Oduu Haaraya

Waamicha Ariifachiisaa Oromoo Hundaaf!!!

Haayyuun Keenyaa Abbaa Libaan Dabbasaa Guyyoo Safaroo Guyyaa 27-09-2015 irraa qabee eessatti dhabamee jennee kan barbaadaa turre.

eprdf 2
‪#‎Shororkeessaa‬ maqaa jedhuun Wayyaaneen akka mootummaa Keeniyaa Kachachalaan Afrikaarratti tokkoffaa taatee waliin ukkaamsite ragaa qabatamaan kunoo argame. Mee Suuraa kana laalaa. Dabbasaan hoogganaa dhaabaa ta’uu dhiisiti miseensa dhaaba tokkootu ta’ee hin beeku. Kuni waan nama agarsiisu Wayyaaneen Oromoo hunda lafarraa fixxee ofuma qofaaf hafuu akka barbaaddu kuni ragaa guddaadha. Sheekii Oromoo Shororkeessaadha jedhanit ajjeesu ykn hidhu. Qeesii Oromoo Shororkeessadha jedhanii hidhu ykn ajjeesu. Phaaphaasi Oromoo shororkeessadha jedhaniiti hidhu ykn ajjeesu. Abbaa Gadaa Oromoo Shororkeessadha jedhaniit hidhu ykn ajjeesu. Barataafi Barsiisaa Oromoo shororkeessadha jedhaniit hidhu ykn ajjeesu. Abbaa qabeenya Oromoo Shororkeessadha jedhanit qabeenya isaa saamani hoo fedhan hidhan ykn ajjeesu.Baqataa Oromoo shororkeessadha jedhaniit ukkamsanii mana hidhaat tortorsanii akka TASFAHUUN CAMADAATTI ajjeesu.

Callisaa Oromoo maalif calliftee Shoroorkeessadha jedhanit hidhu ykn ajjeesu. Dubbataa Oromoo maaliif dubbatte ati shororkeessadha jedhaniiti ajjeesu. Yoo callifnes Shororkeessa; Yoo dubbannes Shororkeessa; Yoo baqannes Shororkeessaa; Beekafi wallaalan keenyas Shororkeessa; Dureessifii Iyyeessi keenyas Shororkeessa; Maaraatan keenyas shororkeessaa: Dhukkubsataan keenyas Shororkeessa; Ballaafi duudan keenyas Shororkeessa; Naafafii shininiqaan Keenyas Shororkeessa jedhamat bosonni keenyallee Shororkeessa jedhameet gubama.Yoo biyya Keenya keessa teenyee taa’uu nutti hin dhiisan. Yoo biyyaa baqanne baqachuu nutti hin dhiisan. Yoo keeniyaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Naayiroobi jira. Yoo Jibuuti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Jibuti jira.

Yoo suudaanitti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Kaartum jira. Yoo Yemeniitti baqannee Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Sene’aa jira. Yoo Masiriitti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee Jira malee mataan Kaayiroo jira. Yoo biyyoota Arabaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Doha,Riyaad,Dubaay,Beyiruuti fi kkf jira. Yoo Awurrooppatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Berliini fi Osiloo jira. Yoo Awustaraaliyaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Meelboorn jira. Yoo kanaadatti baqanne Wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Ottawaa jira. Yoo Ameerikaatti baqanne wayyaanee miilatu Finfinnee jira malee mataan Waashingiteen jira.Addunyaa kanarratti maaliif Oromoo taatani dhalattan baduu qabdan jedhani lola nurratti labsaniiru. Namni keenyaa yakka tokko hin qabu. Yoo yakka qabaate tokko qofa. Kunis Oromoo taatee maalif uummamtee yakka jedhamu. Kanammoo teenyee laallaa yoo jenne takka takkaan lafa kanarraa nu fixuuf deeman. Kanaafuu teenyee haa dhumnuu? Ani yaada keessan hin beeku teenyee dhumuurra osoo falmannu yaadhumnuun jedha akka mataa kootitti. Diinni dura barruu harkaa si qabeet hangam akka hirree qabdu silaalaa. Yoo barruu harkaa si qabatu ofirraa dhoowwu dadhabnaan ciqilee si qabata. Yoo ciqilee si qabatu ofirraa dhoowwuu dadhabnaan morma qabeet si kuffisa. Nuti Oromoon ammaan tana morma qabani nu kuffisaniiru. Akka hoolatti gogorra’amuu qofatu nu hafe. Kanaafu, biyyaa fi alarraa Sababa Dabbasaa Guyyoo kana Sababeeffachuun tokko taanee waan gochuu qabnu hunda gochuuf harka wal qabannee haa kaanu!!!!
Ka’i Oromoo!!!!!’

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …