Oduu Haaraya

Rakkoolee jiraniif furmaata barbaaduuf malee, tokkummaa gaafii keessa galchuufii miti

 

Abdii Boruutiin
Dhiyoo kana mata duree “Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti, qabsoon hidhannoo hammam abdachiisaa dha?”jedhu jalatti barruu tokko dhiyeessuun kiyya ni yaadatama. Wantin barruu sana qopheesseef yookaanis qabiyyeen barruu sanaa qabsoon hidhannoo akkamitti cimuu akka danda’u yaada kiyya mariitti dhiyeessuuf ture. Qabsoo hidhannoo jabeessuuf qofaas otuu hin taane, sababni guddaan, dafanii walitti deebi’anii tokkoomuuf turuun Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) garee sadeenii, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) keessatti rakkooleen adda addaa akka uumaman godhuu ykn taasisuu danda’a jedhee waanan yaaddoo keessa seeneefi. Kanaaf malli tokko dafee argamuu qaba jedheetan malee, WBOn ABO irraa gargar ba’uu qaba jechuu barbaadee miti.

Akka yaadolee barruu sana jalatti dhiyaatanittis ta’ee, akka emailii dhaan na gahanitti, yaadni wal dhahaan akka uumamen hubachuu danda’e. Wantin har’a barruu gabaabaa kana qopheessuu barbaadeefis waayee’uma sana ifa godhuufi; akkasumas dubbiftoonni akka afaanfaajjii keessa hin seenne sirriitti ibsuufi. Yaadni barruu tokko irratti (jalatti) dhiyaatu, qabiyyee ykn kaayyoo lama qabaachuu danda’a. Inni tokko beekanii yaadni akka wal dhahu, rakkoo irratti rakkoon biraa akka uumamu godhanii, tokkummaan akka boora’u godhuufi. Yaadni akkanaa kuni ammoo kan dhufu diinarraa yookaanis warra isaaniif hojjetani irraa ta’a. Waayeen qabsoo hidhannoo hunda caalaa ajandaa rakkisaa waan ta’uuf, kanatti fayyadamanii, tokkummaan Oromoo keessumaayuu kan qabsaa’ota fi jaarmayootaa akka hin ijaaramne ykn/fi kan jiru illee akka diigamu yaalii godhu.

Yaadni inni lammaffaan ammoo, rakkoo jiraniif furmaata barbaaduuf jedhanii, ilaalcha fi yaada ofii ibsuu dhaaf yoo yaalan garuu dogoggora yaadaa qabaachuu waan malaniif, yaadni isaanii kun kan biraatiin wal dhahee, hiikni biraa akka kennamuuf taasisa jedheen yaada. Warri yaada akkanaa dhiyeessan beekanii otuu hin taane, yaadni isaanii sun tasa waan tokko faallessuu mala. Haa ta’u malee, yeroo kana wal obsuu fi wal dandeettii dhaan yaada gaarii tokkoon wal amansiisuu yaadu fi yaaluu dha malee, aaranii wal ifachuu dhaan hiika biraa kan walii kennan yoo ta’e, yoomiyyuu waan tokko irratti waliin mari’atanii mala ykn furmaata waliin barbaaduun rakkisaa ta’a. Waayeen akkanaa kuni ammoo tarkaanfii takka illee fuula duratti nu hin oofu jechuu dha.

Wantin asitti dubbistootaaf ifa godhuu barbaadu, anas taanan waayee qabsoo hidhannoo sana kaasuun kiyya fakkeenyaaf, WBOn ABO irraa adda haa bahu, jaarmayaa kana irraa walaba haa ta’u jechuu fi tokkummaa gaafii keessa galchuufii miti. Ergan yaada fi ilaalcha kiyya barreessuu jalqabe yeroo dheeraa ta’uus baatu, barruuleen ani hamma ammaatti dhiyeessaa ture ykn dhiyeesse (barruuleen kiyya kan hamma ammaatti dhiyaatan hunduu voiceoforomia.com irratti argamuu danda’u) harka caalaan isaanii waayee tokkummaa ilmaan Oromoo, keessumaayuu tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaa ti. Tokkummaan akkanaa kuni ammoo, hawwii kiyya qofaa waan ta’eef otuu hin taane, qabsoo bilisummaa keenyaaf murteessaa waan ta’eefi. Egaa kaayyoon barruulee kiyyaa fi hawwiin kiyyas tokkummaa otuu ta’uu, tokkummaa jiru rakkoo keessa galchuu dhaaf, WBO fi ABOn akka gargar bahan hin barbaadu. Waayeen sun afaanfaajjii kan uume yoo ta’e, kanaaf dhiifama gaafachuun barbaada.

Karaa biraatiin yoo ilaalle garuu, waayeen tokko akka hin kaane sodaatanii, rakkoolee jiraniifis furmaata barbaaduu yoo dhiisan, rakkooleen jiran kunis heddoomaa deemu malee, cal jenneef ykn kaasuu dhiifneef, baduu hin danda’an. Rakkoo QBO keessa jiru irratti waliin mari’achuun barbaachisaa dha. Mala ykn furmaata argachuun illee dirqama ta’a. Dirqamni kuni ammoo kan Oromoo hundaa ta’uu qaba; warra QBOtti amananii fi kanaaf illee gahee ofii gumaachuu barbaadan jechuu kooti. Yoo nuyi wal obsinee, wal dandeenyee, waliin mari’annee, dhimma uummata keenyaaf mala hin barbaadne, eenyutu kana nuuf godharee? Amananii wal amansiisuu dha malee, rakkoon akka hin kaane sodaatanii, kana irraayis dheessuun, eessanuu nama hin gahu.

Akkuman barruu sana keessatti ibsuu yaale fi asittis irra deebi’ee ifa godhuu barbaadu, WBOn ABO irraa dhalate, ABOtu ijaare, ABO jalatti socha’as jedheen amana. WBO fi ABOn addaan bahuu waan danda’an natti hin fakkaatu. Seenaatu walitti isaan hidhe. Karaa biraatiin yoo ilaalle garuu, wanti nama hin mamsiifne, laafinni ABO laafina WBO fida. ABO fi WBOn qaama tokko, akka harka mirgaa fi bitaa qaama kanaa ti. Yoo qaamni tokko ykn harki tokko dadhabe, kan biraa hin jabaatu jechuu dha; yoo tokko jabaate garuu, kan biraas ni jabeessa. Furmaanni ammaaf natti mul’atus, akka WBOn jabaatu ABO jabeessuu dha.

ABOn ammoo jabaachuu kan danda’u, yoo garee sadeen (SG ABO, QC ABO fi KY ABO) walitti deebi’anii tokkooman qofaa dha. Yoo kun hin taane ykn hin milkoofne, isaanis laafaa deemu malee, kophaa kophaa socha’anii jabaachaa waan deeman natti hin fakkaatu. Laafinni isaanii ammoo WBO laaffisaa deemuu qofaatti otuu hin hafne, rakkooleen gara garaa, bifa adda addaatiin WBO keessatti akka uumaman taasisa. Sodaan kiyya inni guddaanis kana. Yoo hunduu laafaa deeman, diinni keenya cimaa, humni isaas akkasuma jabaachaa deema. Akkanatti bilisummaanis achi nurraa fagaachaa deema jechuu dha. Kanaafan waayee qabsoo hidhannoo kana kaasuu barbaade.

Karaa feeneen bilisummaa haa barbaadnu, yoo waliigaltee fi tokkummaan hin jiraanne, injifannoon hin argamu, bilisummaan nu barbaadnus hin dhufu. Diinni keenya kan arganne sanaa deebisee diiguuf iccitii dhaan otuu hin taane, ifatti nutti himaa jira. Kanaaf, yoomiyyuu caalaa yeroon tokkummaa dhugaa, hunda hammataa tokko barbaadnu amma. Tokkummaan dhugaa hunda hammataan hoo akkamitti ijaaramuu danda’a? Kun sadarkaa ykn tarkaanfii lamaan ijaaramuu fi milkaa’uu ni danda’a jedheen yaada.

Tarkaanfii tokkoffaa fi inni duraa, ABO garee sadeen deebisanii tokkoomsuu dha.

Tarkaanfii ykn sadarkaa lammaffaan, ABO tokkoome (tokko ta’e) fi ULFO (isaan amma waan tokko ta’aniif) walitti fidanii tokkoomsuu dha.

Tokkummaa kana, tokkummaa dhugaa fi hunda hammataa kanan jedhu. Yoo kun xumurame fi milkaawe booda, loltoota bilisummaa Oromoo hundumaa bakka tokkotti walitti fidanii, tokkummaa hunda hammataa kana keessatti, caasaa tokko jalatti ijaaruu fi cimsuu dha. WBO jabaa fi cimaan akkanatti uumamuu danda’a. Kanatu injifannoo fida; kanatu gabrummaa awwaalee, Finfinneerratti alaabaa Oromiyaa mul’isa.

Dhumarratti, garaa qulqulluu dhaan dhaamsa kiyya dabarsuu wantin barbaadu, uummanni Oromoo waggoota kudha saddeet caalaa isin abdachaa fi isin eegaa jira. Humna roorroo diinaa irraa isa ittisu dhabee, biyya abbaa ofii keessatti dararamaa jira. Yoomiyyuu caalaa gabrummaa hamaa keessa jira; qawwee faashistiitiin ukkaamamee jira. Kanaaf amma ille otuu abdii isinirraa hin kutatin isin eegaa jira. Carraan kun akka isin hin dabarre, akka uummanni keenya abdii isinirraa kutatee, booda jibba illee garaatti hin uumne, dafaatii waliigaltee godhaa. Keessumaayuu ABO garee sadeen marii irra jirttan milkii fi injifannoo dhaan xumurtanii, deebitanii tokkoomuu keessan oduu gammachiisaa dhaan akka gadi baatan. Sana boodas tokkummaa hunda hammataa (ABO+ULFO) tokko akka ijaartan. Humna keessan akka cimsitan. Yeroo gabaabaa keessatti akka injifannoo tokko agarsiiftan dhaamsa koo isiniif dabarsuun barbaada.

Galatoomaa.

     

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

PP and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

By Dr. B. K. DERESSA Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *