Oduu Haaraya

Kallacha Walabummaa Oromiya/KWO Front for Independence of Oromia/FIO

Hagayya 4, 2016 August 4, 2016

_______________________________________________________________________________________________________________

Ibsa ijjannoo miseensota Kora KWO Kutaa USA fi Kanada

Kallachi walabummaa Oromiyaa kora kutaa USA fi Canadaa Hagayya 2016 magaalaa lakkuu

(Minneapolis fi St. Paul) keessatti godhate, injifannoon xuumuratee jira. Miseensonni kora kana

irratti argaman, milkii fi gufuulee adeemsa waggaa tokkoffaa keesatti KWO qunnaman erga

xiinxalaniin booda ibsa ejjannoo armaan gadii dabarfatanii jiran.

1. Sirni gita bittuu saba tigree dhaloota lafaa dhufaa Oromoo, daa’imaa fi manguddoo, qeerroo

fi dubartii ulfaa gara nyaattoo tokko malee qe’ee isaanii irratti rasaasa itti roobsuun yakka

sanyii duguugiinsaa ifatti raawwataa jira. Kallachi Walabummaa Oromiyaa, gocha murna

koloneeffattuu kana hadheeffatee balaaleffata. Miseensonni KWOtillee humnaa fi dandeetti

qabnu maraan, ummata keenna cinaa dhaabannee, warraqsa walabummaaf godhamu

finiisuuf, murannee kaanee jirra.

2. Hirmaannaa barattoonni, qotee bultoonni, daldaltoonni, shamarran, dargaggoonni,

haawwanii fi daa’imman Oromo; guutummatti ummanni Oromoo biyya keessaa qabsoo

walabumma Oromiyaatii fi bilisummaa ilman Oromo gara fuula duraatti shaffisissuuf

godhaa jiru dinqisiifachaa, nutillee gama keennaan dirqama nurraa eegamu bayuuf qophii

ta’uu keenna jabbesinne mirkannessina

3. Kaayoon masakaa Kallacha Walabummaa Oromiyaa, impaayera Tophiyaa sirna kolonii

irratti ijaarame hundeen buqqisee, Oromiya walabaa, ta ummanni Oromo bilisaan keessa

jiraatu deebisee utubuudha. Qabsoo fuula maraan ilmaan Oromoo kaayoo tana milkeessuuf

godhan bakkaan gayuuf miseensonni hundi ciminnaa fi dammaqinnaan hojjachuuf waada

keenna haarawoomsinee jirra.

4. Ummanni Oromoo Seenaa keessati marsaa heddu diinaan durfamee carraa ofiin of-
bulchuu fi hiree abbaa biyyummaa isaa itti gonfachuu danda’u dhabee jira. Barri 1991/92

yaadannoo yeroo gabaabaati. Hennaa ammaallee carraan walfakkaataan dhufee balbala

qabsoo walabummaa Oromiyaatii fi bilisummaa Oromoo dura dhaabataa jira. Carraa

kanatti fayyadamuuf yoomuu caalaa cimsinee hojjachuuf waadaa seenna.

5. Mirgi hiree ufii, ufiin murteefachuu ummata Oromoo iggiitii tokko malee akka

raawwatammuuf qabsoo hadhooftuu godhuun barbachiisa akka ta’e hubbanne

waldhaansoo keenna daran cimsinee itti sufna.

6. Qabsoon hadhooftuun ummanni keennaa woggoota dheeraaf godhee, woreegama lubbuu

goota kumaatamaan laakkayamu itti gabbaree fi adhallee gabbaraa jiru, walabummaa

Oromiyaatiin guduunfama. Waan walabummaa gadii takkallee hin-fudhannu.

7. Sirni koloneeffattaa, aadaanii fi amalli isaanii, kan nagayatti amanu uduu hintaane, sirna

qawweetti irkatee ijaaramee fi funyaan qawweettiin biyya abbaa keennaa nudhaalee

abbaa itti ta’ee, nu gabroomfate. Sirni qawween dhufe, qawween kufa. Kanaafuu, ummanni

Oromollee kana beekee, karaa danda’e hundaan hidhannoo ufii qixxeeffattee, falma KWOn

dirree woraanaa irratti godhu cinaa akka dhaabatu waamicha lamummaa dabarfanna.

Kallacha Walabummaa Oromiya/KWO Front for Independence of Oromia/FIO

Hagayya 4, 2016 August 4, 2016

_______________________________________________________________________________________________________________

8. Tokkummaan qabsoo ilmaan Oromoo dhabaa keenna Kallacha Walabummaa Oromiyaa

biratti, wirtuu geejjiba waldhaansoo dandii qajeeltu irra hiriirsuun injifannottiin

nudhaqaati. Kanaafuu, walii galteen tokkummaa dhaabota siyaasaa Oromo walaba ta’an

jiddutti godhamaa jiru, dhawaa fi mala waarroo walabummaa ta’uu hubannee bakkaan

gayuuf onnee guutuun hojjanna.

9. Waliigaltee dhaabota gita bittuu, sirna dullachaa waliin godhamu hunda jabeessinnee afoo

dhaabanna. Tokkummaa saboota humnaan ukkaamfamanii qabeenna impaayera Tophiyaa

godhamanii dararaan sirna cunqursituu habashaa akkuma ummata Oromoo irratti

raawwatamaa ture waliin uumachuuf halkanii fi guyyaa hojjanna.

10. Walabummaan fedhii fi hawwii qofaan hindhuftu. Wareegama heeddu gafaati. Nuti

missensooni Kallacha Walabummaa Oromiyaa, waregama bifa hundaatuu kafaaluuf qophii.

Ummanni Oromoollee kana beekee dhaaba isaa Kallacha Walaabumma Oromiyaa waliin

akka dhabatu gafaana.

Oromiyaan ni walabomtti!

Kallacha Walabumma Oromiyaa/KWO/

Hagayya bara 2016

Minnesota

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …