Oduu Haaraya

KS ABO 4ffaan Akkam Ture?

 

Kora Sabaa 4ffaa ABOn gaggeeffadhe jedhu dhuguma kora dimokraatawaa fi seerawa turee? Korri kun dhuguma milkii fi injifannoon xumuramee? Jabinni kora kanaa maal ture laafina hoo qaba turee? Deemsii fi filmaatni hogganaa dhuguma bilisa turee? Barruu gabaabduu dhiheessuun gaaffiilee kana deebisuu yaala.  Obsaan akka dubbiftan isin gaafadha.

Korii dhaabaa maaliif gaggeeffama?

Korri jaarmayaa yeroo godhamu jaarmayaa sana karaa tarsiimoo fi tooftaa, karaa hoggansaa, karaa barruulee bu’uraa xiinxala bal’aa godhee haala yeroo keessa jiramuu wajjin akka wal fudhatuu fi qabsoo fuula dura tarkaanfachiisuuf haaromsa barbaachisu godha. Qabsicha sadarkaa tokkotti ol tarkaanfachiisa jedhamee eegama.  Dhaabni tokko haalaa fi yeroo keessatti of gurmeessee, of haaromsee, tarsiimoo fi tooftaa isaa gilgaalee hin deemu yoo tahe bakkuma jirutti lafa dhiituu taha. Kaayyoon ganamaa, waaree, waaree boodaa fi galgala hin qabu taanaan bakka jirutti deemuu taha. Haalaa fi yeroon waan hundaa geeddara. Kanaa wajjin deemuun ammoo qaroomina.  Qabsoon ABOn gaggeeffamu bara 1970ta  jalqaba keessa yeroo bu’ureeffame haala yeroo sana sabni Oromoo fi addunyaan keessa ture irratti hundaa’ee ti. Har’a waggaa 40 ol booda tooftaa gaafa sanaatiin qabsoo goona jechuun dogoggora. Waggoota kana hundaa qabsoon godhame mirga galmeesse, sadarkaa itti guddate hin qabu jechuun wal qixa. Qabsoon tokko bakka irra gahe irraa gara fuulduraatti deema malee bakkuma jiru dhaabbatee lafa hin dhiitu. Haalaa fi yeroo jiru wajjin deemuu danda’uu qaba. Kanaa achi tufamee alatti hafa. Korri dhaabaa muuxannoo hoogganni darbe hojii irratti argate fi haala jiru xiinxalee fi sana irratti hundaawee jijjiirama toofta fi yoo barbaachisaa tahe kan kaayoos gochuutu irraa eegama.  Barruuleen bu’uuraa gilgaalamaniif wayyeessi godhamu malu sagantaa siyaasaa fi heera.

Sagantaa Siyaasaa irratti

KS 4ffaan karaa kana kufaatii maleee injifannoo galmeesse hin qabu. Sagantaa Siyaasaa kan haala yeroo wajjin hin deemne raggaase. Hirmaatoti koraa haala yeroo ammaa hubachuu hin dandeenye jechuu hin danda’u. Har’a akka dhaaba siyaasaatti yeroo waa’ee kolonii kan haasofnu miti. Kolonii dhaa lakkii mitii haasa’uu warra academy dhaf dhiisuu wayya. Gaaffiin mirga hiree murteeffannaa, kan har’a seera addunyaa tahe, sagantaa siyaasaa keessaa haquun dogoggora guddaa dha.   Oromiyaa walaboomte argamsiisuuf qabsoo godhun haalaa fi yeroo wajjin deemuu qaba. Qabsoon haala jiopolitikaa jiru wajjin hin deemu yoo tahe ofiin of ajjeesuu dha. Waan barbaadan bira gahuun salphaa miti yookaan hin danda’amu. Oromiyaan bulchiinsa alagaa jala turte yookan jirti haa jennu malee daangaan Oromiyaa hin sararamne. Saboota 25 ol tu olla Oromiyaa jiru. Isaan kana hundaa wajjin daangaan hin sararamne. Lolli daangaa irratti tahu kan amma Somaalee wajjin deemu qofa osoo hin taane saboota naannoo Oromiyaa jiran hundaa wajjin lolli kan hin oolle tahuutu mala. Ummatni Oromoo akka nagaan jiraattu dandeessissuuf sagantaa amma Korri Sabaa raggaase ka’e hin baasu. Qabsoo Oromootti diina heddummeessee ka’e korri. Har’a gaaffiin miseensota ABO fi ummata Oromoo kaasaa jiran gaaffii kaayyoo miti. Gaaffii hoogganummaa fi qindoomina kaayyoo lafa jiru hojii irra oolchuu ti. Sagantaan tokko hagamuu miidhagee waraqaa irra taa’e yoo hojiitti hiikuun hin danda’amu ta’e hiika hin qabu. Korri haala QBOn keessa dabre, keessa jiru fi isa as deemu gamaaggamee waa hin fooyyessu yoo ta’e maal gochuuf wal gaha. HD gadaa isaa fixate itti fufsiisuuf wal gaha yoo tahe kisaaraa dha. Dhugaa dha korri kun humna haaraa hogannatti fiduuf yaaleera. Kun qabxii bagee jechiisiisuu dha. Garuu idileetti yoo ilaalame  KS ABO 4ffaa hin milkoofne jechuutu danda’ama. KS ABO 4ffaa maaliif QBO milkaawuu dadhabee, maaltu isa danqe, rakkoon keenyi maal jedhee hin ilaalle. Wal faarsee, namoota dhuunfaa faarsee ka’e. Gabaasaa GS jedhamee kan Koraaf dhihaate hundee rakkoo dhaabichaa, maaliif miseensoti jajjaboon irraa harca’anii, maaliif laaffataa deemnee qabxii jedhu hin tuqne. Injifannoo argaman jedhu tarreessu yaale. Furmaata rakkoolee dhaabichi, qabsoon qabu hin akeekne. Ummata Oromoo lolaa fi jeequmsatti kan geessu sagantaa siyaasaa raggaasee ka’e. Nama gaddisiisa.

Heera ABO irratti

Heerri tokko kanuma akka barbadan tumanii yoo hin feene jijjiran miti. Heerri ni wayyeeffama malee hin haqamu. Heerri yoo haqame jaarmayaan sun diigameera yookaan waan biraatti of jijjireera jechuu dha.  Heerri kora 3ffaa irratti ragga’e maal na dhibdee dhaan kunoo yeroo lama geeddarame. Walgahiin Berlinitti godhame araara godhame irratti GStiin jijjirame. GS heera jijjiiruuf mirga itti hin qabu. Kan mirga qabu Kora Sabaa qofa. Korri sabaa 3ffaan HDn term lama caalaa filamuu hin qabu jedhee akka kanatti murteesse: “Hayyu Dureen GS,   GS tiin miseensota ofii keessaa waggaa afuriif filama. Si’a lama caalaa walitti aansee filamuu hin danda’u.”

Kora kana irratti namoonni argaman 371 keessaa sagalee kennachuuf mirga kanneen qaban 367 qofa. HD yeroo lama caalaa walitti fufee filamuu hin danda’u qabxii jedhu heera keessaa kaasuu ykn tursuu ilaalchisee : akka ka’u sagalee kannen kennatan 238. Heera kana kaasuuf immoo sagalee barbaachisu yoo xiqqaate 243. Kunis kan agarsiisu heerri kun kan kaafame sirnaa ala tahuudha. DI heera fi sirnaa ala filame! Dhaaba keenya, ABO, baraaruuf maal tahuu akka qabu ifa.

Kan nama dhibu ammoo warrumti gaafa sana term lama jedhee murteesse har’a ammoo sagalee lam-sadee malee HDn haga barbaade filamuu danda’a jedhanii heera jijjiiran. Kun waanuma Paul Kagameen of filchiisuuf heera biyyaa akka fedha isaatti jijjiirsise  wajjin wal fakkaata. Haalli fakkaataan biyyoota Afrikaa biroo keessatti mul’ataniilee waan bilisummaa booda itti ce’ameedha. Erga akka barbaadan of filchiisuu murteeffatanii heera tumachuun maaliif barbaachise?

Gaaffiin miseensotaa bal’aa fi ummataa Oromoo HD basaasa Wayyaanee wajjin hojjatee miseensota hedduu hiisise, amma illee hiisisaa jiru,  geeddaruu tahee  odoo jiruu korri ABO 4ffan HD geeddaramuu qabu itti deebisee abbaa irrummaa nama tokkoo raggaasee ka’e.  Sababaan dhihataa turan HDn achii kaanaan dhaabni ni diigama, hojiin biyya keessaa ni faca’a fi kkf ture. Haile Sillaaseen yoo teessoo irraa bu’e biyyi Itophiyaa ni diigamti isa jedhamaa ture nama yaadachiisa. ABO keessatti hogganummaan kennamu kan walo ti malee kan nama tokkoo hin turre. Amma garuu kan nama tokko tahuu irraa yoo inni achii ka’ee dhaabni ni diigama jedhama. HDn hojii dameelee qindeessa malee akka nam-tokkootti gad bu’ee jaarmayaa biyya keessaa waan ijaaruuf hin qabu. Hubadhaa! Abbaa irrummaatu sirnaan gad dhaabbataa jira. Gochaan akkanaa farra aadaa Oromoo kan sirna gadaa keessatti beekamee fi addunyaan farfamuu miti. Haala korri sun itti qophaa’ee dhiibbaa guddaa akka qabu nan hubadha. Haga haalli jiru jijjiramee korri bilisa ta’e bakka bilisummaan marihachuun danda’amutti hin taa’initti rakkoon kun akka itti fufu shakkiin hin jiru.   

DI Ammas HD ABO Tahe Filame!!

Daawud Ibsaa (DI) ammas haayyu durummaatti Kora Sabaa ABO 4ffaa irratti filame! Filamuun DI kun heera ABOn ala moo mitii booda irra itti deebina. Daawud 1999tti  keessa yeroo jalqabaafi haayyu durummaatti filame. Erga HD ta’ee  amma waggoota 18 taheera. KS hatattamaa waan murteessee ka’e keessa tokko yeroo ji’a ja’a keessatti KS 3ffaan akka yaamamu ture. Haata’u malee DIfaa sababa quubsaa malee waggoota 5 tursanii KS 3ffaa yaaman. Korri kun harkifachuu irraatti miseensoti buleeyyiin muuxannoo yeroo dheeraa hojii dhaaba kanaa irratti qaban, DI ABO nu sarbeera jechuun, cabsatanii Qaama Cehumsaa ABO utuban. Walumaa galaa kun qabsoo ummati keenya bilisummaaf geggeessaa jiruuf gufuu fi kisaaraa akka tahe Oromooti hedduun ni hubatu.

Daawud KS 3ffaa irrattis HD tahee filamee waggoota 13f, jechuun hanga KS-4ffaan taa’utti, haayyu duree ture. KS 3ffaa booda, ammas miseensoti ciccimoon cabsatanii bahuun Koree Yeroo ABO ijaaran. Sababa foxxoqiinsa yeroo darbee fi isa kanaan kisaaraa hangana hin jedhamnetu miseensota, dabree qabsicha irra bifa waliigalaan gahe. Diinni dagatamee walii keenyatti galagalle. Sababa kanaan ilmaan Oromoo qaqqara meeqatu galaafatame. Kun marti osoo jiruu DI deebisee if filchiisuun Oromootaa fi alagoota firoota qabsoo bilisummaa Oromoo tahan hedduu gaddisiiseerra. HD tahee ammas filamuu isaatti kan gammadde Wayyaanee duwwaa dha. Haayyu durummaan DI yoo itti fufee balaa biroo qabsoo kanatti harkisa jechuun sab-boontota hedduutu yaaddawaa jiru.

Mee Daawud Ibsaa waggaa 18 HD tahee maal buuse jennee hanga tokko gad fageenyaan haa ilaallu. Bara inni aangoo fudhate irraa kaasee ABOn cacaccabee  karaa hundaa gad deeme malee ol hin kaane. WBO gaafa inni HD tahe gudddaa ture. Ergasii yeroo hedduu leenjifamee biyyatti erguu yaalamee faca’e. Waanti Daawud Ibsaa hojjatu tokko bakka gahee hin beeku. Kana yeroon jedhu jibbamsa irraa odoo hin taane dhugaa jiruu dha. Inni waan hojjatu fiixa baasuuf halkanii  fi guyyaa dhama’a. Dhaamaatiin isaa garuu bilaasha taha. Gorsa namaa fudhatee beekumsa,  karooraani fi mariidhaan hojjachuu hin fedhu. Hundaa shakka. Miseensa hogganaa isaa wajjin hojjatu hin amanu. Caasaa hoggani jedhee itti kennee, karaa duubaan miseensa qunnamee hojii basaasummaa hojjata. Hojii isaa milkii kan dhabsiisu keessaa tokko isa kana. Yoo caasaan injifannoo yookaan milkii argamsiise hinaaffaa irraa keessa lixee laaqa yookaan caasaa sana dhuunfata. Miseensoti jajjaboo fi hayyuu tahan, kan barnoota qaban wal duraa duuba dhaaba kana keessaa bahan hogganummaa Daawud Ibsaa tuffatani fi jibbanii ti. Warri isa leellisan dhalootaan naannoo Horroo kan tahanii dha. Har’a ABO humna namaa barate fi muxannoo gahaa qabsoo keessatti horate hin qabu.

Akkuma  olitti jedhe karaa waraanaas gadaa DI keessatti kufaatii malee injifannoon argame hin jiru. Daawud Ibsaa waraana bilisummaa Oromoo yeroo dhumaaf kan diige bara 2006 akka jirutti humna Eritrea keessa jiru marii fi murtii hogganootaa malee murtii mataa isaan Somaliyaatti feesisee harka Wayyaanee gaafa galchee dha. Warri biyya alaa irraa kora dhaqan WBO leenjii irra jiru arganii mirqaaqanan. Dhugaa qabu. Waraanni isaan Wii’aa yookan Tasaneetti argan sun  guddaa ittifakkaata. Garuu waraanni sun karaa itti biyya gahu hin qabu, lolee ibidaan qoramee waraana itite waan hin taaneef yoo carraa biyya gahuu jiraate illee lola guyyaa jalqabaa irratti faca’a. Keessa waraana kanaa dhibdee fi mufii guddaatu jira. Waraanni sun mataa damee waraanaa irratti gungummii jabaa qaba. Dabballoti siyaasaa waan gaaffii kaasaniif hojii irraa dhorkamanii jiru. Waraanni sun harki caalaan isaa waggaa kudhanii ol gammoojjii Eritrea keessa kan ture, lola seenee kan hin beekne, gariin isaa Asab kan ture, qaamaa fi qalbii dhaan kan daadarkaa’e tuullaa iddii ti. Waraanni jabaa fi abdachiisaa kan tahu yoo lola seenee muuxannoo qabaate duwwaa dha.

Gadaa DI keessatti dhaabni ABO caasaan isaa diigame. Har’a Damee fi Birkiileen maqaaf haa jiraatan malee tokkoon isaanii hin dalagan. DI akka isaan dalagan itti hin dhiisu. Caasaa hundaa keessa harka kaa’ee akka miseensi gadii qondaala isaaf hin ajajamne godha. Kan ABO laaffise tokko isa kana. DI gorsa hin fudhatu, ofii ammoo yaada hin qabu. Nama akkasiif heera haqanii umrii aangoo isaa dheeressuun dhaabicha ajjeesuudha.  Sababa namooti ganda isaatii kora irratti kennan ‘yoo inni itti hin fufne qabsoo biyya keessaa inni hoogganutu bada’ kan jedhu dha. Caasaan dhoksaatti HD duwwaan beeku kan hooggana dhaabicha biratti hin beekamne caasaa dhaabaa hin ta’u. Uummati Oromoo biyya keessaa  ABO  malee Daawud Ibsaa maqaan iyyuu hin beeku. Uummata keessa hin jiru. Warri maqaa isaa dhaga’an iyyuu ergamaa ittiin jedhu. Qabsoo biyya keessaa uummatatu ofitti fudhatee geggeessaa jira. Alaabaa fi maqaa ABO jedhu kan kaasaniif Wayyaanee ittin garaa gubuuf malee  ABO Daawud Ibsaa beekanii fi jaallatanii miti.  Walumaa gala ABO hogannumaa DI jalatti du’aa jira.  

Daawud Ibsaa  heera ABO jijjirsisee waggaa 18 aangoo irra turee nagahera jechuu hanqatee  ammas deebisee of filchiise. Warri akka inni deebi’ee filamu wawwaataa turan Jireenyaa Guddataa faa dha.  Sababni kennames hojii biyya keessaa isatu quba qabaa; yoo inni itti hin fufne ni diigama kan jedhuu dha. Hojiin biyya keessaa kan Daawud Ibsaa gaggeessu guutummaatti caasaa Tikni Wayyaanee Geetachoo Asaffaa dhuunfatee dha. Nama tokkotu maqaa email lama – sadii baafatee isa qunnama. Caasaan jaarmayaa biyya keessaa kan Daawud fi Gaashun kallattin gaggeessan harka tika Wayyaaneen jira.  Kanaaf ragaa guddaan Girmaa Xurunee ti. Miseensota caasaa hojii biyya keessatti ijaaramanii mana hidhaa Qilinxoo, Ma’ikalaawii fi Qaallittii kkf jiran yoo gaafatan kan isaan hiisise GX ti.  Dhimmi GX koree dhaan qoratamee qabatamaatti tika wayyaanee tahuu isaa mirkanaawee jira. Horii ummatni fi miseesoti buusan GXtu itti bashannana. Horiin hojii biyya keessaaf jedhamee ergamu dursee tika Wayyaanee bira gaheetu tohannoo isaanii jalatti akka  ittin hojjatamuuf gad dhiifama. Gabaabaatti caasaan DI biyya keessatti ijaare harka diinaa jira. Warri innii fi Gaashuu ijaaran ilmaan Horroo warra tika Wayyaanee keessa jiranii dha. Dhimma kana irratti Yaazacheew faa gaafachuun ni danda’ama.

Daawud Ibsaa deebi’ee filamuutti kan gammadan garee lama. Gareen tokko warra jala kaattuu isaa tahan, wal ijaaranii maqaa namoota hoggana tahanii balleessaa turanii ti. Isaan kun Gaashuu, Odaa fi Shugux Galataa ti. Warri kaan firfaarii funaannachuuf kan jala fiiganii dha.  Garee filamuu isaatti gammade lammaffaan Tika Wayyaanee ti. Akka Daawud filame jedhamee labsameen Wayyaaneen guddaa gammadde. Maal jennaan isaan wajjin hojjataa jira waan taheef. Namni haaraan yoo filame caasaa jalaa geeddara. Wayyaanee kan gammachiise keessaa tokko ammoo akkaataa DI qabsoo kana itti gaggeessuu dha. Tooftaa dullomaa kan haala yeroo wajjin hin deemne, kan Wayyaaneen moggeessuuf hin rakkifne qabatee sababa DI hoggana kennuuf. Siyaasaa waan hin beekneef DI maneuver godhee tooftaa jijjiiree Wayyaanee saaxiluu ykn dadhabsiisuu hin dandeenye. Wayyaaneen isa kana jaallatteetti. Farreen qabsoo Oromoo kanneen filamuu DI hin feene yoo jiraatan yartuudha.  

Bakka-bu’oota Kora Sabaa

ABO keessatti miseensoti caasaa isaanii eeggatanii nama bakka buufachuu dhaan kora irraa hirmaatu. Nama meeqatti bakka-bu’aan tokko filama kan jedhu GStu murteessa. Koree Qopheessituun sana hojii irra oolchiti. Kora 4ffaaf qajeelfamni bakka-bu’oota filuuf bahe hojii irra hin oolle. Miseensoti biyya alaa miseensota 15tti  tokko ergatu jedhame. Miseensoti akkasitti bakka-bu’oota isaanii filatanii erga xumuramee booda ajaja HDtiin qondaaloti kutaa filmaata malee akka Kora irraa hirmaatan tahe. Namoota filmaata bakka bu’ummaa irratti kufantu ajaja HDn akka kora irraa qooda fudhatan taasifame. Kunis kan godhame deggertooti isaa akka kora irratti argamanii isaaf harka baasaniif.  Dhimmi kun walgahii KHR fi Gumii Sabaa irratti ka’ee koree qopheessituun HDtu ajaje malee kun qajeelfama keenyan miti jedhan. Haa tahumalee koree qopheessituu qeequun bira dabrame.

Waraana keessattis kan godhame nama gaddisiisa. Akka heera ABOtti miseensi bakka-bu’aa koraa tahee filamuu fi filuu danda’u kan waggaa sadii dhaaba keessa turee dha. Kun faallomee miseensoti kaadhimamoo kan leenjisa waraanaa fudhataa jiran akka nama saddeetitti tokko filatan taasifame. Kanneen waggaa sadii ol dhaaba keessa turan immoo qajeelfama saddeetitti tokko akka filatan jedhame haqamee saditti tokko akka filatan taasifame. Wixinee heeraa haaraa kootaan hirmaannaa WBO 51% akka tahu jedhu kan silaa kora 4ffaa booda hojii irra ooluu malee osoo koraaf dhihaatee hin raggaafamin hojii irra oole. Namoonni KS-4ffaaf yaaman waluumaa gala 482 kan argaman 371. Isaan kana keessaa sagalee kan qaban 367 qofa. Akka kanatti ture hirmaatoota kora sabaa 4ffaa 367 keessaa 180 waraana irraa kan bakka-buufaman. Bakka-bu’ooti waraanaa kun heeraa fi sagantaa siyaasaa illee warra hin baratin, kakuu miseensummaa kan hin seenin keessa turan. Harka baasaa yeroo jedhaman warra baasan turan.  

Kana malees maqaa adda addaa itti baasuun namooti filannoo malee kora irratti argaman lakoobsi isaanii baayyee dha. Isaan kun namoota HD yoo argaman na filu jedhee gaafatama qabuun dahaatee waammate dha. Waan nama dhibu kanneen GStti filaman baayeen isaanii namoota bifa kanaan kora sana dhaqanii dha. Fakkeenyi tokko qofa fudhannee haa ilaallu. Miseensota dirqama adda addaan ykn waldhaansaan  Asmaraa jiraatanii fi kanneen WHD  jalatti  dalagan hunda filannoo malee kora irratti argaman keesaa nama torbatu GStti muudame. Miseensoti umriin ijoollummaa qaban filamuun nama gammachiisa. Garuu isaan kun yaada mataa isaanii bilisa tahanii dhiheessuu ni dhiba. Waanuma DIn jedhu tole jedhanii kan fudhatani dha.

Akkaataa qondaaloti teessumaa itti gaggeessan fi marii godhame

Sirnaa fi tartiiba Korri Sabaa itti geggeeffamuun koreen qopheessitu akka korri mijuu guodoo? labseen qondaalota teessumaatu filamu. Erga qondaaloti teessumaa filamanii booda koreen qopheessituu KS dirqama ishee raawwate jechuu dha. Kun garuu kora 4ffaa irratti faallomee ture. Koree qopheessituun akka waan dirqama irra jirtuutti walgahii yeroo geggeessitu ni ture. Hunda caalaa kan nama dhibe qondaalota teessumaa sadan filaman: Ibrahim Mummee, Toleraa Adabaa fi Odaa Xasee turan. Mummeen kora gaggeessuu ni dhibe. Sirnuma walgahiin itti geggeeffamuu hin hordofne. Manaaf carraa wal qixa hin kennine. Gama tokko yoo ilaale gama kaaniif carraa kennuun hin turre. DI akkuma miseensota bakka-bu’oota kaaniitti ilaalamuu fi carraa haasa’uu kennamuufii qaba malee waan addatti ilaalamuuf hin turre. Garuu DI akka barbaade osoo harka hin basin, eeyyamas hin gaafatin waanuma xixiqqaa irratti ka’ee haasa’a ture. Gara biraan Mummeen ofumaa dura taa’aa jedhame malee kan walgahii gaggeesse Odaa Xasee fi Tolera dha jechuun ni danda’ama. Nama yaada isaaniin mormuuf carraa haasa’uu dhorkataa turan. Warri isaaniin mormaan yeroo haasa’an irratti gungummu. Afaan keessa rukutamu. Kana  irratti dabballeen cimaan tokko shira dalagamaa jiru ifaa-ifatti itti himee ture. Kanaafis GStti akka hin filamne uggurame. Itichaa Guddataa jedhama.

Dhimmoota dhaabaa ciccimoo kan akka Sagantaa Siyaasaa irratti namooti keessummaa kabajaa tahanii afeeraman akka yaada kennatan tahe. Dhaabicha diiguuf of qulquleessuu qabna warri jedhan warra akkasiifaa dha. Namoota miseensa dhaabaa ta’uuf fedhii hin qabne, of kenniinsa hin qabnetu miseensota dhaaba buleeyyii fi hooggana dhaabichaa dhaaba keessaa akka arihaman yaada kenna.  Kun tartiiba kora sabaa ala qofa odoo hin taane balleessaa guddaa dha.  Kun akkas tahee karaa biraa immoo bakka-bu’ooti baayyeen yaada fudhatanii dhaqan osoo hin ibsatin deebi’an hedduu dha.  Marii kora irratti godhame kan dhuunfate Daawud Ibsaa ture. Gara biraan kan baayyee naamusa qabsaawotaa ala ture nama faarsuu dha. Kan faarsinu goota isa wareegamee dha malee qabsaawaa qabsoo irra jiru faarsuun aadaa warraaqxootaa fi kan ABO miti. Miseensoti kora sabaa 4ffaa irratti argaman garii garuu haala baayyee fokkisaa fi qaanfachiisaa taheen DI faarsan.  Kanaaf fakkeenya kan tahan namoota lama Norway Stavanger fi Nairobi irraa dhufan DI farsanii dubbataniidha. Kan nama raajutu immoo akka isaan ka’anii haasa’an  akka hayyama kennamuuf kan gaafatu ykn ajaju DI ture.  Namoota isa faarsan qopheeffatee hiree kenniif jedhee dura ta’aa koraatti lallaba.  Kun qaama nama suukanneessa.  Korri sabaa 4ffaan haala akkasii faa keessatti gaggeeffame. Itti aansee ammoo akkaataa filmaatni GS itti gaggeeffame ibsa.

Tartiibaa fi sirna filmaata miseensota Gumii Sabaa

Sirni filmaata GS kora 4ffaa irratti geggeeffamee shiraan kan guutame ture. ABO kora sabaa dhaabbatoo 3 fi kan hatattamaa tokko gaggeeffatee jira. Koroota kana irratti takkaa dursee dirjitaawii siraa dhaan maqaan namoota filamuu qabanii tarrifamee hin beeku. Miseensi filmaataaf dhihaatu koruma irratti eerama malee dursee maqaan tarrifamee koraaf hin dhihaatu. Dirijjitaawii siraa dhaan filmaata kan geggeessaa ture Dargii beekna. Korri sabaa 4ffaan Dargii irraa kan bare fakkaata, maqaa miseensota filamuu qabani dursee qopheessee GS irratti dhihaatee erga ragga’ee booda Kora Sabaaf  dhihaate. KS nama hafe jedhu itti dabale malee waan godhe hin qabu. GS nama 42 dhaabbataa fi  10 jijjjiiramaa filuuf kan kaadhimame namoota 101 tokko turan.

Filmaatni kan godhame baala dhoksaan ture. Kun sirnuma hordofamuu qabuu dha. Akkaataa maqaan kaadhimamtoota 101 itti tarrifame fi dhaamsi  dabre  garuu shiraan kan guutamee dha. Shira kana kan mataa itti tahee hojjate DT Koree Qopheessituu Araarsoo Biqilaa ti. Meensoti koree qopheessituu lamaan hafan waan inni hojjatu hin beekan turan. Araarso listii kaadhamtoota GS yeroo tarrisu tokko kaasee haga 52tti warra filamuu qaban tarrise.  Silaa tarrisi akkasii yeroo qophawu fair and free akka tahuuf tartiiba qubee faa hordofamuu qaba ture. Kun hin taane. Araarso warra akka filaman barbaadu tokko irraa kaasee gad tarrise. I/A HD ta’ee akka filamu DI wajjin walii galtee waan uummateef waan DI barbaadu hundaa godhaa ture. Daawud yoo hin filamne warri Eritrea gargaarsa nu dhorkatu faa jechaa ture. Kessa hin beeku!

Kan biraa, WBO irraa  bakka-bu’anii kan argaman lakkoobsa guddaa waan turaniif abaluun filaa abaluun hin filinaa jedhamee dursee itti himamee qopheessan. Kan qajeelfama kana bakka-bu’oota WBOf kenne Abdii Raggasaa ti. Erga bakka koraa dhaqamee tarrisi tolfamee Araarsoo Biqilaa fi Qajeelchaa Tolaa  irra deemanii waraanaan lakkobsa tokko irraa haga 42 tti gurracheessaa, lakkoobsa akkasii faa irra utaalaa jedhanii gorsa kennan. Kan nam dhibu immoo miseensoti WBO mooraa leenjiitii dhaqan isaan irraa kan hafe namoota birootti akka hin dhihaanne fuulaa fuulatti itti himame. Kun dirijitaawii asaraar kan Dargii keessatti iyyuu tahee hin beekne ABO dhaaba dimokraasii, Gadaa hordofna jedhu keessatti sadarkaa ajaa’ibsiisaatti mul’ate.  Baayyee nama gaddisiisa. HD deebisanii filuuf akka Paul Kagameefaati heerri geeddarama, nama barbaadan filchiisuuf  tarrisa maqaa irratti shirri hojjatama. Kun ABO isa dur beekamu tahuun hafee kan Dargi Isappaa fi EPRPn  dhuunfate tahe. Namoota akka Shugux Galataa miseensa Isappaa kan ture isa jaarmayaa ABO Jarman keessaa diigetu filame.  ABOn amma DI hogganaan jira jedhu ABO ummatni Oromoo beeku sana miti. Waan gara biraa taheera. Dhugaan jiru isuma kana.

Diraamaan filmaata GS bifa kanaan Araarso Biqilaa jalqabe shira Asfaw Beyyenee hojjateen xumurame. Asfaw osoo USA dhaa hin ka’in akka feene goone Daawud Ibsaa deebifnee filchiifna jedhee dhadataa ture. Akkuma jedhes shira EPRP keessatti bare kora ABO keessatti hojii irra olche. Akkaataan isaa akkasi:-

Akka sirna Kora Sabaatti filmaata gaggeessuuf manni of keessaa koree filchiiftu filata. Dura taa’aa koree filchiiftuu of keessaa fila. Kan kora ABO 4ffaa garuu akkas miti. Koree Qipheessituutu  maqaa isaanii tarrisee dhiheesse. Dura taa’aa koree filchiiftuus isaanumatu moggaase. Namni dura taa’aa koree filchiiftuu tahu bakka murteessaa qabata. Lafa jala dirijjitaawii siraa dhaan DI fi Araarso faa marihatanii Asfaw akka koree filchiiftuu hogganu murteessan.  Asfaw dirqama DI irraa fudhateen filmaata kanaan of qulqulleessuu qabna, namoota hin barbaachifne akka hin fille jedhee gad jabeessee dubbataa ture. Kan nama dhibu EPRP tu qabsaawota ABO qulqulleessa. Filuu irrattis yeroo ibsa kennu namoota sababa adda addan kora irratti argamu hin dandeenye hin filinaa, bira dabruu dandeessu jedhee ifatti labsee mana dogoggorse. Itti fufuu dhaan tarrisa kadhimamtoota 101 dhihaate keessaa nama 52 duwwaa filtu jedhaa yoo 52 filuu hin barbaadne haguma beektan qofa filuu dandeessu jedhee manatti beeksise. Araarso tarrisa maqaa tokko irraa haga 52tti gurraachessaa jedhe. Asfaw ammoo haga beektan duwwaa gurraachessaa jedhe. Shirri Araarsoo fi Asfaw akkasitti wal fudhate.  Asfaw odoo USA dhaa hin ka’in ‘akka taanu – taanee Daawud akka filamu goona’ jedhee nama dubbataa turee dha.

Filmaatni galgala tahee itti bahi isaa bor himama jedhame. Halkan sana hojiin dirijjitaawii siraa hojjatamaa bule.  Halkan sana Asfaw bakka ciisicha isaa akka hin bulle warri waliin turan ragaa bahu. Asfaw waraqaa filmaataa qabatee Daawud Ibsaa bira deemuun taphi siyaasaa taphatamaa bule. Sagalee kenname osoo hin taane akka ofii barbaadanitti sagalee raabsaa bulan. Namoota gariif kan isaan argachuu malan olitti sagaleen kennameef. Haga beektan ykn feetan duwwaa gurraachesuu dandeessu kan Asfaw jedheef shira kanaaf akka isa gargaaruuf ture.  Asfaw erga filmaatni ta’ee booda waraqaa filmaataa nama tokkotti illee hin argisiifne. Miseensoti koree filchiiftuu garee gareetti qoodamanii baala filmaataa sassaaban. Sagalee garee isaanii duwwaa tally godhanii beeku malee hundaa beekuu hin dandeenye. Kan sana beeku Asfaw fi DI fi warra shira walin hojjatan turan. Halkan sana isa kuffisan kuffisanii isa dabarsan dabarsanii diraamaan filmaata GS akkasitti xumuramee ganama koraaf labsan.

Shirri fi diraamaan filmaataa kora sabaa 4ffaa irratti dalagame asitti hin raawwanne. GS bifa armaa olitti hirmaattota kora sabaatiin filaman walgahanii HD, I/A HD fi miseensota ShG of keessaa filuu qaban. Walgahii GS isa jalqabaa kana ammas koree filchiiftuutu gaggeessuu qaba.  Kanaaf ammas Asfaw Bayyenee  shira isaa xumuraan gahuuf carraa argate.  Miseensota Shanee Gumii (Executive Committee) kan tahan duraan tolfamee  qabatanii walgahiitti seename.  Eenyu eenyuun akka maqaa dhawu dursee walitti himameetu seename. Kana malees ABO Shanee irraa nama meeqa, Qaama Cehumsaa, Gurmuu Qabsaawotaa irraa nama meeqa, Koree Yeroo irraa nama meeqa fi naannoo Oromiyaa illee ilaalcha keessa galchuun kanneen filamuu qaban dursanii lafa kaa’aniitu filmaatni gaggeeffame. Kunis tahee sagalee kenname manipulate godhuuf yaaluun ni ture jedhama. Waan an jedhaa jiru kana hundaaf ragaa tokko lama jedhee dhiheessun danda’a.  Fakkii akkaataa filmaatni Shanee Gumii itti tahe armaa gadii ilaalaa.

  1. HD fi I/A/HD fi namoota 13 Shaneetti dhufuu qaban dursanii murteessan
  2. Yeroo filmaati ta’u namoota tokko lamaan walitti hidhan. Xarnafee Wayyaanee jechuu dha. Lamaan keessaa tokko  nama inni nominate gochuu qabu itti himameera. Namoota 13 filamuu qabanis itti himameera.  Namni isa bira taa’u nama hin barbaadamne yoo maqaa dhahe harkaan akka tuqu itti himame. Filmaatni Shanee Gumii akka kanatti gaggeeffame.   

Diraamaa akkasii hojjatamee tu Shanee Gumii namni 15 muudaman.  Filmaatichi akka jaarmayaatti raabsaa godhame of keessa qaba. Fakkeenyiaf QC nama sadii, GQ nama tokko, KY nama tokko, kan hafe ABO shanee dha. Akka naannoottis waan shalagame ni jira.  

 

Cuunfaa

  1. KS ABO 4ffaan akka hirmaatotni jedhanitti injifannoon kan xumurame miti. Inumaahu dhaabicha kan of duuba deebise kisaasaa kan nagadee dha.
  2. Namooti umrii ijoollummaa qaban GStti filamuun waan jajjabeeffamuu qabu dha. Garuu warri filaman yaada bilisa dhiheessanii kan DI mormuu fi tooftaa haaraa as baasuu warra danda’an miti.
  3. Aynaan hogganoota filamanii kan durii irra gad bu’ee jira. Warri DI akka filaman godhe warra yaada isaan hin mormine, waan inni jedhu tole jedhanii warra fudhatanii dha. Miseensota yaada mataa isaaniin deemanii fi dubbatan of irraa fageessee qulqulleeffatee jira. Asafaw ni qulqulleessine kan jedhu dhaabicha keessa miseensota yaada qaban arinee jechuu dha.
  4. WBO kan hirmaatotni koraa arganii gammadan tuullaa iddii ti malee waraana lolaan qaramee cimee abdatamu miti. Sadarkaa duraatti waraanni kun karaa itti biyya seenu hin qabu. Lola seenee ibiddaan qaramee kan du’e du’e kan faca’u faca’ee irraa kan hafe deebi’ee ijaarame waraana cimaa tahuuf carraa hin qabu. Carraa waraanni gammoojii Eritraa keessa jiru qonnaatti bobba’ee horii argamsisuu (kan Abdii Raggasaa itti bashannanu), hoolaa fi re’ee horsiisee hogganootaaf kennuu duwwaa dha. Lafa akka Wi’aa keessa namni waggaa shan miti ji’a 6 ture achii bahee nama tahuu hin danda’u. Ho’ii bakka sanaa sammuu nama baqsa. WBOn hirmaatotni doowwatan warra waggaa torbaa ol achi jiraatanii dha.
  5. Hogganni  amma filame dhugumaan kan hojjatee jijjiiraa lafa irratti argamsiisuu miti. Daawud akka caasaan hojjatu hin godhu. Kanaaf hogganni haaraan hojii dhaan isa duraan ture irra jijjiirraa argamsiisa jedhanii eeguun of gowwoomsuu taha.
  6. Miseensota hogganaa nama 31 kan biyya keessaa akka DI filu korri mirga kenneef  walakkaan ol tika Wayyaanee ti. Akkamitti DI Eritrea taa’ee nama guyyaa tokko qaamaan hin argine haalaa fi amala isaa hin beekne miseensa GS godhee ramada? Baayyee nama dhiba.
  7. KS 4ffaan dhaaba kabajamaa fi ulfaataa ABO harka nama tokkotti galche. Dikteetarummaaf ulaa banee gad dhiise. Fardi harree wajjin oolte … akka jedhan sana DI biyya Eritrea Isaayyas bulchu keessa waan waggaa 19 jiraateef amalli Isaayyaas itti dabruu hin oolle. Abbaa irree tahee as  bahee jira DI. ABO kana tahun nama gaddisiisa.

ABO kiyyoo Daawud Ibsaa seene keessaa bahee bilisoomuu qaba. Kanaa achi du’a seenaa hin qabne du’ee hafa. Miseensotaa fi ummatni Oromoo kana hubatanii daba hojjatame sirreessuuf hojjachuu qaban. Daawud Ibsaa fi gartuun isaa qeeqa kana fudhatanii of sirreessuu irra barruu kana eenyutu barreesse, eenyutu facaase qorachuuf horii fi yeroo qaalii tahe qisaasu. Qaama Daawud irraa dullumti mul’atu inaaffaa isa guutee dha. Rabbi isa haa furu.

Hubachiisa:

Yeroo ammaa Oromiyaa keessa warraaqsa cimaatu deemaa jira. DI fi gartuun isaa warraaqsa kana yoo nuti hogganne malee jedhaa jiru. Haala KS itti geggeeffame irraa gartuun DI gara Oromiyaa bulchuutti dhufu taanaan jeequmsa dhuma hin qabnetu Oromiyaa keessatti dhalata. Dimokraasiin sirna Gadaa hawwamu abjuu tahee hafa. Oromoon hundi kana beekuu qaba. Ummatni Oromoo ABO ni jaalllata. ABOn amma jiru garuu ABO isa ummatni beeku, hawwuu fi jaallatu sana miti. Of eeggannoo godhuu feesisa.

Dhugoomsaa Dhugaasaa

 

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …