Abdii Boruutiin
Addi Dimookraatawa Oromoo – ADOn (Oromo Democratic Front-ODF) jaarmayaa Patriotic Ginbot 7 (PG7) jedhamu waliin waliigaltee akka mallatteesse bakkee adda addaatti mul’achaa jira. Xalayaa mallatteeffame sanas argee jira; garuu wanti irratti waliigalame sun bal’inaa fi gadifageenyaan hin mul’atu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatittti want ifa hin taane fi namaa hin galle hedduu dha. Kanaaf jedheen barreeffama gabaabbaa kana dhiyeessu barbaade. Kaayyoon barreeffama kanaa, waliigaltee sana qeequufis ta’ee deeggaruuf otuu hin taane, wanti dalagamaa jiru ifa ta’uu akka qabu hubachiisuufi.
Gara ijoo dubbiitti otuu hin seenin dura, wanti ifa ta’uu qabu tokko, qaamota garagaraa waliin waliigaltee uumuun waan badaa miti. Waliigaltee uumuun diinummaa hir’isuu dha. Diina waloo tokko kuffisuuf waliin hojjechuu barbaaduunis akkasuma waan gaarii dha. Haa ta’u malee, wanti gaafii guddaa natti ta’e waa lama dha.
Tokkoffaa fi inni hangafti, jaarmayaan PG7 jedhamu kun akkan ofii kiyyaa hubadhutti warra federaalisimii naannoleerratti hundaa’an hin fudhanne dha. Jaarmayaan tokko tooftaa siyaasaatiif jedhees haa ta’u haala yeroo hubachuudhaan ofjijjiiruu mala. Sochiin warraaqsaa uummata Oromoo isaan sodaachisee akka yaada ykn kaayyoo isaanii irra deebi’anii hubatan isaan taasiisees ta’uu mala. Waliigalteen kun yoo jijjiirama kanarratti hundaayee hin taane, jara kana amananii waliin tumsa uumuun boodarra gaaga’ama fiduu akka danda’us hubachuun barbaachisaa dha. Seenaa fi dogoggora dabrerraa barachuun hedduu murteessaa dha.
Lammaffaa, jaarmayichi PG7 kun humni isaanii hangam akka ta’e beekuun rakkisaa ta’ullee, qabsoo hidhannoos gaggeessaa akka jiran beekamaa dha. Karaa biraatiin ammoo, ADOn qabsoo hidhannoo lagachuuf sagantaa baafatee akka ijaarame waan hubatamuu dha. Maarree, gama tokkoon qabsoo hidhannootti amanuu dhiisaa; gama birootiin ammoo warra qabsoo hidhannoo gaggeessan, kan mooraa ofii keessaa dhiisanii, kan alagaa waliin hiriiruun bu’aa maal akka fiduuf jedhaniiti? Yoo qabsoo hidhannooti amanan maaliif ABO irraa gargarbahanii jaarmayaa haaraa ijaarratan? Lakkii qabsoo karaa nagaatu filannoo caalaa (preferred option) dha kan jedhan yoo ta’e, warri karaa nagaatiin biyya keessatti qabsoo gaggeessaa jiranuu maalirra akka jiran waan Addunyaan beektu dha. Kanaaf, murtiin waliigaltee kanarra isaan geessise maalii? kan jedhu gaafii biraa ti.
Akkuma beekamu, jaarmayootni keenya kan ABOrraa fottoqanii, gara garatti bibixxilamnii jiran, dhiyoo kana gadi bahanii walhubannoo fi waliigalteerra geenye jedhanii dubbatanii turan. Sana boodas akka himamaa jirutti koree tokko dhaabanii waayee waliigaltee kanarratti hojjechaa akka jiranis ni beekama. Jaarmayoota kana keessaa ADOn isa tokko. Gaafiin biraa kan asirratti ka’u, waliigalteen mooraa keenyaa sun irratti hojjetamaa otuu jiruu?? karaa biraatiin jaarmayaa alagaa waliin waliigaltee fi tumsa mallatteessuun miila tokkoon mooraa QBO keessa dhaabbachaa; miila biraatiin mooraa alagaa keessa seenuu hin ta’uu? Yoo karaa kana kan deemamu ta’e, waliigaltee mooraa keenyaa sanarratti dhiibbaa hin qabaatuu? Moo tooftaaf jedhamee; otuma beekamuu karaa lama deemuuf irratti waliigalame? Jaarmayootni mooraa keenyaa waliigaltee ADO fi PG7 kana akkamitti ilaalu?
Galannii murattoota fi kutattoota sabboontota keenyaatiif kan biyya keessatti wareegama ulfaataa kaffalaa jiraniif haa ta’uu, yeroo ammaa Wayyaanee hanga funyaaniitti hidhatte jilibiiffachiisaa jiru. Sababa kanaan, jijjiirama siyaasaa tokko argamsiisuudhaaf, mootummootni warra dhihaa keessumaayyuu kan akka USA humna siyaasaa biraa kan filannoo ta’uu danda’u (alternative political forces) barbaadaa akka jiran ni himama. Tarii fedhii jara kanaa guutuuf jecha; humna caalaa fakkaatanii gadi bahuuf ta’inaa laata waliigalteen jaarmayoota kana lamaanii? Want hunduu hubachuu qaban garuu, har’a (yeroo ammaa) fedhii warra dhiyaa guutuuf yookaanis ammoo fedhii fi kaayyoo mataa ofii bakkaan gahuuf yoo ta’e malee, tooftaaf jedhanii fedhii uummata Oromoo bal’aa jijjiiruu yaaluun eessanuu nama hin gahu. Jalqaba dhuma yaalii (experiment) hin milkoofnee ta’a jedheen amana.
Ani akka nama (ilma Oromoo) tokkootti, jijjiiramni fedhii uummata Oromoo gutumaa guututti bakkaan gahuu danda’u bifuma fedheenuu yoo argame, isa kanarra rakkoo hin qabu. Uummatni keenya bu’aalee fi injifannoolee hanga ammaatti galmeeffaman tikfatee; kan caalus argachuu kan danda’u yoo ta’e; abbaa fedhe waliin waliigaltee fi tumsi yoo ijaarame; karaa kanaan Wayyaanee hiddaan buqqisuun yoo danda’ame kun gammachuu kiyya dha. Haa ta’u malee, akkuman kanaan duras irradeddeebi’ee barreessaa ture,
http://gadaa.com/oduu/5136/2010/08/04/tumsa-hunda-hammataa-alaa-dura-tokkummaan-ykn-tumsi-mooraa-qbo-keessatti-ijaaramuu-qaba/ ammas taanan ejjannoon kiyya, mooraan ofii yoo jabaate malee; tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO yoo cime malee, kuni otuu hin milkaayin tumsa alaa barbaaduun bu’aa waan qabu fakkatee natti hin mul’atu.
Egaa, barreeffama kiyya xumuruudhaaf, akka natti fakkaatutti, ADOn waayee kana uummata keenyaaf bal’inaan ifa godhuu qaba. Akkuma dur barame sana balbala cufatanii waan tokko murteessuu irra, waan deemaa jiru uummataaf ifa godhuun waa hundaa qulqulleessaa deema; dogoggorri akka hin godhamneef gargaara. Yoo uummatni keenya yaada kanatti amane, akka isa kana duuba hiriiranii fi deeggaran taasisa; shakkii qulqulleessaa deema; rakkoon akka hin uumamne taasisuu danda’a. Gadi bahanii uummatatti dubbachuun yeroo ammaa baay’ee murteessaa dha. Yoo kana hin taane, dogoggora seenaa hojjechuu ta’a.
Jaarmayootni Habashootaas, kan Oromoo waliin tumsa dhugaa uumuu barbaadan, akkasuma gadi bahanii kaayyoo isaanii ifa godhuu qabu. Kana booda duubaan shira biraa dalagaa; gamnummaa siyaasaa taphachuun eessanuu nama akka hin geenye hubachuu qabu. Dhalootni Oromoo ammaa duubatti isaaniif deebi’uu akka hin dandeenye isaaniif dhiisii Addunyaafuu mirkaneessee jira. Tapha siyaasaa taphachuun yeroon isaa irraa dabree jira. Injifannoon kana boodaa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin tokkollee hin jiru. Dhugaan kun firaafis ta’ee diinaaf ifa ta’uu qaba.