Dhugaadhaaf,bilisummaaf, wal qixxummaa fi mirga abbaa biyyummaa
ofitiif dhaabbannaan hidhaman ni hiikkatu, madaahan ni fayyu, du’anis
ni galu.
Dhugaan injifataadha. Inni dhugaa qabatee qabsaawe, inni walqixxummaaf
wareegame, inni mirga abbaa biyyummaaf dararame yoomiyyuu taanaan
kufee hin hafu.
Ummanni Oromoo dhugaaf dhaabbate; walqixummaaf qabsaawaa jira; mirga
abbaa biyyummaa isaaf wareegamaa ture, wareegamaas jira.
Ummati tokko sababa ta’een harka diinaatti kufuu danada’a. Diina isa
weeraree saamaa fi ajjeesaa jiruunis akka gadootti ilaalamee
salphifamuu fi moggeeffamuu danda’a. Hidhamuu, ajjeefamuu fi
dararamuu akkasuma qayee fi qabeenya isaa irraayis buqqifamuu mala.
Cubbuu fi daba kana hunda dhugaatu moohata.
Kan Wayyaaneedhaan waggoottan 25 darbaniif ummata Oromoorratti
raawwatamaa turee fi jirus kanuma. Wayyaaneen nujjeesaa turteetti,
nujjeesaas jirti. Waggoottan 25 darbaniif ilmaan Oromoo kumaa-kitila
fixeetti, har’as lafarraa duguuguutti jirti. Lammiin Oromoo mana
hidhaatti dararamaa jirus lakkoofsi isaa ammanaan hin beekamu.
Walumaa galatti Wayyaaneen Saamichi fi biyya abbaa keenyaarraa nu
godaansisuun baroota darbaniif nurratti gaggeessaa baate ammas
dheeraffachuuf tattaafataa jirti.
Dhugaan dhugaadha! “Dhugaan ni qallatti malee hin cittu” akkuma
jedhamu san ummanni Oromoo dhugaa qabatee, dhugaaf waan qabsaawaa
jiruuf ajjeefamus, hidhamus, saamamus dararamus qabsoo hin dhifne.
Qabsoon isaa guddataaa fi bal’ataa akkasumas diinarras aanaa
fuulduratti deemaatuma jira. Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn,
goototni dhaloonni haaraan Qeerroon biyya keessatti akkasumas
sabboontonni Oromoo biyyaa godaansifamanis bakka jiranitti qabsoo
haqaa finiinsaa jiru. Qawweefis ta’e holola diinaatif osoo gurra hin
kenniin bilisummaaf lolaa jiru. Kun boonsaadha!
Ummanni Oromoo bara bittaa Wayyaanee keessas haata’u sanaan dura
takkaa diinaaf tole jedhee bulee hin beeku. Gootni tokko dhugaaf
dhaabbatee mirga isaaf odoo falmuu yoo kufu, dhalootni hafe itti
darbee irraa fuudhee finiinsuun kunoo sadarkaa murteessaa yeroo amma
irra jiru kanarra geenyeerra.
Fuundurattis ummati Oromoo, ummati dhugaaf dhaabbate kun, ummanni
mirgaa fi bilisummaa isaaf dhaabbate ilmaan isaa muratoo fi cichoo
faana ta’ee qabsoo isaa finiinsuun murna Wayyaanee; murna isa
ajjeesaa fi saamaa jirtu hundeen buqqisee akka ofirraa gatu shakiin
hin jiru.
Hanga harra afaan qawweetiin ukkaafamnee akka sabaatti harka
Wayyaaneetti manakaraaraa jirra, saamamaas jirra, biyyaayis
godaansifamaa jirra. Ammaan achi garuu jireenyi akkanaa, barri bittaa
Wayyaanee umrii dheeraa hin qabu. Qabaachus hin qabu; qabaachus hin
danda’u.
Harra ummanni Oromoo alaa-manatti qabsoo isaatin fuunduratti
tarkaanfachaa jira, gabrummaatti xumura gochuuf diina isa saamaa
turtee fi jirtu ofirraa lolataa jira. Qawwees, holola diinaas irra
tarkaanfatee tokkummaa isaa jabeefachuun lolli inni gaggeessaa jiru
fira boonsee diina raasee jira. Ammaan achis holollis ta’e, qawween
diinaa qabsoo Oromoo gufachiisuu hin danda’u. Sochiin kun cimee itti
fufnaan ammoo Oromoon biyya isaa Oromiyaa dhihootti bilisa baasuun
dhugaa hin hafneedha.
Wayyaaneen waggoottan 25 darbaniif ummata Oromoorratti ajjeechaa,
hidhaa, dararaa akkasumas holola adda addaa gaggeessaa turteetti.
Biyyoota Lixaa fi Bahaa tokko tokko jala deemunis dhugaa biyya keessa
jiru dhoksuuf yaalaa turteetti. Kun harra akkuma “Duumeecha Sadaasaa”
jedhan san harkaa facahee jira. Bakka hundattuu dhugaan Oromoo
calaqqisaa, sobni Wayyaanee ifaa bahaa dhufeera. Akka yaadde Oromoo
alaa-manatti qooduu hin dandeenye. Akkuma muldhachaa jiru Oromoon kan
yeroo kamiituu caalaa alaa-manatti tokko ta’ee hadheeffatee
Wayyaaneen lolaa jira. Wayyaanee waliin “nama Gumaa” ta’uu qabsoo
isaatin mirkaneessaa jira.
Yeroo ammaa kana WBOn, Qeerroon Oromoo walumaa galatti ummanni Oromoo
Oromiyaa keessatti Wayyaanee fi ergamtoota ishii rukutaa, qabeenya
ishii barbadeessaa jira. Waltajjii hololaa diinni qopheeffate mara
lagachuun akeeka wayyaanee fi lukkeelee hoongeessaa mootummaa
gabroomfataa dhiphisaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Oromoo biyyoota garagaraa keessa
jiraatus qabsoo Oromoo finiinaa jiru kana; caalaatti jabeessuuf
qabeenya, beekumsaa fi humna isaatin tumsa walirraa hin cinne taasisaa
jira.
Sabboontoonni Oromoo biyyoota alaa jiran kunneen qabeenyaan hidhannoo
WBO cimsuu fi sochii qeerroo jabeessuu cinaatti, hiriira walirraa hin
cinne bahuun Wayyaanee balaaleeffachuu fi saaxiluun gama
Dippiloomaasitiinis injifannoolee gurguddoo galmeessisaa jiru. Kan
darbe seenaaf dhiifnee tarkaanfidhuma dhiheenya kana Gamtaan
Awurooppaa fi miseensoonni Kongirasii fi Seeneetii Ameerikaa
Wayyaaneerratti fudhatan yoo kaafnee ilaalle qabsoon hawaasa Oromoo
biyya alaa ammam bilchaataa fi cimaa akka deeme ifatti mirkaneessa.
Wayyaaneen harra biyya keessatti qofaa osoo hin ta’in qabsoo
hawaasni Oromoo biyya alaa jiraatu taasisee fi taasisaa jiruun
biyyoota ishii gargaaraa turan biratti bullukkoo qaanii haguuggataa
jirti. Dharri ishiin hololaa baate harkaa facahee salphachaa jirti.
Biyyoonni baayyeen shiraa fi yakka Wayyaanee hubachuun tarkaanfii
mataa isaanii fudhachaa jiru. Walumaagalatti Oromoon qabsoo biyya
keessaa fi alatti gaggeessaa jiruun hidhannoonis ta’ee gama
dipiloomaasitiin injifataa ta’eera. Kun cimee itti fufuu qaba.
Qabsoo ummanni Oromoo biyya keessaa fi alatti taasisaa jiruu fi
injifannoolee galmeessaa jiru kanaan kan baaragde Wayyaaneen tibba
kana toftaa dulloomaa tokko qabattee gara biyyoota Awuroopaa fi
Ameerikaatti ergamtoota bobbaasaa jiraachuun dhagahameera. Kasaaraa
gama dipiloomaasitiin irra gahe kana yoo dandeeche dachaasuuf
wixxirfachaa jirti. Akka odeessa dhagahamaa jiru kanaatti sochii
ummata Oromoo biyya keessaa fi ala jiruun kan dhiphuu hamaa keessa
seente Wayyaaneen ergamtoota hedduu bobbaasuun Oromoo garaaf bule
yoo argatte sossobachuuf, akkasumas maqaa ABO akkuma barte xureessuun
warreen Lixaa dhugaa Oromoon qabu hubatan micciirrachuuf
tattaafachaa jirti. Akkuma “Gadi daakanii dadhaban ol daaku.”
jedhamu san tarii oolee bulinnaa laataaf yoo ta’e malee bobbaan ergama
farrummaa qondaalota wayyaanee kun kan milkaawu akka hin taane
eenyufuu ifaadha.
Hawaasi Oromoo biyya alaa jiru yoo lammiin isaa inni biyya jiru
madaahu, waliin madaahaa ture, yoo du’u waliin du’aa, yoo hidhamu
waliin hidhamaa ture ammas borus akkasuma. Wayyaanee fi ergamtoota
sirnichaaf hin galin ta’a malee Oromoon biyya alaa jiru Oromoodhuma
garboonfattootaan biyyaa baqachiifame dha. Inni biyya keessaa hidhamaa
fi du’aa jirus ta’e inni ala jiru tokkuma. Saba hololli diinaa adda
baasuu miti. Baasees hin beeku, baasuus hin danada’u.
Oromoon biyya jiru Wayyaanee jibbeera, xireeffateera, Allis kanuma.
Wayyaaneen Kana hubachu dhabuun qondaalota ishii amanamoodha jettee
fi dabballoota garaaf bulan filtee bobbaaftus ergamni isaanii hin
milkaawu.
Hawaasni Oromoo biyya kamuu keessa jiraatu holola Wayyaaneef gurra
akka hin qabne dalagaadhaan agarsiisaa ture, agarsiisaas jira. Oromoon
biyya alaa jiru ergamtoonni akkasii yoo isa mudates akkuma kana durii
salphisee, xiqqeesse ofirraa hariyuu qaba. Warra Gumaa, warra dhiiga
ilmaan Oromoo kumaa kitilaa dhangalaase waliin gongumaa haasawuu hin
qabu. Bakka ergamtoonni kun dhaqan marattis dura goruun qaanessuu,
dhiphisuu qaba. Eenyummaa isaanii fi waan isaan deemaniifis
dipiloomaatotaa fi mootummoota biyya jiranitti hubachiisuun shira
Wayyaanee saaxiluun dubbii fardiidha. Hawaasi Oromoo biyya alaa
jiraatu qabeenya, beekumsaa fi humna isaa itti wareeguun injifannoo
galmeessise, olaantummaa dippiloomaasii wayyaaneerratti gonfachaa jiru
eeggachuu qaba.
Kanaafuu Ummanni Oromoo keessaa-alaan injifannoolee hanga ammaatti
qabsoo isaatin gonfate tikfataa, holola diigumsaa QBO fi dhaaba
qabsoo kana gaggeessu ABOrratti,akkasumas sochii warraaqsa Xumura
gabrummaa gaggeeffamaa jirurratti aggaammattee Wayyaaneen karaa
ergamtoota alatti bobbaafattee gaggeessaa jirtu jabinaan dura
dhaabbachuun dubbii fardii dha.
Hundi keenya harka walqabannee ergamtootaa diinaa olii gadi deemuun
bara bittaa gabrummaa Oromoorratti dheeressuuf dhamahaa jiran kana
salphisuu fi tasgabbii dhoorkuu qabna.
Nuti Dhugaaf dhaabbane, dhugaaf qabsaawaa jirra, walqixummaa fi mirga
abbaa biyyummaa Oromoof du’aa fi dararamaa jirra waan ta’eef;
madoofnus ni fayyina, hidhamnus ni hikkamana, duunus ni
galla,hiyyoomnus ni duroomna. Waan ta’eefis hidhaa ajjeechaa fi
dararaa kamiifuu osoo duubatti hin jedhin alaa manatti qabsoo keenya
gama hundaanuu finiinsinee injifannoolee hafan haa gonfannuun xumura
dubbiiti!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~