Oduu Haaraya

Yuniversity illee Oromiyaa mara keessaa miseensoota OPDO kan nyaachuuf jiraatanii,ilmaan nafxanyootaa fi ilmaan Kilaashinkoovota( Tigre) …

Oduu dhangala’a fi hubachiisa. 
‪#‎OromoProtests‬
Akka asaasa ( whisper) qondaala hoggannsa ol aannoo OPDO keessa argineetti, Wayyaaneen aango irra turuu isaannii akka yaadoo guddaa keessa galchee fi bakkii sodaa irraa qabaniis dhimma Oromoon waan isaan itti himaa olannii fi bulan irraa adda oduu argachuun yaadoo guddaa itti ta’u isaatti. Haalli kunni akkaataa barattootni Oromoo fi Oromoon addunyaa kana irra jiru Karaa quunnamtii brannee (cyberspace) fi booda irrattis OMN gadii bahuun dukkana guraacha sobaan Oromiyaa golgee turee xinnoo saaquu danda’uun Oromoon oduu addaa akka dhagahuu fi waliif gurra kennu gochuu danda’uun Oromoo imaammata Oromoon mana hidhaa Itoophiya keessatti ukaamameetuma akka jiraatu jedhu waan faalleessuuf kirkireen akka hoggannoota Atse TPLFti dhagahamee fi soso’a barattootaa fi Oromoo kan FDG kan adeemaa jiru humnaan dhaamsu dabalatee, waannuma Mootummootni Habashaa kana dura Oromoon akka waan isaa waliiraahis odeefannee fi oduu warri Habashaa isatti himan malee oduu Karaa biroo irraa dhufu dhagahuun yakka ta’u itti himaa bahan Sana itti fufuu waan barbaadaniif haala facebook, tiwtter fi email (cyberspace) ilaalchiise Osoo ol aantumaa waan garii tohachuuf waan garii irratti dandeetti itti qabannu humna namaa kan leenjifamee Oromoo basaasuun qabsiisu Yuniversity illee Oromiyaa mara keessaa miseensoota OPDO kan nyaachuuf jiraatanii,ilmaan nafxanyootaa fi ilmaan Kilaashinkoovota( Tigre) kan afaan Oromo beekan qaqaadhimuun dhoksaan oggeeyyii cyberspace kan alaa fi biyya keessaatin leenjiin kennamaa jiraachuun mirkanii ta’uu isaa asaaseeti jira.

Leenjiin KUN gara namoota 120ti lakkaawwaman yammuu ta’u hundi isaannii akka wal hin beekne murna murna xixiqoon gargara baasuun guyya 45f leenjii basaasuma cyberspace kennamaafi jira. Bakki jarrii KUN itti bobba’uuf jiraatan Yuniversity illee Oromiyaa Mara keessatti deebbii’aniitu tofttaa leenjii itti fudhataniitti dhimma bahuun barattoota Oromoo Yuniversity illee Oromiyaa keessa jiran basaasuun qabsiisuu dha.

Akkaataa itti hojjatanii fi tofttaallee dhimma itti bahan Tika Atsee TPLF fi ENSAtu ilaalaacha ittiin masakaman qopheessaaf jedhama. Imimmaan Naachaa boohuu fi maqaa Dubarttootaati dhimma bahuun iliima ykn kiyyee keessa naqachuun qabsiisuun duula Karaa Fbtin adeemu dhaamsuu fi wal Amantiin Ilmaan Oromoo gidduu akka hin argamne oduu tasaatiin adda tatamsaasu irratti kan bobba’anii dha. Eega hojiin Karaa tikaatin jiruus akkuma jiruutti ta’eetti malee murtii ENSA gara Baatii jahaa dura dabarsee ture akkuma jiruutti ta’eetti jechuu dha.

Leenjiin kuni kan itti xiyyeefatame barattoota , hayyootaa fi Oromoota Karaa cyberspace Keessahuu Fb TI dhimma bahan irratti. Oromoo fakkaatannii Oromoo basaasuuf adeemu jechu dha. Barattoota Oromoo Yuniversity libraryffaatti akkaataa itti basaasaan, Osoo logout hin godhiinffaa Namoota deeman, fb irratti HIRIYAA amanamoo ta’uun, amanamuuf waan namni kiyyeeffamuuf jiraatu suni fedhu barreesuun….. Tofttaallee leenjii irratti tutuqaman jedhan keessaahii. Fb Mobile garuu kan uf eegannoo guddaa fedhu akka ta’ee waan hubataniif ifaa dha. Leenjifamttootni kuni dhiihooti eebbifamu. Eebbifamuun isaannii akka tv fi raadiyooti hin himamnees ifaadha.

Akka miseensi hoggansa ol aanaan kuni jedhuutti kana duras al tokko namootni yertuun Yuniversity Adaama- college technology keessatti leenjiin akkanaa kenname namoota hedduu akka qabsiisuu danda’an asaaseeti jira. Leenjiin amma kennamaa jiru ammoo haala amma Yuniversit Oromiyaa keessa jiruu irraa kan ka’ee, Bakki Leenjiin itti kennamaa jiru Yuniversty Oromiyaa irraa ala ta’ee Damee college technology keessatti Yuniversity ganda isaannii tokko keessatti.

Ilmaan Oromoo, oduun kuni dhugaadha uf eegannoo gochuun HIRIYAA ufii baa’yye eeguus akka ta’ee hin dagatiinaa. Sana bira darbees qabsicha akka jabaatuuf hojjannuufilee jeequmsa irra waan fiduuf basaasoota faashiistoota qabsoo Oromoo fi dhiiga Obbolleeyan isaannii hambaa ykn firifaari alagaan qa’ee isaannii qabate akka Sareetti itti darbuun jijjiirachuuf deeman irraa uf haa tiksinnu waliis haa tiksinuun jedha.

Rakkoo bifa hundaa qabsoo waloon gonuun ni injifanna. Addunya kana irrattii kan humnoome qofatu dhagahama. Humnoomuuf ijaarsaa siyaasaa cimaa fi humna waaraanaa cimaa qabaachu feesiisa. Kan argamsiisu ammoo uf ijaaruu fi waliis ijaaru feesiisa. Dhiigni Oromoo dhiiga Bosonuuti gadiitti ilaalamee Atsee TPLFn gadii naqame dhiiga shanyii gootaa ta’u hin dagatinaa.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …