Oduu Haaraya
tplf opdo

Durii hanga arraa, Minilik (Nafxanyaa) irraa hanga Haylamaariyam (Mootummaan wayyaaneetti) gufuun qabsoo teenyaa guddoon basaastuufi jala kaattuu diinaati.

Saphaloo Kadiirr irraa)
Basaastuufi jala deemtuun diinaa tun nu fakkaattee, numa keessaa baatee iccitiifi odeeffannoo qabsoofi warraaqsa keenya diinaaf dabarsuun akka diinni tokkoon tokkoo keenya gurra qabee akka barbaadutti mana hidhaa keessatti nu dabarsu, lubbuu teenya ajjeesuufi taphaa ala taanu nu godhuun humna qabsoo teenya diigee, daraaraa qabsoo xooleeysee akka imalli galma bilisummaa qaxara qooru kan godhuudha.

Mootummaan wayyaaneetiis yeroo garagaraa tooftaa tanaan fayyadamee, basaastuufi jala deemtuun qabsoo teenya qilee buusaa turuun ni beekkama. Keessattuu wayta ammaa tana faa umriin jireenya isaa xumuramuu waan hubateef, odeeffannoo keenya tooftaan funaannatee qeerroowwan qaroofi warraaqsitoota qabsoo yeroo ammaa finiinsaa jiran adamsee qaqqabee miidhuufi hidhuu barbaada. Eeyyee! Irraan deebi’a. Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa diddiigamuu isaa waan hubateef haareyatti if jaaree umrii gabrummaa isaa dheereeffachuuf warraaqsaafi qabsoo Oromoo haala danda’ameen fashaleessuuf qeerroo, miseensootaafi deeggartootaa dhaabbiilee siyaasaa, qindeessitoota hiriiraafi namoota fudhatama hawaasa biratti qaban mara adamsee qabuuf yeroo biraa caalaa baasaastuu, kittillayyoofi kijibduu baayyee qopheeffatee hojitti galchee jira. Kuniis hiriira guddaa sanbata dhufuu kana fashaleessuuf karoorfachuu isaati.

Tooftaan karoora isaa ittii raawwachuufi galmaan gahachuu barbaadu keessaa guddaafi hangafni basaasa sadarkaa adda addaatti ramadee odeeffannoo dhimma hiriiraa waliin wal qabatu funaannachuun karoorri keenya osoo galma hin geenye akka qaxara qooru taasisuudha. Kanaaf nuti immoo akka hin dagamneefi hin diigamne akkasumaas akka qabsoon teenya baastuulee tanaan hin laamshooyne dursinee mala dhawachuutu nurra jiraata. Basaastuu wayyaanee irraa of eewaluuf malaafi tooftaalee garii fayyadamuun dirqama taha. Akka kootitti tooftaan bu’a qabeessaafi salphatti nuuf fayyaduu malu jedhee yaadu keessaa muraasni:

Eenyullee taanaan nama eenyummaa, maalummaafi kaayyoo isaa gad fageenyaan hin beeknee, warra dabballoota opdo cimaa tahaniifi kkf tokkoof illee iccitiilee teenya laachuu dhabuu/dhiisuun dhimmaa keenya jabeessinee eegnee qaama barbaachisu biraan gahuu.

Qeerroon yeroo ammaa biyya keessatti hiriira guddaa qindeessaa jirtan marti gare gareen wal ijaaruun akkaataa warraaqsi itti qindaa’u mari’achuun tooftaa fooyya’aa basaastuufi jala deemtuu diinaatiif isaan hin saaxille haala naannoo isaanii irra dhaabbatanii baafachuu qabu.

Namoota sirritti akeekaafi kaayyoo isaa beekan, kan murannoofi kutannoo dhugaa qaban waliin walitti siquun eega nama qulqulluufi dhuguma sabaaf yaaduufi hadoodu tahuu addaan baafattan booda waliin hojjachuu.

Namuma kamiyyuu osoo hin beekne waanuma qabsoo Oromootiif dhimmamee nu waliin haasa’e qofaaf qabsaawaafi sabboonaa dhugaati jennee waan mara itti himachuufi waliin qooddachuun amanuun gaarii miti. Sabboonaafi quuqamaa sabaa tahuun isaa jechaan osoo hin tahin eega gochaan mirkanaa’e booda waliin tarkaanfachuun gaarii taha.

Namoota kanaan dura yeroo baayyee aanga’oota OPDO fi Wayyaaneetiin walitti siqan kan dhiheenyumatti immoo amalli isaanii jijjiiramee sabboontoota dhugaa, qabsaa’oota haqaa fakkaachuuf yaalan irraa of eeggachuun gaaridha.

Hawaasni akka hawaasaatti, qeerroon akka qeerrootti, barattoonni akka barattootaatti, hojjataan akka hojjataatti warroota diinaan walitti siqee ummata keenya miidhaa jiru kan beekan mara saaxiluun waan qabsoo tanaaf tinnisa laatu hojjachuufi dirqama oromummaa bahuuf ofitti murteessuu qaban. Namni kana beekee hubate addaan hin diigamu qaawa basaastuu wayyaanootaas salphumatti duuchuun qabsoo fiinxa baasuu danda’a.

Ummanni keenya, hawaasni Oromoo ofumaaf wal ijaaree sochiifi akkaataa walii isaa sirritti hordofuun walitti qindaa’uun barbaachisaa dha. Kana yeroon jedhu nama hunda shakkaa jechuu koo osoo hin taane adeemsaafi akkaataa namoota mara ittiin adda baafannu qopheeffachuun gaariidha. Namni tokko eessa akka oolu, eenyuu waliin qunnamtii akka qabuufi kkf dabalatee tooftaa adda addaatiin hordofuu.

Namoota tokko tokko kan kanaan dura osuma fincila irrattiis hirmaatuu, biyyuma keessa taa’ee dhimma qabsoo oromoo sodaa malee miidiyaafi interneetii irraattiis dubbatuu kan namoonni baayyeen waliin hiriira bahan badii malee hidhaman inni immoo kan hin hidhamne ykn hidhamee yeroo gabaabdutti kan hidhaa gad lakkifamu yoo tahe duubbee isaa sirritti qorachuun barbaachisa.

Nama kophaa fiiguu baayyisu, nama yeroo hin barbaachifneefi bakka hin taanetti dhimmoota warraaqsaa kaasee haasa’uu fedhu akkasumaas namoota hatattamaan odeeffannoo bal’aa argachuuf sardaman fi namoota amala hattuu qaban akkasumaas nama yeroo mara gara waajjira opdo deddeebi’an basaastuu tahuun ifaan ifatti beekkamuu baatullee shakkuun sirritti faana bu’anii dalgaan mirkaneeffachuun gaariidha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …