Oduu Haaraya

Wayyaaneen Ergamtoota Bobbaafte!

Baarentuu Gadaa Irraa

Dhugaadhaaf,bilisummaaf, wal qixxummaa fi mirga abbaa biyyummaa
ofitiif dhaabbannaan  hidhaman ni hiikkatu, madaahan ni fayyu, du’anis
ni galu.
Dhugaan injifataadha. Inni dhugaa qabatee qabsaawe, inni walqixxummaaf
wareegame, inni mirga abbaa biyyummaaf dararame yoomiyyuu taanaan
kufee hin hafu.
Ummanni Oromoo dhugaaf dhaabbate; walqixummaaf qabsaawaa jira; mirga
abbaa biyyummaa isaaf wareegamaa ture, wareegamaas jira.
Ummati tokko sababa ta’een harka diinaatti kufuu danada’a. Diina isa
weeraree saamaa fi ajjeesaa jiruunis akka gadootti ilaalamee
salphifamuu fi moggeeffamuu  danda’a. Hidhamuu, ajjeefamuu fi
dararamuu  akkasuma qayee fi qabeenya isaa irraayis buqqifamuu mala.
Cubbuu fi daba kana hunda dhugaatu moohata.
Kan Wayyaaneedhaan waggoottan 25 darbaniif ummata Oromoorratti
raawwatamaa turee fi jirus kanuma. Wayyaaneen  nujjeesaa turteetti,
nujjeesaas jirti. Waggoottan 25 darbaniif ilmaan Oromoo kumaa-kitila
fixeetti, har’as lafarraa duguuguutti jirti.  Lammiin Oromoo mana
hidhaatti dararamaa jirus lakkoofsi isaa ammanaan hin beekamu.
Walumaa galatti Wayyaaneen Saamichi fi biyya abbaa keenyaarraa nu
godaansisuun baroota  darbaniif  nurratti gaggeessaa baate ammas
dheeraffachuuf tattaafataa jirti.
Dhugaan dhugaadha! “Dhugaan ni qallatti malee hin cittu” akkuma
jedhamu san ummanni Oromoo  dhugaa qabatee, dhugaaf waan qabsaawaa
jiruuf ajjeefamus, hidhamus, saamamus dararamus qabsoo hin dhifne.
Qabsoon isaa guddataaa fi bal’ataa akkasumas diinarras aanaa
fuulduratti deemaatuma jira. Irree fi gaachanni saba Oromoo WBOn,
goototni dhaloonni haaraan Qeerroon biyya keessatti  akkasumas
sabboontonni Oromoo biyyaa godaansifamanis  bakka jiranitti qabsoo
haqaa finiinsaa jiru.  Qawweefis ta’e holola diinaatif osoo gurra hin
kenniin bilisummaaf lolaa jiru. Kun boonsaadha!

Ummanni Oromoo bara  bittaa Wayyaanee keessas haata’u sanaan dura
takkaa  diinaaf tole jedhee bulee hin beeku. Gootni tokko dhugaaf
dhaabbatee mirga isaaf odoo falmuu yoo kufu, dhalootni hafe itti
darbee irraa fuudhee finiinsuun kunoo sadarkaa murteessaa yeroo amma
irra jiru kanarra geenyeerra.
Fuundurattis  ummati Oromoo, ummati dhugaaf dhaabbate kun, ummanni
mirgaa fi bilisummaa isaaf dhaabbate ilmaan isaa muratoo fi cichoo
faana ta’ee  qabsoo isaa finiinsuun murna Wayyaanee; murna  isa
ajjeesaa fi saamaa jirtu hundeen buqqisee akka ofirraa gatu shakiin
hin jiru.
Hanga harra afaan qawweetiin ukkaafamnee akka sabaatti harka
Wayyaaneetti manakaraaraa jirra, saamamaas jirra, biyyaayis
godaansifamaa jirra. Ammaan achi garuu jireenyi akkanaa, barri bittaa
Wayyaanee umrii dheeraa hin qabu. Qabaachus hin qabu; qabaachus hin
danda’u.
Harra ummanni Oromoo  alaa-manatti qabsoo isaatin fuunduratti
tarkaanfachaa jira, gabrummaatti xumura gochuuf diina isa saamaa
turtee fi jirtu ofirraa lolataa jira. Qawwees, holola diinaas irra
tarkaanfatee tokkummaa isaa jabeefachuun lolli inni gaggeessaa jiru
fira boonsee diina raasee jira.  Ammaan achis holollis ta’e, qawween
diinaa  qabsoo Oromoo gufachiisuu hin  danda’u. Sochiin kun cimee itti
fufnaan ammoo Oromoon   biyya isaa  Oromiyaa  dhihootti bilisa baasuun
dhugaa hin hafneedha.
Wayyaaneen waggoottan 25 darbaniif  ummata Oromoorratti ajjeechaa,
hidhaa, dararaa akkasumas holola adda addaa gaggeessaa turteetti.
Biyyoota Lixaa fi Bahaa tokko tokko jala deemunis dhugaa biyya keessa
jiru dhoksuuf yaalaa turteetti. Kun harra  akkuma “Duumeecha Sadaasaa”
jedhan san harkaa  facahee jira. Bakka hundattuu dhugaan Oromoo
calaqqisaa, sobni Wayyaanee ifaa  bahaa dhufeera. Akka yaadde Oromoo
alaa-manatti qooduu hin dandeenye. Akkuma muldhachaa jiru  Oromoon kan
yeroo kamiituu caalaa  alaa-manatti tokko ta’ee hadheeffatee
Wayyaaneen lolaa jira. Wayyaanee waliin “nama Gumaa” ta’uu qabsoo
isaatin mirkaneessaa jira.
Yeroo ammaa kana WBOn, Qeerroon Oromoo walumaa galatti ummanni Oromoo
Oromiyaa keessatti Wayyaanee fi ergamtoota ishii rukutaa, qabeenya
ishii barbadeessaa jira. Waltajjii hololaa diinni qopheeffate mara
lagachuun akeeka wayyaanee fi lukkeelee hoongeessaa mootummaa
gabroomfataa dhiphisaa jira.

Haaluma wal fakkaatuun hawaasni Oromoo biyyoota garagaraa keessa
jiraatus qabsoo Oromoo finiinaa jiru kana; caalaatti jabeessuuf
qabeenya, beekumsaa fi humna isaatin tumsa walirraa hin cinne taasisaa
jira.
Sabboontoonni Oromoo biyyoota alaa jiran kunneen qabeenyaan hidhannoo
WBO cimsuu fi sochii qeerroo jabeessuu cinaatti, hiriira walirraa hin
cinne bahuun Wayyaanee balaaleeffachuu fi saaxiluun gama
Dippiloomaasitiinis injifannoolee gurguddoo galmeessisaa jiru. Kan
darbe seenaaf dhiifnee tarkaanfidhuma dhiheenya kana Gamtaan
Awurooppaa fi miseensoonni Kongirasii fi Seeneetii Ameerikaa
Wayyaaneerratti  fudhatan yoo kaafnee ilaalle  qabsoon  hawaasa Oromoo
biyya alaa ammam bilchaataa fi  cimaa akka deeme ifatti mirkaneessa.
Wayyaaneen harra biyya keessatti qofaa osoo hin ta’in   qabsoo
hawaasni Oromoo biyya alaa jiraatu taasisee fi taasisaa jiruun
biyyoota ishii gargaaraa turan biratti bullukkoo qaanii haguuggataa
jirti. Dharri ishiin hololaa baate harkaa facahee salphachaa jirti.
Biyyoonni baayyeen shiraa fi yakka Wayyaanee hubachuun tarkaanfii
mataa isaanii fudhachaa jiru. Walumaagalatti Oromoon  qabsoo biyya
keessaa  fi alatti  gaggeessaa jiruun hidhannoonis ta’ee  gama
dipiloomaasitiin injifataa ta’eera.  Kun cimee itti fufuu qaba.
Qabsoo  ummanni Oromoo  biyya keessaa fi alatti taasisaa jiruu fi
injifannoolee galmeessaa jiru kanaan kan  baaragde Wayyaaneen  tibba
kana  toftaa dulloomaa tokko qabattee  gara biyyoota Awuroopaa fi
Ameerikaatti ergamtoota bobbaasaa jiraachuun dhagahameera.  Kasaaraa
gama dipiloomaasitiin irra gahe kana yoo dandeeche dachaasuuf
wixxirfachaa jirti. Akka odeessa dhagahamaa jiru kanaatti sochii
ummata Oromoo  biyya  keessaa fi ala jiruun  kan dhiphuu hamaa keessa
seente  Wayyaaneen  ergamtoota hedduu bobbaasuun Oromoo  garaaf bule
yoo argatte sossobachuuf, akkasumas  maqaa ABO akkuma barte xureessuun
warreen Lixaa  dhugaa Oromoon qabu hubatan  micciirrachuuf
tattaafachaa jirti.  Akkuma  “Gadi daakanii dadhaban ol daaku.”
jedhamu san tarii oolee bulinnaa laataaf yoo ta’e malee bobbaan ergama
farrummaa qondaalota wayyaanee kun kan milkaawu akka hin taane
eenyufuu ifaadha.
Hawaasi Oromoo biyya alaa jiru yoo lammiin isaa inni biyya jiru
madaahu, waliin madaahaa ture, yoo du’u waliin du’aa, yoo hidhamu
waliin hidhamaa ture ammas  borus akkasuma. Wayyaanee fi ergamtoota
sirnichaaf  hin galin ta’a malee Oromoon biyya alaa jiru Oromoodhuma
garboonfattootaan biyyaa baqachiifame dha. Inni biyya keessaa hidhamaa
fi du’aa jirus ta’e inni ala jiru tokkuma. Saba  hololli diinaa adda
baasuu miti. Baasees hin beeku, baasuus hin danada’u.
Oromoon biyya jiru Wayyaanee jibbeera, xireeffateera, Allis kanuma.
Wayyaaneen  Kana hubachu dhabuun qondaalota ishii amanamoodha jettee
fi dabballoota garaaf  bulan filtee bobbaaftus ergamni isaanii  hin
milkaawu.
Hawaasni Oromoo biyya kamuu keessa jiraatu holola Wayyaaneef  gurra
akka hin qabne dalagaadhaan agarsiisaa ture, agarsiisaas jira. Oromoon
biyya alaa jiru ergamtoonni akkasii yoo isa mudates akkuma kana durii
salphisee, xiqqeesse ofirraa hariyuu qaba. Warra  Gumaa, warra dhiiga
ilmaan Oromoo kumaa kitilaa dhangalaase waliin gongumaa haasawuu hin
qabu.  Bakka ergamtoonni kun dhaqan marattis dura goruun qaanessuu,
dhiphisuu qaba. Eenyummaa isaanii fi waan isaan deemaniifis
dipiloomaatotaa fi mootummoota biyya jiranitti hubachiisuun shira
Wayyaanee saaxiluun dubbii fardiidha. Hawaasi Oromoo biyya alaa
jiraatu qabeenya, beekumsaa fi humna isaa itti wareeguun injifannoo
galmeessise, olaantummaa dippiloomaasii wayyaaneerratti gonfachaa jiru
eeggachuu qaba.
Kanaafuu Ummanni Oromoo keessaa-alaan injifannoolee hanga ammaatti
qabsoo isaatin gonfate tikfataa,  holola diigumsaa QBO fi dhaaba
qabsoo kana gaggeessu ABOrratti,akkasumas sochii warraaqsa Xumura
gabrummaa gaggeeffamaa jirurratti aggaammattee Wayyaaneen karaa
ergamtoota alatti bobbaafattee  gaggeessaa jirtu jabinaan dura
dhaabbachuun dubbii fardii dha.
Hundi keenya harka walqabannee ergamtootaa diinaa olii gadi deemuun
bara bittaa gabrummaa Oromoorratti dheeressuuf dhamahaa jiran kana
salphisuu fi tasgabbii dhoorkuu qabna.
Nuti Dhugaaf dhaabbane, dhugaaf qabsaawaa jirra, walqixummaa fi  mirga
abbaa biyyummaa Oromoof  du’aa fi dararamaa jirra waan ta’eef;
madoofnus ni fayyina, hidhamnus ni hikkamana, duunus ni
galla,hiyyoomnus ni duroomna. Waan ta’eefis  hidhaa ajjeechaa fi
dararaa kamiifuu osoo duubatti hin jedhin alaa manatti qabsoo keenya
gama hundaanuu finiinsinee injifannoolee hafan haa gonfannuun xumura
dubbiiti!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

29/04/2016
Baarentuu Gadaa irraa

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *