Oduu Haaraya

IBSA MISEENSOTA ABO QOFAAF

 

Fincila diddaa gabrummaa geggeessuun tooftaalee qabsoo ABO keessaa tokko akka tahe ni beekama. Fiixa bahiinsa akeeka kanaafis ABOn biyya keessatti nafoota hawaasa Oromoo, keessattuu dargaggootaaf ilaalcha ol’aanaa kennuudhaan, gurmeessee sochoosuu fi kanneen ofiin kaka’anii warraaqanis jajjabeessuun ni jira. Kun ciminaan kan itti fufamus taha. Adeemsa hojii qabsoo biyya keessaa kana irratti yeroo gara garaatti gufuulee hedduun ni mudatu. Wareegamni suukanneessaanis ni baafamu. Diinni warra qabsaawanii qabsoofsisan duwwaa utuu hin tahin jiilchuuf Oromoota mara walitti qabee fixa, hidha, hiraarsa. Gatiin bilisummaa akkaan ol’aanaa waan taheef wareega akkasii ilaaluun qabsoo irraa of duuba mil’achuun hin jiraatu. Kan dabre irraa barachaa fi eeggannoo cimsaa qabsoon hanga injifannootti itti fufa.

Diinni sossobuudhaan, sodaachisuudhaan ykn dantaadhaan bituun ummataa fi meseensota keessaas Dhaabatti gara galchuuf waan danda’u hunda akka hojjetus eenyuufuu ifaa dha. Tokkummaa qabsaawotaa fi ummata keenyaa laaffisuuf, wal shakkisiisuu fi wal afaandeebisuuf diinni tooftaalee gara garaatti dhimma baha. Waan hin jirre uumee olola farra ABO fi farra QBO bittinneessa. Olola diinaa kan akkasiif gurra ergisuun ittiin afanfaajja’uu fi goolamuun fedhii diinaa guutuu dha. Haala kana fakkaatuun uumamee ololli gidduu dabre kana qalbii ummataa fi miseensota keenyaas hawataa ture irratti gara Dhaabaatiin waan miseensotni beekuu qaban beeksisuun barbaachiseera. Kunis waa’ee Girmaa Xurunaa (GX) ti. GX miseensa jaarmayaa dargaggoota Oromoo biyya keessaa akka ture, deemsa keessa warra waliin hojjetan wajjin wal dhabuu, warri wal dhaban kanneen gara lachuutuu harka diinaa bu’uu fi hiraarfamanii gadi lakkifamuu, tokko kaan saaxilee akka hiisisetti wal shakkuu fi adda fagaataa deemuu fi wal injifachuuf olola wal irratti oofuun akka ture Dhaabni quba qaba.

 

ABOn waan danda’een bira haa dhaabbatu malee jaarmayaan dargaggoo kun of danda’ee ijaaramuun sirna bulchiinsaa fi hojii qaba. Dhaabni mata mataa miseensaa wajjinis qunnamtii suduudaa hin qabu. Kanaafuu wanti Dhaabni gochuu danda’e akka wal giddutti fixatan gorsaa fi qajeelfama dabarsuutti dabalee keessa dubbichaa qulqulleeffatuuf qorannoo geggeessuu ture. Wanti kun kan mudate lafa hojiin naamusaa fi eeggannoo ol’aanaadhaan bobaa diinaa jalatti geggeeffamutti waan taheef qunnamtii halaala irraa godhamuun yeroo hawwamu keessatti adda baafatanii tarkaanfii sirreesaa fudhachuun ykn fudhachiisuun harkifatuun ni jira.

 

Ragaan wal faallessu gabaafamaa waan tureefis kan irratti hundaawanii tarkaanfii fudhachuu dandeessisu hin turre. Dhimmichi haala kanaan harkifatuun olola diinaa fi farreeniif Hoogganni Dhaabaa balaan haala kanaan mudachaa jiru osoo itti gabaafamuu quuqama dhabee nama tokko amanuudhaan horii itti erguu fi namni sun horicha dhimma qabsoof utuu hin tahin dantaa mataaf akka oolfatu osoo dhagahamuu callisanii itti ilaaluu fi qunnamtii waliin qbaachuun akka turetti fakkeeffamee hooggana Dhaabaa irratti ololame. Kuni olola dharaa kan dhugaa irraa fagoo ti. ABOn ilmaan Oromoo mara ija tokkoon ilaalee qabsoo itti jiran irratti qajeelchaa fi bira dhaabbataa jira. ABOn waan dhaabee asiin gahe haala kamiinuu miidhamaa fi jeequmsi akka mudatu hin eehamu. Hoogganni ABO kan gaafatama ol’aanaa baadhatee fiixa baasaa jiruu fi rakkoolee hedduu irra aanee as gahuun beekamu dhimma akkasii furatuu dadhabee jalatti kufa ykn qabaa isaa dabsa jedhanii ololuun, kanattis dahatanii QEERROO irratti duula farra qabsoo banuun, jibbansaa fi milkii jaarmayaaleen kanneen harka wal qabatanii galmeessaa jiranitti hinaafuu fi beekaas tahe bilchina dhabaan hojii diinaa hojjechuu irraa kan hafe hiikaa ykn ergaa biraa qabaachuu hin danda’u. Haala mudate daddaffiidhaan adda baafatanii furmaata dhumaa kennuun yeroo fudhatus rakkoon haalli kun uume akka itti fufu Dhaabni callisee hin ilaalle.

Battaluma wal-dhabbichi dhalatee fi wal himatuun jalqabametti furuuf qaamni suduudaan hojichi ilaalu qorannoolee geggesse. Ragaaleen garii namoota eenyumaa ofii ifa hin gooneen yammuu dhaamaman kaan ammoo kanneen wal faallessan turan. Kanneen irratti hundaawanii tarkaanfii fudhachuun dogoggora keessa nu naquu akka danda’u yaaddawuudhaan tarkaanfii irraa of qusatamee qorannoon ittuma fufe. Qorannoo qaama hojichaaf gaafatama qabuun geggeeffameen waan quubsaatti bahuun waan dadhabamee fi ololichi daran babal’annaan koreen qorannoo of danda’e akka utubamu godhame. Koreen diqamni kun itti kenname kan miseensa GS-ABO tokkoon durfamuu fi miseensota gameeyyii lama of keessaa qabu ture.

Koreen kun qorannoo bal’aa fi dheeraa geggeessee gabaasaa dhiheesse. Qormaatni gabaafame fuula dura qaramee murtii irra gahuuf kan gargaaruu danda’u tahus akkuma kan duraanii ragaan tokko faarsee kaan ammoo kan hammeessu of keessatti waan aammateef haala shakkii hin qabneen murtii dhumaa irra geessisuu hin dandeenye. Hanga dhibbaa-dhibbatti qulqullaawuu ammas lafa irra harkisuun olola itti fufsiisuu fi afanfaajjii uumuu waan tahuuf tarkaanfii afachiisaan odeeffannoo fi ragaalee argaman irratti hundaawe fudhatameera. Nageenya hirmaattota qabsichaa hundaa fi qabsichas balaa irraa baraaruuf GX hojii irraa akka dhaabbatuu fi wanneen inni quba qabu caasaa fi qabeenyas dabalatee jijjiirraan feesisu akka godhamu qajeelfamni dabre.

Badiin GX irratti himamu itti mirkanaawee utuu hin tahin, qulqulluus yoo tahe, sababaa nam-tokkichaatiin jeequmsi uumamee miidhamnis qabsicha irra gahuun waan hin malleef tarkaanfiin kun fudhatame. Waan hafe jaarmayaan inni miseensa itti tahe keessa isaatti ni xaliilfata. Dhaabnis bakkaa fi yeroo feesisetti bira dhaabbachuudhaan haqni akka hin jal’anne gargaaruu irraa of hin qusatu. Tarkaanfii fudhatame kanatti kan hin quufinii fi mufatu yoo jiraate mirga mataa fi murnaaf bakka ol’aanaa utuu hin kennin milkaawinsa qabsoo Saba keenyaaf jecha obsaa fi gara-bal’inaan furmata dhumaa Dhaabaa fi Jaarmayaa Qeerroo keessatti godhamu eeggachuun barbaachisaa tahuu hubachiisna. Haala wal xaxaa qabsichi keesstti geggeeffamaa jiru akkasii keessatti haalli akkanaa mudachuu kan danda’u tahuu hubachuudhaan qabaa isaa tolchuu fi rakkoo biraaf akka qaawwaa hin saaqne gumaacha ofii kennuun miseensa keenya hunda irraa eegama.

 

Rakkoo hin jirre uumuun fi xinnoo jirtu bokoksuun ABO fi hooggana isaa irratti olola dharaa oofuu fi oofsisuun hojii dhaabbataa diinaa fi farreen qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Wanneen tolchineefis akka nu hin faarsine beekuu caalaa galatas nyaaphota keenyaa fi bitamtoota irraa waan hin eegneef olola diigaaf osoo gurra hin ergisin qabsoo itti jirrutti fuula maraan jabaachuu dha. Wal irratti abdiin keenya yoom illee caalaa haa jabaatu.

Injifannoo Ummata Oromoof !

WHD GS-ABO

P.O.Box 6973 Asmara, Eritrea Tel: 2911110236, Email: Caalchis@gmail.com, www.oromoliberationfront.org

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Jijjiiramni Oromoon kumaatamaan itti warageeme kana fakkaata

Ajandaa Mana Marii Nageenya Biyyolessaa (National Security Council/ NSC) Roobii Darbee:Roobii darbe jechuun gaafa Qaammee …

2 comments

  1. Warri kana maxxansee hattoota yeroo mara kufaati Oromo hawwan ta’uun ifaa dha. Isaan kun waan xixiqqaa akkasii irra darbanii waan gatii qabuu hojjetuuf dandeetti fi hamileen isaan qaban waan isaaniif hin heyyamneef olola, waan fad-deebi fi hanna adda addaa duwwaa irratti bobba’u.
    Ibsi kun miseensota qofaaf haa jedhuyyu malee ibsan hendee dhaan waa nama hubachiisu,Addi Bilisummaa Oromoo waan inni gad-fageenyaan biyya keessatti hojjetaa jiruu fi hangam akka idda isaa gad fageeffatee jiru kan mullisu dha. Kana Ummatni Oromoo martinu dubbisuun qabsoon isaa eessa akka ga’e hima malee icitummaa akka ololtootni yaadanitti dhaabichaa fi qabsicha miidhu miti. Ammo rirma dhaabicha keessa waan rakasha akkasi hojjetuu ABOn qoricha rirmaa itti naqaa jira waan ta’eef ibsi miseensaaf tilmaamame miseensuma bira. ABOn yeroo barbaachisaa ta’e itti mullatetti Hawaasa isaatiifis odeeffatnoo ni kenna.
    Kanaaf jechaa namootni xixiqqoon (low lives) waan akkasi hojjetne qabsoo midhu dandeenya jettan hirmii keessan baafa dha, isin waa miidhuuf heddu xiqoo dha kana irras guddatuu hin dandeessan.

    Adda Bilisumma Oromoo waliin gara fuul-duraatti!!

    • Lol kijjibadoota eltiraa tessani dubbi fattalu dhiisa ummata oromo akka beekutti qabsawaa jira umrii dheerttuu jawar mohamed fi hayyota oromo biroof haatahu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *