Oduu Haaraya

Wayyoo Anaa Nyaatu

 

Guyyaa 7/11/2014

Fayisa Tasfayee irraa

Mirga qabdan fayyadamuun hiriira baatani
buqqa’uu Oromoo nagaan mormtitani
kanan dhugahu kun dhugumaa?dhuguma akkas taatani
wayyoo dhaloota haaraa ;abdii borii saba koo rasaasaan
dhumtani Qeerroon biqiltuu dha, kan suuta guddatu
yeroo isaa eegee kan firii godhatu
Qeerroon faaya dha, midhagiina biyyaati
Bareedina hawaasaa utubaa  maatiti
Qeerroo malee biyyi hin miidhagu
Dinagdeen biyyaa illee daran hin dagaagu

 

Garuu maal godha diinatu nun taphate
Tokkummaa laafe argee hedduu nu tuffate
Kabajamuu otoo qabu sabni bal’aa oromoon
Gadi cabuun kun maali saba bicuu kanaan?
Maastar pilaanii jechuun karoora baafatu
Oromoo balleessuuf irratti mari’atu
Oromiyaaf hin ta’u sagantichi hamaa dha
Rakkinaa fi gadadoo bal’isuuf adeema
Jechuun mormaa jira qeerroon halkan guyyaa

Hin digaamtu jechuun harmeen Oromiyaa!
Seenaan isiin yaadata hin irraafatamtan yomuu
Hojiin keessan bonsaa dha yomuu hin dagatamu
Garaan nu gubatee keessi keenya gaddeera
Ijji keenya imimmaan busee dadhabeera
Garuu maal godha yoo gubate garaan
Bu’aa maali fida yoo roobe imimmaan
Rorroo isiin jiru hin ittisne taanaan
Dina dhabamsisee hin balleessu taanaan

 

Anaan anaan qomoowwan koo
Abdii boruu dhaloota haaraa koo
Qeerroo Oromiyaa utubaa biyya koo
Wayyoo anaa haa nyaatu jajjabewwan koo
Irbaata rasaasaa taatan wayyoo lammiwwan koo
Harmee hin bohiin maaloo sabbata jabeessi
Abbaa atiis jabaadhu harmee jajjabeessi
Ilmoo ofii dhabuun gadda gadda caalu
Dukkanni kun garu ifuun isaa hin oolu
Qabsootu kana qaba ka’aa wal kakaasaa
Iyyaa iyya dabarsaa kan rafe dammaqsaa

Wal-gurmeessaa sirritti tokkummaa keessan cimsaa
Gumaa ijoollee keessanii injifannoon deebisaa!!

Injifannoon Ummataa Oromootiif

 

 

 

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …