Oduu Haaraya
siiqqee

YAA OROMTITTII KA’I*

YAA OROMTITTII KA’I*
Taammanaa Bitimaa irraa
Yaa dubartii Oromoo
Hundee sabaa fi qomoo
Oromoo Oromtittii
Abdii keenya sabbittii!**
Oromtittii harmee biyyaa
Ijjeen teenya yaadha firaa
Dhagayi shoolee tiyyaa
Anoo cinqameen iyyaa!
Gateettiin na dhukkubee
Harqootan narra jiraa
Miilli-koo na guggubee
Sansalatatoo diraa!
Oromoo Oromtittii
Aayyoo-too qabbana-too
Haadhoo-too qabbana-too
Kichuu-too yaadhala-too
Yaa dubartii ilmoo namaa
Yaa dubartii hundee namaa
Maalifoo maali-firee
Jarri kun sitti gamaa
Waraanee si madeessee
Akka qoree arangamaa!
Guutuu-dha mirgi kan-kee
Miijuu-dha namummaan-kee
Eenyuyyuu irraa hin hirdhisuu
Gaafa bilisoomte
Aduu birmadoomte
Eenyumtuu golatti sin-deebisu!
Yaa dubartii Oromoo
Waaberraa kaasee Omoo
Abdii sabaa fi qomoo
Ka’iitii nu kaasi-kaa
Manaa gannu baasi-kaa!
Dhiirri walta’uu didee
Jaarmaan walta’uu didee
Kaan diina jala fiigaa
Kaan waan qabnu diigaa
Ka’iitii nu kaasi-kaa
Akka gaafa Gullallee***
Tiruu-too Oromtittii
Tan wajjumaan guddannee!
Mundhii-tee qalloo sana
Sabbataan hidhaddhuu
Quba-kee qalloo sanaan
Siiqqee qalloo qabaddhuu
Deddeemii biyya labsii
Isa rafes dammaqsi!
Hidhaddhuu hidhachiisii
Iyyiitii birmachiisii
Wal-tayii waltaasisii
Oromoo gaaraa-dakaa
Hundasaa abdachiisi!
Eeboos qapphuu garmaami
Akka Biiftuu Amoosaa
Dubbiin walqixxummaa
Xiiqiin bilisummaa
Booreen walabummaa
Yoom taate-ree qoosaa?
Hidhaddhuu lallabi
Giitii seenaas qabi
Akka Geexee Walee
Bacoo-yeeyyiin biyya galee!
Qubaan qaataa qabaddhuu
Akka Saartuu, akka Saartuu
Ishii yeroo san gabrummaa
Qabdee, qabdee dhaantuu!
Ayyee, Oromtittii ka’i
Harqoota gabrummaa
Sammuyyaa caalummaa
Darbaddhuu achi ha’i!
Ol-jedhiitii deemi, deemi
Beenu-kaa deemi, deeme
Mana walqixxummaa
Qeyee birmadummaa
Oddoo bilisummaa****
Dachee walabummaa
Ilaa, OROMIYAA
Ijaarraddhuutii seeni!
        Barliin, 08. 03. 14
**************    Hubachiisota Miiljalee    **************
* Walaloon kun “Ayaana Dubartoota Biyyalafa” sababeeffachuun, gaafa 08. 03. 14, qopphii “Tokkummaan
Dabartoota Oromoo Barliin
” kurfeesse irratti kan dubbifame ture.
** Sabbuu = sokoo, dahaba, warqii
*** Ka’iisa diddaa gabrummaa, isa bara 1878 keessa Oromoonni Kurnan Gullallee dagabaafattota Habashaa irratti adeemsisan keessatti, shoorri dubartootaa isa hangafa ture. Isaantu dhiirota xiiqii fi booree garaa kaayee, fincila daran cimaa sana akka warra Minilik irratti oofan taasise. Kana malees, mallii fi tooftaan Oromoonni Gullallee kanneen meeshaa waraanaa kan ammayyaa waan tokkollee hin qabneeyyu, waraana Minilik isa mataa irraa hamma miila isaatti, meeshaa ammayyaa warri Oroppaa kennaniif sana hidhate mowuu dandayan kana irraa, nuti waa barachuun hardhas ittiin dhimma-bawuu dandeenya. Waayee kanaa: “Taammanaa Bitimaa, “SEENAA FINFINNEE SHAGGAR“, MANDIISUU, Hidhaa 6, Lakk.1, Bitootessa 2004, fuulee 10-29″, mee ilaalaa!                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                 
**** “odoo” = dhayii (“garden“)

Check Also

baqqalaa gabraa

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa’aa …