Xalayaa Banaa Waldaya Qorannoolee Oromoo (OSA)
Seenaan Oromoo Qubsuma Har’aa Keessatti Bardhibbee 16ffaa irraa Eegala moo San Dura?
Yahyaa Jamaal | Bitootessa 27, 2014
Xalayaa banaa kana afaanuma keenyaan OSAf akkan barreessu waan na dirqetu jira. Hayyonni seenaa dhalootaan Oromoos tahee Oromoo irraa ala tahan,waa’ee seenaa Oromoo Bardhibbee 16ffaa, (gariin Oromo migration jedhu, gariinis Oromo expansion jedhu, ani garuu Return of the Oromojechuun filadha) irratti falmii hunde-jabeessa yoo geggeessan dilas hin dhagahu, hin dubbisu. Rakkoo kana wanni maddisiise maal akka tahe ifaa dha. Oromoon akka Oromootti seenaa mataa ofii barreeffamaan galmeeffatee ol kaa’uu hanqachuun isa guddaa dha. Oromoon waan argaa-dhageettiidhaan (afoolaan) hangafoota isaa irraa dhagahu dhala dhala isaatti dabarsaa dhufe malee, sirna barreeffamaa mataa isaa qabaatee ittiin hin galmeeffanne. Oromoon sirna barreeffama mataa isaa dhabeef garuu qaroomina dur-durii (ancient civilization) hin qabu jechuu miti. Qaroomina sirna barreeffama mataa keenyaa dhabneef qofa mataan waan gad nu cabuuf hin qabu. Qaroomina laalcha polotikaa, aadaa, amanatii, safuu, urjii dhahaa fi kan kana fakkaataniin saboota ollaa keenyaa kamuu keessaa hangafummaan laalamuu dandeenya. Hundumtuu hafee, warra Gadaan bulu tahuun keenya qofti mootii qaroomtotaa nu godhuu danda’a.
Habashoonni sirna barreeffamaa mataa isaanii kan gabbifachuu danda’an beekkomsaan nu caalaniif miti. Amantiin Kiristaanummaa Abiisiiniyaa seenuu waliin wal qabatee kan guddatee dha. Amantii barachuu fi barsiisuu keessa afaanii fi qubee isaanii gabbifatan. Sirnoonni barreeffamaa addunyaa keenyaa baay’een ergifata amantii waliin wal qabatanii guddatan, babal’atan. Nuti Oromoon hanga yeroo dhihootti amantii mataa keenyaa qofa waan hordofnuuf, sirna barreeffamaa biyya alaa irraa ergifannee dagaagfachuuf hin dirqamne. Kun gama tokkoon bilisummaa sabummaa keenyaa kan calaqqisu yoo tahu, gama kaniin garuu nu hin miine jechuun rakkisaa dha. Miidhaan gama kanaan nu mudate, har’a seenaa keenya ofii keenyaaf barreessinee ol kaayuu hanqannee waan alagoonni dantaa isaanii irra dhaabbatanii barreessan irraa qofa dubbisuuf dirqamuu keenya.
Seenaa Oromoo kan yeroo duraaf barreeffame (Bardhibbee 16ffaa) galmeessinee harkaa qabna warri jedhan baay’een isaanii dabtaroota Habashaa akka Abbaa Baahiree ti. Keessumattuu barruun Baahiree kan ‘Zeenaahuu Ze Gaallaa’ jedhamu faranjoota baar-gama irraa dhufanii waa’ee Oromoo qorataniif illee maddaa fi ragaa seenaa isa hangafa tahee fudhatame. Kan biraa hafnaan maqaan keenya ‘Oromoo’ jedhu didamee, jecha jibbansaa ‘Gaallaa’ jedhuun addunyaatti akka beekamu kan godhe Dabtaroota kana. Nuti mataan keenyayyuu seenaadhuma keenya waan Dabtaroonni barreessanii addunyaatti himan irraa dubbisuuf dirqamne. Dabtaroonni ammoo Oromoo irraa jibba waan qabaniif seenaa ummata kanaa bakka baay’eetti seenaa bulguu fakkeessanii barreessan.
Kanuma waliin, hayyonni Oromoo baay’een seenaa Oromoo isa dur-durii (Kush antiquity) irratti hubannoon qaban muraasa. Seenaa dur-durii kana irratti afaan tokkicha dubbachuunis hanga ammaatti hin danda’amne. Habashoonni, ‘Oromoon bardhibbee 16ffaa booda Itoophiyaa keenya seene’ jechuu irratti yoo wal tahan, nuti ammoo dubbii kanaaf deebii kenninu irratti dhugaa wal fakkaataa tokko qabaachuu qabna. Dhugaa ragaa seenaa qabu, qabatamaa. Saba tokko taanee seenaa adda addaa himanna yoo tahe dogoggora guddaa dha. Hayyoota seenaa Oromoo tokko tokko dabalatee beektota Oromoo kan jennuun danuutu dhugaa kana ibsuu irratti rakkachaa/dogoggoraa jira. Namni tokko hayyuu seenaa Oromoo jedhamee, Sochii Oromoo Bardhibbee 16ffaatiin ‘Oromo migration’ yoo jedhee ibse na gaddisiisa. Namni tokko qaama hoggana ol’aanaa dhaaba siyaasaa Oromoo tokko tahee, ‘Oromoon lafa amma jiru kana irra kan qubate Bardhibbee 16ffaa keessa tahuun homaa shakkii hin qabuu’ kan jedhu yoo tahe, egereen siyaasaa keenyaa illee na sodaachisa.
Gama kaaniin, maddi ummata Oromoo gama kibbaa (Madda Walaabuu) ti jedhama. Kun seenaa argaa-dhageettii Oromootiinis mirkanaawaa dha. Haa tahu malee maddi ummata Oromoo ummata Nuubiyaa (Dhiha) waliinis garmalee akka wal hidhatu ragaaleen agarsiisan hedduu dha. Qaroominni Oromoo fi kan warra Nuubiyaa waliif lakkuu tahuu isaatu hubatamaa dhufaa jira. Kun ammoo Itoophiyaan dur-durii (Aithiop or Kushland), tan Bible keessatti maqaa dhawamte sun, Itoophiyaa Oromoo durii tahuu isii nuuf mirkaneessa. Itoophiyaan har’a Habashoonni maqaa isii saamanii moggaafatanii fi Itoophiyaan Kuushota qulqulluu dur-durii sun walii adda adda tahuu isaaniis ifa godha. http://gadaa.com/oduu/10224/2011/07/26/ethiopia-their-ethiopia/
As irratti namoonni tokko tokko yaada koo akka malee hubachuudhaan ‘falmannaa Itoophiyaa’ godhanii fudhachuu malu. Akkasitti hubachuun dogoggora guddaa dha. Waan irraa dubbataa jirrutu waa’ee seenaa (history) ti. Seenaa yoo kaafnu ammoo ‘Ethiopia’ jechuun maali? gaaffii jedhuuf deebii soquutu dirqama taha. Kana keessatti Ethiopia dur-durii sanii fi kan amma Habashoonni moggaafatan adda addatti laaluutu dhufa. Nuti akka Oromootti hiriirri seenaa keenyaa isa kam keessatti akka tahe laallanna. Nuti qaama Ethiopia isii dur-durii san malee qaama impaayera Ethiopia isii har’aa tana akka hin tahin himanna. Kun lamaan ammoo salphaatti kan walitti araaramu hin tahu. Sababni isaas, Ethiopia isiin dur-durii sun eenyummaa keenya, eenyumaa Kuushotaa turte. Ethiopia isiin sobaa har’aa kun ammoo, eenyummaa Habashootaa irraa bukeeffamtee tolfamte. Eenyummaa kana lamaantu salphaatti wal hin araaramne. Kanin kaasuu barbaades kanuma.
Akka hubannaa kiyyaatti, hundee seenaa Kuushummaa dur-durii kana mirkaneeffachuu fi falmachuun yoo xiqqaate karaa gurguddaa lama injifannoo nu gonfachiisa. Injifannoon inni duraa fi kan hangafaa, nuti Oromoon (Kuushonni) harka hedduu Habashoota dursinee karaa hogbarruu, ijaarsa gamoolee, ijaarsa siidaa, dhaha urjii, sirna demokraasii akka gadaa fi kan kana fakkaatan gabbifachuu keenya agarsiisa. Qaroominni Aksum kan calaqqisee mul’achuu eegale eega Izaanaan (Bardhibbee 4ffaa) Mero’ee cabsee hambaalee qaroomina Kuushotaa barbadeessee booda. Kanaafuu Mero’eetu Aksuumiif hangafa jechuu dha. Mero’een ammoo mallattoo seenaa qaroomina Kuushi. Qaroominni Kuush (Ancient Ethiopian civilization) eega barbadeeffamee booda, Qaroominni Abyssinia (Axum civilization) dagaaguun, hangafummaa qaroominaa nuti Habashoota irratti qabnu ragaa baha. Kana malees Itoophiyaan (Kushland) Bible keessatti maqaa dhawamte illee biyya teenya tan Kuushotaa malee Abyssinia isaanii (the modern fake Ethiopia) akka hin tahin sobsiisuuf humna nuu dabala. Tuffi Habashoonni qaroomin-dhabilee nu fakkeessuu barbaadanis ni dhabamsiisa. Hayyonni seenaa Oromoo naannoo kana irratti xiyyeeffannoo gahaa kennanii qorachuutu irraa eegama.
Hariiroo Nuubiyaa waliin qabnu falmachuu irraa injifannoon argamu kan lammaffaas ni jira. Kunis, kijiba Dabtaroota Habashaa kan ‘Oromoon bardhibbee 16ffaa keessa lafa kana irra dhufee qubate, sana dura biyyi isaa asii miti’ jedhu sobsiisa. Nuti Oromoon akka dame Kuushitti isaan dursinee waggoota kumoota hedduuf lafa amma Ethiopia jedhamtuu fi godinaa kana keessa bal’inaan qubannee kan argamnu tahuu ibsa. Seenaan Oromoon lafa har’a irra jiru kana irratti qabus, seenaa waggoota kumootaa malee kan bardhibbee 16ffaa irraa qabee mul’ate akka hin tahin ragaa baha. Oromoon dhiibbaa Habashootaan yookiis dhimma jijjiirama qilleensaa irraa kan kahe godinaa kana lakkisee waggoota dhibboota muraasaaf gara kibbaatti godaaneera. Booda gaafa haalli aanjawuuf ammoo lafa isaatti deebi’ee qubate. Kun akka waan Oromoon ala irraa godaanee dhufetti ‘Oromo migration’ jedhamee ibsamuutu dogoggora. Warra akkasitti ibsu illee jabinaan dura dhaabbachuuf ragaa seenaa mataa keenyaa dagaagfachuu nu barbaachisa. Kanaafin ani akka hubannaa kiyyaatti sochii Bardhibbee 16ffaa sanaan ‘Return of the Oromo’ jechuu filadha. Oromoon lafa isaa haala siyaasaa yookiis umamaan dhiibamee irraa deemetti duula gadaatiin deebi’e yoo jenne afaan tokko nu dubbachiisa. Kun seenaa harkumaan tolfannee himannu osoo hin taane, ragaalee mallattoo Oromummaa Aksum irraa qabee hanga Mero’eetti jiran sirriitti qorachuu, galmeeffachuu fi beeknee wal beeksisuudhaan dhugooma.
Hayyota Oromoo keessaa warri dhugaa kana falmachuu fi dhugoomsuuf hojjechuu jalqaban ni jiru. Haa tahu malee kanneen seenaa Dabtaraan akka dantaa isaaniif tahutti nuu barreessite qofa dhageenyee, falminee sobsiisuufis madda ragaa mataa keenyaa itti dhabnee, polotikaadhuma har’aa qofa bukeessinus guunneerra. Habashoonni ammoo gowwaa miti. Yeroo falmiin siyaasaa keenyaa mataa isaan dhukkubsee deebii nuu kennan dhaban, seenaa keenya kan akka ofii fedhanitti barreessan nu barsiisuu barbaadu. Yoo nuti Minilik, Tewodroos, Yohaannis akkas nu godhan jennee himannu, ‘Seenaa dabre hin dubbatinaa, yoo seenaa dubbachuu barbaaddan ammoo isin Itoophiyaa keessatti seenaa waggaa 400 caalu hin qabdaniitii usaa’ nuun jedhu. Ofii sooressa seenaa tahanii nuun hiyyeessa seenaa godhanii ibsaa jiru.
Kanaafuu seenaa keenya kaleessaatti bakka godhuu fi bifa beekamaa itti tolchuun qooda hayyoota keenya seenaa ti. Akki itti seenaan Oromoo Madda Walaabuu fi Nuubiyaa wal fudhatus sirriitti qoratamee barsiifamuu qaba. Seenaa akka Oromootti qabnu afaan tokkoon barannee dubbachuu danda’uutu nurraa eegama. Beekkomsi seenaa keenyaa miidhaa Habashoonni bara Tewodroos irraa qabee nurraan gahan qofa irratti murtaawuu hin qabu. Akkuma gochaa Minilik nurratti raaw’ate beekaa fi wallaalaan keenya hundi qayyabatee qoma irraa qabutti, seenaa keenya isa waggoota kumoota duraas qorannee, beeknee, wal barsiifnee ittiin boonuutu nurra jira. Diinota Oromiyaa teenya irratti nutti hinaafanii ‘isin kaleessa dhuftan, lafti irra jirtan kun lafa keessan miti’ nuun jechuu barbaadan afaan qabsiisuu irratti, arraba qaroo wal fakkaataa qabaachuu nu barbaachisa.
Kana irratti quufsaatti akka hojjetu kan irraa eegamu Waldaya Qorannoolee Oromoo, OSA dha. Waldayni kun qorannoo seenaa Oromoo isa dur-durii irraa qabee, akka hegeree siyaasaa keenyaaf aanjutti qaruu irratti jabeessee akka hojjetun yaadachiisa. Seenaan Kuush durii jirma eenyummaa keenyaa isa ganamaa ti. Seenaan bardhibbee 16ffaa fi sanii asii damee isaa ti. Kanaafuu jirma keenya guddicha dhiifnee damee qofa irratti rarra’uun akka hafutti, OSAn barnoota seenaa qindaawaa fi gadi fagoo nu barsiisuutu irraa eegama. Jaarmayni akkaademii Oromoo kun akkuma karaa hawaasummaa, siyaasaa, dinagdee fi jireenya Oromoo walii galaa irratti miidhaa mudatu saaxiluuf sagalee isaa jabaa dhageessisaa jirutti, seenaa Oromoo isa dur-durii (ancient) caalaatti qoratee fi qaree, seenaa boodanaa (medieval and modern) waliin wal simsiisee barnootaaf akka dhiheessu hawwii koo ti. OSAn, qorattoota seenaa Oromoo kan mata mataadhaan hojii qorannoo irratti bobba’an illee walitti qindeessuun, (kan alaas kan akka Prof. Shamsadin Megalomatis faa waliin hariiroo qorannoo jabeessuun) bu’aan wal taasisaan (consistent outcome) akka horatamutti qooda waldayummaa akkaademii isaa akka daranuu ol guddisun yaada dhiheessa.