Oduu Haaraya

Waggaa 50 OAU-AU Wayyaanee ‘Rafrafeenna >Titanic’

Review Overview

User Rating: 4.8 ( 1 votes)

Jajjaboo Sabaatiin

Gurmuun gabroonfataa /Cunqursaa/ yoo maraa haguma haaganaan “RAFRAFEENAA” dhufuu bultii baafata. Wayyaaneen akkuma sirna gabroonfataa/cunqursaa biraa akka qawween biyyatti roorrisaa haga gaafa ‘Rafrafeenaa’ dhufuun hin oollee eeggattu mamaa hin qabu.
Dur dur seenaa himaa Afaanii aadaa Orommotiin himamaa dhawaata dhufe keessatti yoo tokko seenaan“RAFRAFEENA” jedhan akka biyya lafaa mudate himan.
Sanillee sanyiin namaa quufee, fuxuulee Waaqa sodaa diduun akka uumaa dallansiisee dirsaa roobaa haga itti dabarsuun lolaa fi bishaaniin bakka mara galaana godhee irra gargalchuu fi liqimsuun lafarraa haree dhabamsiisu adabe himama.
Ammallee wanti nama maalalu sanyiin namaa haguma badiin jala geettellee badirraa deebisaa dide. Akka sirbuma irratti dhawameen akka badii gaayaa gaye ibsama. Osomaa akka Waaqatti yakkuun itti dallanee fi adabaa jiru uf arguu irraa deebii dadhabe. Akka dhiisuuf Waaqa ufii araarama kadhatuu lakkise.
Seenaan “RAFRAFEENA” jedhan yoo Seenaa “Muuvii Hoolii Wuud /The Holly Wood Movie Titanic” jedhamu keessatti “Yabala /Doonii galaana dhidhimaa jirtu warri yaabbate sarmadee soofuu baraa /dance/ shubbisuu malee liqifamaa jiraatuu hin argine..” agarsiisuun wal fakkaata ‘ jedhan waa dhaadhessutti hin fudhatamu.
Seenaa Rafrafeena san keessatti ilmaan namaa akkuma Waaqaan morkuu ‘Hinsirree dhiitaa’,
”Jilba na gaye,
Mogolee dhaye,
Hidha na gaye,
Handhuuraan baye,
Morma na gaye,
“Sirbaa dhiitaa shigidee
Roobee caamuu didee
Biyyuma maraa
Windisaa-nyagaraa
Akkuma qaraa
“Afaan dhaqqabee
Funyaan na qabee
Hafuura dhabee
Dhugee dadhabee
“ Biyyee booressee
Nafa coollessee
Huura itti haree
Ijaa-addarra taree
Matarraan raree
“Akkana dhidhimsee
Amma na liqimse….fi kanniin faa” jedhee dhawatu dhidhime.
Mirqaanaa fi gammachuu malee osoo homaa hin suukanaayin dirsaan roobaa, bubbee, cabbii, hobonbolattii, hangaasu, mandiisuu /bakakkaa/ galaanaa /bishaan/, fottoqa lafaatii fi kanniin fakkaatuu lafarraa duubbayuu himan.
Akkuma seensa irratti eerame gurmuun sirna gabrummaa /cunqursaa/ humnaa fi qawween biyya irratti diriirsuun akkasumaan itti wal jijjiiruun dhaalaan haga Wayyaanee ammaa dhawaataan dhaqqabe gaafa tokko’Rafrafeena /Titanic/’ galaana warraaysa hawaasaatiin liqimfama.
Biyya teennatti haga ammaa akkaataan walii gala guutamuu dhabuun /hanqatuun/ marroo heddu sirna gabrummaa /cunqursaa/ fi gurmuu gabroonfataa ‘Rafrafeenaan’ raafamaa osoon liqnfamin as gaye.
Keessattuu dambaliin galaana warraaysa hawaasaa humnaan uf ittisuu fi ukkaamsuun yoo gurmuu dullacha lubbutti haada dhawatu haarofni mirga hawaasaa harkaa saamee bakka dhaaluun akka ‘Rafrafeenaa’ hin liqmfamne baraaraa baasaa armaan gaye.
Bara 1963 waggaa 50 ar’aa gurmuun hawaasa garaagaraa akkaataa hamaa ykn gaarii bara san keessa mudateen gaddaan ykn gammaachuun yaadata.
Afrikaan Oromoo waliinuu bara Ijaaramuu “Tokkummaa Jaarmaya Afrikaa dur /OAU/”jedhamee beekamuutiin gammachuun yaadata. Oromoon garuu gammachuu qofaa mitii gammachuu fi gadda wal dhayeen yaadataa as gaye.
Gaafa madhaa-maatiin hawaasa Baale lafaa fi waaqarraa humna waraanaa, bulchitootaa, tikaa, foolisa sirna gabroonfataa /Toophiyaa/ Tumsa Alagaa lammiidhan Israa’ilii fi Roophilaa/Xayyaatota/ waraanaa Biriiteen/waaqarraa bombii itti roobuun gubataa dhumaa ture.Cidha dhiiga irratti akka sirba gaafa Rafrafeenaa godhame fakkaata. `
Sanirraa Baale /Arsiin/ akkasumatti Oromoo maraa biratti hennaan TJA ijaarame gaafa Diddaan roorroo gabrummaa, Ittisaa, Falmaa Bilisummaa, Walabummaa fi Birmadummaa biyyaa gonfatuu maqaa “Lola Baalee marsaa 2ta, Dhoombir /Waaqoo Guutuu i/” jedhamuun beekame lola hawaasaatiin Sirna gabrummaa fi Mootii gabroonfataa H/Sillaasee raase gammachuun qaabatama.
As irratti gaafiin Akkamitti osoo gurmuun sirna Nafxanyaa Mootii H/Sillaasee badii haga yakka waraanaan hawaasa irratti raawatu handhuura /Waajjira/ TJA /OAU/ akka taatu Finfinneen /Toophiyaan/ filatamte laata?, Hoggantoota Biyyoota Afrikaa gabrummaa biyyoota Awurophaa jalaa baasuu qooda guddaa gumaatuun beekkaman akka Dr Kwame N. /Gaanaa/ Ahmad S.T /Giinii/ Joomoo K/Keenyaa/ fi biraa waliin H/Sillaaseen harma sirna gabroonfataa-Biriiteen hagam qooda kenne? jedhu kanniin fakkaatu faa heddu kaasuun dandayama.
Akkasumatti namuu deebisaa itti fakkaatu akka Biyyoonni Afrikaa hedduu yoo sanitti reefuu bilisummaa gonfatuun shaagalarra jiraatuun Toophiyaan eega Xaaliyaan lakkiftee baatee soba turuun filatamuu hin ooltu. H/Sillaaseen ammoo aadaa bulchitoota Abashaa yoo Faranjitti irkatan malee ifiin dhaabatuu,/ jiraatuu hin dandeennen/ gama biraatiin ammoo fuulaan Afrikaa fakkaataa garaa jalaan gooftota-Biriiteenii fi kanniin fakkaatuu basaasuun itti hin beekamne fakkaata jedhu faa kennuu ijibaata godhuu tilmaamuun nama hin dhibu.
Ammallee TJA waggaa 50n dabarsine Biyyoota Afrikaa fagoo dhiisii roorroo bulchitoota Toophiyaatiin bobaa jalatti raawwatamu,osoo arguu hagam akka dhaabatuu fi furamu tattaaffi godhe laata? Jedhu gaafatuun itti aana.Akkasumaan deebii akka rakkoo hawaasaa fi biyyaa caalaa abukaattoo bulchitoota Biyyoota Afrikaa abboottii Irree turuu raga bayuu faa akeekuun walitti sufa.

Barana 2013 waggaan 50fa ijaaramuu TJA waggaa 10 as eega gara “Gamtaan Tokkummaa Diinaggee Afrikaa-AU” jedhamutti jijjiirame deemsuma Seenaa dheeraa waggaa 50n keessa jira. Gadaa OAU bulchitoonni Afrikaa maqaa “rakkoo biyya walii keessaa harka naqatuu dhabuu” jedhuun diddaa roorrootii fi falmaa hawaasaa bakka maratti walii tumsaa /gobsaa ukkaamsuun wal ittisaa arma gaye.
Ummanni Afrikaa gabrummaa biyyoota Awuroophaa hobbaafatullee gabrummaa diinagee fi bulchitoota sirna gabrummaa/cunqursaa haarawa irratti diriirsan jala jiraatuun walitti sufe.
Biyyoota Afrikaa maraa keessatti rakkoon ‘map’ biyyoota Afrikaa humnoota gabroonfattoota duraatiin shooramee itti kennamerraa maddee fi bulchitoota gurmuu xiqqaa hawaasa /biyya guddaa irreen bulchaniituu bara “Lola qabanaayaa /Cold War/”jedhamurraa diriire dhawaataan dhaalamaa dhaloota amma jiru dhaqqabe.
Biiyyoonni Afrikaa hedduu haga ammaa bulchitoota osoo jaalala hawaasaa /biyyaatiin hin filamin humnaa fi garagalcha waraanaatiinbiyya irratti bayaniin bulchamaa jiru. Rakkoon eeggomsaa fi nagayaa dhibdee guddaa Afrikaati. Qabeennaa fi diinaggeen Afrikas harki guddaan humna waraanaa bulchitoota akka bultii baafatan eegu ijaaruu, meeshaa waraanaa hammayyaa bituu, saamicha garee siyaasaa /biyya bulchuutiin affoollayaa as dhufe. Ammallee Irkattummaa diinagee jalaa hin bane.
Akkuma bulchitoota duraa gurmuun Wayyaaneen jalqabumaa kaaftee yoo diddaa fi falmaa hawaasaa raasu humnaa fi qawween akka ‘Rafrafeenaan’ hin nyaatamne uf ittisaa as geette.
Ammallee mirga namaa fi siyaasaa dhiituu, saamicha diinaggee /qabeennaa/ aadaa bulchiisa sirna dhabaa fi hawaasa maqaa abbootii qabeennaa /ivesters/ hawatuutiin faa akka dhukkuba dhagaa lixee /naqarsaa biyyaa /hawaasa/ balleesutti jirtu.
Keessattuu lammiin Oromootii fi biyyaa guutuu- lafaa dhufaan humnaa fi sammuun waa dalagu yoo biyyaa baqatu, harki guddaan siyaasaa sirna Wayyaanee diduu fi mormuun shakkamee manniin hidhaatti rararamaa jiru, ammallee amantii keessattuu amantii Islaamaatti harka naqatuun gurmuu hawaasa cufa dallansiisuun sochoose.
OAU-AUn akkuma bulchitoota Toophiyaa duraa gurmuun wayyaanee hawaasa/biyya ‘Bulchaa jirra’ jettu caalaa alagaa /Biyyootaa fi mootummoota/ ambaa gammachiisuu hidhaa cittu afaan dhara dubbatu malee dhugaa lagatu… gurra dhugaa dhagawu hin qabdu.
Wanti gurmuun matoota /hoggantoota/ hawaasa Afrikaatii fi biyya lafaa garaa garaa sirna irratti argame marti dhiyeessu, dubbatuu fi Waahima /midia/ bulchitoota Wayyaaneetiin odeefamu walii fallaa. Yoo gurmuun hawaasaa fi waahima ambaa gama jabaa fi laafaa wal bira qabaa ibsu, hojjattoonni dhaabata waahima Wayyaanee aadama biyya gurra duuchuu baratteen gama laafaa lagatuun jabaa qofa dhaadhessu.
Akkuma gaafa ijaaramuu /1963/ barana /2013/ yoo Afrikaan gammachuun wagga 50 ayyaanefatu Oromoo fi Toophiyaan gaddaa-imimmaaniin ooluu agarsiisa. Walumaa galaan yoo galaana warraaysa hawaasa Oromootii fi saboota Toophiyaatiin Wayyaaneen mataan gubbaa cabee raafamaa jirtu, ayyaanefamuun adda godha. Keessattuu Wayyaanee ijaa gurra qabattee laalcha hawaasa biyya lafaa gara balleessuu akka warra bara Rafrafeenaa ykn “Doonii /Titanic” jedhamtuun osoo sirbu dhabamee fakkaata.

AAGAYU

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

The Psychological Pathognomonic Syndrome of Settler-Colonial Abyssinia

Part II Odaa Hora “If the fish knows water, It has never urinated back to …

One comment

  1. gabrummaa hiddaan buqqifna dhadhabnus ilmaan itti guddifna brave fighters of medda wallabu we will forward our struggle against woyane& it allies

Leave a Reply to ahmed Cancel reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *