Oduu Haaraya

Waliin boonuu “Wal-boonummaa”

[hmp_player]

 

Akka qorannoon hedduun ibsanitti, handhurti guddinaa, walqixxummaa fi bulchinsa Oromoo kan sirna Gadaa waan gurguddoo lama irratti hundaawee ture. Suniis Qoodaa fi Irbuu dha. Wannen lameen kun hundee mootummaa Oromo kan sirna Gadaati. Akkasumaas qoodaa fi irbuun utubaa walboonnummaa fi sabboonummaati. Kanaafiin walboonummaa ibsuu dura waayee dhimmoota gurguddoo lameen kana irrati waa dubbachuu barbaade.

Qooda

Qoodni sadarkaa duraatti mirga yokaan haqa namni/ummanni tokko uumaan qabu beekuu fi kennuufi dha. Qoodni sana bira dabree sirna Gadaa keessatti tartiiba dhalootaa fi guddinaa daddaa dhalootaa hammatuu irraa eegalee hamma caasaa Bulchinsa fi jireenya hawaasaa kan guyya-guyyaa keessatti bakka ol aanaa qabaachuutti deema ture. Arrallee manguddoota keenya birata ulfaataa dha.

Qoodni madhaa maatii tokkoo keessatti obboleeyyan akka tartiiba dhaloota isaanitti kabajaa fi dirqama jiruu walii kennuu irraa ka’ee hamma dame dhala Oromoo Booranaa fi Bareentumaatti deema. Angafaa fi quxisutti beekkama. Jechoonni angafaa fi quxisuu (maandhaa) kun obbolleeyyan waliin dhalatan guddaa fi xinnaa yokaan kan dura dhalatee fi kan booda dhalatan bira taree yaada ballaa hirmaata caasaa bulchinsa Oromoo durii keessatti tartiiba mirkani-madaala(check and balace) bulchisa sirna dimokraasiif tahutti kan tolfame jedhanii hayyoonni ibsan ni jiru.

Fakkeenyaaf qaceelaan/suduudaan/ tahuu battulle hangafni akka “upper House” Quxisuun akka “Lower House” tti hojii bulchinsa sirna Gadaa adda qooddatan, yokaan ammo hanafni akka “conservative” quxisuun ammoo akka “progressive” tti jechuu dha( Asmrom Leggesse).

Akka warri kun ibsutti angafaa fi quxisuun yokaan ammo Boorana fi Bareentu tartiiba dhalootaa qofa osoo hin tahincaasaa tajaajilaa sirna Oromoon akka bulchinsaaf tahutti tolfatan tahutti amanu.

Maquma Booranaa fi Bareentu jedhu kanaahuu akka tesuma lafaatti moggaafame warren jedhan ni jiru. Booranna ( Booro Aanaa), Bareento/Bareentu/ ( Bari Aantu)( Gamachu Magarsa). Lama-lamaan qoodamni sirna hangafaafi quxisuu kuni Oromoota biratti haalaan beekkamaadha. Caasaan qoodamaya hangafaa fi quxisuu Booranaa fi Bareentu irraa jalqabdu hamma gadiitti deema. FKF Boorana Kaabaa ( Macha-Tuulama); Boorana kibbaa ( Sabboo-Goona); Guji ( Aanna-Digalu?); Bareentu ( Xabboo-Roobe); Karayyu (Dullacha-Baaso) kkf. Kuni hundi kan bifa kanatti qindaaweef hojii bulchinsaa hedduu keessaa inni tokko qooda ifaa fi kallattiin kennuu akka isaan dandeessisu ja’amee amanama.

Bifa waliigalaatti qoodni haqa, beekkoomsaa fi kabajaa qaamni tokko matayyattiis tahe waloon qabu sharafa tokkoon maletti beekanii kennuufi. Fkf Oromoon eeyba; teessuma barcumaa; nyaataa fi dhugaatii; aangoo; kabaja mirgaafi dirqam akka angafaa fi quxisuutti waliif kennaa. Wanni as irratti hubachuu qabnu dantaa matayyaa tiksuu irratti hangafaa fi quxisuun akka wal hin caalle beekuu dha.

Sirna Gadaa keessatti quxisuun angafa yeroo of dura dabarsee teessisu, hangafni ammo qooda inni laateef kana beekee galatoofachuu bira dabree akka inni bakka hin taane irra hin teenye tiysa. Bakka akka hirmaata gumaa, dhaala qabeenyaa fi kunuunsa hedduu keessatti yeroo quxisuun angafa dura dabree qooda arkatuutu jira.

Akka bulchinsa sirna Gadaatti qoodni waloo waa sadi gurguddoo keessatti caalatti mullata. Isaaniis: Eebba, Yaa’a (gumii) fi Bulchisan keessatti. Guyyaa eebbaa aangoon guutuun tan qaalluuti. Guyyaa filmaataa aangoon guutuun tan gummii (yaa’a) yokaan warra filatuuti. Guyyaa bulchinsaa aangoon guutuun tan abbaa Gadaa fi jila isaatti. Qoodni sirna kana sharafaa fi maamii maletti ifatti calaqisee mullata. Ittiis hojjatamama. Aangoon bulchinsa sirna Gadaa waggaa sadeet sadeetiin jijjiiramuun qaama qooda jennu kanaati.

Walumaa galatti qodni utubaa tokkummaa oromoo kan sirna Gadaati ture. Qoodni tartiiba mullata hawaasni oromoo ittiin wal tajaajilaa ture dha. Qoodni bu’ura jaalaa, kabajaa, wal duskannooti waliin boonu (walboonummaa) ture. Qodni ifatti beekkamuun masaanummaa, waanyummaa ( haasidummaa ) fi waldorgommii hin taane hanqisa. Bira tarees bakka qodni dhabame tokkummaan hin jirtu.

Sababni arra Oromoonni tokkummaa dhabanii, waliif abboomuu fi wal jaalachuu hanqatanii; walmorkuu, wal jibbuu fi walitti masaanawuu filataniif keessa tokko sirni kuni laffachhuu dha.

Irbuu

Irbuun murtii yokaan wa’ada dhunfaaniis tahe gamtaan ilmi nama waan tokko raawwatuuf yokaan tiksuuf kaayyatu. Yeroo ammaa irbuu (oath) fi kakuu (swearing) wal jijjiiranii haa itti fayyadaman malee jechu lameen kunneen duriif gargari. Fakkeenyaa ibruu yeroo seentu kakuu keessaa baataani. Yokaan irbuun jalqabdeeti kakuun xumurta. Akka aadaa Oromoota duriitti.

Irbuun jalqaba murtii irratti dhufti. Garaagarummaan jechoota lameeni bakki itti sirritti mullatu, dhugaa baasuuf ni kakatan malee irbuu hin seenan. Irbuu waa raawwatuu fi tiksuuf seenan. Gabaatti dhugaa baasuuf ni kaakatta, murtii guutuuf irbuu seenta. Irbuu sirnaa fi meeshaalee ittiin seenaniitu jira. Irbuu mataa ifiitiif, waliif fi sabaaf seenama.

Fakkillee biraa kan akkanaas kaasuun ni dandayama. Irbuun kakuu irra bal’aadha (broader concept). Irbuun hidhaa dagalee sirna bulchinsa Gadaati. Akkuma addunyaa tana irratti ballinnaan beekamutti namni tokko yeroo dirqama gurguddaa fudhatu dirqama sana amanamummaa fi haqaan raawwachuuf irbu seena.

Oromoo biratti irbuun waan hunda irra cimtuudha. Irbuu cabsuu irra lubbuu dhabuu yokaan ilmoo ofiitii fi qabeenya ofii dhabuutu irra laafaadha. Kuni qorqalbii fi hamilee Oromoota durii keessatti gatii guddaa qabaachaa ture.

Waani irbuu seenamee tokko hamma fedhees turu injifannoo yokaan dhabama mataa nama irbuu seenee sanaan raawwatama. Gootonni Oromoo hedduu kanaaf fakki cululuqoo dha. Irbuu cabsitee torbaan saamii seentee yokaan torban dachii seentee jalaa hin baatu jedhama. Tanaaf irbuu torba olii torba gadii jedhamtee beekkamti. Irbuun ati arra cabsite si bira tartee hormaata kee abbu torbatti miiti jedhamee amanama.

Walumaa galatti irbuun hidha qorqlbii fi kaaya hamilee (moral code) oromooti turte. Madda wal amantaa fi wal irratti abdatuu akkasumaas walboonummaa ti.

Gabaabatti gadi fageenya hidda irbuu kaleessaatu tokkummaa fi maalummaa Oromoo akka arra gayan taasise jedhu, manguddoonni. Duuba gaa, arra qoodni dhabame Oromoonni walitti masaanawanii, irbuun laaffattee hojjatuu hanqatte Oromoonni wal shakkanii walgananii waliin boonuun hanqatan.

Keessattuu bakka suunsumni sadiin bulchinsa ilma namaa:qaama heera tolchu, kan heera muruu fi kan heera hojii irra oolch (legislative, judiciary and executive bodies) walfaana hin argamnetti irbuu fi qoodni silaa jaarmayoota Oromoo tajaajiluutu irra ture. Sababa sirni lameen kun soda, kabajaa fi qanuuna dhabaniif namuu ifiin bulaa tahee Oromoonni arra faca’aa jirru. Walboonummaan akka hin dagaagne taasise.

Waliin Boonuu (Walboonummaa)

Akkuma hubatamutti, ifiin-boonuu, waliin-boonuu fi sabaan-boonuun dagaaguun cimina ummata tokkooti mirkaneessa. Eenyummaa ummata sanaati dhugoomsa. Tokkoomseeti waliif abboomsa.

Waliin boonuu (waliin boonummaa) yeroo jennu maal jechuu keenya? Garaagarummaan waliin boonuu fi sabaan boonuu maali ? Maalif wanni Oromoon ifiin boonuu fi sabaan buunuu guddisee waliin boonu kana hanqisee?

Eeyyee, waliin boonuu jechuun beekkomsa, qabeenyaa fi tajajila namni tokko yokaan takka qabdu guumachite yokaan gumaachuu dandeessu quudhanii itti gammaduu, itti abdachuu fi itti boonuu dha. akkan ani ibsuu barbaadetti waliin boonuun nama lama irraa jalqabee qaama sabaa gaditti jiru hunda ilaala. Kana yeroon jedhu waliin boonuun (walboonummaan) sabaan boonuun ( saboonummaan ) adda akka tahee fi ofiin boonuu fi sabaan boonu jiddutti akka argamu ifa natti fakkaata. Fakkenyaaf qaamni oromoo kanneen amantii adda addaa qaban, kanneen naannoo adda addaa qubatan fi dame dhala oromoo adda addaa waliin boonuu fi wal irratti abdachuu dandayuu dha.

Eegasuu, bakka walboonuun dagaagetti irbuu waliin seenan caphsuu fi qooda walitti waakkachuun walshakkuu fi wal irraa abdii dhabuu hin mudatu. Keessattuu osoo jiran waltinnisuu dhabanii garaa duuyda walitti tahanii yeroo waldhaban (du’an ) booda wallin dhaadachuu, waliin boonufi qooda waliin kennuun fi tarree gootaatti walramaduun asxaa laafina walboonummaati. Mee laalaa, gootota keenya Abbiche Garbaa, Lenjisoo Diigaa,Bakar waaree irraa jalqabannee hamma Jaarraa Abba Gadaa kan kaleessa aakirametti tarreessinee yaadachaa jirra. Mee kan Lubbuun jiran hoo mee qabna? Hooganoota Qabsoo bilisumaa turaniif arraas tahan lakkaawuu ni dandeenya taha. Garuu meeqa keenyattu irratti waliigala? Garagarummaa ilaalchaa akkuma jirutti tahee.

Seenaa keesatti eega Oromoon gabroomtee as yeroo duraatiif ofiin boonuu, waliin boonuu fi saban boonuun kan kabsatee guddachuu egale dirree qabsoo keessatti.

WBO biratti isaan sadeenuu wal qixa guddachaa dhufan. Keessattuu waliin boonuun (walboonummaan) bifa adda taheen jecha Jaallumaa jedhuun bakka bu’ee madda cimina waraanaa fi bulchina qaama QBO tahee dagaagaa ture.

Sababa jaallummaan waan hundaa ol taheef fkf amantii, gosummaa fi naannummaa wanni biraa hafnaan obboleessa waliin dhalatan caalsifamee hubatamee itti hojjatamaa tureef qabsoo bilisumaa oromoo tan dadarkaan meeqa mudatte akka sana hunda irra aantee as geessu taasese. Garuu, fakkeenya WBO kaasuun kiyya walboonummaa ummataatiis akkuma qaama jaaramee sana maaf hin tahin jedhee ifaajuu kiyyaa miti. Jarreen sadanuu walqixa guddisuun ni dandayamaa mullisuuf malee.

Haatahuu ammo, bara 1991 yeroo WBO ummata isaatiin walitti bahu ifiin boonuu fi sabaan boonuun guututti fudhatamee waliin boonuun ammo liqimfamee yokaan irraanfatamee akka jirtu ammo afaanumaan fakkeessuuf jiraachaa kan ture fakkaata. Haalli walboonummaa kana irratti akkaan waa jedhu na godhees hubannoo kana.

Sababni guddaa waliin boonummaan hiree kana mudatees xiyyeeffanaan diinaa suduudaan waan isa aggaamatuufi. Walboonummaa hanqisuun sabboonummaa akka firii hin godhanne akka taasisu diinni sirritti waan beekuuf. Kanaaf diinni akka oromoonni amantiin, siyaasaan, gosaa fi naannoon wal hiranii waliif hingalle godhuuf humnaa fi qabeenya hedduu itti waan dhibaasaa tureef/jruuf.

Kana malees Omoonni saababa adda addaaf irbuu waliif seenan cabsuu fi qooda qaban walitti waakkachuuf akka sababatti kaafamuu ni dandayama. Sababoonni kanneeniis: sirni gadaa laaffatee bakka heddutti dhabamuu; mooyxannoo alagaa irraa dhaalan, Fedhinnaa matayyaa fi kkf hunda.

Xumura

Walumaagalatti xiyyeeffannaan barruu gabaabaa kanaa akka ifboonummaa fi sabbonummaatti walboonummaa guddatee hin jirruu dha. Yokaan ammo ofbuunnummaa fi sabboonummaa guddifnee walboonummaa kan daganne fakkaanaa, kana haa illaalluu dha.

Kana goodhuu waan nu dandeessisaa keessaa kanneen gurguddoon, akkuma abbootii keenya durii, irbuu waliin seenne waliif kabajuu fi qooda qabnu waliif kennuu dha.

Galatoomaa.

Siranaa siranaa@gmail.com

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …