Oduu Haaraya

Afaan Oromoo wiirtuu (jiddugala) qorannoo qabaachuu qaba

Abdii Boruutiin

Dhimmi kun yeroo baay’ee sammuu kiyya keessa deddeebi’ullee, barruu gabaabaa kanaan yaada kiyya akkan dhiyeessu kan na taasise gaafii fi deebii Dr. Abdulsamad Mohammad OMN wajjin godhan OMN: Gaafii fi Deebii Dr Abdulsamad Mohammad waan qalbii kiyya harkiseefi. Gara yaada kiyyaatti otuu hin seenin dura, hayyoota Oromoo keessaa kan ani dinqisiifadhu fi akka fakkeenyaatti ilaalu keessaa innii tokko Dr. Abdulsamad Mohammad akka ta’an carraa kanaan ibsuun fedha. Ogummaa bifa lamaa kan qaban caalaa jaalala, fedhii, beekumsa fi dandeettii isaan Afaan keenyaaf qaban baay’ee kan dinqisiifamuu dha jedheen amana. Yaalii fi tattaaffiin isaan guddina Afaan Oromootiif godhanis akkasuma kan galata guddaa argachuu qabuu dha. Kanatti aansee, waayee guddina Afaan Oromoo fi akkasumas wiirtuu qorannoo Afaanichaa ilaalchisee yaada koo gabaabsee dhiyeessuun yaala.

Afaan Oromoo eessaa ka’ee eessa akka gahe; guddinni isaas sadarkaa maaliirra akka jiru akkasumas rakkoolee Afaan keenya mudatan Dr. Abdulsamad gadi fageenyaa fi bal’naan waan ibsaniif asirratti yaada itti dabalu hin qabu. Haa ta’u malee, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaattii hir’ina Afaan keenya keessatti mul’atu tokko tokko ibsuun yaala. Hir’inni guddaan ani hubadhu fi dogoggorri ani yeroo baay’ee argu akkaataa namootni Afaan kana ittiin barreessanii dha. Afaan keenya sagalee qulqulluu fi akkasumas seera barreessuu Qubee Afaan isaa ifa ta’e otuu qabuu, namootni isa kana hubachuu dhiisuudhaan ykn dagachuudhaan dogoggoraan barreessuun isaanii Afaanicha kana gara hin taanetti oofaa waan jiru natti fakkaata. Gama tokkoon Afaan keenya waaltessuuf yaadni fi tattaaffiin otuu jiruu, gama biraatiin garuu waaltessuun hafee kanuma beeknu sanaayyuu seeraa alaan barreessuun Afaan keenyatti mudaa uumaa jira jedheen yaada.

Kaayyoon barreeffama kiyyaa Afaan Oromoo barsiisuuf otuu hin taane, akkan hubadhutti, dogoggorri harka caalaan kan mul’atu sagalee dheertuu fi gabaabduu akkasumas laaftuu fi jabaattuu barreesuu irratti akka ta’e dha. Hir’inni ykn seeraa alaan barreessuun akkanaa kun ammoo wanti barreeffamu sun hiikkaa adda addaa akka mul’isu hubachuun barbaachisaa dha. Asirratti fakkeenya salphaa ta’e tokkon dhiyeessa. Nama tokkotu nama biraatiif gaafii tokko dhiyeessa. Gaafiin kunis gabaabumatti “Jirtuu?” kan jedhu dha. Namni gaafii kanaaf deebii kenne: “Eeyyen, JIRA” jedhee deebise. Yeroo kana namtichi gaafii biraa dhiyeesse. Deebiin sun waan quubsaa hin ta’iniif jechuu dha. “Suma qofaatu jiraa? Kuun hin jiran jechuu dhaa?” Deebii gaafii duraatu dogoggora ture malee namootni hunduu jiru turan. Kan gaafii sanaaf deebii kenne silaa akkanatti barreessuutu  irra ture: “Eeyyen JIRRA” ykn ani “jira” jarri kuun hin jiran”. Asirratti hubadhaa, jechoota lamaan “JIRA” fi “JIRRA” tu dubbii ifa hin taasisini. Jabeenya fi laafina sagaleetu dogoggoraan barreeffaman; nam-tokkee (singular) fi baa’yeetu (plural) addaani hin bahin jechuu dha.

Egaa, kun fakkeenyota baay’ee keessaa isa takka. Walumaagalatti, haaluma walfakkaataadhaan dogoggorri barreeffama jechuu kooti. Wayyee akkanaatu qulqullina Afaan keenyaa irratti dhiibbaa fida. Wanti asirratti hubatamuu qabu, waaltessuu Afaan keenyaa bira otuu hin gahiniyyuu waanuma beeknu sanaayyuu sirnaan barreessuu dadhabuun Afaan Oromootti mudaa hora jechuu dha. Kun maalirraa madda?Sababni isaa maali? Jennee yoo gaafii kaasne, akka ilaalcha kiyyaatti, seera Qubee Afaan Oromoo sirriitti barachuu dhiisuu fi sirnaan ittifayyadamuuf dantaa dhabuu ykn dagachuu dha. Afaan keenya, Afaan haadha fi abbaa keenyaa, qulqulleessinee dubbachuu otuu dandeenyuu garuu yoo barreessinu seeraan barreessuu dhiisuun hiika hin taane kennuu bira dabree Afaan keenya nuuffisiisaa taasisa. Dhimmi kun sirriitti hubatamuu qaba.

Waayeen kun dhimma uummata ykn saba Oromoo waan ta’eef, akka dhimma biyyoolessaatti ilaaluun dirqama Oromummaa ti jedheen amana. Guddinni Afaan keenyaa, guddina hawaasaa fi saba keenyaa ti. Kun egeree Oromiyaa ti. Afaan keenya, har’a qulqulleessaa yoo deemne malee booda rakkoon kun aadaa ta’aa deema jedheen yaadda’a. Kanaaf ittiyaaduu qaban. Oftuulummaa dhiisnee, kun Afaan kiyyaa seera isaa barachuun barbaachisaa miti jennee, karaadhuma nutti toleen ykn yaadneen seeraa alaan barreessuun rakkoo hin taane keessa nu galcha. Kanaafuu itti yaaduu qaban jechuu kooti. Seera Afaan alagaatuu barannee sirnaan itti fayyadamaa otuu jirruu, wanti kan ofii keenyaa kabjnee, seera isaas eegnee itti hin fayyadamneef sababni hin jiru. Oftuulummaa ykn ceemina keenya yoo ta’e malee jechuun barbaade.

Gara mata duree barreeffama kanatti deebi’uudhaaf, wiirtuu ykn jiddugala qorannoo Afaan Oromoo qabaachuun bu’aan isaa waa baay’ee dha. Og-barruu ykn hojii aartii ittiin too’achuuf qofaa otuu hin taane, Afaan kana yeroodhaa yerootti guddina isaa hordofanii; hir’ina jiru hubatanii fala ykn mala barbaaduuf; akka inni guddatu taasiisuuf dhaabbatni akkanaa baay’ee barbaachisaa qofaa otuu hin taane murteessaa dhas jedheen amana. Afaan keenya hacuuccaa diinaa keessaa bahee; awwaalamuuf bool’oo qarqara gahe sanarraa dandamatee sadarkaa kanarra kan jiru dhiisii, warri diingadee fi teeknoolojiidhaan guddatanuu yeroodhaa yerootti guddina Afaan isaanii too’achuudhaan jijjiirama isaa (language reform) irratti hojjetu. Kanaaf, nutis Afaan keenya akka qulqullaayu, guddatu fi dagaagu; akka abbaa horatu; akka mararfannoo argatu dhaabbata guddina isaa hordofu, tooa’tu fi guddisu – wiirtuu qorannoo Afaan Oromoo ijaarrachuun dirqama ta’a.

 

Galatoomaa.

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

 

 

 

 

 

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Kitaaba Raammisoo sagaleen..

Warra RAAMMISOO dubbisuuf dharraataniif hamma kitaabichaan walitti baatanuu, waraabbii sagalee kutaa 1-rraa hamma 7-aa, heera …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *