Oduu Haaraya

Gaaga’ama Hanqinni Tokkummaa Jaarmiyoota Siyaasaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) irratti Qabu

 

 

Ibsa THBO-ULFO: Hagaya, 2016

Baroota 15 dura, qabsoo bilisummaa Oromoo qindoomina dabrees hanniisaa itti horuudhaf, humna qabsaawotaa mooraa takkatti walitti fiduun gaafii yeroo belbeltuu akka ture waan yaadatamu. Akkuma beekkamuu malu, hireen qabsoo saba Oromoo dhuma bara 1992 keessaa mudate, hanga bara 2000 keessa Tokkummaan Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (THBO) bu’uraawetti, faffaca’iinsa jaarmiyoota kan haalan yaachisaa ti ture. Faca’iinsa uummameef furmaata ma’ii soquun hawwii fii iyyaannaa saba Oromoo maraa ture. Itti dabalees, jaarmiyooleen siyaasaa Oromootis dhiibbaa sabichaatin rakkoo faca’iinsa moraa QBO kessatti dhalateef  hiikkaa aggaamuf yeroo itti dirqaman ture. Haala kanattu, dirree marii jaarmiyoota siyaasaa jidduutti yeroo duraatif bane. Itti ba’iinsi marii kanaatis, tokkummaa jaarmiyoota Oromoo kaayyoo bilisummaa Oromoo fii walabummaa Oromiyaatif qabsaawan mara agoobaro takka jalatti walitti fiduudhan, dhawata keessaa, tokkummaan isaani akka mirkanaawu haala mijeessuu kan jedhu ture. QBO rakkoolee jaarmiyoota fii akkasumas qabsaawota jidduu turaniin gaadi’amee gulantaa ol’aana fii abdachiisa irraa ga’u hanqachuun isaa hubatamuudhan, dhibdeelee qabsicha korkodan irraa aanudhaan, jaarmiyaa cimaa fii waaltawaa tokko kan qabsaawonni marti keessatti hammatamani qooda ga’a itti gummaachuu danda’an, akkasumas hooggana bilchinaa fii qaroominaan qabsicha kayyoo isaatin mamii tokkoon maleetti ga’uudhaf murate sosso’u fii sossoosu tokko horachuudhaf THBO Fulbaana 2000 keessa uummame.

Akeeka eebbifamaa kana bakkaan ga’uudhaf, THBO baroota muraasa ta’aniif akka jaarmiyaa agoobaraatti carraaqii gochaa ture. Haa ta’u malee, rakkoolee danuu irraa kan ka’e, akka hawwametti milkaawuu hindandeenye. Rakkoolewan turan warra seena qabsoo Oromoo hegere barreessaniif diifnee, waan ijaaraa (positive) ta’an irratti hoo fuulleffane, dhalachuun THBO hooxiqaate bobbaa walballeesu fii maqaa walxureessuu jaarmiyoota siyaasaa Oromoo jidduu ture haalan hir’isuun isaa waan haalamuu miti. Kana irraa kana hafe, direen waliin hojjatan bal’achuurra dhiphachaa, akka akeekametti moraa Oromoo keessatti tumsa waliif gochuu takkaahu tokkoomu irratti fuulleffachuun hanqatee, dhaabbolee alagaa kan tarsimoon isaanii faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo ta’an waliin, jaarmiyaan miseensa THBO ta’e tokko, ABOn, murna Alliance for Freedom and Democracy (AFD) jedhamee beekkamaaa ture keessatti tumsaaf bara 2006 keessa waliigaltee gochuun isaa, baroota dheeradhaaf tokkummaa jaarmiyoota Oromoo jidduutti uumudhaaf tattaaffi godhamaa ture gaaffii keessa akka galu taasifame.

Haa ta’u malee, jaarmiyooleen miseensa THBO ta’an gariin kan tokkummaan humnoota Oromoo QBOtif murteessadha jedhanii akeeka tokkummaa irratti cichan, hojii isaan tokkomsu irratti fuulleffatan; dhawataanis tokkumma isaanii Bitooteessa bara 2010 mirkaneeffatan. THBO jaarmiyaa agoobara ta’uun isaa hafee kara jaarmiyaa tokko kan hooggana tokkoon masakamutti akka muuxatu taasifame. Erga gaafa THBO akka jaarmiyaa siyaasaa Oromoo tokkoo ti of labsee kaasee hanga har’aatti, humnoota Oromoo gola jaarmiyaa ada adaa keessatti faca’anii jiran akka mooraa tokkotti, humna jaarmiyaa cimaa tokkotti, hoggana tokko jalatti of gurmeessanii qindoominan QBO tinnisan waamicha walirraahincinne gochaa ture. Waamicha qofaa osoo hintaane, jaarmiyoota maqaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhahatan maraan yeroo adda addaatti gareelamaan (bilateral) haa ta’u akka gareetuutatti (multilateral) bu’ura humnoota Oromoo tokkoomsu irratti ijibbaata onnee irraa madde, yeroo dheeradhaf osoo hinnuffin, dhimma jaarmiyaa ofii kan dhuunffa caalaa, dhimma waloo kan humnoota Oromoo tokkoomsu irratti fuulleffachuudhan tattaaffi hagana hinjedhamne hanga walakkeessa bara 2015 ti godhaa ture. Garuu, ijibbaanni THBO bu’ura tokkummaa tarkaanfachiisu irratti godhee firii tokkoollee argamsiisu waan hanqateef, xiyyeeffannaa isaa guutu karaa hojii jaarmiyaa ofiitti akka fuulleffatuuf dirqamee jira.

Har’a, QBO yeroo kamuu caala irree tokkumma akka barbaadduu ifaa dha. Kana ta’e odoo jiruu, har’alee erga calqaba THBO bara 2000 keessa bu’uraawe kaasee, wogaa 16 booda, jaarmiyooni siyaasaa Oromoo tokkummaa dhugaa uummanni keenya irraa hawwu sana milkiidhan xumurachuudhaf hindhangi’amne. Keessattuu, yeroo kamuu caalatti haccuuccan mootummaa gabrooffataa Wayyaanee daran uummata Oromoo irratti si’ana cimee odoo jiruu, yeroo sabni Oromoo akka sabaatti lafa irraa akka baduuf diinni xiyyeeffatee bobbaa gochaa jiruu, yeroo badii irraa of oolchuf uummanni Oromoo dhaloota haarawaan durfamee diina irratti tokko ta’ee falmii seena qabeessa galmeessaa jiruu, jaarmiyooni siyaasaa Oromoo garuu irree isaanii tokkoomsanii balaa saba Oromoo irratti agaamameef gaachana ta’u hanqachuun isaani haalan saba keenya gaddisiisun isaa waan hinhaalamne. Ammas akkuma duriitti, goluma ofii keessatti waan danda’an gochuudhumaaf batattisuudhan alatti, of gurmeessanii irree tokkummaatin QBO qindoominan gaggeessudhaaf akkasumas guutu sabaa qabsoo irratti hirmaachisudhan dhibdee hundeedha kan saba keenya baraatamaan gidirsu, harqoota gabrummaa Habashoota, hundeedhan buqisuudhan uummata Oromoo badii irraa baraarudhaf qophaawoo mitti; of qopheesufis hamileedhan itti hinjiran.

Haalli kuni qabsaawota dhugaa dabrees uummata keenyaa yaaddessuu qaba; yaaddoo qofaa odoo hintaane, har’aboru odoo hinjjenne rakkoo QBO sakaale, xurree itti falamuu dand’u walitti birmatanii soqachuun gaaffii yeroo ti. Kana ta’uu baannan, badii saba keenya irratti dhaqabuu maluuf, ittigaafatamni duraa ceekuu humnoota siyaasa Oromoo irratti kufa jenna. Ittigaafata akkanaa irraa of baasuf, jaarmiyooni Oromoo yeroon hir’ina qaban itti furatan oddo hinbubbulin amma ta’uu qaba.

Tokkoffaa, akkuma gubbanatti tuqametti, humnooni akeekan walfakkaatan gurmuu tokko ta’anii soosso’uudhaf bu’ura tokkummaa yeroo mara ka’u xumura itti gochuu fii tokkummaa hojiidhan mirkaneessuu qabu. Fafakkeessu dhaabu qabu; kana jechaan, tokkummaa uummane jedhanii sabatti of labsanii, hojiidhan garuu labsichi qalbiidhuma ummataa yeroodhaf ittiin booj’uudhaf qofa gochi godhamu dhaabbachuu qaba. Haqaan, fedhii guutudhan, qaamaqalbiidhan rakkoo(lee) qabsaawota akkasumas jaarmiyoota siyaasaa akka hintokkoomne danqe(an) akka yayyaba guutu sabichaa (pressing national agenda) godhatanii furmaata akeekuf hatattaman walitti birmachuun duree argachuu qaba jenna.

Kan lammataa, humnooni tokkooman jaarmiyaa cimaa fii muuxataa ta’e, kan qabsaawota maraaf hiree ga’a akka QBOtif gumaachaniif kennataa ta’e, kan yeroo irra yeroo ti of haaromsu, jaarmiyaa adda hundaanu diina dura dhaabatu dabrees injiffanno injifannoorratti galmeessu, jaarmiyaa ummata Oromootif gaachana ta’e, kan roorroo itti agaamamu hunda bakka fi yeroo mara irraa qolachuu danda’u tokko jaarrachuun milkaawu akeeka QBOtif murteessa ta’uun hubatamee carraaqii irratti gochu. Jaarmiyaa haala kanaan utubame keessaa, hoogana qaroo qabsoo Oromoo xaxama amma keessa jiru keessa baasu, gutu sabichaa hiriirfatu, manyee diinaa Oromiyaa keessa baleessudhan gabrumaan dhaloota irraa dhalootatti dabraa dhufe xumura itti godhu tokko biqilchuu fi guddiffachu.

Kan sadaffaa, diinni motummaa Wayyaanetin durfamu saba Oromoo guutu irratti waraana labsee, xiqaa-gudda, dhiira-dubartii, jaarsaa-jaarti odoo hinjedhin yeroo kamuu caala Oromoo ajjeesaa, hidhaa, dhabamsiisaa, lafa irra buqisaa, biyaa irra baasaa yammuu jiru kana, saba Oromoo badii irraa baraaruf humnaittisaa abdachiisaa ta’e horachuun jaarmiyaa bilisa baaftu ofin jedhan irra kan dursaadhan eegamu. Kanaaf, humnooni bilisummaa Oromoo tokkummaa isaanii mirkaneeffatanii jaarmiyaa waalta’a tokko horachuu qofaa odoo hintaane, Waraana Bilisummaa Saba Oromoo (WBSO) abdii fi gaachana saba Oromotif ta’u danda’u tokko dabreetis galii QBOtif akka wabii ta’u ti jaaru.

Hoo jaarmiyoon siyaasa Oromoo bu’uraalewan armaa olitti tarreeffaman irraatti murannoodhan bobba’anii hojiitti hattattamaan hinsharafne, QBO maraamartoo baroota dheeradhaaf keessa jiru kessa ba’uun isaa mamiidha ta’a. Haala amma itti jiraniin itti fufnaan, gaag’amni qabsoo Oromoo dabreetis saba Oromo irra ga’uu malu tilmaamun rakkisaa hinta’u. Kanaaf, saba Oromoo kiyyoo badii irraa hambisuun, qabsoo isaa gatantara kessaa baasanii humneessun hojii boru odoo hintaane kan ammaa ta’u qaba jenna.

Yeroo dheeradhaaf, yoomuma jaarmiyooni siyaasaa Oromoo tokkoomanii, qabsoo bilisumma saba isaanii gulantaa xumuraa irraan ga’anii, sirna gabroomfataa Habashoota hundeedhan buqqisanii, sirna Gadaa Oromoo deebisanii jaaranii, akka Oromiyaan nagaa fii badhaadhinan bultu haala murteessaa mijeessu, gaaffii jedhu sabni Oromoo walgaaffachaa har’a ga’ee jira. Gaaffin kuni deebii malee gaaffiidhumaan hafee jira. Waan kana ta’eefis, uummanni Oromoo jaarmiyoolii maqaa sabichaattin warraaqan irratti abdii guutu dhabuun isaa waan walnamagaafachiisu miti.

Ammaan boodatti, jaarmyooni bilisummaa saba Oromoo fii walabummaa Oromiyaatif qabsoofna jechaa jiran, kaayyoo kana tarkaanfachiisu irratti tokkoomanii, hojii qabatamaa fii abdachiisa hatattamaan agarsiisuf qophii ta’uu baannan, uummanni Oromoo jaarmiyolee kana irratti qofaa abdii gutu godhatee ta’uun isaa dhaabbachuu qaba jenna. Filmaata biraa akka qabaatuf irratti of qopheessuu qaba. Akka abbaa QBOtitti, haala fii fala diina isaa gabroomfataa ittiin injifatu dabrees milkiidhan qabsoo isaa galmaan ga’atu irratti yaadun garmalee barbaachisaadha ta’a. Yaada qofaas odoo hintaane, of ijaarudhan humna QBO ariitidhaan milkeessu horuudhaf qophaawun filmaata yeroon gaafachaa jiru jenna.

Keessattu dhalooni haaran, qeerron, humna addaa tokko kan QBOtif hawwamuu fii filmaata ta’u bu’urreesuf of qopheessutu irraa eeggama. Warraaqsi si’ana gochaa jiran heeddu seena qabeessa. Wareegama qaalii lubbuu gaafatu baasudhaan, tokkummaa saba keenyaa firaaf akkasumas ambaaf mirkaneessanii jiru. QBO, gulantaa addaa, kan sadarkaa addunyaan qabsoo saba Oromoo itti beekun ga’anii jiru. Amma kan isaanitti hafu fii caalatti irraa eeggamu, QBO humneessudha.

Qabsicha humneessudhaaf, xurren isaan qaban lamatu. Takkaahuu, danda’amnaan, jaarmiyoota siyaasaa amma jiran keessa galuudhaan jijjiirraa hundeedha jaarmiyoota keessatti fidu. Jijjiiran dhufuu qabus, kan jaarmiyooni kuni tokkummaan akka sosso’aniif hurrii amma ija isaanii irra jiru saaqu; kan mooraa tokkummaadhan warraaqamu keessatti, guutun qaamota sabichaatis QBO keessatti hirmaannaa ga’aa qabaatanii, qabsichaaf gumaata ol’aanaa itti kennan ta’uu qaba. Kun hindanda’amu taanan, QBO filmaata jaarmiyaa siyaasa addaa akka horatu gochuun dirqama dhaloota haara kanaa ti ta’a.

Waraaqisi amma qeerron itti jiru, warraaqsa takka ka’ee takka dhaamu akkasumas takka jabaatee takka laafu odoo hintaane, waraaqsa humna cimaa fii dhaabbataatti of jijjiiru ta’u qaba. Humni kunis, humna (jaarmiyaa) bilisummaa shaffisaadhan fiduu danda’uutti of jijjiiree waraaqu ta’uu qaba. Humna adda hundaanuu diinan falmuu fii badii uummta Oromoo fii qabsoo isaa irratti aggaamamu ittisu danda’utti of jijjiiru qaba. Kana ta’uu baannan, wareegamni baasanii fi bu’aan QBOtif galmeessan walgituuf hinjiraatu. Ilmaan qaroo boru Oromiyaadhaf abdii ta’antu dhiinan lafa irraa dhabamuuf jiraatu. Daran, kumaatamaan hidhaa fii akkasumas biyya ambaatti baqachuudhaf saaxilamu. Bobbaan uummata Oromoo laffarraa dhabamsiisu itti cimuuf jiraata.

Erga warraaqsi qeerrodhaan durfamu calqabee kaase, keessumattuu baatii kurnaan dabran kana keessatti, gola dawoo ta’uuf biyya keessa dhabuu irraan kan ka’e, wareegamni ilmaan Oromoo baasan garmalee ulfaatadha. Humni jaarmiyaa siyaasaa Oromoo abdatamaa ta’e tokko silaa jiraate, diina harkatti akkuma laafatti dhumuurra hookin biyyaa baqachuurra, humna akkanaatti makamanii QBOtif humnaa fii dandeetti isaanii murannoo qaban kanaan gumaachani qabsoo sabichaa gulantaa abdachiisarran ga’u danda’uu turan. Hiree akkanaa moraa QBO irraa dhabuun isaanii, qabsoo saba Oromootif gaa’gama guddaadha jenna. Qabsoon dhaloota haarawa hammatee dureedhan qabsicha irraa isaan hinhirmaachifne hir’ina danuu qabaachu isaatu mamii tokko malee garsiisa.

Kan hubatamuu qabu, handhuurri dhibee qabsoo saba keenyaa qaama sabichaa mara QBO keessatti akka barbaachisutti hirmaachisuu dadhabuudha. Bu’urri dadhabii kanaatis, rakkoolee qabsaawotaa dabreetis jaarmiyolii siyaasaa Oromoo jidduu jiraniif furmaata soqachuu dhibuun, moora ilaalcha takka calaqistu keessatti jaarmiyaa cimaa kan guddina saba keenyattin walgitu tokko jaarrattanii hooggansa ga’a keennuu hanqachuu dha. Gaaga’ama hanqini kuni QBO irratti fidaa jiru ifaa dha. Karaa fulduraatti hanqinii jiru kuni furamuu baannan, QBO qofaa odoo hintaane Oromoon akka sabaatti jiraachun isaa gaafi keessa galuu danda’u isaatu Oromoo yaaddessuu qaba. Kanaaf, haala yaaddessaa akkanaa keessa saba Oromoo baraaruf, gaaffiin qabsaawota akkasumas jaarmiyoota tokkoomsuu gaaffii hundee kan faffakeesudhan baraatama bira taramu ta’uu hinqabu. Odoo hinbubbulin, gaaffii kana gadi fageenyan baranii deebii isaa faluun QBO akka karaa fulduraatti furgaafatu gochuu irratti dhiibbaa hoo qabaatu, rakkoo akka qabsaawotaatti waltajjiitti qabnu har’a furachuun, boru gaafa abbaa biyyuumaa keenya qabsoo keenyan mirkanaawe akkaata haala tasgabaawen biyya keenya nagaadha fii badhaadhinaan bulchinuuf karaa nu bana jenna.

Tokkummaan humna!

Oromiyaan ni bilisoomti!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …