Abdii Boruutiin
Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) akka galii hin geenye gufuu itti ta’uu dhaaf; yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu dhaaf, diinni keenya fi tajaajiltoonni isaanii akka rafanii hin bulle; carraa argametti fayyadamanii; qaawwa argataniin seenanii tokkummaan ilmaan Oromoo akka hin ijaaramne halkani fi guyyaa akka hojjetan Oromoo dhaaf waan haarayaa miti. Diinni keenya meeshaa waraanaa qofaa dhaan otuu hin taane, karaa danda’ame hundaan qabsoo bilisummaa keenyaa dhabamsiisuu dhaaf nurratti duulaa jira. Afaan keenyatti fayyadamee, isa meeshaa godhatee, afaanfaajjii uumuu dhaan akka Oromoon hin tokkoomne godhaa jira.
Har’a Oromoonni kan dabre irraa baratanii, waliigaltee fi tokkummaa bilisummaa uumuu dhaaf yeroo tattaaffii godhaa jiranitti; yeroo tokkummaan qabsaa’otaa fi jaarmayootaa ijaaramaa jirutti; yeroo jaarmayoonni walitti baqaa jiranitti; ABO garee sadeen walitti deebisanii tokkoomsuu dhaaf yeroo yaaliin araaraa godhamaa jirutti; yeroo uummanni keenya tokkummaa hawwan gammachuu dhaan eegaa jiranitti; bakkee tokko tokkotti waayee diigaan tokkummaa dhaga’amuu fi argamuun baay’ee kan nama gaddisiisu dha. Kun tokkummaa sobaa ti; kun tokkummaa tokkummaa diigu; tokkummaan abaluun gaggeeffamu, kan abalu of keessaa hin qabne, tokkummaa dhugaa ta’uu hin danda’u, fi kkf jedhanii Oromoo jidduutti shakkii uumuu dhaan akka tokkummaan Oromummaa hin ijaaramne ololli oofamaa jira. Ani kan naa hin galle, Tokkummaan dhugaa kami? Tokkummaan sobaa maali? Tokkummaa kamtu tokkummaa kam diiga?
Waayee diigaan akkanaa kun hawaasa Oromoo keessa faca’ee, akka Oromoon walii hin galle, akka tokkummaan humnoota bilisummaa keessumaayuu tokkummaan ABO hin ijaaramne, kan godhamu, karaa adda addaatiin ta’uu danda’u illee, akka natti fakkaatutti, karaa afuriin ilaalamuu ni danda’a jedheen yaada. Waayee kana ibsuu dhaaf, namoota garee fauritti baasee ilaaluun yaala.
Garee tokkoffaa, gareen kun diina fi jala kaattuu isaanii yoo ta’u, isaan kun ammoo hawaasa Oromoo keessa bakkee rakkoon jiru waan sirriitti beekaniif, isa kanatti fayyadamanii, tooftaa godhatanii, Oromoo addaan hiruu yaalu. Fakkeenyaaf, addaan fottoqina Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kanatti fayyadamanii, gareen kun warra naannoo kanaa ti; gareen sun warra naannoo sanaa ti; kun warra ganda tokkoo ti; sun warra amantii tokkoo ti fi kkf jedhanii rakkoo uumanii, dhugaa fakkeessanii, uummata keenya illee waayee kanaan amansiisuu yaaluu dhaan, akka qabsaa’onni hin tokkoomnne; hawaasa keessatti illee akka uummanni Oromoo wal shakku godhan.
Garee lammaffaa, gareen kun Oromoo’uma yoo ta’an, isaan kun ammoo sababa dhuunfaatiin ykn jibba namootarraa qabaniin kan ka’e, otuma beekanuu, balaa nutti dhufuuf deemus alaalatti otuu arganuu; diinni kanatti fayyadamee tokkummaa keenya diiguuf halkani fi guyyaa akka carraaqu otuu arganuu; waayeen akkanaa kun QBO akka laaffisu otuu hubatanuu; tokkummaan barbaachisaa akka ta’es otuu beekanuu; tokkummaan Oromummaa kan bilisummaa akka hin ijaaramne gufuu ta’u ykn ta’uu barbaadu. Kuni ammoo balaa guddaa fiduu kan danda’u dha. Asirratti wanta Oromoon makmaaku “Ibidda fira jedhanii itti hin hiiqan ykn itti hin dhiyaatan (waan nama gubuuf), diina jedhanii irraa hin fagaatan (waan isa barbaadaniif)”jedhu tokkon yaadadha. Warra waayee akkanaa dalagan, diina akka hin jenne namoota keenya Oromoo dha; warra walumaan gabrummaa jala jirru fi bilisummaa waliin barbaadnu dha. Akka waliin hin tokkoomne ammoo, sababa dhuunfaatiin ykn sabab biraatiin warra tokkummaa Oromummaa hin feene dha jedheen yaada. Haa ta’u malee, gareen kun warra diina wajjin hojjetu dha jechuun nama rakkisa.
Garee sadaffaa, gareen kunis akkuma garee lammaffaa, namootuma keenya Oromoo ta’anii garuu otuu hin beekne ykn otuu hin hubatin, olola diinni fi jala kaattuun isaa oofan qabatanii, kanas hawaasa keessatti facaasuu dhaan, tokkummaan bilisummaa akka hin ijaaramne warra gufuu ta’anii dha. Warri akkanaa kun hamma waan tokko, dhugaa tokko sirriitti hin hubannetti, balaa isaanirras ta’ee uummata keenyarra gahuuf deemu alaalatti arguu hin dandeenyetti, ololuma yeroo qabanii isa kana afarsuu dhaan tokkummaan bilisummaa akka hin ijaaramne taasisu. Haa ta’u malee, nama waan tokko hin hubanne, waayeen kun akka galuuf yoo itti himan ykn ibsaniif, kana irraa waa baratee, waayee kanas hubatee, karaa sirriitti deebi’uu ni danda’a. Kan beekaa godhu ykn otuma beekuu waan badaa dalagu garuu karaatti deebisuun ulfaataa ta’a.
Garee afraffaa, gareen kun ammoo Oromoota kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromootiif ilaalcha adda addaa qaban yoo ta’an, isaan kun tokkummaa bilisummaa jibbanii ykn akka inni hin ijaaramne gufuu itti ta’uu dhaaf otuu hin taane, tooftaa fi tarsiimoon qabsoo kanaa kan jijjiiramu yoo ta’e, kaayyoo ganamaa jijjiiruu mala ykn isa kanarratti rakkoo fiduu danda’a jedhanii warra yaaddoo keessa seenan natti fakkaatu. Isaan kun garuu warra qabsoo bilisummaa kanaaf hojjetan malee, warra kanatti gufuu ta’anii miti. Garaa garummaa xixiqqoo isaan jidduu jiraniin kan ka’e waliin haa morman malee, isaan kun akkuma qabsaa’ota biroo warra tokkummaa Oromummaa fi bilisummatti amananii dha.
Egaa, akkan kanaa olitti ibsetti, tokkummaan Oromummaa, keessumaayuu tokkummaan ABO akka hin ijaaramne karaa gurguddoo afuriin rakkooleen uumamuu danda’u jechuu dha. Kun ammoo QBO keessatti qormaata guddaa dha. Diina qawwee qabatee nama ajjeesuuf jedhu ifatti beekuu danda’u. Isa kana ammoo yoo humna cimaa qabaatan, humnaan injifachuu danda’u. Kan QBO keessatti rakkoo guddaa uumu garuu, waayee kanaa olitti ibsee dha. Diinni fi tajaajiltuun isaa Afaan keenya dubbatanii, ykn barreessanii, Oromoo fakkaatanii, karaa gara garaatiin, tooftaa adda addaa baafatanii, akka tokkummaan Oromummaa hin ijaaramne godhu. Waan kaayyoo dhugaatiif dhaabbatan fakkeesanii afaanfaajjii uumu. Malli ykn furmanni rakkoolee akkanaa maal ta’uu danda’a?
Gaafii kanaaf deebi argachuun baay’ee ulfaataa dha. Furmaata isaas kana jedhanii lafa kaa’uunis nama rakkisa. Haa ta’u malee, kaayyoon warra garee tokkoffaa QBO laffisuu ykn naafsisuu fi yoo danda’an sirumaa dhabamsiisuuf waan ta’eef, warri kanarraa hafan gochaa diinni dalagaa jiru kana irraa of eeganii, karaa qabsoo bilisummaa uummata Oromootti deebi’uu qabu. Qabsoon kun ammoo galii hawwame ga’uu kan danda’u tokkummaa Oromummaa fi bilisummaatiin qofaa dha. Karaan biraa yoo jiraate illee, kan dafee galii dhaan namaan ga’u natti hin fakkaatu. Wal jibbanii, wal shakkanii, wal sodaatanii, walirraa dheessuurra rakkoo jiru ifatti baasanii waliin irratti mari’achuutu furmaata argamsiisuu danda’a malee, tokkummaa lagachuun faayidaa hin qabu; uummata keenyaaf bu’aa tokko illee hin fidu. Kan bu’aa irraa argatu yoo jiraate diina keenya qofaa dha. Kun sirriitti hubatamuu qaba.
Qabsoo bilisummaa uummata ykn saba bal’aa tokkoo, kan akka Oromoo dhiisii jireenya dhuunfaa keessattuu balleessi hin hojjetamu jechuun nama rakkisa. Nama hojjetetu balleessa; kan hin hojjenne, kan cal jedhee taa’u, balleessa dalaguu hin danda’u, cal jedhee taa’uumti isaa balleessa yoo ta’e malee jechuu kooti. Wantin waayee kana kaaseef, qabsaa’onni keenya QBO kana keessatti wareegaman, kufanis ka’anis, injifannoo agarsiisanii bu’aalee gurguddoo fidanis, balleessa guddaa hojjetanis. Haa ta’u malee, yoo waan gaarii hojjetan, isaan faarsinee, yoo balleessa hojjetan ammoo balleessuma dabre sana qabnee, isuma sana lallabuu dhaan isaan arrbsuun, abaaruun, jibbuun sirrii miti. Waan isaan nuuf argamsiisan sana hubachuu dhaan hojii isaanii tiifs ta’ee isaaniif illee kabaja agarsiisuu qabna.
Namni tokko kaleessa balleessa hojjetee dhaaf, har’as, borus sana’uma irra deebi’a jechuun hin danda’amu. Namni kun balleessa dabre sana irraa barachuu danda’a; muuxannoo irraa argatee, balleessi akkasii lammata deebi’ee akka hin dalagamne barumsa irraa argata jechuu dha. Qabsaa’onni keenyas akkuma fakkeenya kanaatti ilaalamuu danda’u. Balleessa QBO kana keessatti hojjetaniin umurii isaanii guutuu abaaramuu fi jibbamuu hin qaban jedheen yaada. Balleessa dabre sana amananii fudhatanii (kun ammoo aadaa diimookraasii waan ta’eef) gara fuula duraatti waan gaarii hojjechuu dhaaf yoo yaalan, kun ammoo waanuma namarraa eegamuu dha. Uummanni keenyas kanaaf dhiifama godhuun barbaachisaa dha. Lakkii takka balleessa hojjettee, lammata si hin barbaadnu, si arguus hin feenu, jedhanii jibbaan waan hafan natti hin fakkaatu jechuun barbaade.
Kanaaf, ijaarsa tokkummaa keessatti, warri qabsoo kana keessatti balleessa dalagan keessa waan jiraniif, sababa kanaan ykn kana sababa godhanii, kun tokkummaa sobaa ti jedhanii lagachuun fi/ykn olola oofuun sirrii natti hin fakkaatu. Uummanni Oromoo kan amma barbaadu, tokkummaa Oromummaa, kan humna cimaa uumee, injifannoo agrsiisuu danda’u fi bilisummaa fi abbaabiyummaa dhabne deebifnee akka argannu kan nu godhu dha. Tokkummaan akkanaa ammoo sadarkaa lamaan milkaa’uu ni danda’a jedheen yaada. Sadarkaa tokkoffaan walitti deebi’anii tokkoomuu ABO garee sadeenii ti. Sadarkaa lammaffaan, ABO deebi’ee tokkoome fi ULFO walitti fidanii tokkoomsuu dha. Oromoo ta’ee, akka gabrummaa Habashaa jala jirruu amanee, bilisummaa argachuu kan barbaadu yoo ta’e, kan tokkummaa akkanaa jibbu, kan kanatti gufuu ta’u jira jedhee hin yaadu. Kan kanaan mormu fi kanatti gufuu ta’uu barbaadu diina keenya fi warra isa jala kaatanii tokkummaa Oromoo diiguu barbaadan qofaa dha.
Barruu kiyya otuu hin xumurin dura, dhaamsi ani Oromootaaf keessumaayuu qabsaa’otaaf dabarsuu barbaadu akka kanaa gadii ti.
Oromoota warra garee tokkoffaa keessa jirttan, diina jala kaannee akka saree waan nutti darban funaannee jiraachuu wayya yoo jettan malee, rakkoo dabruu hin oolleef, uummata keessan kan irraa dhalattan gantanii diina tajaajiluu dhaabaa. Carraa yaamicha tokkummaa kanatti fayyadamtanii, hojii balleessaa fi diigaa kana irraa yoo of qusachuu baattan seenaan isin gaafata. Jiruu har’aa kan dhuunfaa dhiisaatii gara qabsoo saba keessaniitti deebi’aa. Yoo qabsoo bilisummaa kanaaf gahee keessan gumaachuu hin barbaadne, xinnaatu illee diina jala kaattanii tokkummaan Oromummaa akka hin ijaaramne olola oofuu dhiisaa.
Oromoota warra garee lammaffaa keessa jirtan, tokkmmaan yoomiyyuu caalaa barbaachisaa akka ta’e; tokkummaa dhaan malee diina injifatanii bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhaban deebisanii argachuun akka hin danda’amnes ni beektu. Haa ta’u malee, sababa dhuunfaatiin, rakkoolee gara garaatiin yookaanis jibba namoota tokko tokko irraa qabdaniin kan ka’e, tokkummaa Oromummaa ijaaruu irraa of hin qusatinaa. Abbaan fe’e araara haa buusu, abbaan fe’e tokkummaa haa ijaaru, kan uummanni Oromoo barbaadu tokkummaa Oromummaa, kan humna cimaa uumu waan ta’eef, isini illee tokkummaa akkanaa kana keessatti ijaaramuu dhaaf, innis akka milkaawu yaamicha uummataa hin didinaa.
Oromoota warra garee sadaffaa keessa jirtan, diinni keenya addaan nu hiree nu bituuf, carraa argatetti fayyadamee, qaawwa argateen nu keessa seenee, dhara dhugaa fakkeessee, hawaasa keessatti olola oofee, akka tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu kan qabsaa’otaa fi jaarmayootaa hin ijaaramne halkani fi guyyaa ciminaan hojjechaa waan jiruuf, kanaan otuu hin gowwoomne, dharri dhugaa akka isiniit hin fakkaane jabeessa of eegaa. Kan dabre irraa baradhaa.
Oromoota warra garee afraffaa keessa jirtan, kaayyoon Oromoo inni guddaan, kan ilmaan Oromoo lubbuu isaanii itti dhaban walabummaa Oromiyaa akka ta’e mamii hin qabu. Kaayyoo ganamaa kan jedhamus isuma kana dha. Haa ta’u malee, haala amma jiru kana keessatti, karaa tokkoon qofaa kaayyoo kana galii dhaan gahuun baay’ee ulfaataa dha. Tooftaa fi tarsiimoo jijjiiranii galii hawwame sana gahuu dhaaf haala jijjiiramutti fayyadamanii qabsoo kana gaggeessuun waan hin oolle ta’a. Namattis tolu, namattis toluu baatu karaa gara garaatiin qabsoon kun akka cimu godhuunis barbaachisaa dha. Kanaaf ammoo waliigaltee fi tokkummaan ilmaan Oromoo keessumaayuu tokkummaa humnoota bilisummaa hunda hammataa ijaaruun yoomiyyuu caalaa yeroon isaa amma dha.
Tokkummaa hunda hammataan kun akka ijaaramuu fi milkaawu, dura ABOn tokkoomuu qaba; sana booda ABO tokko ta’e fi ULFO walitti fidanii jaarmayaa bilisa baasaa cimaa tokko (ABO tokko) ijaaruu dha; kana jalatti WBO jabeessuu fi cimsuu dha. Hundeen tokkummaa akkanaa akka jabaatu, tokkummaa Oromummaa kan bilisummaa ijaaruu dha, ABO walitti deebisanii tokkoomsuu dha. Kun tokkummaa qabsaa’onni barbaadani dha jedheen yaada; kan uummanni keenya hawwus tokkummaa kana jedheen amana. Kanaaf, tokkummaan Oromummaa kan bilisummaa dhaaf ijaaramu, tokkummaa dhugaa ti malee kan sobaa ta’uu hin danda’u.