Oduu Haaraya

Akka sabaatti ijaaramnee,oromummaa fi Oromoo duwwaa abdannee, gooboo garee fi maqaa qabsoon daldaaltuu, hundeen diiguu qabna.

………Kutaa lammaffaa

Barreefama kiyya kutaa tokkoffaa keessatti, dhaabbileen siyaasa Oromoo, dhimmoota irratti garaa garummaa qabanii fi waantota irratti waliin hojachuu danda’an, adda baafatanii mataa isaaniitiin beekuu dadhabuun, rakkoo irratti rakkoo dabalaa akka dhufee fi garaagarummaan siyaasaa mooraa Oromoo gidduu jiru maree fi walitti dhiheenyaan akka salphaatti furachuun akka danda’amu irratti amma tokko yaaduma yeroo hunda deddebi’amee ka’u kaasuuf yaalee jira. Yeroo hunda hawwii fi fedhiin kiyya, mooraan Oromoo akka tokkoomuu fi tokkummaan dhugaa Oromoon barbaadu, akka dhugoomun hawwa. Kanaaf barruuleen barreessaa turee fi ammas amman danda’etti barreessu tokkummaan dhugaa akka milka’u dhama’uu dha. Tokkummaa kanaaf kan watwaatan, nama dhuunfaa ykn garee siyaasaa tokko otoo hin taane, ummata Oromoo akka ummataatti. Maddi rakkoo keenyaas tokkummaa dhabuu keenya akka ta’e beektotiin keenya irra deddebi’anii akeekanii jiru. Dhaguu dadhabuun keenya gatii guddaa akka sabaatti nukaffalchiisee jira.Kanaaf ammasi yaaduma kana irratti xiyyeefadha.

Mooraa qabsoo Oromoo keessatti tokkummaa dhugaa fiduuf rakkoolee jiran eddu akka ta’an beekamaa dha. Ammaaf garuu qabxiileedhuma murta’an irratti xiyyeefadha. Gufuuleen mooraa Oromoo keessatti idda gadi jabeeffatan keessaa:

  1. Hunda dura aadaa yaada addaa dhaggeeffachuu fi mareef qophii ta’uu dhabuu ti. Akka carraa tahee, hooggantootiin dhaabbilee siyaasaa Oromoo akkuma qabsoo kana hoogganuu keessatti injifannoolee eddu galmeessisuu danda’an, anqinoota eddus ni qabaatu. Waanta gaarii hojatanii fi haarsaa isaan qabsoo Oromoof kaffalan itti galateeffatamuu qabu. haata’uu garuu rakkoolee dhalataniif ammoo yeroon fala kennuu diduu fi mareef balbala cufatanii, kanuma kootu caala jechuun isaanii, rakkoo akka salphaatti fala argatu akka qancaree madda wal dhabiinsaa tahu tolchee jira. hoogganni ofirratti amantaa qabuu fi bilchina siyaasaan masakamu, qeeqaa fi ta’uu mala xiinxaltootiin siyaasaa akeekan fudhatee dhimma qabsoof oolchuu dandahuu dha. ummata miliyoona 50 ol ta’u gara tokkotti luuccessanii hoogganuuf, gurraa fi ija banatanii yaadaa fi yaaddoo namni dhuunfaas tahee, gareen dhimmi kun ilaalu akeekaa jiru dhaggeeffachuu qabu. Dhaggeeffachuu duwwaa otoo hin taane, akkamitti fayidaa qabsoof akka ooluu qabu itti siqanii maal jechuu fi maal jechuu akka hin taane, irraa dhaggeefachuu qabu. Kun kan tahuu malu, eenyutu maal dubbatee otoo hin taane, dhimma yaada sana duuba jiru bilchinaan xiinxalanii ilaaluu gaafata. Mata jabinaa fi kan koo duwwaatu caala kan jedhu siyaasa ammayyaa keessatti bakka hin qabu. kanaaf hunda dura balbala mareef banaa godhanii itti baha maree fudhachuuf qophii ta’uu gaafata. Adeemsi ilaal fi ilaamee aadeffatamuu dhabuun, laafinaa fi atakaaroo siyaasaa amma jirruuf madda ta’ee jira. Aadaa wal dhagahuu dhabuun kun ammoo diina keenya wayyaanee fi maamiltoota isaaf akka madda gaariitti fayyadee jira. kanaaf hunda dura balbalaa fi sammuu keenya mareef banaa godhuu qabna. Itti baha maree keessaa dhufu fudhachuuf qophii ta’uu gaafata.
  2. Akka Oromootti yaaduu irra ilaalcha, garee, wal beekumsa, gandaa fi amantaan yaaduun tokkummaa qabsa’otaaf rakkoo olaanaa ta’ee jira. Ilaalchi kun hundee gadi fageenyaa qaba. Maddi isaas namoota bilchina siyaasaa fi oromummaan maal akka ta’e, hubannoo dadhaboo ta’aniin kan bu’uureffamee dha. Dhugaa jiru dubbatanii yoo ummataa fi qabsa’ota amansiisuu dadhaban, gara gooboo ykn bosona madda rakkoo tokkummaa Oromoof ta’etti wal waammatu. Kun eessanuu akka qabsoo keenya gahaa hin jirre irra deddebi’amee muldhatee jira. Gandaan ijaaramuun, amantaan ijaaramuun, gareen ijaramuun, otoo qabsoo keenya achi buta ta’ee, waanti amma yoonaa mooraa Oromoo keessatti tahaa ture, silaa daandii saaqa. Garuu faallaa kanaa mooraa qabsoo Oromoo huqqisuu fi diiguun ala, fala hin taane. Falli tokkichii fi filannoo hin qabne akka Oromoo fi oromummaan yaaduu duwwaa dha. Waraqaa irratti waanta gaarii barreessanii sammuudhaan garuu, ilaalcha gandaa, amantaa fi gareen masakamaa deemuu yaaluun kufaatii guddaa dha. kana irraa barachuu qabna. Hoogganootiin keenya qaqaliin Oromoo fi oromummaan duwwaan yaadanii, waldaa meccaa fi tuulaa, akkasuma Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ijaranii fi maddisiisanii harsaa itti kaffalanii darban ammam akka dhalootaa fi dhalootatti darbaa jiru ilaaluun gahaa dha. Injifannoon bara sana galmeeffame ammayyuu qabsoo Oromoof bu’uura ta’ee jira. Garee, gandaa fi amantaan ijaaramuun madda rakkoo ta’uu isaa waraqaa duwwaa irratti otoo hin taane sammuu keenya keessattis barreessuu qabna.
  3. Hooggansa QBO keessatti, garaa garummaa (generation gap) uumamee jiru dhiphisuu fi dhaloota harawaa guutummaatti aangessuun murteessaa dha. Galata jaallawwaan wareegamanii fi hooggantoota qaqaliin qabsoo Oromoo dhaloota ammaaf dabarsaniif haatahuutii, injifannoo sadii duubattti deebi’uu hin dandeenye goonfannee jirra. Tokkaffaa nuti Oromoo ta’uu keenyaa fi oromummaa. Lammaffaan Oromoo ta’uu keenya duwwaa otoo hin taane saba guddaa biyya qabnuu fi biyyi keenya Oromiyaa ta’uu isaa. Sadaffaan afanii fi aadaa mataa keenyaa kan qabnuu fi akkaataa afaan keenyaan barreessuu dandeenyuu qubee afaan Oromoo nu dhaalchisanii jiru. Kun injifannoo guddaa dha. dhimmi sadan kun dhaloota ammaa jiru biratti ajandaa guddaa miti. Keessatti dhalatee, baratee, guddatee jira. Amma gara injifannoo arfaffaatti cehuu nu gaafata. Hoogantootiin dhaabbilee siyaasaa Oromoo dhaloota harawaa mooraa qabsoo Oromootti makamaa jiru, dhimmoota sadan injifannoon goolabaman barsiisuuf dhama’uun ykn isuma irra deddebi’anii isa dubbachaa jiraachuuf yaaluun, dhaloota ammaa biratti fudhatama hin qabu. Seenaa adeemsa qabsoo barsiisuun ni danda’ama. Kanaaf malaa fi fala gara injifannoo arfaffaatti isa ceesisu akeekuu qabu. kana gochuu yoo dadhaban, mamii tokko malee hooggansaa qabsoo siyaasaa dhaloota harawaatti kennuuf of amansiisuu qabu. injifannoon arfaffaan bilisummaa sabaa fi abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuu dha. kana gochuu kan danda’u  dhaloota harawaa dha. malaa fi falas harkaa qaba. garaagarummaa dhaloota kaleessaa fi ammaa gidduu jiru dhiphisuun furga’a qabsoo keenyaaf murteessaa dha. Dhalooti haarawaan yeroo mooraa qabsoo oromootti makamu, injifannoolee sadan kana xumuree jira waan ta’eef hooggansa gara gulantaa arfaffaatti isa ceesisuun yoo hoogganamuu baate ykn eeyyamamuufii dide, hooggana turee fi seenaa durii  duwwaa dubbachuu aadeffate wajjin walitti bu’uun isaa hin oolu.kanaaf hooggansaa fi tarsiimoo dhaloota harawaa ammatu qabaachuun murteessaa dha. Kana gochuuf fedhii fi hawwii dhaloota harawaa beekuudhaan itti gafatama qabsoo keessatti akka gahee qabaatu gochuu dha.

Qabxiilee afanii fi kan biroo qabadhee kutaa saddaaffaan walitti deebina.

Camadaa Hundee

camadaa@gmail.com

 

 

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *