Carraa Bara 2018 fi Waan Irraa Barannu | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Carraa Bara 2018 fi Waan Irraa Barannu

Hubataa Dubbii tiin

Qabsoo qeerroo fi qarreen Oromoo bara 2014 jalqabanii geggeessaniin dhiibamtee kufuu ofii beeknan, Wayyaanen bara 2018 aangoo gara OPDO dabarsite. Kana gidduutti gareen Team Lammaa jedhe of moggaase, OPDO keessaa aangotti dhufe. Kunis abdii guddaa, kan Oromoon nagaan mirgasaa argachuuf abdii waan qabu kan fakkeessu,  garuu abdii sobaa, abdii mirkanaa’uu hin danndeenye, ummata keenya fi addunyaatti uume.

Carraa argame fi Dogoggora hojjetame

Jijjiiramin aangoo dhihaachuu arginaan, rogeeyyiin (activists) Oromoo tokko-tokko marii tokko malee, jijjiirama kana OPDOn akka hoggantu lallaban. Gareen “Team Lammaa” jedhe of moggaase, OPDO keessaa aango akka qabatu deggersa kennaniif. Oromoon “dhaaba siyaasa cimaa waan hinqabneef,” filannoon jirus “kana qofa” jedhanii ummata amansiisutti bobba’an. Dhimma kana irratti mariiyachuuf carraa osoo hinargatin, ummatinis, hoy-hoyiidhan, OPDO waggaa 27f ummata Oromoo yakkaa fi saamaa turtte, aangootti ol baase. Akkasiin, OPDOn, qabsoo baroota 27 diina itti taatee dhaamsuu dadhabde, mataa-martee, mataa itti taatee, balleessuu yaaluuf carraa argatte.

Gaaffii ABOn “qaama sadaffaan mootummaa wajjin nu mariisisuu qaba” jedhee  dhiheessees OPDOf rogeeyyiin kunneen itti qoosan; itti koflanii, ummata itti kofalchiisuu yalan. ABO xiqqeessanii akka inni waliigaltee gahaa malee galu godhame. WBOnis akka hiikkatee galu tooftaa hedduutu oomishame; carraaqii heddutu taasifame.

OPDOn sodaa “dhaaboliin siyaasaa Oromoo aangoo narraa fudhatan” jedhuun dhaabota kana balaaleffachuu eegalte. KFOn, osoo ummata caasadhaan sirriitti hinijaarin, hojii rogeeyyummaan, Oromiyaa bahatif jiddu galaa naanna’anii ummata kakaasan. Ummannis dimbiliqee bayee isaan simate. Kun ammoo caalatti OPDO rifachiise. ABO nis, abdii kennuu malee, biyya keessatti ummata hinijaarre ture. Sanitti aansee, OPDOn, malli jiru dhaabolii Oromoo kana balleessuu qofa akka ta’e murteeffattee, hidhaaf ajjeechatti garagalte.

Kufaatii dhufe

Marii “Gaaddisa Hoggansa Oromoo”(GHO) jedhamu dhiibbaa ummata Oromoon jalqabamee ture  ofittummaa dhaabolii siyaasaa Oromoo, kanneen mormitoota ta’an, fi shira OPDOtiin, osoo homarraa hingayin bittinnaaye. Kan GHO hooganuuf filamees, Lammaa Magarsaa, nama OPDO, durumayyuu sabboontota Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa fi gidrsaa kan turee dha. Osoo hin turin hoogganis GHO Abiyy Ahmaditti dabre. Innis GHO ajjeesee, awwaalee dhiise.

Lammaa Magarsaa Ministeera Ittisaa Itiyoophiyaa ta’ee WBO irratti lola geggeessuu eegale. 

Kunis, “araaran haadhumatu” jedhanii jaarsonni yaalii godhan. Garuu shira OPDOn araarichi osoo hinmilkaayin hafe.

Rogeeyyiin Oromoo tokko-tokko, OPDO cina hiriiranii, WBO hiikkachiisuuf hedduu dhama’an. Hamma tokko hiikkachiisan malee, gonkumaa hin milkoofne. Mootummaan OPDO (booda PP)  Oromoo jajjaboo ajjeesuu, hidhuu, fi dhabamsiisuu itti fufe. Hacaaluus galaafate. Filannoo biyyoolessaa dhihaachaa tures akka injifatuuf hoggontoota Oromoo hidhuu itti fufe. Waajjira dhaabota siyaasaa Oromoo cufisiise. Mirga oliif-gad deemanii duula “na filaa” geggessuu dhorkate.

Nafxanyoonni, sodaa OPDOn Oromoorraa qabdu kanatti fayyadamanii, malaan aangoo gama ofiitti deebisan. San booda, Oromoo hidhuu fi ajjeesuun, biyyaa buqqisuun, hojii isaanii isa angafa ta’e. Ummata Oromoo ganda, amantii fi siyyaasaan gargar hiranii tokkummaasaa jequu tooftaa godhatan. Fakkeenyaaf, hidhamtoota KFO qofaa hiikanii, kan ABO mana hidaa tursuun, Oromoo adda qooduf ta’e jedhamee kan karoorfamedha. Akkasumas, kan hiikkaman kuni waan mootummaan fedhu akka hojjetaniif akka qabata ittiin dorsisaa (bargaining chip) itti fayyadamuuf “yoo waan nuti jennu godhuu baattan deebifnee isin hiina” jechuun dorsisan.

Maal irraa baranna?

1.      Qaamni baroota hedduuf QBO dhaamsuuf hojjechaa ture tokko, halkan tokkotti sabboonummmaa horachuu hin danda’u. Ilmaan Oromoo diinaaf hojjechaa turan, QBO yeroo makaman nu gammachisa. As deebi’uunsaanii, milkoomina hojii sabboontotaa waan ta’eef nu boonsa. Ha ta’u malee, dhugumaan as deebi’an moo shiraaf dhufan jedhanii qorachuun fardii dha. Yeroo gahaan kennameefii, dhugumaan qabsoo gargaaruuf as deebi’uunsaanii,  ragaa qabatamaan, hamma mirkaneeffamutti, QBO hooggannuuf amantaan irraa kaayyamuu hin qabu. Badii abdii Oromoon Lammaa Magarsaa, Abiy Ahmad fi kittillayyootasaanii irraa kaayaytee ture fide hin irraanfannu!

2.      Mirga Oromoo kadhaadhan hinargannu; irreen malee. Eenyumtuu tolaan aangoo dabarsee namaaf hinkennu. Ummatin irree cimaa hin qabne, kabaja hin qabu. Duguggaa sanyiitu isa qunnama; daangaasaatu dhiibama. Ummata tokkoof irreen isaa waraanasaati. Irreen ummata Oromoo WBO dha. Warra WBO hiikkachiisuuf hojjetan of irraa qolachuu qabna. WBO dagaagsuun wabii milkii QBO ti.

3.      Ummanni Oromoo marii taasisee, yaada jiddu gala biyyaalessaa (national consensus) irra yoo gahe malee,  nam-tokkee fi murna-tokeedhan hiree ummatichaa ilaalchisee murtii fudhachuun gatii guddaa ummata keenya kaffalchiisa. Walgatanii fiigun balaa biyyaaf ummatatti fida. Akka ummataatti Oromoon maal akka barbaaduf akkamitti akka argatu mariidhan irratti waliigalamee qabsoo waloo gaggeessun murteessaa dha.

Sabboonaan Oromoo ykn jaarmayaan siyaasaa Oromoo, kan carraa bara 2018 argame fi dogoggora godhamerraa qabxiilee asii olitti tarreeffaman hin baratin, kan dunuunfatanii deeman ykn kan beeka wallaalan jechuun ni danda’ama.

Horaa Bulaa!

Check Also

hangaasaa ibraahim 20221023

“An xuuxxoo Wayyannee luuga/hodhaa hin guddanne”

Hangaasaa Ibraahim “Toophiyaa kheessatti wanni nagayaan baatee nagayaan galtu aduu qofa” Du’a sodaaf biyyaa hin …