurrema koo irra deemaa jiraa!!

Namoonni ana safaraa

An hin qabuu oduu haaraa

Garootuma keessan irraa baraa

Walitti dhaamadhaa hadaraa!

Wal leellisaa feetan garee haaraa ijaaraa

Ana na hin oolchinee bakkas carraa!!!!

 

Check Also

a

Kuusa jechoota Afaan Oromoo Ramaddiin isii maqaa. (noun) A Qubee 1 Jechi kun akkmitti dubbifma? …